Maruf Mohammed

Maruf Mohammed Galamso Wod

Bulchiinsi MM Abiy dhaabbilee siviiliirratti hacuuccaa cimsaa jira jechuun dhaabbileen siviilii qeeqaniiruGartuun mirga ...
28/11/2024

Bulchiinsi MM Abiy dhaabbilee siviiliirratti hacuuccaa cimsaa jira jechuun dhaabbileen siviilii qeeqaniiru
Gartuun mirga namoomaaf falmu Aminastii Intarnaashinaal mootummaan Itoophiyaa dhaabbilee siviilii hawaasaa sadii cufuu isaa balaaleeffate.
Dhaabbatichi ibsa baasen, ‘’Mootummaan federaalaa dhorkaa mirga waldaan gurmaa’uufi yaada ofii bilisaan ibsachuu sarban kana atattamaan kaasuu qaba,’’ jedheera.
Torban darbe ture mootummaan Itoophiyaa dhaabilee siviilii hawaasaa sadii ‘walabummaa siyaaasaa hin qaban’ akkasumas ‘faallaa fedhii biyyaalessaa’ sosso’an jechuun himatee eeyyama kan dhorke.
Kunneenis, Wiirtuu Mirgaafi Guddina Dimookiraasii (CARD), Itoophiyaatti Gurmuu Mirga Namoomaaf akkasumas Ogeeyyii Seeraa Mirga Namoomaaf jedhamanidha.
Dhaabbileen kuni himannaa mootummaan irratti baase ifatti morman, tarkaanfiin mootummaa seera hin hordofnes jedhaniiru.
Aminastiitti Daarektara Bahaafi Kibba Afrikaa kan ta’an Tigeree Chaagutaah ‘’Dhaabbileen mirga namoomaa beekamoo sadii dhorkamuun dirree siviiliirratti hacuuccaan cimuu ifatti mul’isa,’’ jedhan.
‘’Yeroo walitti bu’iinsi cimu, hidhaan jumlaa baay’achuufi dirqamaan buqqaasuun dabaluu isaa gabaasonni mul’isanitti, gaheen dhaabbilee siviiliifi miidiyaa yeroo kamuu caalaa Itoophiyaaf barbaachisa.’’

Dhimmoonni kun akkuma dhimmoota ani keessa darbuuf dirqame hunda duwwaa fi seera kan hin qabne waan ta’aniif gonkumaa dh...
25/11/2024

Dhimmoonni kun akkuma dhimmoota ani keessa darbuuf dirqame hunda duwwaa fi seera kan hin qabne waan ta’aniif gonkumaa dhiyaachuu hin qaban turan. Lola Paartiin Dimookiraat Mormituu Siyaasaa isaanii ME waliin taasise keessatti Doolaarri Kaffaltoota Gibiraa Doolaara Miiliyoona 100 ol qisaasa’eera. Biyya keenya keessatti kanaan dura wanti akkanaa mudatee hin beeku. Akkasumas Abbaa Alangaa Naannoo fi Abbootii Seeraa Aanaa, kan akka Fani Willis fi jaalallee ishee, Nathan Wade (kan dhimmoota akka kanaa irratti muuxannoo zeeroo ta'e qaban, garuu kaffaltiin MILYOONAA, kan isaanif gahaa ta'e, imala fi doonii hedduu addunyaa guutuutti akka godhaniif fayyadamaniiru! ), Letitia James, kan haala hin malle, naamusa hin qabne, fi tarii seeraan ala ta’een, injifachuuf jecha “GETTING TRUMP” irratti duula geggeessite Waajjira Siyaasaa, fi Alvin Bragg, kan ofii isaatii dhimma kana narratti dhiyeessu gonkumaa hin barbaanne, garuu Ministeera Haqaa fi Paartii Dimookiraataatiin akkas gochuuf dirqame. Wanti akkasii ta’uu akka danda’u butamuu siyaasaa ture, fi Seenaa Biyya keenyaa keessatti qabxii gadi aanaa ture, ta’us garuu, obseen, rakkoo hundumaa dura, MO’AAdhe. AMMAS AMEERIKAA GUDDAA GODHAA!

Boontuu Saalih: Hojjii gola 'Maadaamiitii' hanga waltajjii teknoolojii addunyaattiNovember 2, 2024Boontuu SalihBoontuu S...
02/11/2024

Boontuu Saalih: Hojjii gola 'Maadaamiitii' hanga waltajjii teknoolojii addunyaatti
November 2, 2024
Boontuu Salih
Boontuu Saalih jedhamti. Jireenya baqaatiin namoota jijjiramaan muraasa argitee gara biyyoota Awurooppa fi Ameerikaatti imaluun jireenyashee milkeessuuf barnootashee kutaa 9tti addaan kuttee godaante.
Bara 2015 Harargee Lixaa Bordoddee irraa kaatee biyya Masrii-Kaayiroo deemtullee, Boontuun akka yaaddeetti gara biyyoota Awurooppaa fi Ameerikaatti imaluun waan salphaa hin turre.
Jireenya baqaa salphaa waan hin taaneef hojjettuu mana namaa taatee hojjachuuf dirqamte. Ta’ullee Boontuu hawwiifi kaayyoo milkeessuuf qabattee manaa baateen jireenya sana keessa turuu waan hin filanneef haaluma argameen barachuu akka qabdu murteeffate.
“Obboleessi koo hojiin teknolojii waliin wal qabatu kan digriifi dippiloomallee nama hin gaafannee eessayyu teessee hojjachuu kan dandeessu jira nan jedha. Anis waa’eesaa qorachuun eegalee” jechuun haala ofiin of barsiistee jijjiiramuuf murteeffattee ka'uu yaadattu.
Yeroo sanatti garuu waa’ee kompiitaraa waan beektu hin qabduture. Kompiitaras hin qabdu ture.
"YouTube irra ilaaleen waraqaa irratti fakkii gabatee jechootaa (keyboard) fi kompitaraa kaasee shaakalaa ture," jetti
Mana namaa hojjachaa karaa marsaalee hawaasa adda addaatiin barnoota oonlaayinii barachuun ulfaatadha. Garuu "hojii mana Maadaamii caalaa kan ulfaatu mitii'' jetti Boontuun.

18/10/2024
18/10/2024

Mummichi Ministeeraa Abiyyi Ahmad Muudama Haaraa Kennanii Jiru. Muummichi Ministeera Itiyoophiyaa Abiy Ahimad Jimaata har’a Obbo Geediyoon Ximotiyoosiin ministeera haajaa alaa biyyatti gochuun muudamaniiru.Kunis Obbo Taayyee Asqa Sillaasee kan dhiyeenya kana prezidaantii Itiyoophiyaa ta’an bakka...

17/10/2024
12/10/2024

Guinea 3 S. Guirassy 18' (P), 37', 45+2'
Half-time
🤣🤣🤣🤣🤣🤣🤣Ethiopia =0

12/10/2024
12/10/2024

Hezbollaan dabareesaa lammiilee Israa'eliin "lubbuu keessan oolfadhaa" jechuun akeekkachiise.
Ergaa akkasii yeroo kaan Israa'eltu lammiilee Libaanosiifi Gaazaf dhaama ture.
Amma immoo Hezbollaatu akeekkachisa wal-fakkaataa kenne.
Maalif 👉👉 https://bbc.in/4h0x3zI

12/10/2024
07/10/2024

Address

Adis
5993

Telephone

+966594589030

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Maruf Mohammed posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Maruf Mohammed:

Videos

Share

Category