Dhalota dhalotaan barbaduu

Dhalota dhalotaan barbaduu dhalota dhalotan barbaduun dhalota bade dhalota jirun barbaduudha inni hin jirre ofiyyu hin jiru isa kamin barbadaree,kotta waliiwajjin dhugaa ni bafnaa...

04/07/2023

Far. 36
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
⁷ Yaa Waaqayyo, gaarummaan kee attam guddaa dha, dinqisiisaa dhas, ijoolleen namootaa gaaddisa bobaa kee jalatti kooluu in galu;
⁸ isaan wanta mana kee keessa guuteen cidha in godhatu, bishaan laga gammachuu keetiis akka dhugan in goota;
⁹ burqaan jireenya kennu si bira waan jiruuf, ifa keetiin ificha in argina.

10/07/2022

Far. 62
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
⁵ Lubbuun koo gab jettee Waaqayyoon duwwaa in eeggatti, abdii koo isa irra nan kaa'adha.
⁶ Inni kophaa isaa kattaa koo, gargaarsa koo, da'oo koo tis, egaa ani iddoo kootii hin mittiqu!
⁷ Waa'een oolfamuu kootii fi ulfina kootii, Waaqayyo harka jira; kattaan koo inni aango-qabeessi, iddoon ani kooluu itti galus Waaqayyo bira jira.

22/06/2022

Qol. 1
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹⁹ Waaqayyo guutummaa waaqayyummaa isaatiin, isa keessa jiraachuutti gammadeera.
²⁰ Waaqayyo wanta hundumaa karaa isaa ofitti araarse; dhiiga Kristos isa fannoo irratti dhangala'eenis lafa irratti, waaqa irratti nagaa buuseera.
²¹ Isin dur hamaa yaaduu keessaniin, hojjechuu keessaniinis orma, diina Waaqayyoos taatanii turtan.
²² Amma garuu Waaqayyo du'a namummaa ilma isaatiin isin araarsee, warra isaaf qulqullaa'an, warra mudaa hin qabne,warra balleessaa hin qabnes gohbee, of dura isin dhaabachiiseera.
²³ Haa ta'u iyyuu malee, amantii keessatti hafuun, hundee keessan irratti jabaattanii dhaabachuun abdii isa karaa wangeelaa dhageessan irraa socho'uu dhiisuun isin irra jira. Wangeelichi waaqa jalaa uumama hundumaatti lallabamee jira; ani Phaawulosis hojjetaa isaa ta'eera.

05/06/2022

Isa. 53
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
⁴ Inni garuu dhugumaan dhiphina keenya of irra in kaa'e, muddama keenyas in baate; nuyi garuu akka waan Waaqayyo dha'icha isatti fidee, akka waan inni isa rukutee gad isa deebisettis in lakkoofne.
⁵ Inni garuu balleessaa keenyaaf in waraaname, sababii yakka keenyaafis reebamee in caccabsame; nuyi nagaa akka argannuuf inni in adabame, madaa'uu isaatiinis fayyinni nuuf in argame;

30/05/2022

Gaarummaan waaqayyoo baraa baraani!

Ibr. 7¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯²⁴ Inni kun garuu bara baraan waan jiraatuuf, lubummaa isaa hojii dhaabataa godhee qabeera.²⁵ Kana irraa...
12/05/2022

Ibr. 7
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
²⁴ Inni kun garuu bara baraan waan jiraatuuf, lubummaa isaa hojii dhaabataa godhee qabeera.
²⁵ Kana irraa kan ka' es, inni yeroo hundumaa isaaniif kadhachuudhaaf waan jiraatuuf, warra karaa isaa gara Waaqayyootti dhi'aatan hamma dhumaatti fayyisuu in danda'a.
²⁶ Angafa lubootaa, isa qulqulluu, waan ittiin jedhan hin qabne, xurii hin qabne, isa cubbamoota irraa gargar ba'ee bantiiwwan waaqaa gararraattis ol jedhe akkasii qabaachuun nuuf in barbaachisa.
“Eenyutu itti farada ree?
Rom. 8:34
“Eenyutu itti farada ree?
Erga Kristos Yesus du'ee kaafamee immoo gara mirga Waaqayyootti argamee Waaqayyoon nuuf kadhatee, kan itti faradu hin jiru.”

11/04/2022

(Macaafa Faarfannaa 23 )
------------
1 Waaqayyo tiksee koo ti, ani homaa hin dhabu!

2 Inni marga lalisaa keessa akkan boqodhu in godha, gara laga itti aara galfataniittis na geessa;

3 inni lubbuu anatti in deebisa, maqaa isaatiif jedhee daandii qajeelaa irra na geggeessa.

4 Ani bowwaa dukkanaa'aa sodaachisaa keessa yoon adeeme iyyuu, hamaan anatti dhufa jedhee hin sodaadhu; ati anaa wajjin jirta, uleen keetii fi dhaabbanni kee ana in jajjabeessu.

5 Utuma warri na cunqursan ilaalanii, ati maaddii anaaf in dhi'eessita mataa koos dhadhaa ejersaa in dibda, xoofoon koos guutee irra in dhangala'a;

6 eyyee, bara jireenya koo hundumaatti gaarummaan kee fi arjummaan kee ana duukaa in bu'u; guyyoota kana hundumaafis mana Waaqayyoo keessa nan jiraadha.

07/03/2022

(Yohannis 14 )
------------
6 Yesus deebisee, "Karichi, dhugaan, jireenyis, ana; anaan yoo ta'e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu.

7 Ana beektanii utuu jiraattanii, abbaa koos in beektu turtan; ammaa jalqabdanii isa in beektu, isa argitaniittus" jedheen.

05/03/2022
08/02/2022

Omaan shakkinaa(×2)
hin bannu nutii hin maminaa
utuu jiruu gooftaan waantaanuu
galaanan haramne hin bannuu
ni Cena malee Gama sanatti×4
namaa kakuu baatu galaanni iyyuu hin nyaatuu raasema dabarsaa malee hin hambifatuu
haallii keessa jirru yoo fakkatee hamaa
Giti nuuf yaadame hin hafu in ga'ama!

06/02/2022

Gaarummaan waaayyoo baraa baraani!

04/02/2022

" Araarri Waaqayyoo garuu baay'ee waan ta'eef, jaalala isaa isa guddaa sanaan nu jaallate. "
(Efesoon 2: 4)

29/06/2021

waaqayyoo gariidha guyyaa gidiraatiis iddoo baqaati

20/05/2021

(Macaafa Isaayaas Raajichaa 43 )
------------
18 Kanaafis Waaqayyo, "Isa durii hin yaadatinaa, wanta darbettis yaada keessan hin hidhinaa!

19 Kunoo, ani wanta haaraa nan godha, inni amma iyyuu as ba'uutti jira; isin hin argitanii? Ani lafa onaa keessa karaa nan baasa, lafa duwwaa keessas bishaanota nan yaasa;

Address

Gimbi
Arba Mintch

Telephone

+251945763303

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dhalota dhalotaan barbaduu posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Dhalota dhalotaan barbaduu:

Share

Category