WAAJJIRA KOOMINIKEESHINII AANAA GOOROO MUXII

WAAJJIRA KOOMINIKEESHINII AANAA GOOROO MUXII Government office Affairs

29/08/2024
05/06/2024
05/06/2024

Nageenyi qabeenya hundaati!

01/06/2024

ጦርነትን ኖረንበታል። የተወሰኑ ችግሮቻችንን ፈትተንበታል።

አብዮትን ደጋግመነዋል። የተወሰኑ ችግሮችን ፈትተንበታል።

በሁለቱም ያልተፈቱትን ችግሮች ለመፍታት የቀረን መንገድ ምክክር ነው።

ምክክርን ግን አልተጠቀምንበትም።

ጦርነትና አብዮት የተሟላ መፍትሔ የማያመጡት አሸናፊ እና ተሸናፊ ስለሚያስከትሉ ነው።

ቢዘገይም የተሸነፈው ለማሸነፍ ይታገላል። ያሸነፈውም ድሉን ለመጠበቅ ይዋጋል።

ምክክር ግን ሁሉንም አሸናፊ ያደርጋል። ከተሸነፍንም ሁላችንም ለሀገራችን ብለን ነው የምንሸነፈው።

ይሄ የምክክር ሂደት ሦስት ነገሮች ያስገኝልናል።

1. ሁሉንም ባይሆን እንኳን ዋና ዋና ችግሮችን ይፈታል
2. ከጦርነት ይልቅ ምክክር ባህል እንዲሆን ያደርጋል
3. በተቃራኒ ኃይሎች መካከል መቀራረብና መግባባት ይፈጥራል። ይሄንን መቀራረብ በመጠቀምም ወደፊት በጉዳዮች እየተነጋገርን ለመቀጠል ያስችለናል። በመሆኑም ይኽንን እድል ሳናበላሽ ወደ ተሟላ ድል እንድናሸጋግረው እጠይቃለው።

Waraanatti jiraanneerra. Rakkoolee keenya murtaa'an ittiin hiikkaneerra.

Warraaksa daddabalanneerra. Rakkoolee keenya murtaa'an ittiin hiikkanneerra.

Rakkoolee lachaniinuu hin hiikamne hiikuuf daandiin nuhafe mariidha.

Marii garuu itti hin fayyadamne.

Waraanniifi warraaksi furmaata guutuu kan hin fidne injifataafi injifatamaa waan uumaniifidha.

Turus inni injifatame injifachuuf ni qabsaa’a. Inni injifates injifannoosaa eegsisuuf ni lola.

Mariin garuu hundumaa injifataa taasisa. Yoo injifatamnes hundi keenyayyuu biyya keenyaaf jennee injifatamna.

Adeemsi marii kun waantoota sadii nuuf argamsiisa.

1. Hunda ta'uu baatullee rakkoolee ijoo ta'an ni fura.
2. Waraanarra mariin aadaa akka ta'u godha.
3. Humnoota faallaa ta'an gidduutti walittidhiyaachuufi waliigaluu uuma. Walittidhiyeenya kanatti fayyadamuudhaan fuulduratti dhimmoota kaanirratti marii'achaa ittifufuu nudandeessisa. Kanaafuu carraa kana utuu hin balleessiin gara injifannoo guutuutti akka ceesifnun dhaama.

Humnoonni Waloo Motora Guddina Misooma Dinagdee Keenyaati-----Biyya keenya rakkoowwan walxaxaafi hiyyummaa hamaa turte k...
01/06/2024

Humnoonni Waloo Motora Guddina Misooma Dinagdee Keenyaati
-----
Biyya keenya rakkoowwan walxaxaafi hiyyummaa hamaa turte keessaa baasuun gara badhaadhinaatti ceesisuuf humni mootummaa qofti gahaa miti.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas dhugaa kana bu’uurarraa hubachuun kuufama rakkoo kaleessaarraa as ce’e, fedhii har’aafi dorgommii haala qabatamaa addunyaa keessa jirru waliin walsimuuf humnoota waloo fayyadamuun murteessaa ta'uu amanuun bal'inaan hojiirra oolchaa jira. Humna uummataafi dhaabbilee deeggartoota misoomaa qindeessuunis hojiiwwan gurguddoo hojjechaa jira.

Humnoonni waloo bu’uura aadaa keenyaa qaban kun osoo faayidaarra hin ooliin turus yeroo ammaa Mootummaan Naannoo Oromiyaa galma sirnaafi mootummaa uummataa ijaaruuf qabate milkeessuuf humnoota waloo qindeessuun faayidaarra oolchaa jira.

Keessumattuu humnoota waloo bu'uura aadaafi duudhaa uummata Oromoo qaban kana sirnoomsuun humna misoomaa dabalataa taasisuun bu'aawwan gurguddaan galmaa'aa jiru.

Sirnoonni bu’uura duudhaafi eenyummaa uummata Oromoo irratti ijaaramuun hojiirra oolfamanis dhimmoota misooma waloo, haqa waloo, nageenya waloof waliin dhaabbachuu irratti kan xiyyeeffatanidha. Hojii hanga ammaatti hojjetameenis bu’aawwan rakkoolee uummataa hedduu furaniifi duudhaa walbira dhaabbachuu, waliin hojjechuu dagaagsan hojjetamanii jiru.

Tarkaanfii Tajaajila Lammummaa hojiirra oolaa jiruun manneen barnootaa, daandii, riqaalee, manneen harka qalleeyyii suphuufi ijaaruu, Ashaaraa Magariisaafi k.k.f irratti bal’inaan hojjetameera. Sirni kun hawaasa bal’aa hirmaachisuu bira darbee hojiiwwan maallaqa mootummaan hojjetamuu qaban tajaajila lammummaan hojjechuun baasii mootummaa birrii biliyoonatti lakkaa’amu hambisuu danda’eera.

Manni Murtii Aadaa rakkoo haqa argachuufi dhugaa baasuu, baasii uummataa sababa deddeebiin hawaasa keenya mudataa ture hiikuu, baay’ina galmee gara manneen murtii idilee dhaqanii hir’isuun dhaqqabummaa haqaa mirkaneessuu irratti gumaacha guddaa taasisaniiru.

Buusaa Gonofaadhan rakkoolee hawaas–dinagdee uumamaafi nam-tolchee hedduu furuun danda’amee jira. Akkasumas Gaachana Sirnaatiin uummanni Oromoo gurmaa’ee nageenya qe’ee isaa akka eeggatu taasisuun bu’aan guddaan argamee jira.

Gaachanni sirnaas waloodhaan nageenya naannoo ofii eeggachuuf kan oolu yoo ta'u, gama kanaanis jijjiiramoonni gurguddoon argamanii jiru. Qaama nageenya isaafi naannoosaa jeequ, akkasumas sirna uummaanni ofii isaatii ijaarrate humnaan diiguuf socho'urrattis tarkaanfii barbaachisaa ta’e fudhachuudhaan nageenya naannoo isaa mirkaneessa.

Walumaagalatti humnoota waloo bu’ura aadaa ummata Oromoorraa maddan kana karaa qindaa’een hojiirra oolchuuf shoorri ummataa bakka bu’ummaa kan hin qabne ta’uu hubatamee, uummanni itti gaafatamummaa isarraa eegamu eeggattummaa malee bahachuun murteessaa dha.

30/05/2024
Ijaarsa Biyyaa Keessatti Gaheen Midiyaa Hawaasaa Olaanaadha!******Midiyaa Hawaasaa Sirnaan Fayyadamnee Hojii Ijaarsa Biy...
30/05/2024

Ijaarsa Biyyaa Keessatti Gaheen Midiyaa Hawaasaa Olaanaadha!
******
Midiyaa Hawaasaa Sirnaan Fayyadamnee Hojii Ijaarsa Biyyaa,Lammiileen akka Hojjatanii jijjiramanii Badhaadhanii fi Nageenyaaf oolchuu qabna!

30/05/2024

Aadaa Qusannaa Guddisuun Badhaadhina Biyyaa Dhugoomsuuf Murteessaadha!
*******
Biyya aadaa qusannaa jabaa qabutu badhaadhinatti tarkaanfata. Aadaan qusannaa ummataa hanga hin cimnetti diinagdee biyyaa sadarkaa amansiisaa fi itti fufiinsa qabuun jijjiiruun waan hin yaadamneef hawaasa aadaa qusannaa isaatiif xiyyeeffannaa kennu sadarkaa hundatti horachuun barbaachisaadha.

Qabeenya horachuudhaan hiyyummaa injifachuuf tattaafachuu fi kan qaban irraa qusatanii boruuf ol kaawwachuun sadarkaa hundatti hin aadeffatamu yoo ta’e fuulduratti tarkaanfachuu fi guddina barbaadamu fiduun hin danda’amu.

Biyya hiyyummaadhaaf hin jilbeeffannee fi carraaqqii guddinatti tarkaanfatte ijaaruuf aadaan qusannaa hawaasaa bu’uura cimaa ta’e qabaachuu qaba. Kana galmaan gahuuf ammoo lammiin hunduu xiyyeeffannaannaan hojjachuu fi gahee irraa eegamu qixaan bahachuutu irraa eegama.

Leenjii qonnaan bultootaa fi horsiisee bultoota naannoo Oromiyaatiif itti fufee kennamaa kan jiru yoo ta’u, leenjii kanaan hubannoowwan aadaa qusannaa hawaasaa guddisuuf gargaaran uumamaa jiru.

Address

Hararghe
Ch'elenk'o
NONE

Telephone

+251973327158

Website

PAGE/youtube, https://www.facebook.com/GOOROO.OFICIAL PAGE, https://www.facebook

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when WAAJJIRA KOOMINIKEESHINII AANAA GOOROO MUXII posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Videos

Share