M BN Murroo Broadcasting News

M BN Murroo Broadcasting News πŸ…œ πŸ…‘πŸ…πŸŒπŸŽ€πŸ€π•§π• π•šπ•”π•– 𝕠𝕗 π•§π• π•šπ•”π•–π•π•–π•€π•€ πŸ„ΌπŸ…„πŸ…πŸ…πŸ„ΎπŸ„ΎπŸ„½ πŸ„³πŸ„°πŸ„ΌπŸ„ΌπŸ„°πŸ…πŸ…πŸ„° πŸ„ΌπŸ„Έ'πŸ„ΎπŸ„ΎπŸ…ƒπŸ…ƒπŸ„Έ::

05/11/2024


For watch more follow me🀝🀝🀝🀝

Filannoo  Ameerikaa Odeeffannoo haga amma jiruun.____  Alabama Donald Trump62 Kamalaa Harris 38Alaska Tiramp 52kamalaa 4...
05/11/2024

Filannoo Ameerikaa Odeeffannoo haga amma jiruun.
____
Alabama Donald Trump62
Kamalaa Harris 38
Alaska Tiramp 52
kamalaa 46
Arizona Tiraampi 49
Kamalaa 50
Arkansas Tiraampi 62
Kamalaa 36
California Tiraampi 34
Kamaalaa 64
Colorado Tiraampi 41
Harris 55
Connecticut Tiramp 40
Kamalaa 59
Delaware Tiraampi 39
Kam6 59
Florida Tiraampi 51
Kamalaa 48
Georgia Tiraampi 49
Kamalaa 51
Hawai Tiraampi 30
Kamalaa 70
Idaho Tiraampi 64
Kamalaa 34
Illinois Tiraampi 38
Kamalaa 57
Indiana Tiraampi 57
Kamalaa 41
Iowa Tiraampi 53
Tiraampi 45
Kansas Tiraampi 57
Kamalaa 41
Kentucky Tiraampi 62
Kamaalaa 36
Louisiana Tiraampi 58
Kamalaa 40
Maine Tirampi 44
Kamalaa 53
Maryland Tiraampi 32
Kamala 66
Massachusetts Tiraampi 32
Kamalaa 65
Michigan Tiraampi 48
Kamalaa 50
Minnesota Tiraampi 45
kamala 53
Mississippi Tiraampi 58
Kamalaa 40
Missouri Tiraampi 57
Kamalaa 41
Montana Tiraampi 56
Kamalaa 41
Nebraska Tiraampi 58
Kamalaa 40
Nevada Tiraampi 47
Kamalaa 50
____
Eennuu Deeggaraa jirtu Hordoftoota teenna? Maaniif Deegartu ?

πŸ…œ πŸ…‘πŸ… MURROO BROADCASTING NEWS
πŸ…₯πŸ…žπŸ…˜πŸ…’πŸ…” πŸ…žπŸ…• πŸ…₯πŸ…žπŸ…˜πŸ…’πŸ…”πŸ…›πŸ…”πŸ…’πŸ…’
πŸ„ΌπŸ…„πŸ…πŸ…πŸ„ΎπŸ„ΎπŸ„½ πŸ„³πŸ„°πŸ„ΌπŸ„ΌπŸ„°πŸ…πŸ…πŸ„° πŸ„ΌπŸ„ΈπŸ„ΎπŸ„ΎπŸ…ƒπŸ…ƒπŸ„Έ::

Ejjannoo Kamaalaa Haarisiifi Donaaldi J Tiraampi dhimma nageenna addunyaarratti qaban.Kamaalaa Haaris Gaazatti dhukaasi ...
04/11/2024

Ejjannoo Kamaalaa Haarisiifi Donaaldi J Tiraampi dhimma nageenna addunyaarratti qaban.

Kamaalaa Haaris Gaazatti dhukaasi akka dhaabbatuuf ni hojjadha yoo Jettu Donaaldi Tiraamp ammoo wol dhabdee Raashiyaafi Yukireenii, rakkoo baha jiddu galeessaa, hariiroo Chaayinaafi Ameerikaa bakka turetti ni deebisaan dubbataa.

Filannoo Pireezdaantumaa Ameerikaa aduu badii boruu gageeffamtu tana Kamaalaa Haaris guyyaa hardhaa mana amanta Gurraachonni itti baay'ataniifi Araboota hundaan imaanaan na filadhaa jechuun sossobbaa jiraachuu Miidiyaaleen Ameerikaa gabaasa jiru.

Qondaaltonni Filannoo Ameerikaaf kana dura Muuxannoofi ogummaa qaban Tiraampi filannoo kana injifatuu malu jedhaniiru.

Sochii taasifamaa jiruun haga ammaatti jarri lamaanuu Muddama hamaa keessa jiru.

Sababi isaa ammoo Kamaalaan imaanaa Dimokiraatota ka Joo Baayiden itti kennanittu yaaddessaa, Tiraampi ammoo filannoo Ameerikaaf carra isa dhumaa yaala jiraan dubbateera.
Yoo filannoo kana hin injifanne yoo te'e deebi'ee maqaa Filannoo Ameerikaa hin dhawu jechaa turaniiru.

Haa te'uu dubbiin Tiraampi burjaajessaa jedhama waan te'eef deebi'ee dorgomuu dande'a.

Tiraampi filannoo Ameerikaa isa itti aanutti ganna Joo Baayiden 82 galu.
___
πŸ…œ πŸ…‘πŸ… MURROO BROADCASTING NEWS
πŸ…₯πŸ…žπŸ…˜πŸ…’πŸ…” πŸ…žπŸ…• πŸ…₯πŸ…žπŸ…˜πŸ…’πŸ…”πŸ…›πŸ…”πŸ…’πŸ…’
πŸ„ΌπŸ…„πŸ…πŸ…πŸ„ΎπŸ„ΎπŸ„½ πŸ„³πŸ„°πŸ„ΌπŸ„ΌπŸ„°πŸ…πŸ…πŸ„° πŸ„ΌπŸ„ΈπŸ„ΎπŸ„ΎπŸ…ƒπŸ…ƒπŸ„Έ::

JECHOONNI KUNNIIN, GALAA HUMNAA JABAA KANNEEN NUUF TA'ANIIDHA...!!1. Namni kamuu waan uumamaan kennameef ni qaba. Adduny...
29/10/2024

JECHOONNI KUNNIIN, GALAA HUMNAA JABAA KANNEEN NUUF TA'ANIIDHA...!!

1. Namni kamuu waan uumamaan kennameef ni qaba. Addunyaa jijjiiramaa keessa waan jirruuf waan dabalataan argannuu fi kan dhabnuuf kan dagannus jiraachuu mala.
2. Gaafa callisanii injifatan, isaan kaan akka waan moo'atamanii godhanii nama yaaduu jalqabu.
3. Namni kamiiyyuu waan ittiin nu caalu qaba. Kanaaf waan irraa barachuuuu qabnu qabna.
4. Abjuu...!; abjuu dhaabbataa ta'e qabnaa laata?. Abjuu keenyaaf hangam aarsaa kafaluuf murteessinee jirraayii?. Jireenyi mul'ata qabu; isa yeroofi haalaan hin jijjiiramne qabaachuun of ta'anii, ol bayanii mul'achuuf nama gargaara.
5. Sammuun ofiisaa hin ijaaramne, mana ijaarames ni diiga!.
6. Namni namaan nama ta'a!. Jiraachuun kee jiraachuu koof murteessaadha. Jiraachuun koos jiraachuu keef ga'ee guddaa taphata. Waan ani hin qabne situ qaba, waan ati hin qabne anaatu qaba. Waan qabnu walitti fidannee guutuu taana!.
7. Yeroon rakkisaan yeroo baay’ee jireenya namaa keessatti iddoo gurguddoo ta’anitti nama geessa.
8. Haalli cimaan dhumarratti namoota ciccimoo ijaara!.
9. Kan biraa ta’uu keenya dura jalqaba kan keenya ta’uu qabna!!.
10. Yoo dadhabde boqochuu baradhu. Abdii kutachuu dhiisuudhaaf.
11. Beekumsa itti fayyadamtu qofatu sammuu kee keessatti maxxana!.

KANA QUBA QABAACHUU QABNA!!

πŸ…œ πŸ…‘πŸ… MURROO BROADCASTING NEWS
πŸ…₯πŸ…žπŸ…˜πŸ…’πŸ…” πŸ…žπŸ…• πŸ…₯πŸ…žπŸ…˜πŸ…’πŸ…”πŸ…›πŸ…”πŸ…’πŸ…’
πŸ„ΌπŸ…„πŸ…πŸ…πŸ„ΎπŸ„ΎπŸ„½ πŸ„³πŸ„°πŸ„ΌπŸ„ΌπŸ„°πŸ…πŸ…πŸ„° πŸ„ΌπŸ„ΈπŸ„ΎπŸ„ΎπŸ…ƒπŸ…ƒπŸ„Έ::

πŸ‡ͺπŸ‡ΉπŸ‡ͺπŸ‡ΉπŸ‡ͺπŸ‡ΉπŸ‡ͺπŸ‡ΉπŸ‡ͺπŸ‡ΉπŸ‡ͺπŸ‡ΉπŸ‡ͺπŸ‡Ήβ€Shambel Abebe Bikila was an EthiopianπŸ‡ͺπŸ‡Ή marathon runner who was a back-to-back Olympic marathon champion....
29/10/2024

πŸ‡ͺπŸ‡ΉπŸ‡ͺπŸ‡ΉπŸ‡ͺπŸ‡ΉπŸ‡ͺπŸ‡ΉπŸ‡ͺπŸ‡ΉπŸ‡ͺπŸ‡ΉπŸ‡ͺπŸ‡Ήβ€

Shambel Abebe Bikila was an EthiopianπŸ‡ͺπŸ‡Ή marathon runner who was a back-to-back Olympic marathon champion. He is the first black African Olympic gold medalist, winning his first gold medal at the 1960 Summer Olympics in Rome while running barefoot. At the 1964 Tokyo Olympics, he won his second gold medal.
πŸ…œ πŸ…‘πŸ… MURROO BROADCASTING NEWS
πŸ…₯πŸ…žπŸ…˜πŸ…’πŸ…” πŸ…žπŸ…• πŸ…₯πŸ…žπŸ…˜πŸ…’πŸ…”πŸ…›πŸ…”πŸ…’πŸ…’
πŸ„ΌπŸ…„πŸ…πŸ…πŸ„ΎπŸ„ΎπŸ„½ πŸ„³πŸ„°πŸ„ΌπŸ„ΌπŸ„°πŸ…πŸ…πŸ„° πŸ„ΌπŸ„ΈπŸ„ΎπŸ„ΎπŸ…ƒπŸ…ƒπŸ„Έ::

AKKASAATTI...BAKKASAATTI !Dachee warra Adiirrattii Amantii fi Saayinsiin jaarraa heedduu wal haate.Keessumaa warri Awuro...
22/10/2024

AKKASAATTI...BAKKASAATTI !

Dachee warra Adiirrattii Amantii fi Saayinsiin jaarraa heedduu wal haate.
Keessumaa warri Awurooppaa jaarraa 'medival age' keessa, qaruuxewwan danuutti ibidda qabsiisanii, ijatti quba wal dhahan.

Qaroomni danuun Laga Mormorirratti dhalatanii, daldalaafi Koloniitiin harka Giriikotaa, Fooneshiyaanotaa, Roomaanotaa fi harka warra Arabaa akka galan silaa Afaan tokkoon walii galleerra mitiiree? Warri Adii waan Kuushotarraa hatan kanaan xurree qaroomina haaraa abuuruu yaadnaan, amantiin gonnonneessee qabe. Kun hanga isaan "Renaissance Era" jedhaniitti fulla'e.

Jaarraa haaromsaa keessa garuu dukkanni danuun golgolaa'ee, Saayinsiin muttee, lubbuu godhachuu eegalte.

Fknf: Addunyaan bara 1545 dura, Aduutu lafatti naanna'a jettee amanti mitiiree? Afaan warra adiitiin 'geo centerism' ykn lafti gidduu teessii, warri akka aduufaammoo dacheetti naanna'u jechuudha.

'Nickolas Copernicus' Ijasaa uumamaa fayyadamee, leensii walitti diree, herrega irratti dhahee, yeroo jalqabaatiif akka aduun hin deemne, inumaa dacheen keenya kun aduutti akka naannoftu argee sagalee gammachuutiin iyyee dubbate. Argannoo guddaan kun "Heliocentric" jedhama. Sana dura jarri "Aduutu lafatti naanna'a" jedhee amana ture. Kitaabileen amantii danuunis ,Lafti akka hin sochooneefi, aduun lafatti akka naannoftutti barreeffamaniiru.

Dubbiin Copernicus kaase gurra abbootii amantii seennaan; 'Sexanatu na dogoggorse jettamoo, ibiddaan gubachuu siif wayya?' jedhanii itti dhaadatan. Gorsa eessumasaatiitiin dafee "Kun hojii seexanaati" jedhee lubbuusaa oolfate Copernicus.

Itti aaneemmoo Saayintistiin guddaan warra Xaaliyaa 'Geordano Bruno' waan Coppernicus argate irratti waa dabalee, hawaa ilaale.
'Jarana dacheetu deema malee, aduun bakka hordamtee hin sochootu' jedhee caraanee lallabe. Dubbiin gurra abbootii amantii seente. 'Hin gubattamoo akka seexanni si dogoggorsite amanta?' Jennaan ;
"Ana seexanni na hin dogoggorsinee, yoo soba jettan ilaalaa!" jedhee barruu marraagaa 'Infinty of the universe' itti hiixate. Abbootiin amantii garuu, "Nuti kitaaba amantii malee xebexxebakee hin dubbifnu!" jedhanii, isas barreeffamootasaas wal faana ibidda itti qabsiisanii guban.

Yaadni sun garuu hin gubanne. Kunoo har'a akka dachiin aduutti naannoftu mana barumsaatti barataa jirra. Har'a utuu ati dhugaa kanaan mormitee jamaan Hawaa keessatti godoo ijaarratee, ji'a irratti boolii ba'ee, faajjii ofii mirmirsaa achirra oolee bulu martuu, kolfa kilii sitti gaggaba.

Itti aansee 'Galileo Galieili' faana Copernicus fi Bruno hordofee, Telescope dhundhulee, gaaratti ol ba'ee halkaniin Hawaatti ija miixe. Galileon ittuma fufee, leensiiwwan Teleskoppii haaraa itti dabalatee, dachee qofa mitii, dacheewwan biraa aduutti marmaaran jiru jedhe lallabe. Juppiterii argee, urjiiwwan achirra jiranittiyyuu maqaa moggaase. Ajaa'iba jedhame.

Silaa baras dubbiin isaan hin dhokattuu, gurra abbootii amantaa seente.
'Namichoo jiraatti ibidda sitti qabsiifnee si waadnamoo, eelee gubaarra si teessifnumoo, seexanatu na dogoggorse jetta?' jedhaniin.

Galileon hin malate. Bruno yaadate. Jarri ibidda itti qabsiisuurraa duubatti hin jettukaaa!
"Seexanatu na dogoggorse" jedhee waakkate. Barri kun 1610 ture. Galileon sababa argannoo sanaatti bara 1633 himatamee umuriisaa hafte hidhaa dhaabbiitti fixatee, Bara 1642tti manasaa, bakka hidhaan dhaabbi itti murtaa'e keessatti boqote.

Warra adii biratti, barri amantiin dagaage, saayinsiidhaaf bara dukkanaa ture. Barri saayinsiin dagaagemmoo amantiidhaaf jaarraa jufunfulaati. Akka nu martuu beeknu, amantiin rincicaadha. Hin fooyya'u. Hin socho'u. Saayinsii saayinsiidhaan kuffiftee fooyyessuu dandeessa. Santu bilbilan ittiin waa barreessaa jiru kanayyuu dhalche mitiiree?

Biyyuma keenya hin yaadattanii? Bara konkolaataan xoophiyaa seentu, bara bilbilli dhufe, waan seexanaati, 'baqqaa' xumura lafaatu ga'e jedhamee mana amantiitti barsiifamaa ture mitii?

Bara Faranjiin kaameeraa fiddee dhufte "Ittiin seexanni dhiiga isin keessaa xuuxxii baqadhaa!" Jedhamaa hin turree?

Maal jechuufin jedhe seetan? Argannoowwan saayinsii danuu kan abbootiin amantaa Hojii seexanaati jechaa turan, jaarraa keenya akka ruqoolee jireenyaaf barbaachisan warra ijootti itti dhimma ba'aa jirra. Argannoowwan kunniin immoo Abboota keenya Kuushotaan laga Mormorirratti kalaqaman. Boodarra Foonishaanotatu fuudhee Giriikotaafi Roomanota harka kaa'e. Daldalaa fi Kolonii humnaatiin achitti maqaan itti jijjiirame malee Amantiinis, Saayinsiinis harka Kushotaa keessatti dhalattee handhuuramte. Sammuu abboota keenyaatu ishee boce.
Dhugaan kana mirkaneessu tokko Ayyaantuu Oromooti. Dhaha dhahe, Urjii fi teessooshee hubata. Guyyaa hedatee qoricha siif sukkuuma. Ammoo akka namni daandii Waaqaarraa hin mixxiqne gorsa. Saayinsiis Amantiis kuulee, heerri uumaa akka hin dabnetti sirna kunuunsaa har'a ga'e.

Kanaafuu nuti;

Amantii akkasaatti!
Saayinsiis bakkasaatti!

Jenna.
Wabii Kabbadaa Barkeessaa
Suuraan: Qorannoo Saayinsii Kuushota Durii fi Heeroogiliifiksii.
Follow me
πŸ…œ πŸ…‘πŸ… MURROO BROADCASTING NEWS
πŸ…₯πŸ…žπŸ…˜πŸ…’πŸ…” πŸ…žπŸ…• πŸ…₯πŸ…žπŸ…˜πŸ…’πŸ…”πŸ…›πŸ…”πŸ…’πŸ…’
πŸ„ΌπŸ…„πŸ…πŸ…πŸ„ΎπŸ„ΎπŸ„½ πŸ„³πŸ„°πŸ„ΌπŸ„ΌπŸ„°πŸ…πŸ…πŸ„° πŸ„ΌπŸ„ΈπŸ„ΎπŸ„ΎπŸ…ƒπŸ…ƒπŸ„Έ::

Gabaa Kaappitaalaa / Capital MarketDhaabbatni Itiyoo Telekoom qooda/share isaa irraa 10% ummataaf dabarsee gurgura jedhe...
16/10/2024

Gabaa Kaappitaalaa / Capital Market

Dhaabbatni Itiyoo Telekoom qooda/share isaa irraa 10% ummataaf dabarsee gurgura jedhe. Kun tarkaanfii seena qabeessa jedhu ogeeyyiin diinagdee.

Kana jechum qooda aksiyoona waliigalaa qabu keessaa, har’a gurgurtaaf aksiyoona miiliyoona 100 dureeyyii biyya keessaa ykn Ummataaf dhiyeessee jira.

Akka dhaabbatichi beeksisetti, gatiin aksiyoona tokkoo birrii 300 yoo ta’u, namni tokko aksiyoona xiqqaa 33 birriidhaan 9,900 kaasee hanga aksiyoona 3,333 birriidhaan 999,900 bitachuu danda’a.

Bittaafi gurgurtaan Aksiyoonaa kun karaa TeleBirr raawwatamas jedhameera.

Gurgurtaan kun Onkoloolessa 6 hanga Muddee 25/2017tti tura jedhame.

Itiyoo-Telekoom heeyyama torbee darbe argateen qooda/share isaa karaa TeleBirr akka gurguratu heeyyameef ta'uus dhaabbatichi ibsee jira.

Hamma humna keenyaatiin bitannee dhaabbatichatti abbaa tahuu qabna, carraa gaarii waan ta'eef namoonni dandeessan itti hirmaadhaa, bitadhaa jenna::

Qabiyyee (Nutritional Value) fi Faayidaa Buphaa (Hanqaaquu)QABIYYEE Hanqaaquun tokkichi:-Vitamin A: 6% of the RDA.-Folat...
20/09/2024

Qabiyyee (Nutritional Value) fi Faayidaa Buphaa (Hanqaaquu)

QABIYYEE
Hanqaaquun tokkichi:
-Vitamin A: 6% of the RDA.
-Folate: 5% of the RDA.
-Vitamin B5: 7% of the RDA.
-Vitamin B12: 9% of the RDA.
-Vitamin B2: 15% of the RDA.
-Phosphorus: 9% of the RDA.
-Selenium: 22% of the RDA. nuuf kenna.
RDA Jechuun haga guyyaa tokkotti nyaachuu qabnu jechudha.

FAAYIDAA:
● Gosa cholesteroolii kan HDL (Good cholestrol) jedhamu sana qaama keessaa akka olkaasa.
● Madda protiina gaarii ta'uun amino asiidota hedduu bifa maadalawaa ta'een of keessaa qaba.
● Osoo hammaan hin baayyatiin humna ga'aa nuuf kennuudhaan ulfaatina keenya nuuf hir'isa.

Fayyaan faaya
Dr. Gurmeessaa
πŸ…œ πŸ…‘πŸ… MURROO BROADCASTING NEWS
πŸ…₯πŸ…žπŸ…˜πŸ…’πŸ…” πŸ…žπŸ…• πŸ…₯πŸ…žπŸ…˜πŸ…’πŸ…”πŸ…›πŸ…”πŸ…’πŸ…’
πŸ„ΌπŸ…„πŸ…πŸ…πŸ„ΎπŸ„ΎπŸ„½ πŸ„³πŸ„°πŸ„ΌπŸ„ΌπŸ„°πŸ…πŸ…πŸ„° πŸ„ΌπŸ„ΈπŸ„ΎπŸ„ΎπŸ…ƒπŸ…ƒπŸ„Έ::

Address

Adola

Telephone

+251911963037

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when M BN Murroo Broadcasting News posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Videos

Share