WIN world islamic news

WIN world islamic news To get hot news,information,knowledge like and share our page.

22/07/2022

Today's Best Photo ❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️









22/07/2022
13/07/2022

Today's the best photo 🌿🥰
💚💚💚💚💚💚💚💚💚💚....beautiful


29/05/2022
15/05/2022

MAALOO HUNDUU DUBBISAA HIROYOOTA KEECHANIIN GAHAA
Seenaa Kana Dubbisaa Waan Hedduu Irraa bartuu!
====================================
Abbaa manaaf haadha manaatu ture. Isaan lameenuu
hiyyeessa (harka qalleessa) turan. Haati manaa isaa
guyyaa tokkos rakkadheera jettee isa rakkistee tasuma hin beektu ture. Gaafa tokko akka tasaa baay'ee waan
cinqamteef, fala dhabnaan akkas jette "rifeensi koo
garmalee dheera waan ta'eef dibata baay'ee fedha.
Osoo qabaattee waan rifeensatti dibatan naaf bittee
natti tola ittiin jette". Innis baay'ee gaddee anis taa'ee
waa'een moofawuu kophee koo yaadaan ture jedhee
yaadaan liqimfame. Dhiisi hin yaadin jaalalli nuuf gaha
jettee tasgabbeessiteen. Ganama hirribaa ka'ee osoma
deemu dukkaana kuusaa kophee bira gahe. Achumaan
dukkaanichatti goree akkas jedhe ..adaraa ani
hiyyeessa, waan konkolaataan yaabee galu dhabe
karaatti rakkadhe, kopheen koo dulloomaa ta'us narra
bitaa qarshii ta'e naaf kennaa jedheen. Isaanis tole
jedhanii qarshii kennaniifii kophicha irraa bitan.
Dukkaana biraa deemee qarshii sanaan dibata rifeensaa
bitee miila qullaa karaa dheeraa qaxxaamuree gale.
Yeroo galu haati manaa rifeensa ishee gabaabsitee jirti.
Maal goote rifeensa? Maal taate ani dibata ati jette siif
bitee dhufe ittiin jedhe. Isheenis akka mana rifeensa
dubartootaa deemtee rifeensa ishee irraa kuttee
gurgurtee, kophee haaraa isaaf bittee dhufte itti himte.
Lamaan isaaniyyuu imimmaan ta'anii hafan. Jaalalli
dhugaa kan gaafa maallaqa qaban qofaa miti, Jaalalli
isa onnee keessatti mana ijaaree halkaniif guyyaa taa'udha.
Jaalala dhugaa rabbi nuuf haa kennu!

29/03/2022

Of ajjeesuu isaa guyyaa tokko dura firootaa fi hiriyyoota isaaf yaadannoo xiqqoo barreessee ture‼

Gaazexeessaa Keeven Kaarter jedhama.
Lammii Afrikaa Kibbaa ture. Beela guddaa bara 1993 (ALA) Sudaan Kibbaa mudate irratti jila Mootummoonni Gamtooman gara sanatti tola-ooltummaaf erge waliin achitti imale.
Guyyoota keessaa gaaf tokko suura armaan gadii kana kaase. Beelli itti jabaannaan mucaa mataa isaa baachuu dadhabee lafatti gombifamee jiruu fi mucicha nyaachuuf gobocor du’a isaa eeggatu. Dhuguma dubbachuuf suura garaa nama nyaatu ture. Mucichi dadhabeera.

Deggersa nyaataa argachuudhaa yoo baate umuriin inni addunyaa kana irraa qabu xumurameera. Gad jedhee hafuura dhumaa baafachuuf jechaa jira. Foon lafee isaa irraa dhumee lafee qofa ta’eera. Umurii itti qofaa ta’uun hin malleefitti qofaa isaa bakkee irra jira. Rakkoo hamtuu sana irraa kan ka’e yeroo malee bobaa harmee isaa jalaa ba’eera. Walumaa galatti, kana booda jireenyaaf abdii hin qabu.

Suurri kunis yeroo muraasa keessatti dhimma guddaa addunyaa kan dubbachiisu ta’uu danda’e. Kaafamee ji’oota muraasa booda baruma 1993 (ALA) gaazexaa Niwu Yoorki Taayimsitti gurguramee maxxanfame. Guutummaa addunyaa irratti namoota hedduu qaqqabe. Badhaasa gurguddaas injifate, Keever Kaarter beekamtii fi ajaa’ibsiifannaa guddaa argate.

Gaaf tokko ibsa gaazexaa inni gaazexessitootaaf kenne irratti ture egaa gaazexeessaan tokko gaaffii inni hin eegin kan isa gaafate. Gaaffiin kun kallattii jireenya isaa guutummaatti jijjiirte. Gaaffii inni irraa hafuu hin dandeenye turte.

Gaaffiin sunis, “Mucattiinhoo akkam taate? Oolchiteettaa?” kan jettu turte. Battalummatti naasuun isa weerare. Qaamni isaa dafqaan dhiqame. Ija babaase. Dubbachuuf jecha dhabe. Afaantu hidhame.

Achuma taa’ee yaadaan ganda beelaan miidhamte kan Sudaan Kibbaatti argamtutti imale. Namichi gaaffii sana gaafate garuu biraa hin hafne, Yeroo lammaffaa gaaffittii itti darbate, “Siinan jedhaam!” jedhe, Mucaa xiqqoo sana oolchitee? Moo suura ishee qofa fiddee dhufte?” Sana caalaa achi turuu hin dandeenye. Miira isaa to’achuu dadhabe. Saganticha addaan kutee ba’e.

Guyyaa sanaa eegalee qofa-galeessa ta’e. Ija namaa baqate. Of lole. Qaccee gaabbiin reebamee ittiin miidhame. Waa’een mucaa xiqqoo inni du’aaf kennee dhufee sammuu isaa boqonnaa dhowwate.

Badhaasa guddaa sana fudhatee ji’a sadii booda ganda baadiyyaa bareedduu keessatti dhalatee guddate gara Paarkimoor deeme. Dhalatee waggaa 33 tti of ajjeesee, reeffi isaa argame. Yakkamaa of taasisee murtii du’aa ofitti murteesse. Mucaa xiqqoo du’aaf kenne hordofe.

Of ajjeesuu isaa guyyaa tokko dura firootaa fi hiriyyoota isaaf yaadannoo xiqqoo barreessee ture. Akkana jedha: “Waanan qabu irraa hir’isee hin kennineef. Of jiraachisuuf jechan hojii koo qofa hojjedhe. Mucattiin du’a waliin otoo waldhaansoo wal qabduu Gobocorichi nyaatee ishee quufeera ta’a, Mucattiin irbaata Gobocor taatee, ani immoo beela isheenan badhaafame. Kunis daandii du’aa mucattiin imalte akkan imalu gaabbiin na dirqisiise.

Firoota koo nagaatti! Namni yeroo beela’u, yeroo rakkatus callistanii hin ilaalinaa. Yoo argitan immoo yoo dhabdan illee waanuma qabdan irraa hir’isaa gargaaraa. Madaan sammuu daawwaa ittiin fayyisan hin qabu. Madaa sammuu irraa of oolchaa!”

Seenaan kun seenaa dhugaadha. Waan guddaa tokkos nu barsiisa. Umurii nuuf kennametti waan gaarii gochuu qabnu gochuutu nu irraa eegama. Namoota rakkatan gargaaruun carraa guddaa Waaqayyo nuuf kennedha. Ija keenya banannee eenyuun gargaaruu akka qabnu haa ilaallu.

Yeroo tokko tokko gargaarsi xiqqoon namootaaf taasisnu isaaniif hiika guddaa qaba. Hiikni jireenya keenyaa inni dhugaan kan jiru ofittummaa keenya keessa miti; namoota gargaarsi isaan barbaachisu gargaaruu keessadha. Yeroon keenya ni darba: yeroo darbu keessatti madaa sammuu fayyuu hin dandeenye keessa akka hin seenne eeggachuu qabna.

Carraa argame hundaan, yeroo qabnu hundumaatti, bakka jirru hundumaatti, waan qabnu hundumaan, nama gargaarsa barbaadu hundaaf waan gaarii haa goonu—haa gargaarru!
Ergaan kun kan isinitti tole, kanneen waa irraa barattan hundi hiriyyoota keessaniif qooda. Nama hundumaan naaf ga’aa. Eebbifamtaniittu!
Maddi, Eebbisaa Baayisaa,

Jabaan Waaqa‼

19/03/2022

"Manni Murtii Harree Itti Himatan Hin Jiru. Si'a Sadii Dhiitamee, Si'a Sadeenuu Dhiise"...‼

🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁
📌Albart Anistaayin jedhama. Namni kun hayyuu addunyaati. Biyya lafaa kanaaf bu'aa guddaa buusee darbe. Saayintistii beekamaadha. Gaaf tokko osoo inni miilaan magaalaa keessa deemu dargaggoonni isa arganii, ilaali Anistaayin jedhanii walitti agarsiisanii. Inumaa rukutuuf murteessan.

📌Akkuma waliif galaniin inni tokko fiigee dhaqee duubaan dhiite. Anistaayin ilaaleetuma callisee deeme. Xiqqoo yeroo inni achi deemu gurbaan kun ammas fiigee dhaqee dhiite. Anistaayin ilaaleetuma callisee imala isaa itti fufe. Erga inni xiqqoo achi fagaatee booda, gurbaadhumti sun fiigee dhaqqabee si'a sadaffaaf dhiite. Yeroo kanas Anistaayin ittuma dhiise.

📌Namoonni baay'een garuu Gocha kana arganii rifatan. Maaliif ofirraa hin dhoorgitu yookiin maaliif seeratti hin himanne? jedhaniin. Anistaayin ni deebiseef, namticha kana ofirraa dhoorkuuf yeroo isaa hin qabu. Ofirraa dhorka jedhee yoo wal'aansoo waliin qabe, bakka itti deemaa jiru yeroon karoorsetti hin gahu. Seeratti himachuuf ammoo, manni murtii Harree itti himatan hin jiru. Kan nama dhiitu Harreedha, jedheenii bira kutee deeme.

📌Yartuu gita kee hin beekne hundaaf deebii hin kennin. Yaartuu hanga xumuraatti injifachuuf galma qabattee kaatee osoo hin sharafin milkeessii. Of dura tarkaanfadhu nama koo!

👉Osoo jennuu hardhi guyyaa dhaloota Anistayin.

Kan Dubbiserraa Isiniif Qoode..........

08/01/2022

The Qur'an is our guide 🤲❤️

Mohamed Salah

07/01/2022

Maaltu Siboochisa ?!..
Waan Sifayyaduuf Jacha Ofiifiis Dubbiftee Hiriyoota keetiifis SHARE gootu Malee Hadaraa Biran dabrin..
Gurbaa tokkoo tu Hedduu Dhukkubsate, Dhukkubni Isatti Jabeeysinaan Maatiin (warri) Isaa Boohuu eegalan.
Yaroo Kana Maaltu Isin Boochisa ?! ja'ee Isaan Gaafannaan Akkana Ja'an..
- Haati Isaa Ilma kiyya , midhaan Onnee Tiyyaa MuraaTiruu tiyyaa Dhabuu tu Naboochisa Jatte.
- Jaartiin Isaatiis Jaarsa kiyya , Jaalallee kiyya Dhabuu tu Naboochisa Jatte.
- Ilmaan Isaatiis Abbaan kenya Yoo Du'e Yataamaa taanaa , Ni hadiyyooyna (lafatti hafna) Tanaatu Nuboochisa Ja'an.
Erga Yaada Isaanii Dhaggeeyfate Booda Akkana Ja'e "Isin hundinuu Ofumaaf Boohu tti Jirtan malee Anaafii Miti" Ja'ee Boohe.
Yaroo kana Atihoo Maaltu Siboochisa Ja'anii Gaafannaan Akkas Ja'e...
- Imaltuun tiyya Dheertuu , Sinqiin tiyya Waa xiqqo Tahuu tu Naboochisa! !
- Baay'ina Dilii Tiyyaa tii fi Jabeenya Azaabaatu Naboochisa! !
- Dukkana Qabriitii fi Rakkina Isiitu Naboochisa !!
- Azaaba Qabriitii fi Fitnaa Isiitu Naboochisa Isaaniin Ja'e !!
Yaa Rabbi Rakkina Qabrii Nuuf Ballisi , Gaafii Malaa'ikootaa Nuuf Laaffisi , Dukkana Qabrii Nuuf Ibsi , Fitnaa fi Azaaba Qabrii Jalaa Nagaya Nu baasi.
Obbaleeysa kiyya / Obbaleeytii tiyya Seenaa Tana Share Godhii kheeyrii Dalagadhuu JZK...

19/12/2021

RABBIIN ISINIIF HAA TAASISUU !!!
•••••••••••••••••••••••••••••••••••

• Boqonnaa Keessan Salaata Isiniif Haa Taasisu
• Dubbii Teessan Qur’aanaa Isiniif Haa Taasisu
• Deeminsa Keessan Gara Masjida Isiniif Haa Taasisu

• Yaanni Keessa Hunda iimaana Rabbiin Isiniif Haa Taasisu
• Jaalallee Keessan Rasuula S.A.W Isiniif Haa Taasisu
• Qabeenya Keessan Kan Barakaa Isiniif Haa Taasisu

• Uffata Keessan Shari’aa Isiniif Haa Taasisu
• Fakkeenya Keessan Sahaabaa Isiniif Haa Taasisu
• Hawwwii Teessan Hunda Jannata Isiniif Haa Taasisu

• Jecha Keessan Kan Dhumaa Shahaadaa Isiniif Haa Taasisu
• Yaadaa fii Muraada Keessan Hunda Rabbi Isiniif Haa Guutu
• Gufuu fii Gufaata Hunda Jalaa Najaa Isin Haa Baasu

Barreeffama Kana Dubbisaatii Share Waliif Godhaa.

By: Ibsaa Sheikh Yuusuf

https://www.instagram.com/ibsaa_dhugaa/

17/12/2021

👉Obsaan Dubbisaa Share godhaa❣️🤔

Wantoota (10) guyyaa jummaa godhamuu qabu.

🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲

1.Qaama/nafa dhiqachuu🌿

2.ilkaan rigachuu/suwaakachuu🍀

3.waan urgaawu/sh*ttoo dibachuu🍀

4.Uffata bareedaa qaban godhachuu🌿

5.yerodhaan masgiida seenuu🌿🕋

6.Suraa kahf qara`uu🌿

7.khuxbaa callisanii dhageeffachu🌿

8.Salawaata nabiyyii irratti heddummessuu🌿🕍

9.Yeroo du`aaiin itti qeebalamtu hordofuu fi barbaadu🤲

10.Cufa muslimtootaf du'aaii godhu🍀🤲

kaneen beeki....

👉Guyyaan jummaa irraa caala guyyaa aduu keessatti baateedha

👉Guyyaan jum'aa Guyyaa Nabii Adam keessatti umameedha

👉Guyyaan jum'aa Guyyaa Nabii Adam keessatti jannata keessatti sensifameedha.akkasuma keessaa baafamedha.

👉Guyyaan jum'aa Guyyaa namni keessatti qaama dhiqatee gara masjiidaa deeme imaama sirritti dhegeeffatee tarkaanfii hundaan akka nama waggaa guutuu salaatee soomanee barreeffamaaf.

Share godhaa Ofif yoo toltuu kana hojachuu baateellee share kee argee nama hojate hunda ajrii wal qixa argataa❣️

GALATOOMAA❣️
FAYYAA TAHAA 🌹
Gorsa Fayyaa fi Amantaa argachuuf Doctor Hamza hordofaa🙏

08/12/2021
05/12/2021

In Sweden, where an unfortunate person has made an impure christian to burn the Holy Quran to provoke us Muslims. There some non-Muslim people also expressed solidarity with the Muslims. We should leave the one who yields to Allah. He is better. He is going to do justice. He act with the same intention that we Muslims should take such a step that they should be defamed by proving the extremist Muslims in the whole world.

03/12/2021

🥰🥀The most expensive in the world


01/12/2021

Mashaa Allah

28/11/2021

CIRRACHA KALEE (KIDNEY STONE)
Maalummaa cirracha kalee
=======================
Qaama keenya keessatti sababa kuufamuu Keemikaalota tokko tokkoo kan dhufu dha.
Keemikaalotni kunis kanneen akka kaalsiyeemii, amooniyaa, yuuriik asiidii fi cysteine fa'a.
Sababoota saaxilamuu cirracha kalee
1. Qaamni keenya dhangala'aa ga'aa dhabuu Ykn bishaan ga'aa dhuguu dhabuu
2. Nyaata protein itti heddummaate soorachuu. Fkn foon diimaa
3. Nyaata 'dhaan badhaadhan nyaata keessaa dhabuu
4. Sochii qaamaa (Physical exercise) gochuu dhabuu
5. Infeekshinii ujummoo fincaaniin irra deddeebiin qabamuu
6. Maatii keessaa namni cirracha kalee qabu yoo jiraate
7. Uumamaan kalee tokkoon dhalachuu Ykn namoota biroof kalee tokko arjoominaan kan gumaachine yoo ta'e
8. Yaaliin baqaqsanii hodhuu mar'ummaanii yoo nuuf taasifame
9. Qoricha kanneen akka aspirin, antacids akkasumas qoricha dhukkubsattoota HIV/AIDS fi warreen maraammartoo qabaniif kennaman fa'a carraa cirracha kalee ni dabalu
10. Cirrachi kalee dubartoota caalaa harka 4 dhiirota irratti heddummata
MALLATTOO CIRRACHA KALEE
==========================
A. Dhukkubbii tasaa hamaan cinaacha gara tokkoon Ykn dugda irratti namatti dhagahamuu
B. Fedhii nyaata keenya hir'isuu
C. Diimachuu fincaanii fi kkf
Furmaata
========
Mallattoo armaan olitti tarreeffaman kanneen yoo ofirratti argineef cirracha kaleen hubamne jechuu kan dandeenyu yoo buufata fayyaa deemnee ilaalamnee adda baafanne qofa.
Haaluma kanaan erga ilaalamnee booda cirracha kalee yoo ta'e
A. Ultrasound Ykn Cityscan'n hangi cirracha kalee sun 0.5cm ol ta'e garuu yaala baqaqsanii hodhuun Ykn mala lithotripsy(annisaa ifaa qaamatti gadi lakkisuu ) gargaaramuun cirrachi kalee sun caccabee akka dhabamu taasisuun ni danda'ama.
Fayyaan keessan hin goolamiin!
Galatoomaa!!

28/11/2021

Why this picture doesn't get millions like celebrity photos 😥💔

28/11/2021

ALLAHU AKBAR ☝

28/11/2021

● 'ibaa🤔
👉Namni Lafee Qoqoru Waa Sadii (3) Fakkaata👇

1: Yeroo Ija babaasu Goota Fakkaata
2: Yeroo Afaan Itti Banu Waraabeessa Fakkaata
3: Yeroo Itti Gororu Daa’ima Fakkaata

👉ilmi Namaa Haala Jireenya Isaatiin Bakka Saditti Qoodama

1: Tokko Kan Biyya Jiru
2: Tokko Kan Biyyaaf Jiru
3: Tokko Kan Biyyatti Jiru

👉Namni Kijibu Waa Sadiif Muddama

1: Dhagayuuf Muddama
2: Himuuf Muddama
3: Booda Ammoo Na Dhooysaaf Muddama

👉Goowwaan Waa Sadii Jaalata

1: Osoo Hin Dubbisin Dubbachuu
2: Osoo Hin Gaafatin Himuu
3: Osoo Hin Tuqin Aaruu

👉Keessummaan Waa Sadiin Kabaju

1: Erbee Rifeensa Hin Qabne
2: Lafee Foon Hin Qabne
3: Foon Lafee Hin Qabne

❤Erbee Rifeensa hin Qabne jechuun : Fuula Ifaan Simachuu Jechuudha

❤Lafee Foon Hin Qabne Jechuun : ilkaan Gaariin Wajjiin Kolfuu Jechuudha.

❤Foon Lafee Hin Qabne Jechuun : Arraba Gaariin Itti Haasawuu Jechuudha.

👉Waa Sadii ilkaan Male Nama Nyaati
1.Hinaaffa
2.Yaada
3.Jaalala

Yaa Rabbi Waan Namaa fii Sa’aaf Hin Tolle Hunda Nurraa Qabi.🤲🤲

Erga Dubbiftanii Share godha jzkl.

20/11/2021
07/11/2021

Allahu Akbar
Oh Allah made the Qur'an light in our hearts and minds 🙏

07/11/2021

Address

Dinsho

Telephone

+251921372622

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when WIN world islamic news posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to WIN world islamic news:

Share