11/12/2024
Baaburri dheeraan addunyaa kanaa kan konkolaachisaa malee socho'u hojii eegale.
▬ ▬ ▬
Tajaajilli baabura imaltoota konkolaachisaa hin qabne kun dhiheenya kana Sa’uudii Arabiyaa Riyaad keessatti hojiirra kan oole yoo ta’u, sammuu namtolcheetiin(AI) kan deeggaramuu yoo ta’u, saffisaa, baasii xiqqaa fi nageenya kan qabu ta’uu himama. Mallattoo tiraafikaa hubachuun, saffisa baaburaa to’achuun, yeroo rakkoon mudatu dursanii beeksisuun faayidaa teeknooloojii sammuu namtolchee baabura kanaaf qabu keessaa muraasa. Kana malees haala imala imaltootaa hordofuu ni dandeessisa.
Tajaajilli kun daandiiwwan ja’a irratti dandeettii guutuudhaan guyyaatti imaltoota miiliyoona 3.6 fe’uuf dandeettii akka qabu Gulf Business gabaaseera. Filannoo geejjibaa itti fufiinsa qabu kennuudhaan, gadi lakkifamuu kaarboonii Riyaad keessatti hir’isuu fi dhiphina tiraafikaa magaalattii hir’isuuf gumaacha guddaa qaba jedhamee eegama. Tajaajilli daandii baaburaa baajata doolaara biiliyoona 23n hojiitti seene kun gara km 176 kan uwwisu yoo ta’u, sirna geejjibaa biyyattiif bifa haaraa ni kenna jedhamee eegama.