Gadaa Times

Gadaa Times Madda Odeeffannoo ........

Marroon kadhaa keessa galeera!Marroo Dirribaa rakkina hamaa keessatti kufuun kadhaa keessa akka gale hedduun dubbachuu i...
19/10/2024

Marroon kadhaa keessa galeera!

Marroo Dirribaa rakkina hamaa keessatti kufuun kadhaa keessa akka gale hedduun dubbachuu irratti argamu. Hidhattoonni Marroo waan nyaatanii fi uffatan dhabuun hanga qullaa adeemuutti akka gahan barameera. Kana irraa kan ka’e hedduun isaanii garicha ganuudhaan karaa nagaa qaamolee nageenya mootummaatti harka kennachaa jiru. Warreen hafan immoo garee Jaal Abdiitti baqachaa akka jiran odeeffannoon argame ni mul’isa. Shawaatti hidhattoonni Warraaqsan hoogganaman guutuma guutuu jedhamuun hanga danda’amutti bittinnaa’aniiru. Marroonis dhiphina irraa kan ka’e kadhaa keessa seenuudhaan Jaal Abdii gargaarsaa gaafatus nama isa dhaga’u dhabee jira. Haalichaan Marroo Dirribaa aarii keessa galuudhaan “Jaal Abdiin hannaa fi saamicha irratti bobba’ee maqaa nu balleesse jira” jedhee tibba darbe himachuun dhagahameera.

Gama biraatiin Jaal Abdiin “Doolaarri irraa waan citeef Marroon nu himachaa jira” jechuun Marroon maallaqa naaf hiraa jechuun sirrii miti jedheera. Bakka hedduutti hidhattoonni Marroo akka loon tiksee hin qabnee ta’uun gargar bittinna’aa jiru. Marroonis akka qurxummii haroon jalaa gogee ta’uun wixxirfachaa jira.

19/10/2024
Yakki Shaneedhaan Oromoo irratti ta’e lakkaawwamee hin dhumu!Waggoota muraasa kana keessatti Shaneen maqaa Oromootiin da...
18/10/2024

Yakki Shaneedhaan Oromoo irratti ta’e lakkaawwamee hin dhumu!

Waggoota muraasa kana keessatti Shaneen maqaa Oromootiin daldalaa hawaasuma kanarratti immoo gochawwaan fokkisoo eenyullee hin raawwanne uummaticha irratti raawwachuu addunyaatu ragaa ba’a. Gareen shororkeessaa kun bosona keessa akka bineensaa oliif gadi jooruudhaan hawaasa Oromoo irratti dararaa fokkisoo hedduu raawwattee jirti. Gurmiin hannaaf wal ijaarte kun gochaawwan akka gudeeddii, abbaa fi ilma walirratti ajjeesuu, saamicha qabeenyaa, bu’uuraalee misoomaa mancaasuun egeree dhaloota dukkaneessuu fi kkf rawwaachuun eenyullee uummaticha irratti godhee kan hin beekne Shaneedhaan waggoottan muaraasa kana keessatti ta’eera. Gama biraatiin hawaasa Oromoo irraa meeshaa hiikuun iddoowwan garaa garaatti hawaasichi diinaaf akka saaxilamu kan taasise gurmii Shaneeti. Maarree Shanee caala diinni Oromoo isa kami?

እምሽክ!በቋራ እና መተማ በተደረገ ኦፕሬሽን ጽንፈኛው ፋኖ ሙት እና ቁስለኛ ሆኗል!የሃገር መከላከያ ሰራዊት በምዕራብ ጎንደር ዞን ቋራ እና መተማ ባደረገው ልዩ ኦፕሬሽን ጃውሳ ክፉኛ የተመታ ...
04/10/2024

እምሽክ!

በቋራ እና መተማ በተደረገ ኦፕሬሽን ጽንፈኛው ፋኖ ሙት እና ቁስለኛ ሆኗል!

የሃገር መከላከያ ሰራዊት በምዕራብ ጎንደር ዞን ቋራ እና መተማ ባደረገው ልዩ ኦፕሬሽን ጃውሳ ክፉኛ የተመታ ሲሆን በኦፕሬሽኑ የቡድኑ አመራሮችን ጨምሮ በርካታ ታጣቂዎች እስከወዲያኛው ተሸኝተዋል። በጃውሳ ላይ የሚደረገው ኦፕሬሽን ከጊዜ ወደጊዜ እየበረታ የመጣ ሲሆን ኦፕሬሽኑ ቡድኑን ላብበላብ እያደረገ እንደሚገኝም የሚደርሱን መረጃዎች ይጠቁማሉ።

በዚህም በቋራ እና መተማ በተደረገ ኦፕሬሽን ብቻ 38 የሚሆኑት የቡድኑ ታጣቂዎች የተደመሰሱ ሲሆን 27 የሚሆኑት ደግሞ ጉዳት አስተናግደው ከታጣቁት መሳሪያ ጋር ተማርከዋል። ውስን ከምቱ የተረፈው መሳሪያ ብቻ ሳይሆን ፋንድያዉን እያንጠባጠበ ከአካባቢው ፈርጥጦ ጠፍቷል። በኦፕሬሽኑ ሸጋው የተባለ የቡድኑ አመራርም ከፍተኛ ጉዳት በማስተናገዱ ከሞት ላይተርፍ እንደሚችል የደረሰን መረጃ ያመላክታል።

“Ani balleessee baduun danda’a!” Jaal AbdiiGareen shororkeessaa Shanee gandaan wal_qoodee walawaraansa hamaa keessatti a...
24/09/2024

“Ani balleessee baduun danda’a!” Jaal Abdii

Gareen shororkeessaa Shanee gandaan wal_qoodee walawaraansa hamaa keessatti akka argamu beekamaa dha. Yeroo gara yerootti humni kun sababa aangoo fi faayidaa dhuunfaaf jecha lubbuuu qaqqaalii hoogganoota fi hidhattoota garichaa nyaachaa jira. Shira kana olaantummaan xaxaa kan jiruu fi ture hooggana garichaa Jaal Marroo ta’uu hedduun irratti walii galu.

Kana irraa ka’uun tibbana hoogganootni olaanoon garicha kora kan gaggeessan yoo ta’u hedduun isaanii Marroon ofittoo fi nama ilaalcha gandummaan machaa’ee garicha diigaa jiru ta’uu isaa komii qaban ibsachaa turaniiru. Marroon nama dhangala’uu dhiigaatti gammadu, aangoo fi faayidaa dhuunfaaf jecha namoota hedduu qabsoo keessa kan baase, akkasumas lubbuu hoogganoota qaqqaalii nyaachaa turuu ibsanii jiru.

Hoogganoota olaanoo koricha irratti hirmaatan keessa tokko kan ta’e Jaal Abdii Dhugaa yemmuu ta’u koricha irratti bifa Marroo salphiseen haasawa gochuun isaa barameera. Jaal Abdiin akka jedhutti Marroon nama hoogganoota fi hidhattoota dirree irratti dhiiga isaanii dhangaalasuun aarsaa of gochaa jiran dhaga’u miti jechuun dubbateera. Aarii keessa galuun dubbii taasisaa kan ture Jaal Abdiin qabsoo irraa dhiibamaa akka jiru kaasuudhaan “Ani bade balleessuun danda’a” jechuun garicha miidhuu akka danda’u illee kaasee jira.

Odeeffannoo HaaraaGaree Jaal Abdii fi Marroo gidduutti walwaraansi eegalee jira!Marroo Dirribaa yeroo gara yerootti walw...
17/09/2024

Odeeffannoo Haaraa
Garee Jaal Abdii fi Marroo gidduutti walwaraansi eegalee jira!
Marroo Dirribaa yeroo gara yerootti walwaraansa gandummaa bu’uura godhate babal’isuun hoogganoota fi hidhattootaa garichaa galaafachuu itti fufee jira. Marroon walwaraansa kana Wallaggatti hoogganoota akka Shurrubbee, Qaanqee fi Kaayyoo gidduu eegalee kan ture yemmuu ta’u yeroo dhiyoo asitti immoo gara Shawaatti hidhattoota hedduu ramaduun garee Jaal Sanyii irratti weerara gochuun lubbuu hedduu akka galaafate ni yaadatama. Walwaraansichaan Jaal Fiigaa dabalatee hoogganoota fi hidhattoota hedduu akka nyaate bal’inaan dubbatamaa jira.
Weerara Marroon garee Shawaa irratti taasise mormuu “Amma booda duunee banna malee garee Marroo Shawaa hin seenu” jechaa kan ture Jaal Abdiin akkuma jedhe yeroo ammaa hidhattoota Marroo gara Shawaa dhufan irratti bifa qindaa’aa ta’een waraana irratti banee jira. Marroonis gareen Jaal Abdii tuffii olaanaa natti agarsiisaa waan jiruuf akkuma wareen kaan taphaa ala godhe Jaal Abdiis yeroo gabaabaatti taphaa ala gochuun qaba jechuun hidhattoota lakkoofsan hedduu ta’an ramadee walwaraansatti seenee jira.
Gama biraatiin Marroon nama ilaalcha gandummaan machaa’ee garicha diigaa jiru jedhee miidiyaan ibsa kan godhe Jaal Gammachuu Abbooyyee garee Jaal Abdii waliin walii galuun Marroo yeroo gabaabaatti aangoo irraa fonqolchuuf dhoksaan sochii gochaa jiraachuun baramee jira. Icciitii kana kan dhaga’e Jaal Marroon dhiphina olaanaa keessa galuun garee Abdii keessaa namoota muraasa maallaqaan bitee akka ajjeefamu gochuuf sochii gochaa jiraachuu odeeffanoon ba’aa jiran ni agarsiisu.

መልካም አዲስ ዓመት ይሁንላችሁ!
10/09/2024

መልካም አዲስ ዓመት ይሁንላችሁ!

ልብ ሰባሪ መረጃ ከወደ ጎንደር ከሞራል ልዕልና የተፋታው ፅንፈኛው ፋኖ አግቶ ያቆያትን ህፃን ኖላዊትን አሰቃቂ በሆነ ሁኔታ ገድሏታል! ከባህል እና የሞራል ልዕልና የተፋታው ፅንፈኛ ሃይል በአ...
02/09/2024

ልብ ሰባሪ መረጃ ከወደ ጎንደር

ከሞራል ልዕልና የተፋታው ፅንፈኛው ፋኖ አግቶ ያቆያትን ህፃን ኖላዊትን አሰቃቂ በሆነ ሁኔታ ገድሏታል!

ከባህል እና የሞራል ልዕልና የተፋታው ፅንፈኛ ሃይል በአማራ ህዝብ ላይ የሚፈፅመው ዘግናኝ ጥቃት በየቀኑ እየጨመረ መጥቶ ቡድኑ በአሁን ጊዜ ያገኘዉን ሁሉ እያገተ በገንዘብ እየተደራደረ እንደሚገኝ በተለያየ መንገድ የሚወጡ መረጃዎች ይጠቁማሉ። ጃውሳ በሃይል አራት ኪሎን እቆጣጠራለው ብሎ የጀመረው እብደት እንደማያዋጣው እና መላው የአማራ ህዝብ ከጎኑ እንዳልሆነ ሲገነዘብ ያገኘዉን ሁሉ እንዳበደ ውሻ እየነከሰ ነው።

ጃውሳ በኢትዮጵያ ታሪክ ታይቶ በማይታወቅ ሁኔታ የሃይማኖት አባቶችን እና የሃገር ሽማግሌዎችን እያገተ በገንዘብ ሲደራደር እና ገንዘቡን ያላመጡን ቪዲዮ ጭምር እየቀረፀ ሲረሽን ቆይቶ አሁን አሁን ባገኘው ሰው ላይ ህፃን አዛውንት ሳይል እገታ እየፈፀመ ይገኛል። ይህ የቦክሃራምን እና የሌሎች በዓለም አቀፍ ደረጃ በሽብር ወንጀል የሚከሰሱ ቡድኖች መንገድ የሚከተለው ቡድን ሰሞኑን አንዲት ኖላዊት የምትባል ህፃን ልጅ ከጎንደር አግቶ በገንዘብ ሲደራደር መቆየቱ ይታወሳል። ታዲያ ቡድኑ የጠየቀው የገንዘብ መጠን ከቤተሰቦቿ አቅም በላይ በመሆኑ ወላጆቿ ከዘመድ አዝማድ አቅማቸው የፈቀደውን ያህል ገንዘብ አሰባስበው ለቡድኑ የላኩ ቢሆንም የተጠየቀውን ያህል አላካችሁልኝም በማለት ህፃን ኖላዊትን በአሰቃቂ ሁኔታ ገድሏት አስክሬኗን ጥሎ እንደሄደ ታውቋል።

ጃውሳ አሸባሪ ነው የምንለው በምክንያት ነው!
# ጃውሳ ገዳይ ነው
# ፅንፈኝነት ይወደም

Gareen shororkeessaa Shanee walnyaachuu itti fufaniiru!Shororkeessaa Shaneen gandaan wal-qoodee walwaraansa hamaa keessa...
02/09/2024

Gareen shororkeessaa Shanee walnyaachuu itti fufaniiru!

Shororkeessaa Shaneen gandaan wal-qoodee walwaraansa hamaa keessatti kan argamu yemmuu ta’u garichi yeroo ammaa saffisa ajaa’ibaa ta’een diigamuu irratti argama. Garichi faayidaa dhuunfaa fi aangoof jecha walwaraansa walirratti banuudhaan lubbuu hidhattoota hedduu galafachaa jira. Yeroo dhiyoo asitti walwaraansi gandummaa bu’uura godhate garicha gidduutti babal’chuun too’annaa ala ta’uun hoogganoonni garichaa waan qabanii gadi dhiisaan wallalanii jiru.

Hidhattoonni dhibbaatamaan lakkaawwaman tibbana qofa Sh/Lixaa aanota garaa garaatti shira garichaa hubachuun abdii kan kutatan yemmuu ta’u bifa hoogganoota Shanee rifaasiseen hidhannoo guutuu waliin gochaa isaaniitti gaabbuun qaamolee nageenya mootummaatti karaa nagaa harka kennachaa jiru. Walwaraansi garee Marroo fi Sanyii gidduutti godhamaa jiru ammallee cimee kan itti fufe yemmuu ta’u hidhattoonni hedduun du’aan kaan immoo garicha ganuudhaan caasaan shanee ammatti duwwaa ta’ee jira.

Yeroo ammaa Marroon walwaraansicha bab’isuun garee Jaal Abdii waliin walwaraansatti seenuuf hojjechaa akka jiru odeeffannoon ba’aa jiran ni agarsiisu. Kana irraa ka’uun hidhattoonni garee Jaal Abdii jala jiran qabeenya saaman miliqsuuf jecha dhoksaan garicha jalaa miliqaa akka jiranii fi warreen hafan immoo haala mijeeffachaa jiraachuun barameera.

ከምዕራብ ሸዋ ብቻ በየቀኑ ከ70 በላይ  የሚሆኑ የሸኔ ታጣቂዎች እጃቸውን እየሰጡ ይገኛሉ!ጎጥን እና ጥቅምን መሰረት ያደረገው የሸኔ ሽብር ቡድን የእርስ በርስ ጦርነት ታጣቂዎቹን  ከፍተኛ የ...
28/08/2024

ከምዕራብ ሸዋ ብቻ በየቀኑ ከ70 በላይ የሚሆኑ የሸኔ ታጣቂዎች እጃቸውን እየሰጡ ይገኛሉ!

ጎጥን እና ጥቅምን መሰረት ያደረገው የሸኔ ሽብር ቡድን የእርስ በርስ ጦርነት ታጣቂዎቹን ከፍተኛ የሆነ ተስፋ መቁራጥ ውስጥ ከቶታል። በቅርቡ እንኳን ጃል መሮ እና ጃል ሰኚ መካከል በተደረገው ጦርነት ብቻ የቡድኑ ከፍተኛ አመራሮችን ጨምሮ በርካታ ታጣቂዎች ህይወታቸው በከንቱ እንዲጠፋ አድርገዋል። በጦርነቱ መካከል የቆሰሉት ታጣቂዎች ደግሞ በየጫካው የሚያነሳቸው ጠፍቶ የአውሬ እራት በመሆን ላይ እንደሚገኙ መረጃዎች ያመላክታሉ።

በሁኔታው ግራ ተጋብቶ ከፍተኛ ጭንቀት ውስጥ የገቡ እና ከቡድኑ ተስፋ የቆረጡ በርካታ የቡድኑ አመራሮች እንዲሁም ታጣቂ አባላት በየአከባቢ በሰላማዊ መንገድ ለመንግስት ፀጥታ ሀይሎች እጃቸውን እየሰጡ ይገኛሉ። ሰሞኑን ብቻ በምዕራብ ሸዋ ከጀልዱ፣ ጊንድበረት፣ ጮቢ፣ ኢልፈታ እና ሚዳቀኝ በሚባሉ ወረዳዎች በየቀኑ ከ 70 የሚበልጡ ታጣቂዎች በሰላማዊ መንገድ እጃቸውን በመስጠት ላይ እንደሚገኙ መረጃዎች ይጠቁማሉ።

በሌላ በኩል ሰሞኑን ጃል አብዲ የሚባል የቡድኑ መሪ “ ከዚህ በኋላ ጃል መሮ የሚባል አላቅም” ማለቱ ደግሞ በመሮ ዘንድ ከፍተኛ ቅሬታን የፈጠረ ሲሆን በሁለቱ መካከል አዲስ ውጥረት እንዲፈጠር እያደረገ ይገኛል።

Jaal Marroon qofaatti hafee jira!Walwaraansa yeroo garaa garaatiin humni isaa kan dadhabe Marroon moo’amuu isaa dhokfach...
28/08/2024

Jaal Marroon qofaatti hafee jira!

Walwaraansa yeroo garaa garaatiin humni isaa kan dadhabe Marroon moo’amuu isaa dhokfachuuf jecha ammas wixxirfachaa akka jiru beekamee jira. Haaluma Kanaan yeroo dhiyoo asitti garee Jaal Sanyii faana waraana keessa kan ture garee Marroo ammas yaalii isa dhumaa gochuu irratti argama. Marroon waraanni isaa hedduun jalaa waan dhumeef gargaarsa dabalataaf jaal Abdiitti iyyatus innis fuula akka dhoowwate barameera.

Walwaraansa gareen lamaan gidduutti adeemaa jiruun abdii kutannaa keessa kan galan hidhattoonni garichaa hedduun tibbana godinalee garaa garaa keessatti karaa nagaa qaamolee nageenya mootummaatti harkaa kennachaa jiru. Yeroo ammaa Marroon qofaa isaatti hafuun kan kolfaa akka ta’e namoonni hedduun dubbachuutti argamu.

Hidhattoonni Shanee guyyyaa guyyaan 70 ol ta'an Sh/lixaatti harka kennaa jiru!Walwaraansa gandummaa bu'uura godhate hoog...
28/08/2024

Hidhattoonni Shanee guyyyaa guyyaan 70 ol ta'an Sh/lixaatti harka kennaa jiru!

Walwaraansa gandummaa bu'uura godhate hoogganoota Shanee gidduutti adeema jiruun hidhattoonni garichaa abdii kutannaa olaanaa keessa akka galan godhee jira.

Walwaraansa yeroo dhiyoo asitti garee Jaal Marroo fi Jaal Sanyii gidduutti adeema jiruun hidhattoonni garichaa hedduun gareewwan lachuu irraa iyyuu lubbuun darbuun isaanii beekamaa dha. Warreen walwaraansa kana gidduutti madaa'an immoo nama isaan bosona keessa kaasu dhabuun irbaata bineensaa ta'uu isaanii odeeffannoon jiru ni agarsiisa.

Haalichaan abdii kutannaa olaanaa keessa kan galan hidhattoonni hedduun garicha ganuudhaan karaa nagaa qaamolee nageenya mootummaatti harka kennuu irratti argamu. Tibbana Sh/Lixaa aanoota garaa garaa akka Jalduu, Gindibarat, Cobii, Ilfataa, fi Midaaqanyiitti guyyaa guyyaan hidhattoonni lakkoofsaan 70 caalan gochaa isaaniitti gaabbuun harka kennachaa jiru.

Gama biraatiin Jaal Abdiin "Amma booda Jaal Marroo hin beeku" jechuun immoo Abdii fi Marroo gidduutti muffii cimaa uumuun wal gaarreffannaa olaanaa keessa galchuun barameera.

“Jaarsicha waliin hanga ammaa turuun keenya dogoggora” Jaal Abdii!Marroon hoogganota Shanee Wallagga keessa sochii taasi...
27/08/2024

“Jaarsicha waliin hanga ammaa turuun keenya dogoggora” Jaal Abdii!

Marroon hoogganota Shanee Wallagga keessa sochii taasisan haala suukaneessaa ta’een ajjeesaa fi gidirsaa turuun isaa beekama dha. Jaarsi kun faayidaa fi aangoo isaa tikfaachuu malee waa’ee biraa dhaga’uuf gurri isaa duudaa akka ta’e hoogganoonni isa jala jiran yeroo hedduu ni dubbatu.

Marroon hoogganoota garicha biratti fudhatama qabanii fi jaallataman garaa naasuu malee bifa suukaneessadhaan ajjeesaa turuun isaa Jaal Fiigaan yaadannoo yeroo dhiyooti. Ammas shira isaa kana cimsee itti fufuudhaan hooganoota garicha Shawaa keessa sochii taasisan kanneen biroo irratti illee raawwachuu hojjachaa akka jiru baramee jira. Kana kan hubate Jaal Abdiin jaarsicha waliin hanga ammatti kan waliin turre iyyuu ni gaha jaarsichi faayidaa fi aangoo isaaf jecha nullee nu nyaachuuf lafa jalaan hojjechaa jira jechuun akka dubbate dhaga’amee jira.

Dabalataan Jaal Abdiin warreen biroo faana hariiroo uumee yeroo gababaatti garee Marroo irratti waraana banuuf dhoksaan hojjechaa akka jiru baramee jira.

Jaal Marroon hoogganoota Shanee biratti maaliif jibbame?Marroon hoogganota akka Qaanqee fi Shurrubbee waliin yeroo dheer...
27/08/2024

Jaal Marroon hoogganoota Shanee biratti maaliif jibbame?

Marroon hoogganota akka Qaanqee fi Shurrubbee waliin yeroo dheeraadhaaf walwaraansa keessa turuun humni isa dadhabuun ni yaadatama . yeroo dhiyoo asitti immoo humna isaa akka haaratti of ijaaruuf jecha fuula isaa gara Shawaatti naanneessuun garee Jaal Sayii irratti waraana labsuun hidhattoonni isaa hedduun waranichaan jalaa nyaatamanii jiru.

Hidhattoonni garichaa hedduun immoo haalichaan abdii kutannaa olaanaa keessa galuun iddoowwan garaa garaatti karaa nagaa qaamolee nageenya mootummaatti harka laachuu irratti argamu.

Marroon humni isaa jalaa dadhabnaan gargaarsaaf gara Abdiitti irra deddeebiin iyyatus garuu iyyi isaa osoo hin dhaga’amin hafuun Abdiin akkuma Jaal Sanyii fi hoogganota biroo Marroo fuula akka dhoowwate odeeffannoowwan jiran ni agarsiisu. Jaal Abdiin harka lafa jalaan Jaal Sanyii deeggaruun humna Marroo balleessuuf hojjechaa akka jiru odeeffannoon ba’aa jiran ni mul’isu.

Maarree Jaal Marroon hoogganoota garichaa hedduu biratti yeroo baay’ee Jaarsicha, yeroo biraa immoo leenca ilkaan hin qabne jedhamuun jibbamuun isaa illee ni beekama.

“Amma booda Marroo hin beeku” Jaal Abdii!Marroon xannacha qabsoo Oromoo ta’uu hoogganoonni garichaa hedduun itti walii g...
26/08/2024

“Amma booda Marroo hin beeku” Jaal Abdii!

Marroon xannacha qabsoo Oromoo ta’uu hoogganoonni garichaa hedduun itti walii galu. Marroon hoogganoota garicha biratti jajjaboo dha jedhee yaadu mara dabaree dabareen nyaachaa kan turee fi jiruudha kan jedhu Jaal Abdiin “Amma booda hooggansa Marrootiin hin gaggeeffamu” jechuun hogganoota isa jala jiraniitti dhoksaan dubbachuu odeeffannoon argame ni agarsiisa.

Jaal Abdiin kana kan jedhe Marroon dabaree dabareen nu nyaachuuf hojjechaa jira waan ta’eef shirri inni Wallaggatti Jaallan akka Shurrubbee fi warreen biroo irratti eegale babal’achuun jaallan giddu galeessaas bifuma walfakkaatuun taphaa ala godhee faayidaa fi aangoo isaa dheereffachuuf hojjachaa jira jechuun dhoksaadhaan hoogganoota isa jala jiranitti akka hime beekamee jira.

Marroon Kanaan dura hoogganota garichaa hedduu galaafachuun kan beekamu yemmuu ta’u yeroo dhiyoo kanas Jaal Fiigaa bifa suukaneessaan fanniffamee akka lubbuun darbu godhee jira. Kana kan hubate Jaal Abdiin Marroon xannacha qabsoo fi naatoo homaa of keessaa hin qabne waan ta’eef halaalatti ofirraa yoo isa qolanne malee keenyas dubbiin sanuma jechuun “Amma booda Marroo hin hoogganamnu” jechuun jibbinsa Marroof qabu agarsiisuu isaa odeeffannoon argame ni mul’isa.

Marroon naasuu hamaa keessa galee jira!Marroon hidhattoota hedduu  Shawaatti ramadee waraana Sanyii irratti banus osoo h...
22/08/2024

Marroon naasuu hamaa keessa galee jira!

Marroon hidhattoota hedduu Shawaatti ramadee waraana Sanyii irratti banus osoo hin milkaa’in hafuun hidhattoonni hedduun jalaa dhumuun ni yaadatama.

Innis haalichaan naasuu keessa galuun yeroo ammaa walwaraansa gandummaa bu’uura godhate garee Shawaa irratti saaquuf sochiitti akka jiru barame. Haaluma Kanaan Wallaggaa fi Shawaa jechuun qoqqoodinsa uumee walnyaachisee aarii isaa ba’achuuf hojjachaa akka jiru dubbatamaa jira.

Hidhattoonni shira isaa kana hubatan hedduun iddoowwan adda addaatti garicha ganuudhaan karaa nagaa RIB tti harka laachaa jiru.

Marroon walwaraansa gandummaa banuuf shira xaxaa jiraachuun barame!Waraanni Marroo garee Sanyiitiin akka malee rukutamuu...
22/08/2024

Marroon walwaraansa gandummaa banuuf shira xaxaa jiraachuun barame!

Waraanni Marroo garee Sanyiitiin akka malee rukutamuun garicha gidduutti waldhabdeen cimee akka itti fufu godhee jira. Yeroo dhiyoo asitti Marroo hidhattoota heddu gara Shawaatti ramadee waraana garee Sanyii irratti bane kan ture yoo ta’u walwaraansichaan hidhattoonni isaa hedduun jalaa kan dhuman yoo ta’u warreen hafan garee Sanyiitti akkasumas raayyaa ittisa biyyaatti harka laataniiru.

Haalichaan abdii kutannaa keessa kan gale Marroon aarii keessa galuun walwaraansa gandummaa bu’uura godhate eegaluuf sochiitti akka jiru odeeffannoon nu qaqqabe ni mul’isa. Marroon shira xaxaa jiruun Wallaggaa fi Shawaa jechuun garee kana adda qoodee walnyaachisuuf akka jiru baramee jira.

Hidhattoonni shira kana hubatan hedduun abdii kutannaa keessa galuun qabsoo Oromoo walnyaachisuuf jecha aarsaa hin kanfallu jechuun iddoowwan garaa garaatti karaa nagaa mootummaatti harka laachaa jiru.

Guyyaa 2tu Hafe!Jimaata wal irraa hin hafamu.Jimaatni Hagayya 17,2016 guyyaa xiiqiiti.Guyyaa kana dhalootni Ida'amuu guy...
21/08/2024

Guyyaa 2tu Hafe!
Jimaata wal irraa hin hafamu.Jimaatni Hagayya 17,2016 guyyaa xiiqiiti.Guyyaa kana dhalootni Ida'amuu guyyaa seenaa bara baraa irra deebiin dalagudha.Dhalootni kun dhaloota dhaloota egereef dhimmamu fi galaa hin dhumne kaa'udha.Kanaafis guyyaa gaafa Jimaataa biqiloota miiliyoona 600 soorata,dawaa fi gaaddisa dhalootaaf dhaabuun raajii hojjechuuf ganama sa'atii 12;00tti bakka dhaabbiif qophaa'etti ni argamna.Jimaata Oromoon wal irraa hin hafu!
17!
… See more

Guyyaa_2tu hafe!Guyyaatti biqiltuu miiliyoona 600 dhaabuun seenaa haa hojjannu!Hagayya 17, 2016
21/08/2024

Guyyaa_2tu hafe!
Guyyaatti biqiltuu miiliyoona 600 dhaabuun seenaa haa hojjannu!
Hagayya 17, 2016

Address


Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gadaa Times posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Videos

Shortcuts

  • Address
  • Alerts
  • Videos
  • Claim ownership or report listing
  • Want your business to be the top-listed Media Company?

Share