Abdii Ahmed

Abdii Ahmed Arsii Asallaa Wsssc&m or Water work on site

Fayyadamummaa Haqa QabeessaBadhaadhina biyyaatiif!___________Jilli Hogganaa Paartii Badhaadhiina Oromiyaa Obbo Kaffaaloo...
04/01/2025

Fayyadamummaa Haqa Qabeessa
Badhaadhina biyyaatiif!
___________
Jilli Hogganaa Paartii Badhaadhiina Oromiyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraa,Ijaarsa Gamoo Waajjira Bulchinssaa Fi Waajjira Paartii Badhaadhiina Godina Harargee Bahaaa Guyyaa har'aa Daawwattaniiru.Daawwannaa Kanaan, Gamoon Paartii Badhaadhinaa Godinichaa, hirmaannaa ummataatiin Suphamaa jiru, fi Gamoo Bulchinssaa Baajata Mootummaatiin hojjatame jiru, keniinsaa tajaajila si’eessuuf hawaasa fayyadamoo taasisuuf gahee olaanaa kan qabu ta'uu himaniiru.

Ijaarsi Gamoo Waajjira Paartii Badhaadhiina Hirmaannaa ummataatiin suphamee kun Qormaatilee hunda Keessa dhaabbachuun hojjetamee xumuramuun tajaajilaaf banaa taasisuun qophiin Xumuraniiru.Hawaasnii Godinichaas harka tokkoon Misoomaa Harka tokkoon immoo nageenya isaa eeggachaa hojjechuun Injifannoon guddaa hojjachaati jiru.

Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa, haalaafi deebii kirkira lafaa naannoo Affaariifi Oromiyaatti mudate ilaalchisuun ibsa ...
04/01/2025

Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa, haalaafi deebii kirkira lafaa naannoo Affaariifi Oromiyaatti mudate ilaalchisuun ibsa kenne

Kallacha Oromiyaa: Mudde 26/2017:Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa, haalaafi deebii kirkira lafaa naannoo Affaar aanaalee Awaash Fantaalleefi Duullachaa akkasumas naannoo Oromiyaa Aanaa Fantaalleetti mudate ilaalchisuun ibsa kenneera.

Naannoo Affaar aanaa Awaash Fantaalleetti jiraattonni gandoolee 6 keessa jiraatan kuma 15 oli balaa kanaaf kan saaxilaman yoo ta'u hanga ammaatti lammiileen kuma 7 oli naannicha gadhiisaniiru.

Aanaa Duullachaa gandoolee 2 keessatti lammiileen kuma 20 oli balaa kanaaf kan saaxilaman yoo ta'u hanga ammaatti lammiileen kuma 6 fi 223 naannicha gadhiisaniiru.

Naannoo Oromiyaa Aanaa Fantaalleetti lammiileen gandoolee 5 keessa jiraatan kuma 16 fi 182 balaa kanaaf saaxilamoo yoo ta'an hanga ammaatti lammiileen kuma 7 fi 350 bakka balaaf saaxilame gadhiisanii bahaniiru.

Lammiileen hafan kuma 8 fi 832 yeroo gabaabaa keessatti naannoo balaaf saaxilame gadi lakkisanii akka bahan ni taasifama.

Deeggarsa namoomaa ilaalchisuunis deeggarsi nyaataafi nyaata hin ta'in kan birrii miiliyoona 200 fi miiliyoona 81 olitti tilmaamamu garasitti ergamuu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaarraa odeeffanne. Maddii:OBN

Hospitaala Saawulaatti garaa wal’aanamtuu tokkoo keessaa sibiilonni 57 baafaman!!Tajaajila baqaqsanii wal’aanuu sa’aatii...
04/01/2025

Hospitaala Saawulaatti garaa wal’aanamtuu tokkoo keessaa sibiilonni 57 baafaman!!

Tajaajila baqaqsanii wal’aanuu sa’aatii 2:00 fudhateen kan ba'e yoo ta'u, Sibiilonni kunneen mismaara 28, biloonii 8 fi sibiilota biroo ta’uun eerameera.

Tajaajilli baqaqsanii wal’aanuu milkaa’aan gaggeeffamuu fi wal’aanamtuun sadarkaa fayyaa gaariirraa jiraachuu Ogeessi Tajaajila Baqaqsanii Wal’aanuu Waliigalaa Hospitaalichaa Dooktar Geetaanee Balaay ibsuu ragaan Hospitaalicharraa argame ni mul’isa.

 !~~~~~~~~~~~~~~~~~■Maaliif callisna..?■Yoom callisna...?■Haala akkamii keessatti....?~~~~~~~~~~~~~~•~~~~~~ Sababoota ca...
04/01/2025

!
~~~~~~~~~~~~~~~~~
■Maaliif callisna..?
■Yoom callisna...?
■Haala akkamii keessatti....?
~~~~~~~~~~~~~~•~~~~~~
Sababoota callisuu kudha saddeettan (18 ).
👉Isaanis:-

1. Callisi! - aarii hoo'aa keessa yeroo jirtu;
2. Callisi!- yoo ragaa sirrii hin qabaanne;
3. Callisi! - yoo seenaa dhimma sanaa hin beekne;
4. Callisi! - yoo jechi kee kan nama biroo mufachiisu tahe;
5. Callisi!- yommuu yeroon yeroo dhaggeeffachuu qofa ta'e.
6. Callisi! - yeroo wantoota si dhibee qulqulleeffachuuf qoramtu;
7. Callisi!- yommuu namni waa'ee kee cubbuu siratti fe'u hanga haqni kee ba'uti;
8. Callisi! - yommuu jechi kee aarii fi walitti bu'insa fiduu kan deemu ta'e;
9. Callisi! - yeroo jechi kee yaada fi ergaa dogoggoraa dabarsu;
10. Callisi!- yoo dhimmichi dhimma kee hin taane;
11. Callisi!- yeroo soba ifa ta'e akka dubbattuuf qoramtu:
12. Callisi! - yoo jechi kee maqaa nama biraa kan miidhu tahe:
13. Callisi! - yoo dubbiin kee hiriyoota kee kan mufaachisu ta'e;
14. Callisi! - yeroo qeeqni sitti baay'atu;
15. Callisi!- yeroo diinoonni kee boolla siif qotan hinaafanii;
16. Callisi! - yoo booda jecha keetti kan gaabbitu ta'e;
18. Callisi! - hanga carraa dubbachuu argattutti.
Wan hundaafuu callisuun furmaata malee rakkoo hin fidu callisi!
👉 Isin maal jettu?

Naannoo Affaaritti Voolkaanoo dhooheen guyyaa har'aa aarri lafa keessaa ol ba'u mul'achaa kan ture, yeroo ammaa Halkan k...
03/01/2025

Naannoo Affaaritti Voolkaanoo dhooheen guyyaa har'aa aarri lafa keessaa ol ba'u mul'achaa kan ture, yeroo ammaa Halkan kanaan kunoo Voolkaanoon ibidatti jijjiiramee haala suuraa irratti argitaniin baay'ee kan nama sodaachisuudha!!

Rabbiin ummata keenya naannoo sanaa nuuf haa tiksu!

Ni Lolamna Garuu Hin Mo'amnu!= = = = = = =Mootummaan biyya bulchaa jiru akkuma firoota danuu qabu diinoota yartuus ni qa...
03/01/2025

Ni Lolamna Garuu Hin Mo'amnu!
= = = = = = =
Mootummaan biyya bulchaa jiru akkuma firoota danuu qabu diinoota yartuus ni qaba. Erga jijjiiramni kun dhufee biyyi keenya qormaatilee keessaafi alaa hedduu kan lafti kun baachuu hin dandeenye baay'ee keessummeessiteetti. Kana keessatti diinotaafi firoota biyya keenyaa adda baasnee baraa dhufneerra. Diinonni gufuuu guddina biyya kanaa ta'an kufaatiifi salphina biyyattii osoo eeganii biyyattiin daandii guddinaa irra injifannoon gasaggasuu itti fufuun mataa bowwoo itti taateetti.

Biyya keenya ba'aa rakkoo baachisuuf baay'ee dhama'anis tasumaa hin dandeenye. Ijaarsa hidha guddicha laga abbaayi yoo fudhanne gibxi yoo qufaate, sudaan ni axxiffatti, ameerikaan ammoo nyaara guurtee utaaluuf wixxifatti biyyoota arabaa tokko tokko dabalatee. Kana maleea biyyoonni kunneen meeshaa garaa garaa murnoota faallaa siyaasa biyya kanaa ta'anitti hidhuun riphee loltootaaf humna ta'anii hojjetu. Kana hundaaf biyyi keenya harka hin laanne. Ni lolamna garuu hin mo'amnu.

Kana qofaa miti, murnoonni kunneen rakkoo uumamaa sababa hanqina roobaan Godinaalee Oromiyaa tokko tokko keessatti beellifi hongeen mudannaan isa hammeessuuf baay'ee dhama'an. Garuu ammoo deeggarsa maallaqaa mitii yaadaa hin taasifne. COVID 19fi Hoomaa Hawwaannisaa biyya keenya irratti ka'es meeshaa waraanaa taasifachuuf baay'ee tattaafatan garuu hin taaneef.

Sababa COVID 17n yeroon filannoo waggaa tokkoof dheerannaan Fulbaana 30 booda mootummaan hin jiru, jechuun akka malee wacaa turan garuu sinis hin taane.

Yeroo wayyaaneen duubaan raayyaa itti biyyaa irratti waraana bante sanas qoqqobbiileen garaa garaa akka biyya keenya irra taa'u taasisaa turan. Garuu isaanis hin dandeenye. Baay'een isaanii kana booda mootummaa kanaaf dhumeera jechuun gadda labsuu eegalan. Garuu abjuun isaanii bishaan dhugee duula Muummichi Ministeeraa Keenya Dr Abiyyi taasisaniin guyyoota 15 keessatti maqalee galuum danda'ameera. Gala lola kanaan firoonni keenyas kan nu waraanaa turan yoo ta'u dhuma i

☆KENNA TAJAAJILAA!!!  fi Iftoominaan, Qulqullinaafi Baay'inaan, Ariitiifi Si'oominaan, Aantummaafi Quuqamaan Uummata Kee...
03/01/2025

☆KENNA TAJAAJILAA!!!

fi Iftoominaan, Qulqullinaafi Baay'inaan, Ariitiifi Si'oominaan, Aantummaafi Quuqamaan Uummata Keenya Itti-fufiinsaan Tajaajiluun Fayyadamummaa Hunda-galeessa Ni Mirkaneessina!

03/01/2025

#አለን !!

ዝም ማለት መናገር የሚሆንበት ግዜ አለ።ዛሬ ግን ዝም ማለት መናገር የማይሆንበት ወቅት ላይ ነን።
አለን ለማለት ነው ።

  ?***********************🚩Yaada moo'ataaf iddoo kenni .🚩Seera uumaa (natural law) kabaji.🚩Yeroo hunda dhugaa dubbadhu, ...
03/01/2025

?
***********************
🚩Yaada moo'ataaf iddoo kenni .
🚩Seera uumaa (natural law) kabaji.
🚩Yeroo hunda dhugaa dubbadhu, haqaan hojjedhu.
🚩Dhugaa ka'umsa injiffannoo godhadhu.
🚩Jibba dhala namaa kamuu ofirraa balleessi.
🚩Nama miidhuu irraa fagaadhu.
🚩Karaa qaxxaamuraa fi daba cubbuu irraa fagaadhu dhugaa Jireenya kee godhadhu.
🚩Mul'ata qabaadhu
🚩Baradhu, barreessi, dubbisi, beekkumsa horadhu.
🚩Hanga duututti barataa ta'i.
🚩Dubbachuu fi hojjechuu dura beeki
🚩Jaarsolii fi Manguddoo irraa beekkumsa argadhu.
🚩Nama qormaata irra furmaata; Boo'icha irra moo'icha irratti xiyyeeffatu ta'i.
🚩Waan dabre yaadachaa hin oolinii dhiisi fuuldura ilaali.
🚩Nama hayyuu waliin haasa'i irraa baradhu
🚩Seenaa namoota gaggaarii fi milkaa'anii dabranii dubbisi.
🚩Gufuu si mudatu osoo hin dhiphatin akka carratti fayyadami; kufaatiif harka hin kennin obsi.
🚩Namoota si caalan irraa baradhu malee itti hin hinaafin.
🚩Namootaaf ciccimoo oomishuuf xiyyeeffadhu boruu siifis biyyaafis wabiidha
🚩Miira dorgommii qabaadhu.
🚩Fedhii, hawwii fi miira kee daangeffadhu.
🚩Fudhataa osoo hin taane kennataa ta'uun beekkami.
🚩Nama rakkataa gargaarii arjaa ta'i.

Oddeeffannoo qulqulluu fi si'ataa biroo argachuuf fuulaFacebook jedhu kana godhaa jala seenuun nu hordofaa.



Dubbisaa Milkaa'aa!

"Dargaggoonni Imala Har'aatif Wabii,Kan Egereetiif Ammoo Abdiidha‼️👊
29/12/2024

"Dargaggoonni Imala Har'aatif Wabii,Kan Egereetiif Ammoo Abdiidha‼️👊

"Badhaadhinni Qormaatilee Gara Carraatti Jijjiruun, Humna Misooma Taasifata Malee,Qormaataf hin Jilbeeffatu🤌✊️Aadde  Mis...
28/12/2024

"Badhaadhinni Qormaatilee Gara Carraatti Jijjiruun, Humna Misooma Taasifata Malee,Qormaataf hin Jilbeeffatu🤌✊️

Aadde Miski Mohammed BGHB👏✅️

"Dhibeen Duraanuu nu Rakkise! Isa kaleessa Sakaalee nu kuffise! Isa Yeroo Dheeraaf Bakka itti Kufne nu Turse! Baandummaa...
25/12/2024

"Dhibeen Duraanuu nu Rakkise! Isa kaleessa Sakaalee nu kuffise! Isa Yeroo Dheeraaf Bakka itti Kufne nu Turse! Baandummaadha😆

"Itoophiyaan nageenya, jaalalaa fi Badhaadhina hawwiti. Hawwii kana dhugoomsuuf immoo Itoophiyaanotni hunduu akka obbole...
25/12/2024

"Itoophiyaan nageenya, jaalalaa fi Badhaadhina hawwiti. Hawwii kana dhugoomsuuf immoo Itoophiyaanotni hunduu akka obboleessaa fi obboleettiitti tokkummaan waliin dubbachuuf,waliin hojjechuuf akkasumas waliin fayyadamuuf onnee qulqulluun qophaa'uu barbaachisa."

MM Itoophiyaa Dr. Abiy Ahmed Ali

National dialogue for national consensusሀገራዊ ምክክር ለሀገራዊ መግባባት። Marii biyyoolessaa waligaltee biyyoolessaaf.
25/12/2024

National dialogue for national consensus
ሀገራዊ ምክክር ለሀገራዊ መግባባት።
Marii biyyoolessaa waligaltee biyyoolessaaf.

Address

Dire Dawa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Abdii Ahmed posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Abdii Ahmed:

Share