06/02/2024
Khullee Q Oromoo
Yaa Rabbi Waan gaarii dubbachuu naaf laafisi.
Khuullee fi yaada
Ummanni Afrikaa Biyya addunyaa kana keeysaa, ummata umrii dheeraa qabaachuun beekkamu. Tahullee Arra seenuma Afrikaallee yoo fudhanne, umata biraatiin barsiifamaa jira. Kun sababni taheef, akka natti fakkaatutti, durii kaasee afrikaa keeysatti nama jabaa ofii jabeeyfachuu caalaa, waan namoonni biraa irratti fe'an fudhachuu waan jaalatan natti fakkaata. Hojii Namni tokko hojjate, maaliif na biraa hin tahin jechuufi hamilee walii buusuun akkaan salphata.
Dubbii as gubbaa durriyyeen hundi irraa waccu kana silaa, hayyootaa ogummaa waan sanii qabuuf dhiisuun dirqama. Dhimma keeysoo aadaa fi seenaa saba tokkoo, silaa hayyootaatu irratti hojjata. Arra kun hafee durriyyeen garii sababa follower baayyee qabduuf, waan hayyummaa ykn beekkumsa qabdu itti fakkaattee as gubbaa hayyoota arrabsiti.
Silaa kan tahuu qabu dhimma saba kanaarratti, warri qorannoo gaggeeysuus tahe, qoranicha fudhatu ykn kuffisu hayyoota.
Dabalataan nama laffa'ee, rakkoon saba kanaa ciisa isa dhoorkitee, Rakkichaaf furmaata barbaadu tokko hojiin isaa yoo sirrii tahe ni fudhatama ykn ni hafa. Garuu Namticha laffa'e san galatoomfachuun dirqama. Arra garuu nu biratti, galatoomi jechuuniin hafee, arrabsuufii dhimmicha fuunee gandatti deebisuun wal arransuuf arraba dheeranna.
Sababni ummanni afrikaa yeroo baayyee qubee namaa jala figuuf, lammaffaan gabrummaadha. Ummanni qubee mataa ofii hin qabne gabra. Afrikkaan sababa qubee mataa isii dhabuutiin qubee Arabaa Ykn Laatin fayyadamti. Afrikkaas kan dhuufatee harkaa qabu isaani. Biyyi chaayinaa Afrikaa gabroomsuuf, baajata hedduu baaftee qubee isii Afrikkaa barsiisuuf yaalti.....
Qubee ofii uummachuun bu'aa maalii qaba?
1. Rakkoolee haala barreeyfamaa furuu.
Waggaa hedduuf Hanqinoota qubee irratti uumaman, furuuf hayyoonni hedduun dhama'aa turan. Fkn ijoollee ollaa keenyaa yoo fudhanne hanqina qubee uumurratti garaagarummaa guddaatu jira. Sababni isaa qubichi haala loqoda isaanii irratti barraa'e waan taheef. Garuu keenya hoo???
2. Seenaa kee daran beeysisuuf.
Fakkeenyota warreen qubee mataa isaanirratti xiyyeeffatanii yoo laalte, aadaa fi seenaa isaanii addunyaa beeysisutti adda dureedha. Addunyaa kana keeysa bakka feete yoo deemte, saboonni hedduun jiraatanillee, akka waan sabni 3 ykn 4 qoftiin jiruutti waa'een isaanii qofti haasawama.
Faranjii, Araba, chayinaa
Silaa qubee ofitiin fayyadamuun miidhaa qabaattee kan dura miidhamu chayinaa turte. Arra garuu biyya akkam akka taate tilmaami.
Dabalataan qubee mataa keetii qabaachuun gabrummaa takka jalaa bahuudha. Addunyaa kana kheeysatti biyyi qubee mataa ofii fayyadamtuu fi biyyi biraa walqixa Aadaa seenaa fi ogummaa isii hin ibsattu.
Itti fufa...
Galatoomi Umrii nuuf dheeradhu