Abdatan Official Pages

Abdatan Official Pages “Oromiyaaf Nuti Oromoon gahaadha!"

Marroo meeqa cabneeMarroo meeqas dhabneeMarroo amma qabnuunFarroo morma qabne  ! Walaloon Lati Chali Likasa  ti.
03/06/2023

Marroo meeqa cabnee
Marroo meeqas dhabnee
Marroo amma qabnuun
Farroo morma qabne !

Walaloon Lati Chali Likasa ti.

"Sabboontuu oromooJaalallee koo faayaa..."jedhee kan weellise eenyu ture?
03/06/2023

"Sabboontuu oromoo
Jaalallee koo faayaa..."

jedhee kan weellise eenyu ture?

 Oduu injifannoo gama jajjabeen jiruun;Salaalee Aanaa   komaandariifi ajajoonni wa*aanaa hedduun wa*aana isaanii waliin ...
08/06/2022


Oduu injifannoo gama jajjabeen jiruun;
Salaalee Aanaa komaandariifi ajajoonni wa*aanaa hedduun wa*aana isaanii waliin jajjabaawwan Oromootiin samiitti ergamaniiru! IUOf!

LOL😂
07/06/2022

LOL😂

06/06/2022

Dr Hayilee Fidaaf kan hin taane hin Suphinu!
Haacaaluu Hundeessaaf kan hin taane hin Suphinu!
Generaal Taaddasaa Birruuf kan hin taane hin suphinu!
Jaal Laggasaa wagiif kan hin taane hin suphinu!
Wareegamtoota Oromoo kumoota hedduutti lakkaawamaniif kan hin taane hin suphinu!
Duras harkaafi harma nu muranii Itoophiyaa nu godhani;har'as nu ajjeesaa,dhaloota keenya karaatti hambisaa kan jiru hin suphinu!

Michuun Itoophaa Diina Oromiyaati! Alaabaan Oromoo sun Oromiyaa ijaaruuf jalatti namni meeqaatamni kufe malee Xoobbiyaa ijaaruuf miti! Kanumadha hin suphinu!

Dhiiga dhugduun CirriiGadheen akka Silmii,Warri nyaachuu barteBuddeen gumaaf hirmii,Ciincoon akka XaddeeFarri akka Booyy...
01/06/2022

Dhiiga dhugduun Cirrii
Gadheen akka Silmii,
Warri nyaachuu barte
Buddeen gumaaf hirmii,
Ciincoon akka Xaddee
Farri akka Booyyee,
Warri dhiqattu illee
Hoomaa hin qabne fooyyee,
Warri Adeet Darraatti
Xurii haqatanii,
Warri harra habashaatti
Soddaaf baqatanii,
Siin yakkamaa gochuuf
Ulaagaa baasanii,
Ragaa Waraabeessaaf
Booyyee sit' yaasani!
Ati garuu goota
Goota jaarraa ammaa,
Beekumsiikee dinqii
Hojiin kee'mmoo damma!
Yoo si cubbisanis
Warri kaayyoon teellaa,
Ati gootaan oli
Nuuf caalta Maandeellaa!
Lati Chali Likasa tiin.

Halkan gammachuu qabaadhaa saba qulqulluu nana!💘
13/05/2022

Halkan gammachuu qabaadhaa saba qulqulluu nana!💘

OOLMAA GUYYAA HAR'AATIIN;-Kutaalee Oromiyaa iddoowwan garaagaraa keessatti wa*aanni Bilisummaa Oromoo injifannoowwan boo...
13/05/2022

OOLMAA GUYYAA HAR'AATIIN;

-Kutaalee Oromiyaa iddoowwan garaagaraa keessatti wa*aanni Bilisummaa Oromoo injifannoowwan boonsaa galmeessaa oolun isaanii dhaga'ame.
-Qondaalli Olaanaan dhaaba ABO dhibee tiruu gosa hepatitis B dhaan qabamanii dhukkubsataa akka jiran manni yaalaa mirkaneesse.yeroo hedduu manni murtii bilisaan akka gadlakkifaman ajajullee qaamni mootummaa ajaja mana murtii didee hoogganoota kanneen rakkisaa kan jiru yoo ta'u Jaal Gadaa Gabbisaafi Jaal Battee Urgeessaa dhukkuboota walfakkaatoo akkasiin dararamaa kan jiran ta'uun yaadannoo yeroo dhiyooti. gamanumaan Jaal Abdiin yaala gahaa argachuudhaaf ciisee yaalamuu waan qabuuf Uummanni Oromoo sagalee ta'uufii qaba
-Dhaabbanni Mirga dhala namaa Itoophiyaa aj*eechaa jumlaa naannoo Sumaalee ummata nagaa Bombaas irratti raawwatame ilaalchisuun qaamolee raawwataniiru jedhu irratti himannaa banuuf akka deemu ibse jira.
-Gama kaabaan,wa*raanni Tigiraay hedduun waraana PP fi shororkeessitoota Faannoo, kutaalee kibbaa isaanii irraa bilisa baasuuf gara Welqaayititti bobbaafamanii jiru. Dhaadannoon "No more war" jedhamuun gara warra 3 irraa eegale akka milkaa'uufis jarri Tigree akka ulaagaatti kanneen gadii dhiyeessuun isaanii dhagahame.

1.Iddoowwan Shaabiyaafi humni Amaa*aa qabatee jiru kaabaafi kibba tigiraay akka gadi dhiifamuuf,
2. Beela akka meeshaa waraanaatti fayyadamanii ummata tigraay fixuun akka dhaabbatu.Gargaarsi namoomaafi tajaajilli bu’uuraa haalduree malee
naannoo Tigiraayiif dhiyaachuu qaba.
3.Adeemsa Manni Maree Mirgoota Namoomaa Mootummoota Gamtoomanii duguuggaa sanyii
ummata Tigraay irratti raawwatamaa jiru qorachuuf eegalame deeggaruun yakkamtoonni seeratti dhiyaachuu akka qabu.
4. Lolli naannoo Oromiyaa fi ajjeechaan lammiilee nagaa irratti adeemsifamaa jiru haa dhaabbatu.
5. Mariin biyyoolessaa hunda haammate haa eegaluufi kanneen biroo ta'uun dhagahame.

12/05/2022

“Hanga dheedhiin keenya bilchaatutti; bilchaataan keenya gubate"!

Warra Jaarsoo😭😭😭😭
04/05/2022

Warra Jaarsoo😭😭😭😭

Dr Taaddasaa Eebbaa, hayyuun Oromoo Hoggana olaanaa ABO duraanii Kan ta’an dhukubsatanii yaalamaa kan turan guyya har’aa...
03/05/2022

Dr Taaddasaa Eebbaa, hayyuun Oromoo Hoggana olaanaa ABO duraanii Kan ta’an dhukubsatanii yaalamaa kan turan guyya har’aa kana boqatanii jiru .

Dr Taddasaan amnaa dheeraa Qabsoo bilisummaa saba Oromoo ABO n geggeeffamu keessatti cichoomnaan
jaala dirqama sadarkaa garaagaraa heedduu bahataa turanidha.Hayyuu Oromoo jaal Dr Taddasaan kurnoota 4 dura hayyoota dantaa dhunfaa lakkisuun qabsoo sabaa filatanii jiruu fi jireenyaa isaanii dirqama qabsoon isaan irraa barbaadu qooda ba’ataa asiin ga’an. Addi bilisummaa Oromoo -ABOn yeroo kanatti qabsa’aa gameessa of biraa dhabuutti guddoo gaddaa , maatii Dr Taaddasaa Eebbaa, Miseensonni keenyaa ,mararfattoonnii fi mijuuwwaan qabsoo bilisummaa Oromoo fi ummata bal’aa Hawaasa Oromoo dhaaf jajjabina hawwina. Lubbuu jaala keenya Dr Taaddasaa Eebbaaf jannata hawwina.
Miseensonni keenyaa fi hawaasni Oromoo hunduu sirna awwwalcha isaanii naannoo itti boqotanitti raawwatamuu deemu irratti argamuun gadda waloo keenya akka qooddattan dhaammataa seenaa Dr Taaddasaa Eebba guutuu isaa ammoo gara fuula duraa tti isiiniif Kan dhiyeessinu ta’a.
Qabsaa’aan ni kufa qabsoon itti fufa!
IUOF!
Adda Bilisummaa Oromoo - ABO
Caamsaa 02/2022

Wallookoo❤Itti bobeessi ammayyuu!💪💪
19/04/2022

Wallookoo❤
Itti bobeessi ammayyuu!💪💪

"Otuma mortuun mortuu hora Abbaan horu" ! Humna Haaraa jajjabee kan guyyaa har'aa eebbifame.Oromiyaan dhiiga ilmaan ishe...
19/04/2022

"Otuma mortuun mortuu hora Abbaan horu" ! Humna Haaraa jajjabee kan guyyaa har'aa eebbifame.Oromiyaan dhiiga ilmaan isheen ni walaboomti!

Express them with One word❤
17/04/2022

Express them with One word❤

Yiggazuu Bantii (Doorii Barii) Jaal Dooriin Naqamteetti dhalate. Warra hiree barnootaa dhiphoo sana hulluuqee barnoota a...
15/04/2022

Yiggazuu Bantii (Doorii Barii)

Jaal Dooriin Naqamteetti dhalate. Warra hiree barnootaa dhiphoo sana hulluuqee barnoota ammayyaa
dhandhame keessaa nama tokko ture. Dandeettii jabaa barnotarratti agarsiiseen leenjii balalchiisummaa
fudhachuuf Jarmanitti imale. Achittis qabxii guddaa galmeessuudhaan Waancaa badhaafame.As deebi'ee helekooptera balalchiisaa ture. Jireenya qananii balfee haqa sabasaa galchuuf of wareegedha.
Jaal Dooriin ABO tti makamee, koree hojii raawwachiistuu ta'ee osoo hojjetaa jiruu, dirqamaaf Moqaadishootti osoo imalaa jiranii jaallansaaf hooggantootasaa waliin Shinniggaatti wareegamanii
boolla tokkotti awwaalaman!Paayileetichi bilisummaa sabasaatiif osoo falmuu ogguu wareegamu, gaheessa ganna 30 ti.
Maqaan gootaa boollaa oli!

Baga Guyyaa Gootota Oromoo Eebla 15 geessan.Namni kamiyyuu beekuu kan qabu garuu yeroo guyyaa kana kabajnu kaayyoo isaan...
15/04/2022

Baga Guyyaa Gootota Oromoo Eebla 15 geessan.Namni kamiyyuu beekuu kan qabu garuu yeroo guyyaa kana kabajnu kaayyoo isaan ittiin wareegaman yaadachuufi akkasumas kaayyicha galma geessisuuf qooda nurraa eegamu bahachuu akka qabnu dagachuu hin qabnu.

warra wareegaman kaayyoo isaanii,warra falmatti jiran daandii isaanii osoo hin sharafiin akka irra adeemnu dhaamsa Oromummaati!

Gammee gameessa namaaAbdii dhaloota qubeeKan dhiiga ijoollummaatiinQabsoo Sabaa utubeeKan hamma jedhe ga'uuAbdii dhaloot...
13/01/2022

Gammee gameessa namaa
Abdii dhaloota qubee
Kan dhiiga ijoollummaatiin
Qabsoo Sabaa utubee
Kan hamma jedhe ga'uu
Abdii dhaloota ammaa
Kan dhageeffataniin quufnee
Goota dubbiinsa dammaa
Faayidaa dhuunfaa dhiisee
Obsee dheebuuf agabuu
Umuriisaa guutummaa
Goota dhugaaf lallabuu...!
Kaayyoof karoora keetii
Kan nurraa qoorsu madaa
Nuuf jiraadhu gamna koo
Fakkoo Nadhii Gammadaa....!

by Amena Teferi!

08/01/2022

Qabsoo WBO'n dachee Oromiyaa irraa taasisaa jirutu diina kokkee hudhee hayyoota isaan liqimsan isaan tufsiisuu eegale.

💪Humna WBO❤

Warra baheef gammadaa;warra hafaniif immoo warra bahe dabalatee WBO abdii sabaa kan yeroo kamiiyyuu waliin taanee akka b...
08/01/2022

Warra baheef gammadaa;warra hafaniif immoo warra bahe dabalatee WBO abdii sabaa kan yeroo kamiiyyuu waliin taanee akka bahaniif dhiibbaa goona.

Akka hiikamaniif shoora guddaafi gita hin qabne kan taphate WBO ta'uu eenyuun kee iyyuu hin dagatiin.WBO tu dachee taa'iif dhaabbii isaan dhorke-sababni kana💪 WBO (OLA force ) in Oromiyaa👊

06/01/2022
12/12/2021

W3O'n inni duuba deebi'uufi baqachuu hin beekne ammas diina dhukkee irraa kaasaa jira!💪

17/11/2021

Qabsoon Oromoo fiixee goolaba garbummaa fi fiixee
kufaatii siyaasaa Oromoo isa hamaa irra jira.
1. Yoo itti fayyadama siyaasaa haalaan danda'eef
Oromoon yeroo dhumaaf garbummaa of irraa
qaarisiisuuf jira.
2. Yoo sobduuf xawalwaallee maqaa Activist jedhuun
Itoophiyaa keessatti lubbuu dheeressuuf deemuun
gowwonfamee isaan dhaggeeffate ammoo kufaatii isa
dhumaa deebinee ka'uuf akkaan hammaatu keessa
geenyeerra.
Carraa lama qabaachuu hubadha. Carraan lamaanuu
wiirtuu wixinee carrichaati. Yookaan injifannoo,
yookaan tooftaan injifatamuu.

Biyyi Noorwey Hidhaa Jumlaa Saboota Oromoo fi Tigree irratti raawwatamaa jiru balaaleffatte
16/11/2021

Biyyi Noorwey Hidhaa Jumlaa Saboota Oromoo fi Tigree irratti raawwatamaa jiru balaaleffatte

Maaliin! Maaliin bilisa baana?WBO dhaan! WBO dhaan bilisa baana!  OLA Zoonii kibbaa ture! IUOf
15/11/2021

Maaliin! Maaliin bilisa baana?
WBO dhaan! WBO dhaan bilisa baana!

OLA Zoonii kibbaa ture!
IUOf

  isaa warreen haftaniif!
05/11/2021

isaa warreen haftaniif!

Yeroo Itoophiyaan"Sudaan rakkoo ishee mudate mariidhaan hiikuu qabdi" jettu,Lammiileen sudaan immoo "of hin agarreen sir...
25/10/2021

Yeroo Itoophiyaan"Sudaan rakkoo ishee mudate mariidhaan hiikuu qabdi" jettu,

Lammiileen sudaan immoo "of hin agarreen sirbatti kaati jedhan! Isin ofii nagumaa?" jedhaa jiran.

23/10/2021

When the subjugation is over,struggle is solution and victory is its fruit!

"roorroon gaafa hammaate,falmachuun furmaata;injifannoon firii isaati!"

Waggaa har'aa ture.Oromiyaan qaqqaalii ilmaan ishee kanneen kan dhabde!Kaayyoon keessan galma ni ga'a! Seenaan barabaraa...
23/10/2021

Waggaa har'aa ture.Oromiyaan qaqqaalii ilmaan ishee kanneen kan dhabde!

Kaayyoon keessan galma ni ga'a! Seenaan barabaraan isin yaadatti kichuuwwan koo💔

22/10/2021

22/10/2021

Haqni Oromoo harka Oromoo keessa jira.homtuu ukkaamsuu hin danda'u.
haqi keenya karaa kamiinuu ni dubbatama!kanuma!

Yaa Saba keenyaa! Yeroo Hidhattoonni Amaaraafi Loltoonni Eertiraa lammii keenya irratti bobbaafamanii lubbuu ajjeesaa,ma...
10/04/2021

Yaa Saba keenyaa! Yeroo Hidhattoonni Amaaraafi Loltoonni Eertiraa lammii keenya irratti bobbaafamanii lubbuu ajjeesaa,mana gubaa,bosona gubaa,qabeenna saamaa jiran kanatti tokko taanee maal gochuu qabna waan jedhu irratti hojjechuu qabna.

specially gidduu kana Lixa Oromiyaatti waan raawwatamaa jiru kana namni kamiiyyuu balaaleffachuu qaba. Kunis karaa salphaadhaan,social media garagaraa dhaan qaama barbaachisuuf ibsuudha.ololaan olola cabsuu jechuudha.
Tigroonni akka godhan san jedhuu kiyya.kana yeroon jedhu garuu oduu qofti waan godhuu danda'u hin qabu.

kanaaf immoo falli jiru Qaama siif hidhatee,siif du'aa jiru jabeeffachuun baay'ee murteessaadha.kanaaf WBO jabeeffadhaa yaa sabaa!akka filannoo dabalataatti immoo, namni kamiyyuu iddoo jiru maratti yoo falmate,dhiibbaan kutaalee Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiru ni xiqqaata. fashalsuu keessatti illee gahee guddaa qaba.kanaaf yeroon itti lammiilee keenya bira dhaabbannu amma.
“lammiin dammaqe,hidhatefi gurmaa'e yoom iyyuu injifataadha" Dr.Hayilee Fidaatu jedhe.

godhuun akkasumaas page kana hordofuu hin dagatiina

Address

Ginch'i

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Abdatan Official Pages posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share


Other Digital creator in Ginch'i

Show All