24/09/2024
Talaallii Daa’immanii(Child vaccination)
Daa’imman teessan dhibeewwan adda addaa irraa ittisuu ni barbaadduu?
Namni hunduu deebii eeyyen’ jedhu qaba.
Daa’imman keenna talaallii kennisiisuun karaalee dandeettii dhibeewwan adda addaa ofirraa ittiin ittisan gonfachiisuu keessa isa hangafa.
Daa’imman talaallii guutuu fudhatan dhibeewwan gosa hedduu irraa salphatti dandamatu ykn tasumaa hin qabaman.
Dhibeewwan daa’imman keenna talaalsisuun ittisnu keessaa:
Laamshessaa (Pooliyoo)-daa’imman qabnaan yaala hin qabu
Dhibee tiruu(Hepatitis)
Baasaa (garaa kaasaa)-Diarrhea
Michii sombaa(saambaa michii)-Pneumonia
TB(tuberculosis)
Dhibee qoonqoo(epiglottitis)
Tiitanasii(tetanus)
Talaalliin kan jalqabamu guyya daa’imni dhalaterraa tahus biyya keennatti yeroo baayyee guyyaa 45 irratti jalqabama.talaalliin sirritti akka fayyaduuf marsaalee talaalliin itti kennamu hundaa xumursiisuun baayyee barbaachisa.
Kanaafuu talaallii bilisaan kennamu talaalsisuun daa’imman keenna dhibeewwan kanniin irraa haa baraarru.