WBO ABDII SABAA

WBO ABDII SABAA West Zone

Permanently closed.
20/08/2022
20/08/2022

Saba koo orommoo odeeffannoowwan naannoo keessan jiru karaa keessaatiin Nu qunnamaa!!❤💚❤️

20/08/2022

Hi jirtuu Ilmaan Oromoo Bakka Jirtaniitti Nagaan Koo Isin Haa Dhaqqabu!

Irraa Hiikuun Itti Fufa Injifannoon Dhiigaan ni Dhufa IUOf❤💚❤
15/06/2022

Irraa Hiikuun Itti Fufa Injifannoon Dhiigaan ni Dhufa IUOf
❤💚❤

09/05/2022

Eebba jajjabee Abdii fi Gaachana Saba Oromoo WBO kaaba Lixa shaggar.
Leenjii xumuratanii dirqama ittaanuu Fudhatani bobba'an

09/05/2022

"Saba ofiif of laachuun umurii hin gaafatu"

"Beektoota Oromoo" warri ofiin jedhan miidiyaafi harka lafa jalaan yeroo itti qabsoo 𝗪𝗮𝗿𝗮𝗮𝗻𝗻𝗶𝗶 𝗕𝗶𝗹𝗶𝗶𝘀𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮 𝗢𝗿𝗼𝗺𝗼𝗼 geggeessaa jiru halkaniif guyyaa osoo hin boqotiin badiisa dalagan faallaa jarreen kana daa'immaaf waan hundii galee. Jarreen jibbaaf diigumsa Oromoo irratti hojjetan kun osoo ol deebiyanii lama dhalachuun dandahaamee hanga mucaa kana gahuuf sichi dheegeen isaanii irra cituu gaafata.

" Kuffisee yoon kufee seenaan na mirkanaa" 𝗝𝗮𝗮𝗹 𝗨𝗿𝗷𝗶𝗶 𝗦𝗮𝗯𝗮𝗮𝗳

Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu Galeessaa Kaabaaf Kaaba lixa Shaggar humna haaraa eebbisiisee bobbaasuu ifoomse.
08/05/2022

Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu Galeessaa Kaabaaf Kaaba lixa Shaggar humna haaraa eebbisiisee bobbaasuu ifoomse.

Filannoon Goototon oromoo kan qabsoo hadhaawaa gageessaa turaanif kan ammaas itti jiraani➡ darbanii qabeenyaa horachuu m...
08/05/2022

Filannoon Goototon oromoo kan qabsoo hadhaawaa gageessaa turaanif kan ammaas itti jiraani➡ darbanii qabeenyaa horachuu mitii,muudamanii aangoo argachuuf mitii,biyyaa fi Lammii ofii gurguraanii jaallatamuu mitii!!
Dhugaadhaaf dhaabbataan,dhugaa dubbatanii,saba isaaniif gidirfamuu,dararamuu,ajjeefamuu filannoo godhaatanitti.

WBO'n waraana
Uummata Oromiyaa ta'unsaa akkaam nama Boonsaa💥 jajjabee Oromoof Oromiyaa WBO koo mirgaan nuuf galaa WBO haa warru🔴💚🔴.

Marii Keessummaa  Qophii Addaa ONM - ABO Caamsaa 8, 2022 Obbo Biyyoo waliin tolfanne amma irraa sa'a 1 booda qabannee is...
08/05/2022

Marii Keessummaa Qophii Addaa ONM - ABO Caamsaa 8, 2022 Obbo Biyyoo waliin tolfanne amma irraa sa'a 1 booda qabannee isiniif dhiyaanna!

06/05/2022

Xiiqqo Beekaatuma Ittiin Booharaa!!

29/04/2022

Firii mukaa sooratee saba cunqurfamaa oromoo bilsa baasuf falmitti jira WBOn.

26/04/2022

Sirna kabaja GGO 15,2022
WBO Zoonii Kaaba oromiyaa Cibraa Odaa Garadoo

19/04/2022

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii lixaa ona Anfilloo keessatti diina watwaachisaa jira.

( ONM-ABO Ebla 19,2022 )

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii lixaa Ebla 19,2022 ganama irraa ka'uun waraana weerartuu PP maqaa sakattaan godina Qellem Wallaggaa ona Anfilloo magaalaa Muggii irraa gara ganda Heenacheetti bobbaate rasaasaan akaa'uun baarudaan macheessee hedduu ajjeesuun gariin madeessee jira.

Guutuu gabaasa isaa akkaataa ragaa walitti qabanneen isiniif dhiyeessina!

Injifannoon Uummata Oromoof!

19/04/2022

⭕Jaal lalisee Girmaa sirba onnee Ummataa dammaqsu qilleensarra oolchitee jirti.
W30 zoonii GG
Dubartiin hin geerartuu eenyutu labsii baasee
Diinni nutti hammaannan qawwee itti kaasne
Jirra jedhii ol ka'i, teessetoo akka hin hafne.

17/04/2022

Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) Zoonii kibbaa Ebla 15/2022 GGO haala kanaan kabajanii oolan.

17/04/2022

Guyyaan Gootota Oromoo Eebilli 15/2022 Waraana Bilisummaa Oromoo biraatti haala miidhagaan kabajateera.

16/04/2022

Duuti silaa hin ooltuu
Sireerrattuu hin du'uu
Itti wareegamnaa seenaan bakka haa bu'u!

WB0 abbaa biyyaa waliin fuuldurri keenya ifaa
Nagaan oolaa🙏❤🌳❤
Guyyaan guyyaa injifannooti✊

15/04/2022

Imaanaa Gootota Wareegamtoota Oromoo Bakkaan nii Geenya Ibsa Ajejaa Ol aanaa ABO-WBO. Ebila 15, 2022

Kaayyoo Gootota Keenya Wareegamanii Galmaan Gahuun Walabummaa Oromiyaa Ni Mirkaneessina (Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo)...
15/04/2022

Kaayyoo Gootota Keenya Wareegamanii Galmaan Gahuun Walabummaa Oromiyaa Ni Mirkaneessina

(Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo)

Gooti calaqqee saba tokkooti. Gooti daawwitii waan kaleessaa ittiin tilmaamanii fi waan boriif dhufu hubatanii ittiin ammoo seexaa horatanidha. “Gootni Maqaa dheeraa malee ,umurii dheeraa hin qabu” kan jedhamis kanumaafi.Seenaa gufannoo fi muuxannoo, cichaa fi abdii, jabinaa fi gootummaa goota kaleessaa dubbachuun goota har’aa onnachiisee kanneen boruuf daandii rarraga bilisummaarra deemaa jiran qaree mul’isa.

Guyyaan Gootota Oromoo (GGO)n seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABOn barootaaf geggeessaa ture keessatti bakka olaanaa kan qabuu fi daandii qulqulluu taliila firri qabsichaa irra imaluu danda’uu fi diinonni Qabsoo Bilisumma Oromoo ammoo kan hadheeffatanii fi jibbanii hiree argatan maraan cilee dibuuf kaatan ta’ee ifee mul’ata. Gootonni qabsaa’onni keenya kaleessaa waggaa 37 baranaa, bara 1980 gaafa Humna Shiftootaan bakka tokkotti gorraa’aman; lubbuu ofii dhabanii bara Oromoon jiraatu maratti hojii dhugaadhaan Mooraa Qabsoo Oromoo keessatti dhaabatee hafu kaa’anii darbani. Tarii har’a gaafa maqaan Eebila 15 ka’u Goototi Oromoo Shinniggaatti wareegaman qofti waan ittiin yaadataman fakkaachuu mala. Garuu dhugaan jirtu akkas miti. Goototi Oromoo kaayyoo ifaa fi qulqulluu dhaabni isaanii ABOn diriirsee: Walabummaa, Birmadummaa Biyyaa Oromiyaa fi Bilisummaa Saba Oromoo dhugoomsuuf qabsoo godhutti amananii, kanneen osoo akka garaa ofii jiraachuu dandaa’anii magaalaa fi baadiyaa Oromiyaa fi Oromiyaan alatti dantaa saba isaaniif lubbuu ofii jijjiirraa hin qabne kan itti kennuun qabsoof jecha kitimaman mara, kanneen Eebila 15, 1980 duraa fi kanneen isaa as haga guyyaa har’aatti falma hadhooftuu Oromiyaa qaaruu diinaa keessaa baasuuf aarsaa ta’an mara ilaallata.

Yeroo amma ayyaana kana kabajnu Oromiyaa goolee hundatti goototi keenya Oromiyaa weerara diinaarraa hambisuuf wareegama ulfaattuu baasaa jiru. Isaan gootota warra daandii isaanii gootummaan gudunfatanidha.

Kanneen kaayyoo kanarraa osoo qooda fudhatanii amna qabsoo ifatanii daandii irraa maqanis inuma jiru. Qabsoon bu’aa-ba’ii heedduu: hadhooftuu, dhiphoo fi zaliilii adda addaa of keessaa qabdi. Kanneen isa nuffanii diina mooraa qabsoo fi jaala kaleessa waliin qoree boraafatanii kan ta’anis heedduma. Daandiin qabsoo mijataa fi wal qixxaataa miti. Isaan garuu dafqa isaanii waanuma salphaan of jalaa balleessan. Seenaa keessattis maqaa Gootaan hin waamaman. Dhaloonnis maqaa “Gantuu” jedhuun isaan waama.

Faallaa kanaa ammoo kanneen maalummaa fi hiika qabsoo homaa irraa quba hin qabnes danuudha. Garboomes bilisoomes walii gabrummaa fi bilisummaa kan hin beekne jechuudha. Isaan kunis akkuma nama dhalatee addunyaa kana sammuu bilchaataadhaan osoo hin daawwatiin darbeeti.

Qeerroon Bilisummaa Oromoo Eebila 15 bifoota nama gaddisiisan, akkaataa garaagaraan kabajataa yoona gaheera. Har’as haalotuma sanarraa fagoo hin jirre; diinaan doorsifamaa, bir’ataa kabajachuutti jira. Kun garuu yeroo dhumaatiif seenaa ta’ee yeroo itti Oromoo bal’aanii fi Qeerroon Bilisummaa Oromoo ifaan kabajatu as dhihoodha. Sana dhugoomsuuf ammoo Qeerroon Bilisummaa Oromoo fi Uummati Oromoo cufti harka wal-qabatee cinaa waraana isaa WBO dhaabbachuu qabaan dhaamsa keenya ijoodha.

Yeroo ammaattis weerarri bifa qindaa'ee fi rog-hundaa saba keenya Oromoo fi biyya keenya Oromiyaa irratti ifatti labsameera. Kaayyoon lola kanaatis, diinni keenya kan kalee fi har'aa tokkichuma sana waan ta'eef, ol'aantummaa saba qeenxee sana labsuu fi saboota Impaayera Xoophiyaa jala jiran mara ammoo bilisummaa fi walabummaa sarbuun waanjoo gabrummaa sana jalatti hambisuudha. Oromoonis weerara bara dhufaa darbaa isa mudachaa yoona gahee fi addatti ammoo kan haala ammayyaawaan qiyyaafatee irratti deemaa jiru mormuun Qawwee ilmaan isaa waliin kaasee falma hadhooftuutti jira.

Weerara lafa babal'ifannaa fi guutummaa saba Oromoo cabsuu amma deemaa jiru kanas akka laayyootti ilaallee darbuuf yeroon isaa nuuf hin eyyamu. Gamtaa fi tokkummaa keenya kan duriirra cimsuun wal-faana dhaabbannee sirnicha ofirraa yeroo dhumaaf qolachuun waan fardiidha jennee amanna.

Kanuma waliin;

Falmaa maayii kan ilmaan keenya; WBO, Qeerroo fi Qarreen akkasumas quuqamtoonni saba keenyaa itti jiran kana galii dhaqqabsiisuuf yeroon itti ibidda isa dhumaa qabsiisuu qabnu amma ta'uu ifa gochaa, lola Oromiyaa guutuutti labsamee ilmaan keenya nurraa fixaa jiru kana bakkatti dhaabuuf Qabsoo Hidhannoo cinaa hiriiruun waan fardii ta'uu Qeerroon Bilisummaa Oromoo hubachiisuu barbaada.

Oromoon biyya keessaa fi kanneen biyya hambaa jiru cufti wal-quba qabaachuu fi deggersa Qabsoo Bilisummaa Oromootiif gochaa yoona gahe cimsee itti fufuu akka qabus asumaan waamicha keenya dabarsuu feena.

Dhiigaa fi Lafee Wareegamtootaan Oromiyaa Walabaa Ni Ijaarra!
Gadaan Gadaa Walabummaati!

Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Eebila 15, 2022
Finfinnee Oromiyaa

15/04/2022

Haasawa Jaal Milkeessaa Gadaa bara 1991 Guyyaa yaadannoo gootota oromoo irratti taasisan! ❤💚❤

15/04/2022

Yoo dandeesse Oromoota maraan gahi!
Yoo dadhabde Oromoota 20f dabarsi.
Yoo baay'ee dadhabde Oromoota 10f ergii dirqama Oromummaa kee bahi!
=================================
Barri isaa Ebla 15/1980. Guyyaan kun guyyaa addaati. Guyyaa Oromoota ardii iraatti hafaniif ergaa guddaa dabarseedha. Ilmaan Oromoo tokko ta'anii bahaanii tokko ta'anii waliin wareegaman. Kaayyoo takkaan bool'a takkatti awwaalaman. Kaayyoo bahaniif dhiisaanii cinaatti hin gorre. Galma tokkoof bahanii, galma bahaniif dhiisanii wal hin ganne. Hangafoota qabsoo keenya!
"Wollaahi! Billahi! Oromoo jennee baanee, Somaalee taanee hin gallu." Jecha Gooticha H/Abdullaahi Ganamooti. Ilmaan Oromoo qabsoo yeroo gaggeessaa turanitti meeshaa waraanaa barbaaduuf gara gammoojjii Somaaliyaa deeman. Imala isaanii keessatti waraana mootummaa Somaaliyaa Ziyaad Barreetiin marfaman. Waraanni mootummaa Ziyaad Barree namoota kana amantiin qoodee ajjeesuuf murteesse. Muslimoota dhiisee, namoota muslima hin taane ajjeesuuf karoorfate. Akkas jedhanii isaan gaafatan, "Muslimoonni kiristaanoota irraa adda bahaa, Muslimoota kan ta'an hin ajjeesnu" jedhaniin. Ilmaan Oromoo kunniinis " Oromoo jennee baanee, Somaalee taanee hin gallu" jedhanii addaan bahuu didan. Obboloonni muslimaas "obboloota keenya waliin baane irraa adda hin baanu waliin nu ajjeesaa" jedhanii didan. Kun Oromootaaf ergaa guddaadha. Gootonni yeroo sana wareegamaniis:
1. Magarsaa Barii Hogganaa ABO yeroo sanaa
2.Gadaa Gammadaa Itti aanaa Hogganaa
3.Muhee Abdoo
4.Abboomaa Mitikkuu
5.Yiggazuu Bantii
6.Falmataa(Caccabsaa)
7.Faafam Dooyyoo
8.Irra aanaa Qacalee
9.Marii Galaan
10.Dhaddachoo Boruu
11.Dhaddachoo Mul'ataa
Eegaa yaa obboloota! Guyyaan Ebla 15 kun baroota darban keessa Oromoon ifatti kabajee hin beeku. Guyyichi guyyaa beekamaa fi kabajamaa ta'uyyuu sababa mootummaan wayyaanee ilmaan keenyaa hidhaa fi gidirsaa tureef ifatti kabajuun ulfaataa ture. Eegaa bara kana ifattii fi bifa adda ta'een kabajuu barbaachisa. Guyyaa ilmaan Oromoo diinni amantiin qoodee ajjeesuuf murteesse, isaan adda bahuu didanii bol'a tokkotti dhuman yaadachuu qabna.
Guyyicha sagantaa addaa fi haala adda ta'een kabajaa. T-Shirt fi Poostarii adda addaa hojjisiisun kabajaa. Shaamaa yaadannoo ibsuun tokkummaa keessaniin kabajaa. Tokkummaa isaan nu barsiisaniin waliif oo'a. Oromummaa hiddaa dhiigaatiin wal qabate sanaan diina garaa raasaa!! Gootonni keenya Gammoojjii Somaaliyaa keessatti wareegaman waliirratti du'uu nu barsiisaan. Baraan isasn yaadannee Ebla 15 bifa hoo'aadhaan has kabajnu. Iddoo jirtanitti waliitti gurmaa'ati kabajaa!!
==========================
Hin irraanfatiinaa! Nama 10 oliif dabarsaa!!!!

Dhaamsa baga Guyyaa Gootota Oromoo  Ebla 15,2022 ilaalchisuun Itti aanaa Ajajaa olaanaa ABO-WBO Jaal Gammachuu Abbooyyee...
14/04/2022

Dhaamsa baga Guyyaa Gootota Oromoo Ebla 15,2022 ilaalchisuun Itti aanaa Ajajaa olaanaa ABO-WBO Jaal Gammachuu Abbooyyee taasisan sa'a muraasaan booda isiniif dhiyaata.
hordofaa!

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa Irraan.

Guyyaa yaadannoo Gootota Oromoo kana yemmuu kabajnu Lafeen Goototaa Gammoojjii shinniigatti cabanii, Dhiiga tokkummaa ke...
14/04/2022

Guyyaa yaadannoo Gootota Oromoo kana yemmuu kabajnu Lafeen Goototaa Gammoojjii shinniigatti cabanii, Dhiiga tokkummaa keenyaaf dhangala'e yaadachaa kabajuu qabna. Guyyaa Oromoon nuti tokko kaayyoo tokkoof manaa baane tokko taanee jiraanna tokko taanee dhumnuus dhumna malee Soomalee hin taanu jedhanii wareegaman guyyaa akkaan oromoo biratti gatii guddaa qabu. Baga geessan baga waliin geenye!!!!!!!

Waa xiqqoo wal irraa haa barru!Yeroo baay'ee namoota qubeelee sirnaan eeganii akkaataa barraa'uu qabutti dheeressun,gaba...
25/03/2022

Waa xiqqoo wal irraa haa barru!
Yeroo baay'ee namoota qubeelee sirnaan eeganii akkaataa barraa'uu qabutti dheeressun,gabaabsuu, jabeessuu fii laaffisuun katabuu(barreessu)n yogguu rakkisu argina. Garuu, jecha sirnaan barreessuf wanti barbaachisu inni guddaan sammuu keessatti jechi tokko iddoo itti laafufii jabaatu akkasumas dheeratuufii gabaabbatu xiinxaluudha. Jabinniif laafinni jecha tokkoo afaan keenya keessatti (arraba) irratti yogguu waamnu beeksisa. Dheerinniif gabaabinni isaas akkasuma yogguu dubbannu dafee adda cutuufii dheeratee turuu isaan murtaa'a.
Jechi jabaan dubbifamaa lama walfakkaataa bakka jabaatu sanatti lama taasisanii barreessudhaan ibsama. Jechi laafan ammoo faal'aa jecha jabaati.
Jechi Dheeran qubee dubbachiiftuu irratti hundaa'a. Gaafa jecha dheeraa barreessuu barbaadne qubee dubbachiiftuu walfakkaataa bakka dheeratu sanatti lama taasifnee barreessina. Jechi gabaaban ammoo faal'aa jecha dheerati qubee dubbachiiftuu gosa tokko baaqqee kan qabatudha.
Jechoonni Afaan Oromoo warreen armaan oliitin Alatti illee jechoota Hudhaafii Irrabuta jedhaman nii jiru.
Jecha hudhaa jechuun yogguu jecha kanneen waamnu qoonqoo keessatti kan nama qaban( hudhan ) yoo ta'an qubeelee kanneen barreessuf mallattoo hudhaa (') fayyadamna. Fakkeenyaf: re'ee, dil'uu, mi'a, sa'a fi k.k.f
Jechoota irrabuta
Jechoonni irra buta jedhaman ammoo jechoota dubbifamaa gosa adda addaa lama wal bukkeetti qabatudha. Jechi kun hagam jabaa yoo ta'e illee qubee dubbifamaa walfakkaatu tokkoo ol hin qabatu. Fkn: farda, ilkaan, harma, Arba fii kanneen kana fakkaatanidha.
Waliin barachuun keenya itti fufa yaadafii gaaffii qabdan karaa keessaa nu biraan ga'aa!
Galatoomaa!

20/03/2022

Share And Follow
This Page
Please ❤️💚❤️

Jaatanii   Kutaa 8ffaaHiriyoota isaa waliin achi dhaqe. Haata'u malee argachuunii hin dandeenye. Achii ba'ees osoo homaa...
20/03/2022

Jaatanii
Kutaa 8ffaa
Hiriyoota isaa waliin achi dhaqe. Haata'u malee argachuunii hin dandeenye. Achii ba'ees osoo homaa hin dubbatin siree isaatti ol ba'ee huccuu/ uffata qorraa isaa xaxatee rafe. Lammiin hojii Beenyaa kana hin jaalanne sagalee isaa ol fuudhee " guys har'a ammoo shaayidhuma illee hin dhugnuu?" Jedhe. Hinjiguunis an dhugu malee dubbisuu hin danda'u" jechuun Lammii bukkee dhaabate. Beenyanis wayyaa isaa fuula irraa of fuudhee " Anaan har'a natti haa hafu deemaa dhugaa" jedhee nyaara isaa walitti guuree deebi'ee haguuggate. Hiriyoonni isaas takkaa Beenyan wanti tokko hin ta'u jennaan akka duubatti hin deebine ijaa beekaniif ijaan wal tuqanii ba'an. Haaluma kanaan Beenyan osoo yaada isaatti hin deebi'in, akka duriitti hiriyoota isaa waliin hin kolfin guyyoonni lakkaa'amanii torbee ta'an. Jaataniin illee inuma isa yaaddi garuu, ijaan arguunii hin dandeenye. Isheen yaada ishee keessatti isa yaaddu illee barnoonni bara fresh ( haaraa) ta'an sirriitti dalagamuu qaba Waan jedhu dhageessee ijaa turteef barniota isheerra ija ishee keesseetti. Akkuma yeroo hunda gootu guyyaa tokkos huccuu furdaa furdaa wal irraan uffattee ,shaarbii morma irra buufattee , kaalsii yabbuudhaan kophee/ silippara kaawwattee kara library/ mana kitaabatti imalte. Achi geessee ol seentee teessee kompiitara ishee banattee video irraa barachuuf yogguu bantu, iyyi isaa barattoota hunda jeeqe. gidduudhuma kanatti gurbaan tokko iddoo taa'uu utaalee irfoonii ishee harkaa butee kompiitara ishee waliin wal quunnamsiisef. Isheenis miira naasuu guddaadhan ol jettee galatoomi! jetteen.

❤️💚❤️Jajjabee Loltuu❤️💚❤️ Bilisumma Loli Kaa Sirritti Finfinneetti Wal Arginaa Handhuura Oromiyaa Shaggaritti(×2)
20/03/2022

❤️💚❤️Jajjabee Loltuu
❤️💚❤️
Bilisumma Loli Kaa Sirritti Finfinneetti Wal Arginaa Handhuura Oromiyaa Shaggaritti(×2)

WBO'n Haa Waaru❤️💚❤️
20/03/2022

WBO'n Haa Waaru❤️💚❤️

Waraanni Bilisummaa Oromoo  Zoonii Giddugala Oromiyaa Konyaan Baha Shaggar kaadhimamtoota simatee leenjisaa ture eebbisi...
19/03/2022

Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddugala Oromiyaa Konyaan Baha Shaggar kaadhimamtoota simatee leenjisaa ture eebbisiisuu beeksise.
(Bitootessa 19, 2022 ONM ABO)

Waraanni Bilisummaa Oromoo irree alagaa jalaa Oromoo bilisoomsee, biyya walabaa ijaaruun hiree murteeffannaa sabichaa mirkaneessuuf lolee lolchiisaa jiru, Oromiyaa keessa bakkoota gara garaatti Oromoota lubbuu isaanii saba isaaniif kennan simatee leenjii waraanummaafi siyaasaa kennuufiin eebbisiisee humnaafi gurmuu isaa gabbifachuun lolee lolchiisaa jira.

Haaluma kanaan Giddugala Oromiyaa konyaa Baha Shaggaritti Waraanni Bilisummaa Oromoo kaadhimamtoota Waraanaa simatee leenjisaa ture guyyaa har'aa (Bitootessa 19,2022) bifa ho'aa ta'een eebbisiisuun dirqama itti aanuuf qopheessee jira.

Leencha Bosonaa
13/03/2022

Leencha Bosonaa

13/03/2022

Wbo wabii sabaa ❤💚❤

Abdiifi Gaachanni Uummata Oromoo Zooni Giddu Galeessaa Injifannoo Boonsaa Galmeesse.(SQ Bitootessa 13/2022)Abdiifi Gaach...
13/03/2022

Abdiifi Gaachanni Uummata Oromoo Zooni Giddu Galeessaa Injifannoo Boonsaa Galmeesse.

(SQ Bitootessa 13/2022)
Abdiifi Gaachana Saba Oromoo zoonii Giddu Galeessa Kaabaf Kaaba Lixa Shaggar Cibraa Meettaa Bargaa lola waraana Sirna Faashistii waliin geggeesse injifannoon goolabe.akkasumas, Meeshaalee Waraana Mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoof galii godheera.

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo !
Finfinnee, Oromiyaa!

Gootichii Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibbaa Godina Gujii Lixaa tarkaanfii  diina irratti fudhateen injifannoo boon...
21/02/2022

Gootichii Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibbaa Godina Gujii Lixaa tarkaanfii diina irratti fudhateen injifannoo boonsaa galmeesse.

ONM-ABO Gurraandhala 21,2022

Gootichii Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibbaa Godina gujii Lixaa Aanaa Dugda Daawwaa Ganda Dogoo keessatti konkolaataa humna dabalaa baadhatee gara Ganda dhuqqisaa magaadaa magaalaa Geledeetti deemu irratti haxxee hidhuun loltoota diinaa konkolaataa sadiin deemtu irratti tarkaanfii laalessaa fudhateen konkolaataa lama Oraalii tokkoofii Effiserii tokko yoo barbadeessu kan du'aaf madoo irraa hafan Bulchiinsaafi Nageenya Aanaa Dugda Daawwaa Gooddoo Mokkonnaa dabalatee namni baay,een miilaan baqatanii gara magaalaa Aanichaa Fincaawaatti galanii jiru.

Akka ajajaan waraanicha ibseetti Ittuma fufiisaan lolli Dogoorraa eegalee osoo gargarii hin citin hanga Geledeetti yommuu gaggeeffamuu magaalaa geledee giddutti Gootichii Waraana Bilisummaa Oromoo eegdota sirna dulloomaa Ajajaa 100 dabalatee nama 38 battalatti yoommuu ajjeessu 36 immoo madoo dandammii hin qamneen adabee jira.

Walumaa galattii gootichii Waraana Bilisummaa Oromoo godina gujii lixaa keessa socho'u Lola guyyaa lamaa keessattii weerartuu 122 hojiin yoommuu taasisuu konkolaataa 2 guutummaatti barbadeessuun 3 immoo hojiin ala taasisuun
meeshaalee adda addaa booji'uun dantaa galii qabsoo bilisummaa oromootiif oolchee jira.

Bifuma wal fakkaatuun Aanaa Bulee horaa Ganda Roophii magaadaa seenuum tarkaanfii Gootichi waraana Bilisummaa Oromoo fudhateen hedduu ajjeessuun gariin madoon adabee jira.

Tarkaanfii Gootichii Waraana Bilisummaa Oromoo fudhatu jabaatee itti fufa.

Imallii Gara Finfinnee Bilisummaaf Wolabummaa Oromiyaan Goolabama.

13/02/2022

𝗢𝗡𝗠 𝗔𝗕𝗢 𝗚𝘂𝗿𝗿𝗮𝗮𝗻𝗱𝗵𝗮𝗹𝗮 13/2022

Haasaa Itti aanaa Ajajaa Olaanaa Jaal Gammachuu Abbooyyee TV 𝗙𝗿𝗮𝗻𝗰𝗲 24 waliin taasisee keessaa kan fudhatame.

Nageenya Oromoo fi Oromiyaa Tiksuuf Eenyuuniyyuu Mari'atee Hayyama Hin GaafatuGootichi Abdii Sabaa.
30/01/2022

Nageenya Oromoo fi Oromiyaa Tiksuuf Eenyuuniyyuu Mari'atee Hayyama Hin Gaafatu
Gootichi Abdii Sabaa.

Address

Addis Ababa Street
Ginch'i
HOUSE

Telephone

+966596690513

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when WBO ABDII SABAA posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Videos

Share


Other Media/News Companies in Ginch'i

Show All

You may also like