Biniyam Meridu Bekama

Biniyam Meridu Bekama Wanta biqile arguu barbaadda yoo ta'e dursii facaasi!!

10/12/2024
19/04/2024
07/03/2024

Haalonni ni jijjiiramu kanaaf abdii hin kutin!!
===================================
Yeroo haalonni namatti ulfaatan, yeroo wanti hundi bitaa nama galu, yeroo addunyaan kun dalga nama ilaaltu....waan gaarii dubbachuun akka ulfaatu nan beeka. Gumgumuun, ofirratti waan hamaa dubbachuun, abaaruu fi jechoota abdii kutannaa of irratti dubbachuun filannoo isa dhumaa yeroo itti ta’utu jira. Ta’ullee, abdiii hin kutin!

Haalonni ni jijjiiramu. Wanti har’a mul’atu bor ni dhabama. Yeroon Waaqa malee waan hin jijjiirre hin qabu. Har’a yoo hin milkoofne bor milkoofta. Amma yoo dukkanaa’e diqqoo turee siif bari’a. Bari’uuf dhi’ee be! Haalonni dhufanii darban dubbii arraba keetii hin murteessin.
Yeroo hundumaa nama abdii qabu—nama egeree miidhagaan itti mul’atu—ta’i. Abdiin boba’aa injiinii (Engine) jireenya namaa sochoosu akka ta’e beekkadhu.

Namni mo’u abdii hin kutu; namni abdii kutu hin mo’atu jedhama. Abdii qabaadhuu itti gammadi. Yoo beelofte abdii nyaadhu. Yoo dheebotte abdii dhugi. Yoo uffata dhabde abdii uffadhu. Eyyee, abdii qabaadhu. Akka dandeettu sammuu kee amansiifnaan wanti siif dadhabamu hin jiru. Hega humna nama tokkootti wanta karoorsite hunda bira geetta. Yoo milkoofte milkaa’ina keetiif sababni inni guddaan sammuu kee amansiisuu keeti. Yoo kuftes sababni kee sanuma. Gufuu fi qormaanni jireenya keessatti si mudatan dalga akka ati yaaddu si hin taasisiin. Jireenyi nama kamiiyyuu qormaatuma.

Jireenyi qormaata dha. Tarii haala amma keessa jirtu keessaa baatee haala diqqoo fooyya’u keessa adoo seentee sammuun kee boqonnaa akka argatu yaadda ta’a. Garuu akkana moti. Hega feete guddadhu, hega feete milkaa’i sadarkaan jireenyaa hundi qormaataa fi rakkina mataa isaa qaba.

Ati ammoon abdii qabaadhu. Dhugaa qabatamaa keessa jirtutti gammaduu yoo dhabde abdii dura kee jirutti gammadi.

https://www.facebook.com/beniam.meridu

10/02/2024
16/12/2023

Waan xixiqqoo tuffattee darbuu hin dandeettu taanaan, waan guddaa bira ga'uu hin dandeettu.
xixiqqoo tuffadhuu bira darbi.

27/05/2023

Barri kufaatii dhaloota dhaloota miidhuu fagoo hin jiru.
=================================
# Dhaloota gochi jal’ootaa gaarii ta'ee nutti mul’atu ta'uu hin qabnu. Barri jal'inaa, barri karaa sobaan nama miidhuu, barri saba tokko ol qabuun isa kan biraa gad qabuu seenaa addunyaa keessatti baay'ee umurii hin qabu.
isaas Waaqayyoon gadi qabamuu saba kamiis olaantummaa saba tokkoos hin jaallatu
~ Qabeenyi isa tokkoos isa biraaf maaliif ta'a?
Macaafa Qulqulluu keessatti bara tokko sabni Waaqayyoo tokko adoo qabeenya qabuu hiyyoome, adoo kakuu qabuu dhiibame, adoo filatamee jiruu ukkaamfame, adoo dhugaa qabuu hidhame.
# Garuu, akka miidhamanitti hin hafne, Uumaan fuula araaraan saba san yaadate.

# Firiin gad qabamuu gad qabamuu moti. Ol qabamuudha malee.
# Barri ol qabamuus yoo Uumaa dagatan gad qabamuudha.

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Biniyam Meridu Bekama posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Biniyam Meridu Bekama:

Share