Jama'aa Dargaggoo Musliima Magaala Barooda

Jama'aa Dargaggoo Musliima Magaala Barooda Alahamduliillaha kayyoon keenyaa musliima tokkoo godhudha

02/07/2023
30/06/2023

YOOMILLEE TAANAAN DALAGAA TEETIIN HIN BOONIN
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

ilmi Namaa kan jannata seenuun Rahmata Rabbiitiini malee dalagaa isaatiinii miti.

Kanaafuu Yoomillee taanaan an nama Rabbiiti, an Warra jannataati jettee dalagaa teetiin hin boonin.

Dalagaa tee qofaan boonuun, hanqina kee akka Ati hin arkine si gooti, si malee Namni Karaa dhugaarra jiru hin jiru si jechisiisti, of si wallaalchistee Karaa hin taane keessa si oofti.

Hanga Feete Nama Rabbi Gabbaru taatuus dalagaa teetiin hin boonin.

Sirraa qeebalamuu Rabbi Qofaatu Beeka.

Rabbiin Warra dalagaa isaaniitiin boonu isin hin Taasisin.

By: Dr. Ibsaa Dhugaa

https://www.facebook.com/profile.php?id=100079009500149&mibextid=LQQJ4d

23/04/2023
23/04/2023

Soomana Boodaas
Ibaadaa Godhuu
Rabbi Isiniif Haa Laaffisu

23/04/2023

Harka Keessan Rabbitti Ol Qabaa Aamiin Na Jalaa Ja’aa !!!
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

Bismillaahi Arrahmaani Arrahiim
Alhamdulillaahi Rabbil Aalamiin
Wassalaatu Wasaalaamu Alaa Rasuulillaahi
Sallallaahu Aleeyhi Wasallam

Yaa Rabbii Keenya Dilii teenya hunda nuuf araarami
Yaa Rabbi dalagaa gaggaarii hunda nurraa qeebali
Yaa rabbi adunyatti jiruu gaarii Nu jiraachisi
Aakhiratti jannatul Firdoowsiin nu qananiisi

Yaa Rabbi waan nu jalaa bade Nuuf Mullisi
Yaa Rabbi waan nu jalaa fagaate hunda nuuf dhiheeysi

Yaa Rabbi Nama karaa Keetirratti du’u nu taasisi.
Yaa Rabbi Rizqii nutti ballisi
Kheeyriin dalaguu nuuf laaffisi

Yaa Rabbi shabaaba Keenya jaartii gaarii kenniif
Shamarran keenyaaf jaarsa gaarii kenni
Dhukkubsataa Keenya hunda nuuf fayyisi
Kan nurraa Aakhirame hundaaf Rahmata Nuuf godhi

Haadhaa abbaa keenyatti nuuf toli
Ibaadaa tee hunda Nuuf Laaffisi.

Yaa Rabbii keenya si kadhannee nuuf qeebali
Tan nurraa irratte atummaan itti nuuf guuti.

Aaaamiin Aaamiin Yaa Rabbal Aalamiin.

By: Ibsaa Dhugaa

https://www.facebook.com/profile.php?id=100079009500149

08/04/2023
08/04/2023
Zinaa irraa waa hubachuu ni feetaa!!Dargaggoo tokkotu ergamaa rabbii (S.A W) akka zinaa godhu hayyama gaafate. Dargaggoo...
05/04/2023

Zinaa irraa waa hubachuu ni feetaa!!

Dargaggoo tokkotu ergamaa rabbii (S.A W) akka zinaa godhu hayyama gaafate.

Dargaggoon kun ergamaa rabbitti ol seenee jedheen

Yaa ergamaa rabbii (S.A.W )ani nama haalan bareedu dubartilleen haalan na jaalatti kanaafuu akka zinaa godhu naaf hayyama jedhee gaafate.

Ergamaan rabbillee nama obsa haalan qabu nama haalli isanillee haalan bareedati waan tahaniif itti hin aarre isallee hin aarsine.

Akkana jedhaniin

Ati akka namni haadha teetitti zinaa godhu ni feetaa? Jedhaniin

Innille lakki hin fedhu jedheen

Ammas akka Obboleettii teetitti namni zinaa dalagu ni feetaa? Jedhaniin

Innis lakki hin fedhu jedheen

Ammas akka namni jaartii teetitti zinaa godhu ni jaalattaa? Jedhaniin

Innis lakki yaa ergamaa rabbii (S.A.W) hin jaaladhu jedheen

Namni hundi akkuma kee kana hin fedhan beeki.
Namni ati zinaa itti hojjattu haadha, obboleetti, jaartii namaatii beeki. Jedhaniin

Innis yaa ergamaa rabbii (S.A.W )amma booda zinaa hin kajiiluu jedheen
Ergamaan rabbillee (S.A.W )du'aa'ii godhaniif

Innis akki jedhe yeroo dura ergamaa rabbitti (S.A.W) ol seenu namni akka kiyya zinaa godhuu jaalatu hin jiru amma garuu yeroo achirraa gad bahu namni akka kiyya zinaa godhuu jibbu hin jiru jedhe

Obboleeyyan koo kan islaamaa nama jaallattaniif share godhaa Jazaakumullaahu kheeyran.

Zinaa fii Warra Zinaa Hojjattu rraa Rabbiin nuhaa fageesu..isaaniis Rabbiin isaan Haa Qaceelchuu
05/04/2023

Zinaa fii Warra Zinaa Hojjattu rraa Rabbiin nuhaa fageesu..isaaniis Rabbiin isaan Haa Qaceelchuu

Warri Umraa godhaa jiru naannawa Ka’baa tti yeroo Rabbiif Sujuudan, maaltu akkanatti bareeche?
02/04/2023

Warri Umraa godhaa jiru naannawa Ka’baa tti yeroo Rabbiif Sujuudan, maaltu akkanatti bareeche?

السلام عليكم ورحمة الله وبركاته Obbolleeyyan kiyyaa kan islaamaa kotaa mee arra hadisa tokko wajjin laala.Ergamaan rabbi...
02/04/2023

السلام عليكم ورحمة الله وبركاته
Obbolleeyyan kiyyaa kan islaamaa kotaa mee arra hadisa tokko wajjin laala.

Ergamaan rabbi SAW akkana jedhan hadisa abu hureeyra (Abdurahman binu sakhri)keessatti

Waa torba (7) halaaktu irraa fagadha jedhan

1~> shirkii (rabbitti qindessuu)

2~> sihrii (falfala)

3~> lubbu rabbin haram godhe haqa maleetti ajjeessuu

4~> ribaa (dhala) nyachuu

5~> horii yaatima (hiyyeeyyi) nyachuu

6~> guyya lola egaa warranni walitti seene dire lolatti baqachuu

7~> darbachu (arrabsu) isiii gariii taatee mu'mina akkasuma dagattu kan taatee hameenya san irraa zina goote jedhani

Hadisni sahiha (bukhari fi muslim)

Yaa obbolleeyyan kiyyaa nama waan dhagahe irra fayyadamu rabbin nu haa godhu ☝😭

Obbolleeyyan keessan biranis gaha.....

Akka irra gorfamtan abdiin qaba in shaa Allah ☝

02/04/2023

Rahmata fi dhiifama walii haa goonuu!
Abdullaah ibnu Umar (RA) irraa akka odeeyfametti Ergamaan Rabbii
(SAW) Akkana jadhan :- "Rahmata waliif godhaa Rahmataatu isiniif
godhamaa; Waliif irra dabraa (Rabbiinis) isiniif irra dabraa."
ﻋﻦ ﻋﺒﺪ ﺍﻟﻠﻪ ﺑﻦ ﻋﻤﺮﻭ ﺭﺿﻲ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻨﻪ ﻗﺎﻝ ﺻﻠﻰ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻠﻴﻪ ﻭﺳﻠﻢ
‏( ﺍﺭﺣﻤﻮﺍ ﺗﺮﺣﻤﻮﺍ , ﻭﺍﻏﻔﺮﻭﺍ ﻳﻐﻔﺮ ﻟﻜﻢ

Zinaa irraa Fagaadha. Zinaan Hiyyummaa, Dhukkuba, Dallansuu Rabbii, Gabaabina Umrii fiKaatimaa badduu Namatti fiddii. Ga...
02/04/2023

Zinaa irraa Fagaadha. Zinaan Hiyyummaa, Dhukkuba, Dallansuu Rabbii, Gabaabina Umrii fi
Kaatimaa badduu Namatti fiddii. Galatni warraa Zinaa dhisuu didee Aakiraatti Ibiddaa Jahaanami!!
Nuur Al Hudaa

🌳 Waa 4 milkii irraay je'an Ergamaan Rabbii ﷺ Rabbiin siif haa kennuu = Jaarti gaarii = Yaabbii gaarii= Ollaah gaarii = ...
01/04/2023

🌳 Waa 4 milkii irraay je'an Ergamaan Rabbii ﷺ Rabbiin siif haa kennuu
= Jaarti gaarii
= Yaabbii gaarii
= Ollaah gaarii
= mana Baldhaa

🔹 Waa 4 Umrii Nama dheersitti rizqii siif baldhistii je'an Ergamaan Rabbii ﷺ

= Rahiima sufuu( maxxanfachuu)
= Haadhaf Abbaa tola oolu
= Salaata halkanii
= Sadaqaa dhoksaa tan waan harkii mirgaa kenne bitaan Hin beekne

🔹Waa 4 irraa fagaadha irraa dheeksa je'an Ergamaan Rabbii ﷺ

= Haqa Namaa
= Zinaa
= Arrabaan wol hamachuu
= Kijiba

Haqa namaa irraa fagaadha haqa namaa Rabbiina guyyaa qiyaama namaaf Hin Ararmuu je'an nabiin ﷺ

Ammas zinaa irraa fagaadha hanga zinaa irraa fagattan caalttii Arrabaan Wol hamachuu irraa fagaadha foon obbolessa kessanii Isa duuba nyaachu irraa fagaadha
je'an Ergamaan Rabbii ﷺ

Ammas kijaba irraa fagaadha hin kijibanaa namni kijibu jannata Hin seenu je'an Ergamaan Rabbii ﷺ

🍀 4 duraa hundaa Rabbiin isiin haa milkeessu Umrii isiin haa dheersuu waan nabiin ﷺ isiin dhorkan irraa dhoorkama
اللهم صل وسلم على سيدنا محمد وعلى آله وصحبه أجمعين

01/04/2023

Namni dhukkuba garaachaa hamaa qabu baatii Ramadaanaa akkamitti soommanuu qaba? Turtii Gabaabduu Dr. Muhammad Huseen wajjiinCopyright: Nuuralhudaa Media 2023...

Address

Boreda

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Jama'aa Dargaggoo Musliima Magaala Barooda posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Jama'aa Dargaggoo Musliima Magaala Barooda:

Share


Other News & Media Websites in Boreda

Show All

You may also like