15/10/2023
✅️ 👉 " ..."
~~~
👉 Walaloo Ajaa'iba seenaa qabsoo oromoo keessaattii Walaloofteef Sagalee...
~ faayamtuuf,
~ midhaagduu,
~Kiilolee,
~onnachiiftuu... sanaan ~~~~!!!
~~~
Fi seenaa qabsooftuu fi
Yaada Oromoota
~~~
✅️ 👉
~ Ka'ee lafaa hidhaadhee qawwee tiyyaa
~Diina koo cabsuudhaa niyyaan tiyya
~Kaanaafu ammas deemuu kiyyaa
~Nagayaan jiraadhaa yaa obboleeyyan kiyyaa ---
~Nagayaan jiraadhaa yaa laammiilee tiyyaa----
~~~1
- Daggala kessaa looyee kufee gangaladhee ....
- Diinnan Biyya tiyyaa mormarra jaajjaadhee .....
- Biyyeen na haa nyaattuu yoo isaaf rifadhee....
Konffiin na haa nyaattuu yoo isaaf rifadhee....
~~~2
~ Ka'ee lafaa hidhaadhee qawwee tiyyaa
~Diina koo cabsuudhaa niyyaan tiyya
~Kaanaafu ammas deemuu kiyyaa
~Nagayaan jiraadhaa yaa obboleeyyan kiyyaa
~Nagayaan jiraadhaa yaa laammiilee tiyyaa----
~~~3
*Halalee warraqee halkaaniif guyyaa
* Isinis na yaadadhaa Joolleen Biyyaa
• Wal nu haa garsiisu ayyaannii bilisummaa
• Wal nu haa garsiisu ayyaannii walabummaa
~~~4
~ Ka'ee lafaa hidhaadhee qawwee tiyyaa
~ Diina koo cabsuudhaa niyyaan tiyya
~ Kaanaafu ammas deemuu kiyyaa
~ Nagayaan jiraadhaa yaa obboleeyyan kiyyaa
~ Nagayaan jiraadhaa yaa laammiilee tiyyaa
~~~5
* Bahee fannifadhee kunoo amnnaan jiraa .....
* Diinnan Biyya tiyyaa deebisuuf Biyya tootirraa ....
* Diinnan Biyya tiyyaa deebisuuf Biyya tootirraa ....
~~~6
~ Ka'ee lafaa hidhaadhee qawwee tiyyaa
~Diina koo cabsuu-dhaa niyyaan tiyya
~Kaanaafu ammas deemuu kiyyaa
~Nagayaan jiraadhaa yaa obboleeyyan kiyyaa
~Nagayaan jiraadhaa yaa laammiillee tiyyaa
~~~7
• Halalee warraqee halkaaniif guyyaa
• Ani du'a sodaadhu beek lammii kiyyaa
• Wareegama malee dhuftuu bilisummaan tiyyaa
* Wareegama malee dhuftuu walabummaan tiyyaa
~~~8
*************________---------******___
Nutis ni hawwinaaf ~~~~👇
✅️👉 ~ Nagayaan boqadhu yaa obboleettii tiyyaa ~~~
~ Rabbiin Siif haa araaramuu yaa Qabsooftuu tiyyaa ~~~
~ Jaantal furdoos siif haa qoodu... yaa Hadhaa Artiii tiyyaa ~~~
~~~
Boqochuu artist Halloo Daawwee dhaga'uun yaada namoota fi seenaa qabsooftuu dhaloota qartee fakkeenyummaa guddaa ta'uu ishee hala ibsamee tokko tokkoo 👇
👇
✅️👉Jawar Mohammed 👇
Oromoon har'as walliiftuufi qabsooftuu dhaloota qartee dhabe. Halloo Daawwee wallistoota dhaloota lammaffaa (second generation) muuziqaa Oromoo kan ammayyaa keessaa tan hangafaa turte. Dhaloonni jalqabaa ( pioneers) kanneen akka Wasanuu Didoo, Ali Birraa, Shantam Shubbisaa fa'adha. Dhalloonni lammataa kan bara 1980moota keessa sirboota isaanii kaassetaan maxxansanii bahaniidha. Halloo Daawweetiin hangafee kannaane akka Ilfinash Qannoo, Adam Haarun,Zarihun Wadaajoo, Almaaz Tafarraa, Kadiir Sa'id, Abdullaahi Jirmaa, Abbitoo Kabbadaa, Solomoon Dannaqaafi kanneen dhaloota lammaffaa kana keessatti argamu.
Dhaloonni jalqabaa qaanqee qabsoo bilisummaa Oromoo yoo qabsiisu, dhaloonni lammataa, Halloon faa keessa turan, haala akkaan hamaa ture keessatti, qaanqeen hangafoonni isaanii qabsiiseen sun akka hin dhaamneef jala afuufaa turan. Baroonni 1980moota yeroo cunqursaan Darguu bifa saansuriitin ( censorship) wallee Oromoo ukkaamsuuf hedduu itti carraaqu ture. Haala san keessatti Halloon faan soogoofi soorgoodhaan saansurii jala miliqaa dhaamsa qabsoo dabarsaa turan.
Wallistoonni dhaloota lammaffaa kun muuziqaan Oromoo haala qabatamaa jireenya ammayyaawaa deemaa jiruun akka wal simatuuf hojii guddaa dalagan. Dhaloonni baroota san keessa magaalawaafi barnoota ammayyaatiif saaxilamaa dhufe sun, jaalala, gadda, gammachuufi hawwii isaa sirboota afaan ifiitiin akka ibsatu dandeessisuun hirkatummaa afaan alagaa irraa bilisa baasan. Hojii kana keessatti Halloon, hayyummaa Abdi Qopheetiin deeggaramaa, waahillan ishii kanneen akka Adam Haarunfi Kadiir Sa’idiin waliin qindoomuun muuziqaa Oromoo ammayyeessuu keessatti shoora madaalli hin qabne taphatte.
Yeroo jalaqaatiif Halloo kanin ijaan arge gaafa bara 1992 yeroo Hawwisoo Caffee Gadaa waliin naannawa ani itti dhaladhe Laga Darbaatti Waraana Bilisummaa Oromootiif agarsiisa gochuuf dhufte ture. Hidhannoo guutuu waliin naannoo ( shurrubaa) ishii fashii fash gochaa
Ka’ee lafaa hidhadhee qawwee tiyyaa
Diinakoo cabsuudha niyyaa tiyyaa
Kanaafuu ammaas deemuu kiyyaa
Nagayaan jiraadhaa yaa obboleeyyan tiyyaa
Jettee yeroo jalqabdu qonnaan bultoota miiraan maraatanii dhungachuuf waltajjitti fiiganiin sagalee-guddistuun si’a meeqa lafa dhahee sagantaan kukkutamaa ture.
Yeroo dhumaaf Halloo kanin arge mana hidhaa Qaallitti dhuftee yeroo nu gaafattetti. Yeroon san yeroo gameeyyiin qabsoo gariin gara miidiyaa mootummaatiin faallaa kaayyoo kaleessaa qabsaa’aafi turanii dubbatan waan tureef “Yaa Jawaar kiyya hiyyoomtu daaraa nyaadhu malee , daartu qullaa deemi malee, xabshooytu kadhadhu malee hancufa kaleessa tufte deebitee hin liqimsin. Rabbiin dura si tolchee booddee sin fokkisin. Tanumaan sitti dhaamuu dhufe” jettee gurratti na haasaatee deemte. Halloon akkuma dhaamsa ishii gaafa tokkos xurree qabsoo joollummaan qabattee irraa osoo hin gorin gara fuula rabbi deemte. Halloo haadha teenya galanni ishiin saba kanarraa qabdu lakkaayamee hin dhumu. Rabbi raahmta haa godhuuf. Maatii ishiitiif jajjabina haa kennu.የአፍረን ቀሎ ፍሬ ፣የምስራቅ ፀሃይ ነፀብራቅ፤ በኦሮሞ የኪነጥበብ ታሪክ ውስጥ ደማቅ አሻራ ያኖረችዉ አርቲስት ሃሎ ዳዌ ህልፈት በመስማቴ ከልብ አዝኛለሁ።
ለቤተሰቦቿ ፣ለወዳጅ ዘመዶቿ እና አደናቂዎቿ መፅናናትን እመኛለሁ። ፈጣሪ ነብሷን በአፀደ ገነት ያሳርፈዉ።
~~~~1
✅️ 👉 HusseenHWayyuu
Seenaa Gabaabaa Aartisti .
~
Bara 1957 ALI Magaalaa Dirree Dhawaatti kan dhalatte Artisti Halloo Daawwee, hojii muuziqaa umrii waggaa 15tti eegalte. Hojii aartii keessatti warra sagalee hin qabneef sagalee ta’uun sagalee karaa aartiitiin dhageessisaa turte. Hojii muuziqaa kan jalqabde magaalaa Dirree Dhawaa baandii Afran Qalloo kesssa ture, sanaa booda hawwisoo Biiftuu Biyya Teenyaa jedhamu keessatti itti fufte.
Artist Halloo Daawwee gargaarsa weellistoota gameeyyii akka Alii Birraafi Alii Shabbootiin gara baandii 'Biiftuu Biyya Keenyaa' jedhamutti makamuun hojii muuziqaa itti fufuu himti.
Walleen ishee jalqabaa ''Barbaannee walbarra, ni barra walirraa,'' jedhuun guddoo jaallatamte, kunis akka wallee itti fuftuuf hamilee ta'uufii kaafti. Weellistoota gameeyyii kanneen akka Alii Shabboo, Adam Haarun, Kadir Sa’id waliin turan.
Kaassettii jalqabaa mata-duree ''duraa duubaa bareedaa naannoo'' jedhurratti sirboota 10 baasuun, sunis akkaan ishee beeksiseera.
Waggoota 40 oliifis sirboota adda addaa dhuunfaadhaan kaaseeta 10 kan namoota waliinii kaaseeta 13 walumaagalatti sirboota kaaseeta 23 tahan hojjatteerti.
Artiist Halloo Daawwee sirboota kan akka Ededa Jireenyaa, Obboleessi Gaarii, Wal hora warra keessanii, Sababni itti naan oodu maaluma, Wal-hora warra keessanii teessumti guddoon Shagarii, Baabura yaabbadheen dhufaa na eegi yaa shamarmarii," jedhuufi kanneen biroo weellisuun beekamti guddaa horateetti.
Baha biiftuu jiraattuus sirba isheetiin warra Lixa biiftuu jiranis ni faarfatti. Walloollee osoo hin hambisiin guutuu Oromiyaatiif weellisteerti.
Artist Halloo Daawween haala siyaasaa fi diinagdee Oromoo Itoophiyaa keessatti irra gahaa ture hubannoo uumuun weelleen hojjachaa turte. Qabsoofteerti, saba isheetiif wareegama guddaa kafalteerti. Akkasumas, waa’ee barbaachisummaa jireenya hawaasummaa, Aadaa, Seenaa, dhudha fi Aadaa Oromoo fi itti gaafatamummaa jireenyaa dachee kana irra jiru weellistetti.
"Sirnoota darban keessatti dhiibbaan Afaan Oromoo irra gahaa turetu hojii aartii kana keessa akka seentuuf na onnachiise" jetti. "Afaan Oromoo kuni Raadiyoo cabsa jedhu, animmoo akka hin cabsine garsiisa jedheetiin sirbatti seenee keessatti guddadhe" jetti. Dhiibbaan yeroo sana tures haalan cimaadha. Bara ce'umsaa ammoo biyya alaatti baqattee Jibuutiifi Somaaliyaa keessa baqaan waggaa Torba turtee deebite. Seenaa aartistii gammeetti Halloo Daawwee himaamee hin dhumu.
Eegaa Aartistiin gaameettiin, Sabboontuun, qabsooftuun bilisummaa fi mirga dhala namaa, haqaa saba ishiitiif kan irraa eeggamu gootee, tan Rabbii dhufnaan, kunoo hardha gara fuula Rabbii goodante.
Maal goonagaa silaa du'a hin oolanii, Rabbii caffee jannataatti si haa qubsiisuu, nagayaan boqadhu.
~~~2
✅️ 👉 Jaalala dhugaa 👇
Haloo Daawwee, An irreplaceable Legend..a beacon of strength, a paragon of talent, and a true embodiment of grace.
---
Beyond her extraordinary talent, Halloo Daawwee exemplified the epitome of strength and resilience. She navigated personal struggles and triumphed over adversity, emerging as an inspiring symbol of courage and tenacity. Her unwavering spirit served as a beacon of hope for countless individuals, encouraging them to overcome obstacles and pursue their dreams with unwavering determination.She has left a remarkable legacy and will be sorely missed by all.Rest in peace Halo🖤
Tajudin Aliye
Oromiyaa,October 14/2023
~~~3
✅️ 👉Adaanechi Habeebee 👇
Firiin Afran Qalloo, calaqqeen biiftuu bahaa, seenaa fi aartii Oromoo keessatti ashaaraa cimaa kan keesse boqochuu artist Halloo Daawwee dhaga'uu kootti onneerraa gaddeera.
Maatii isheef, firoottan ishee fi dinqisiifattoota isheef jajjabinan hawwa.
Waaqni lubbuu ishee Jeennata haa boqachiisu.
Adaanechi Habeebee
Haadha Teenya , Qabsooftu ganamaa, Jabduu Haboo teenya Halloo Daawwee galgala kana Adaamaa mana jireenya isheetti du’aan addunyaa kana irraa boqotte jirti.
Haboo teenya hidhamnes Hiikamnes ati nuraa haftee hin beeytu, Goottitiif kuttattuu keenya Halloo Daawwee Rabbiin siif Haa araaramu!
Firaa Fiixa, Ummata keenya Ummata Oromoo maraaf Obsaaf Jajjabiina hawwina.
Haadha teenya Rabbii Jannatul furdoosiin Haa qananiisu!
~~~4
✅️ 👉~ Hamzaa booranaa
Lammaa Magarsaa (PhD) boqochuu Halloo Daawwee ilaalchisuun ergaa Koo dabarse Jira.
=============
Oromoofi saboonni obboloonni hundi Haadha seenaa guddoo dhabaniiru kan jedhan "abdii guddaan garuu Halloo ilmaan Oromoo hedduu baastee, guddistee, geessistee jirti.
Sanyii isheen facaastee biqilee ija godhateera,"
Bara barri dukkanaa keessa dungoo taatee iftee calaqqee aartii Oromoo turte. Sabboonummaa fi abbaa biyyiummaa nu barsiifte. Bara aktiiviistii fi Xiinxalaan tokko hin turreetti sirbaan kan dhufuufii kan darbe saba barsiisaa turte. Ifa bara dukkana dhaloota hedduuf ifaa as gahetu har’a dhaame. Qaamaan nurraa adda baatus dalagaa fi seenan kee bara darbeet bool’aa ol jirta.
Waaqni lubbuu kee caffee jannata nuuf qubachiisu. Firoottanii fi Oromoota hundaaf jajjabinan hawwa. Nagaan boqodhu Art Halloo Daawwee!
Lammaa Magarsaa Waqoo irra!
~~~5
Guyyoo oromoo
✅️ 👉
Halloo Daawwee
Halloo Daawwee agaarsiisa Aadaafi sirba oromoo irratti sirba mimmiidhagaa sirbite keessaa
Barbaanneet Wal barraa Fi oromoon "fardaan dabalee"jedhuu dha!
Barbaannee Wal barraa
Walirraa barraa
Wajjiin tarkanfannaa
Yeroo lsaatu harraa
Yeroo keennatu harraa
Kan dhiha fi kan bahaa
Kan dhidhina kan boroo
Irree tokkoon kaanee
Ha Wal barru dhiiroo
Nutu Wal walaallee
Mee maaluma tarraa?
Xiqqaan guddaan keenyaa
Ilmaan biyya maraa
Oromoota martuu
Ilmaan haadha tokkoo
Hireen isaani tokkoo
Gara gara duuluun
Laaliimee wahii Akkaa??
Walaloo sirbaa isheetii!
Madda seenaa Goototaa fuulla 381
Halloo Daawwee Gameetti Oromoo!
G✍️
G
Guyyoo oromoo
~~~6
✅️ 👉 Abdisaa Bancha jara
Urjii Afran Qalloo, hangafa Aartii Oromoo kan turte Artisti Halloo Daawwee Boqochuun onnee nama cabsa.
Artisti Halloo Daawwee Afaan Oromoo jabaatee lalisee akka hardha muldhatu karaa aartiidhaan kanneen gahee leencaa taphatan keessaa sagalee Muuziqaa kiilolee sanaan barabaraan dhalootni ni yaadata.
Maatiifi Ummata Oromoo hundaaf jajjabina haa kennu, Artist Halloo rabbiin Jeennata haa kennuuf
~~~7
✅️ 👉 Bole press eleven
፣ ነፀብራቅ፤ በኦሮሞ የኪነጥበብ ታሪክ ውስጥ ደማቅ አሻራ ያኖረችዉ 😭😭😭😭😭😭😭😭
ለቤተሰቦቿ ፣ለወዳጅ ዘመዶቿ እና አደናቂዎቿ መፅናናትን እመኛለሁ። ፈጣሪ ነብሷን ጀነት ያኑረት።
Qalloo, calaqqeen biiftuu bahaa, seenaa fi aartii Oromoo keessatti ashaaraa cimaa kan keesse boqochuu Du'aan Adunyaa Kanaraa Boqatee Jirtii😭😭😭😭😭😭😭😭
Maatii isheef, firoottan ishee fi dinqisiifattoota isheef jajjabinan hawwa.
Waaqni lubbuu ishee Jeennata haa boqachiisu.
~~~8
✅️ 👉 walabuma media network
Hangafa artistoota Oromoo adda durummaan eeraman keessaa tokko kan taate art. Halloo Daawwee du'aan addunyaa kana irraa boqatte!
Magaalaa Dirree Dhawaa Ganda Awwaalee jedhamu keessatti bara 1954 dhalachuun ishii kan himamu art. Halloo Daawwee umrii ishee waggaa 14tti gara hojii aartii seente.
Weelliftuu qabsooytuu, haadha artistoota danuu kan taate Halloon, waggoota 40f hojii guddinna aartii Oromoo keessatti qabsoo hadhaa'aa taasisaa turuu ishii seenaan ragaa baha.
Waggoota 40 aartii keessa turte keessatti Albama dhuunfaa ishee 10, Albamoota nama wajjiin hojjatte 13 walumaagalatti Albamoota 23 ummata Oromoof gumaachitee jirti.
Art. Halloo Daawwee Baandii Afran Qalloo boodaan kan hundaa'e Baandii "Hawwisoo Biiftuu Biyya Teenyaa" jedhamu keessatti sirba jalqabuun walleen ummata Oromootiif qabsaa’aa turte.
Art. Halloo Daawwee yeroo afaan Oromoo raadiyoo cabsa jedhamee dubbatamaa turetti hojii muuziqaa hojjachuu keessa seenuun afaan Oromootiin sirbaa turte.
Weellistoota gameeyyii dukkana keessa dhaabbachuun duungoo bilisummaa qabsisan keessa takka kan taatee Halloo Daawwee, weellistuu Oromoo wayita Afaan Oromoo dubbachuun saalfii ture, afaan isheetiin boontee, waltajjitti baatee eenyummaa saba Oromoo mul’suu keessatti qooda guddaa bahaa turteedha.
Artiisti Halloo Daawwee wallee;
"Walhora Warra Keessanii Teessumni Guddoon Shagarii,
Baabura Yaabbadheen Dhufaa Na Eegi Yaa Shamarmarii"
jedhuun hedduu kan beekkamtu yoo ta’u, wallee biraa "Oromoon Fardaan Dabaale" jedhuunis dinqisiifannaa guddaa dhaloota biraa argattee jirti.
Art. Halloo Daawwee guutummaa jireenya ishee dhimma Oromoo fi Oromummaa irratti of kennitee hojjachaa turte.
Art. Halloo Daawwee dhukkuba Sukkaaraa fi Dhigaatiin waggootaaf erga dhukkubsataa turtee booda umrii ishii waggaa 62tti Onkoloolessa 14 bara 2023 Oromiyaa Magaalaa Adaamaatti boqatte.
Sirni Awwaalcha isnii guyyaa boruu magaalaa Adaamatti bakka ummanni Oromoo bal'aan argamutti kan raawwatu ta'uun ibsamee jira.
Nu Hordofaa https://www.facebook.com/WalabumaMediaNetwork
~~~
✅️ 👉~