04/02/2024
Inistitiyuutiin leenjii ogummaa poolisii Sanqallee, miseensota poolisii 900 ol eebbisiise
AMN- Amajjii 25/ 2016
Koolleejjii Poolisii Oromiyaatti Inistitiyuutiin leenjii ogummaa poolisii Sanqallee, miseensota poolisii 900 fi 90 tajaajila poolisii hawaasaa irratti leenjisaa ture eebbise.
Daarektarri Inistiitiyuutii leenjii ogummaa poolisii Sanqallee Komaandar Taarikuu Soressaa eebbifamtoota kanneeniif turtii taasisan keessatti barumsa naamusa poolisii, heera mootummaafi leenjii qor-qalbii dabalatee mata-dureewwan garaa garaa irratti barumsi akka kennameef himaniiru.
Eebbifamtootni kunneen beekumsa leenjii kennameefii irraa argataniin hawaasa isaanii haqaan tajaajiluu akka qaban Komaandar Taarikuun dhaamaniiru.
Daareektarri olaanaan Koolleejii Poolisii Oromiyaa Komishinera ittaanaa Tolchaa Magarsaa rakkoo nageenyaa naannoo Oromiyaa keessa jiru furuuf tajaajilli poolisii hawaasaa gahee guddaa waan qabuuf eebbifamtootni kunneen hubannoo hawaasaa cimsuu, hawaasni nageenya naannoo isaa akka eeggatu gochuu keessatti xiyyeeffannaan hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.
Hogganaan damee nageenya naannoo mirkaneessaa Komishinii Poolisii Oromiyaa Komishinara ittaanaa Darajjee Baay’isaa lammii ofiifi biyya tajaajiluun kabaja waan ta’eef imaanaa itti kenname osoo hin dagatiin hojjechuu akka qaban dhaaman.
Koomishinarri Jeneraalaa Koomishinii Poolisii Oromiyaa Jeneraal Dirribaa Mokonnon sirna eebbaa kana irratti argamuun eebbifamootaaf dhaamsa dabarsaniiru.
Miseensotni poolisii eebbifaman kunneenis akkaataa leenjii argataniin hawaasa isaanii tajaajiluuf qophii ta’uu dubbataniiru. OBN gabaase