14/03/2022
Qabxiin seensa dhaabbilee barnoota olaanaa ibsame
*********
Gaazexaa Bariisaa
Qabxiin seensa dhaabbilee barnoota olaanaa bara 2013 ibsame.
Haaluma kanaan Saayinsii Uumamaan barattoota idileef dhiira 363, dubartootaaf 351 yoo ta’u, Saayinsii hawaasaatiin barattoota idilee dhiiraaf 264, dubartootaaf 254 ta’uun ibsameera.
Akkasumas Saayinsii Uumamaatiin naannolee guddinarra jiraniifi horsiisee bultootaa barattoota idileef dhiira 351, durbaaf 339, barattoota qaroo dhaggeettii hinqabneef koorniyaawwan lamaanuu 300, Barattoota dhuunfaan qoramaniif koorniyaa lamaanuu 380 ta’uu eerameera.
Saayinsi hawaasaan naannolee guddinarra jiraniifi horsiisee bultootaa barattoota idileef dhiiraf 254, dubartootaaf 250, barattoota qaroo dhaggeettii hin qabneef koorniyaawwan lamaanuu 250, qaroo dhabeeyyi koorniyaawwan lamaanuu 200, kanneen dhuunfan qoraman ammoo koorniyaa lamaaniinuu 280 ta’uun himameera.
Dhaabbilee barnootaa olaanaa dhuunfaa hordofuuf Saayinsii Uumamaan qabxii gadi aanaan 300, Saayinsii hawaasaatiin qaroo dhabeeyyiirraa kan hafe hunduu 250 yoo ta’u, qaroo dhabeeyyiif korniyaawwan lamaanuu 200 ta’uu eerameera.
Barattoota marsaa jalqabaatiin qormaata fudhataniif Saayinsii Uumamaatiif 600 akkasumas Saayinsii Haawaasaatiif 500 kan qabame yoo ta'u, qoratamtoota marsaa lammaffaatiif Saayinsii Uumamaatiif 700, Hawaasaatiif 600 keessaa qabame.