01/01/2025
Waaโee Utaalloo Tibbanaa
Finfinnee, Mudde 22, 2017 (FMC)- Dhibeen utaalloo uumamaan kutaalee hargansuu kanneen akka funyaan, qoonqoo fi ujummoo qilleensaa kan miidhuu fi dhibee namarraa namatti daddarbuudha.
โVaayirasiin Riinooโ utaalloon akka uumamuuf sababa yoo taโu, vaayrasiiwwan โKoronaaโ, โInfiluweenzaaโ, โPaaraa Infiluweenzaaโ, โRSVโn ammoo utaalloo fi dhukkuboonni walfakkaatan biroon akka uumamaniif sababa taโuutu ibsama.
Vaayirasiiwwan kanneen keessaa โRiinoo Vaayirasiinโ %50 utaloon umamuuf gumaacha akka qabu eerameera.
Haalaa qilleensaa jiidhinaa qabuu fi gogaa taโe tishuu funyaan keessaa waan gogsuuf dhibeen utaalloo fi hammi namaa namatti daddarbuu akka dabalu qorannoowwan damicharratti gaggeeffamaan ni mulโisu.
Waqtiin Gannaa yookaan yeroon roobaa xumuramuu hordofee baatiiwwan Fulbaanaa, Onkololeessa fi Sadaasaa dhibeen akka utaalloo fakkaatu kan mulโataniidha.
Dhibechi namni vaayirachaan qabame, wayita qufaโuu yookaan haxxiffatu kan daddarbu yoo taโu, qabannoo balbalaa, teessumaa vaayirasichi irraa qubate yookaan wantoota harki dhukkubsataa tuqe erga qabataniin booda afaanii fi funyaan yoo tuttuqan daddarbuu vaayirasichaaf haala mijataa taโuu ragaan Hospitaalaa Phaawuloos irraa argame ni mulโisa.
Dhibeen utaalloo yoo xiqqaate hanga torbee lamaatti kan namarra turu taโuu fi mallattooleen argisiisuus dhangalaโaan funyaanii baayโachuu, qufaa, hooโa qaamaa, mataa dhukkubbii fi qoonqoo keessa nyanyaachuu, haxxiffannaa, ija hooqsisuu fi diimachuu, ol guuruu, harganuu dadhabuu, dadhabbii olaanaa fi fedhiin nyaataa hirโachuu faโaan kanneen eeramaniidha.
Eeggannoo barbaachisaan yoo hintaasifamne carraan babalโachuu dhibechaa dabaluu akka dandaโuu, keessumaa daaโimmaanii fi maanguddoonni adda durummaan dhibechaaf kan saaxilaman taโuun ibsameera.
Dhibeewwan akka michii sombaa, sukkaara, kaansarii fi dhibamtoonni dhibee bubbulaan qaban eeggannoo olaanaa taasisuu akka qaban, yoo hammaate gara dhaabbilee fayyaa deemuun qorannoo dhibee barbaachisaa taasisuu