Afizo Temam

Afizo Temam Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Afizo Temam, Digital creator, New York, Dembi Dolo.

Yaa rabbi nagaan nuuf fidi!
08/11/2023

Yaa rabbi nagaan nuuf fidi!

Amma Normal godhameera!
03/11/2023

Amma Normal godhameera!

Biya Seman woliin!
29/10/2023

Biya Seman woliin!

Free Palestine... Yaa Rabbi Birmadhuuf🤲🏾🤲🏾
28/10/2023

Free Palestine... Yaa Rabbi Birmadhuuf🤲🏾🤲🏾

Dhugaa dabbachuuf baayyee namatti tola!Dargaggoota irratti yoo kan hojjatamu ta'e womti Itoophiyaan hin guddanneef hin j...
28/10/2023

Dhugaa dabbachuuf baayyee namatti tola!

Dargaggoota irratti yoo kan hojjatamu ta'e womti Itoophiyaan hin guddanneef hin jiru.

Abiy Ahmed Ali

Bukaar Rijaal bara hojii gaarii!
28/10/2023

Bukaar Rijaal bara hojii gaarii!

Ahmadin Jihaad An garuu shanan isa jedhamu kana hin beeku yee!
28/10/2023

Ahmadin Jihaad An garuu shanan isa jedhamu kana hin beeku yee!

Riyaad Raayyaa Kitaabni kee badhaasaaf Kaadhimamuu caala maaltu na gammachiisa?Baga gammadde! qaalii koo ❤️
28/10/2023

Riyaad Raayyaa Kitaabni kee badhaasaaf Kaadhimamuu caala maaltu na gammachiisa?

Baga gammadde! qaalii koo ❤️

Abdurezak Kemal and Hayyuub woliin!
28/10/2023

Abdurezak Kemal and Hayyuub woliin!

Gebisa EjetaCongratulations!
25/10/2023

Gebisa Ejeta

Congratulations!

Jaalala!Rasaasa hamaa adduunyaanSagalee isaan dhageenyeeInni gidduudhaa dhibnaanKan namuu galman geenyeeOolmaaf bultii k...
20/10/2023

Jaalala!

Rasaasa hamaa adduunyaan
Sagalee isaan dhageenyee
Inni gidduudhaa dhibnaan
Kan namuu galman geenyee

Oolmaaf bultii keenyatti
Inni simboo rarraasuu
Worra woliin kufan
Kan qabee lafaa kaasuu

Kan namni ittiin bitamu
Maallaqa bakka bu'ee
Otuu ragaa ba'anii
Kan jaalalaaf jecha du'ee

Kan didaa bishaan godhee
Harkasaa kennachiisuu
Kan bineensa madaqsee
Nama woliin jiraachisuu..

Kan durba ittiin sobanii
Godhan dubartii caaltuu
Iccitii duuba jiru
Jaalala maaf wollaaltuu?

Afizo Temam follow godhaa!

Ilmoo Koo!
15/10/2023

Ilmoo Koo!

10/10/2023

Barattootni Kutaa Alana 12ffaa
Hin dabarre
Bara dhufu akka darbitan Abdiin qaba!

Deemi karaa nagaaErga deemtee diddeeJaalalan siif qabuufErga jibbaa fiddeeQabee si naannessusOnnee koo siif kenneeEgaa m...
05/10/2023

Deemi karaa nagaa
Erga deemtee diddee
Jaalalan siif qabuuf
Erga jibbaa fiddee

Qabee si naannessus
Onnee koo siif kennee
Egaa maalan godha
Silaa rabbin jennee

Yaadaan adda baanee
Kanaaf gargar baanee
Baayyee deemna turre
Osoo tokko taanee

Erga deemtee deemi
Danda'ee sin dhorkuu
Waan ati na goote
Rabbumti haa arguu.

Afizo Temam

Xumurameera!
30/09/2023

Xumurameera!

Maalan sitti balleesseMaaltu jira waan haaraa?Anoo kufee ka'eetanSiidaa jaalalaa ijaaraa!Afizo Temam
28/09/2023

Maalan sitti balleesse
Maaltu jira waan haaraa?
Anoo kufee ka'eetan
Siidaa jaalalaa ijaaraa!

Afizo Temam

Badhaasni Miila Bakar Waaree ta'ee?Aminu Fira Abbafita..
27/09/2023

Badhaasni Miila Bakar Waaree ta'ee?

Aminu Fira Abbafita..

Hin barreessu taanaanMaaliifan baradheeNan barreessa maleeQalama QabadheeYaada koon ibsadhaaQuuqqaa koon tarreessaaYaada...
27/09/2023

Hin barreessu taanaan
Maaliifan baradhee
Nan barreessa malee
Qalama Qabadhee

Yaada koon ibsadhaa
Quuqqaa koon tarreessaa
Yaadaa fi yaaddoo koon
Wolaloon Barreessaa

Hordoftoonni kiyya
Takka na dhageessuu
Wonta an balleesse
Na gorsuu dandeessuu!

Afizo Temam...

Barcaa Bareedaa Dabarsaa jirra!
27/09/2023

Barcaa Bareedaa Dabarsaa jirra!

Yoomuu jirta RabbiiAnaan na marsiteeHamaatti nan kenninMaaloo dabarsiteeJiruu koo hundumaaSi qofaattan laadhaaAbdiin kan...
22/09/2023

Yoomuu jirta Rabbii
Anaan na marsitee
Hamaatti nan kennin
Maaloo dabarsitee

Jiruu koo hundumaa
Si qofaattan laadhaa
Abdiin kankoo sumaa
Siinan jajjabaadhaa

Eegii na geggeessii
Daandiin irra imalee
Nan argatin duuti
Balaan karaa malee

Nama hin amanuu
Kan keessisaa bofaa
Yaa Rabbi yoomiyyuu
Wobiin koo si qofaa

Afizo Temam follow godhaa!

21/09/2023

Muslimaaf gara Makkaa
Worra kaaniif gara malkaa
Nuuf dhorkaadha👊🏻

Yaadannoo Fulbaanaa!
21/09/2023

Yaadannoo Fulbaanaa!

Sin fuudhu!Jechoota minyaa'ooDuraa duubaan tarreessiiBareedaa koo jedhiiMessage naaf barreessiiMale waa'ee na fuudhiiBaa...
21/09/2023

Sin fuudhu!

Jechoota minyaa'oo
Duraa duubaan tarreessii
Bareedaa koo jedhii
Message naaf barreessii

Male waa'ee na fuudhii
Baafnaan afaan kee keessaa
Onnee koo keessaa baatee
Koomee koo jala teessaa

Jabduu keef ija qapheen
Dadhabbii kee ol kaasaa
Qalloo koo jechuun hafee
Jirmattan si mogaasaa

Loomii koo, maseena koo
Kichuu koo jechuun hafee
Akka cumaa ibichaan
Si lulluuqqadha tufee

Ani inni maatii isaa irratti
Kufeeru madaallisaa
Fuudhuunillee salphaadhaa
Fuudhee hoo maalan nyaachisaa

Garuu

Worri haalli miijateef
Hin qabne abaarsa gayyaa
Anuu nan qoose male
Otuu fuudhanii woyyaa.

Afizo Temam

Bukaar Rijaal eessaa fuute ammoo
21/09/2023

Bukaar Rijaal eessaa fuute ammoo

21/09/2023

Achumattan guuteef
Muraada ishee
Jecha
Esak Zenu Abagero

WaadaaWaadaa woliin qabnaHirbuu woliif seenneeKanaafan si soqaTakkaa gadin teenyeeMallattoo waadaa koofKudhaama siif laa...
21/09/2023

Waadaa

Waadaa woliin qabna
Hirbuu woliif seennee
Kanaafan si soqa
Takkaa gadin teenyee

Mallattoo waadaa koof
Kudhaama siif laadhee
Summii natti ha ta'u
Hirbuu kee yoon nyaadhee

Beenyaa na gaafatus
Iddoon ani dhaqee
Waadaa kee hin haaluu
Karaa koorraa maqee

Erga addaan baanee
Takkaa rafeen bullee
Garuu sirraan hafuu
Nan dhufa yaa kuullee!

Afizo Temam

Address

New York
Dembi Dolo
JIMMAA

Telephone

+251966063566

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Afizo Temam posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Afizo Temam:

Videos

Share


Other Digital creator in Dembi Dolo

Show All