12/10/2021
Jimaan Ummata Oromoo Harargee biratti akka Sabatti ilaala.
Abbaan Ooyruu Jimaa akka Ilmatti laala. Yeroo ilma fuusisuus Jimaa geeysa. kana qofaa miti Ummatichi %99 Galii Jimaatiin waan ittiin jiraatu gaggeeffata. Namni jiraachuuf Nyaatee dhuguu qaba. Ummatichi Nyaatee dhuguuf galii jimaatti dhimma baha. Ummatichi ykn namni dhunfaa Nyaate hin jiraanne Saba tahuu hin dandahu. Kanaaf Ummatichi Jimaa akka ilaala. Qamahuuf ilaalcha qabaachuun waan biraati. Garuu Diinagdee irratti hin tahu Jimaa tuttuquuniis, ummata irraa ittisanii daldaluuniis.
Feetu Generaala tahi, Feetu Ministera tahi, Feetu President tahi, Feetu Komishiinara Generala tahi dhimma kana osoo ummanni hin fayyadamneen akka Diraaga Mexico fi Ameerikaa jidduu hojjatamuu sanattiin fedhii dhunfaa fedhii Ummataa fi biyyaa dura aansa jettanii tanaan harki jimaa keessa jiru ofiif murama. Qabeenya biyya Ummanni biyyaa fi biyyi irraa fayyadamuu qabdi dursa. Osoo ummanni hin fayyadamne tubboo wayyaanee irraa baateen ofitti deebisa jettan taanaan akkuma General Ku'artarii fi Maashoo faa taatu. Kana Ammoo Sirni Badhaadhinaas isiniif hin hayyamu. Jimaan Qabeenya Ummata Oromooti, Qabeenya biyyaati kana hunda kan tahu Jimaan yoo Jimaa Abbaa Ooyruu taheedha.
Iccitii ilaalcha Jimaa duuba jiruus sirritti beeyna eeysaa akka madde bara dur irraa kaasee jecha. Maaliif akka maddisiisaniis jecha. Hawaasni iccitaawaan ( Secret Society ) tahan Qabeenya Uumamaa Addunyaa irratti uumaman garuu Galii Finnaa ykn Diinagdee saffisaan argamsiisu yoo kan isaanii hin taane busheessuu balleessuu jaalatu. Dubbiin ilaalcha jimaas dubbii warra san biraa baateedha malee Jimaan ummata isa qabu biratti wanti ilaalchaaf haasahu kun hin jiru.
Gama Yaadama Diinagdeetiiniis Addunyaa irratti Nama dhunfaa irraa kaasee, Kaampaanileen, Biyyiis, Ummanniis waan diinagdee argamsiisu kalaquuf ykn Uumuuf halkanii guyyaa carraaqu; Sibiila baysuun haa tahu, Mukkeen firii dhalan kan uumamaan jiru Oomishuu fi walitti diqaalomsuun muka firii haaraa argachuun haa tahu, Teknolojiin waan adda addaa uumuudhaniis haa tahuu, Faaya dhagaa irraa baqsuun haa tahuu, Wantoota garaagaraa boca fi bifa jijjiiranii gabayaaf dhiyeessuu haa tahuu. Garuu Hooggantoonni biyya tanaa warroonni tahan kan duraanii hundi Jimaa Abaaru. Duuba jimaan waan Uumamaan Diinagdee namaaf fidaa erga tahe maaliif dhabamsiifamuu jedhama ykn ilaalcha Abaaramuu qabaata Albuuta rabbiin diinagdee ittiin argadhaa je'ee offin nuuf uume. Kanaaf Ilaalcha warroota qabeenyummaa keessaa hin qabnee irraa madde akka tahe sirritti ifaadha. Biyyi biraa diinagdee argamsiisuuf waan garaagaraa barbaaddii teenya tan qabdu nin balleessa tan jettu iccitiitu jira.
Torbee Lamaawwan Darbe Jimaan Ajendaa tahee ture yeroo sanitti warra Ajendaa sobaa godhatee fi warra Dhugaan Jimichaaf qabsaaheetu jira akka Ummanni diinagdee isaatiif fayyadamuuf. Kun ammoo walitti laaqame. Dhimmi Jimaa ammoo dhimma Qilleensarratti hafarfamee hafu osoon taane akka qabsoo Gurraachota Ameerikaa. Kanaaf Dhimma Jimmaa Ummatichi akka Qabsoo warra Israeloota Ameerikaatti hojjachuun furama Mootummaa fi Paartii ofii waliin tahuun jechaadha.
Kanaaf Jimaan kan Abbaa Ooyruuti.
Kanuma