๐๐ซ๐จ๐ฌ๐™ฅ๐ž๐ซ๐ข๐ญ๐ฒ ๐ฌ๐ญ๐š๐ซ๐ฌ

  • Home
  • Ethiopia
  • Addis Ababa
  • ๐๐ซ๐จ๐ฌ๐™ฅ๐ž๐ซ๐ข๐ญ๐ฒ ๐ฌ๐ญ๐š๐ซ๐ฌ

๐๐ซ๐จ๐ฌ๐™ฅ๐ž๐ซ๐ข๐ญ๐ฒ ๐ฌ๐ญ๐š๐ซ๐ฌ Tokkummaan Humna!!

14/12/2024
14/12/2024
โ€œDhibdee Itoophiyaaf falli waaraan marii biyyaalessaa eegalle waloomaan milkeessuudha!โ€ Shimelis Abdisa  Pirezidaantii M...
14/12/2024

โ€œDhibdee Itoophiyaaf falli waaraan marii biyyaalessaa eegalle waloomaan milkeessuudha!โ€
Shimelis Abdisa Pirezidaantii MNO

๐Ÿ‘‰Gaaffiifi kadhoo uummataa jalaa callisuun fafa. Hunduu owwaachuufi waamicha isaaf birmaachuun Oromiyaatti nagaa waaressee ajandaa waloof ammoo maree biyyaalessaaf taaโ€™ee araaraa biyyaalessaa mirkaneessuu qaba. Fedhii keenya cinaatti dhiifnee gaaffiifi dantaa uummataaf dhaabbannaan gaaddisni maree hunda injifachiisee milkaaโ€™ina waloof tumsa.

  !!!Ol-Adeemaa guddisuun duudhaaf Qajeeltoo Ida'amuutti,Dargaggoo Xiin-Sammuu fi Dandeeytii Technology Badhaadhee Oomis...
14/12/2024

!!!
Ol-Adeemaa guddisuun duudhaaf Qajeeltoo Ida'amuutti,Dargaggoo Xiin-Sammuu fi Dandeeytii Technology Badhaadhee Oomishuuf hojii fakkeenyummaa qabu hojjate galatoomi.
I/G Biiroo Dargaggoo Fi Ispoortii Oromiyaa Kan Turan
Obbo .
I/A Kantiibaa Magaalaa Adaamaa taโ€™uun Muudamaniiru.

Bara_Hojii_Gaarii!!!!!!

Itoophiyaan Biyya sassaabbii Galiitiin Addunyaas, Afrikaarraas Curraa(Dhuma)  taate ta'uu beektuu?๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น...
09/12/2024

Itoophiyaan Biyya sassaabbii Galiitiin Addunyaas, Afrikaarraas Curraa(Dhuma) taate ta'uu beektuu?
๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น

Reeshiyoo Galii Gibiraa fi GDP (Tax revenue to GDP ratio)

Reeshiyoon galii gibiraa fi GDP hanga galii gibiraa mootummaan tokko walitti qabame Oomisha Waliigalaa Biyya Keessaa (GDP) irraa dhibbeentaadhaan kan safaramudha. Reeshiyoon kun agarsiiftuu barbaachisaa fayyummaa faayinaansii biyya tokkoo fi dandeettii tajaajila mootummaa maallaqaan gargaaruu kan agarsiisudha.

โœ๏ธBiyyoota Reeshiyoo Galii Gibiraa fi GDP Olaanaa qaban

๐Ÿ‡ฉ๐Ÿ‡ฐ- Deenmaark: 46.3% (biyyoota OECD keessaa isa olaanaa)
๐Ÿ‡ซ๐Ÿ‡ท- Faransaay: 24%
๐Ÿ‡ธ๐Ÿ‡ช- Siwiidin: %27.3
๐Ÿ‡ง๐Ÿ‡ช- Beeljiyeem: %23.3
๐Ÿ‡ฆ๐Ÿ‡น- Oostiriyaa: %25.8

โœ๏ธBiyyoota Reeshiyoo Galii Gibiraa fi GDP giddu galeessaa qaban

๐Ÿ‡ฌ๐Ÿ‡ง- Yunaayitid Kingidam: 26.4%
๐Ÿ‡ฆ๐Ÿ‡บ- Awustiraaliyaa: %23.1
๐Ÿ‡ฉ๐Ÿ‡ช- Jarmanii: %11.2
๐Ÿ‡จ๐Ÿ‡ฆ- Kanaadaa: %13.3
๐Ÿ‡ฏ๐Ÿ‡ต- Jaappaan: %11.6

โœ๏ธBiyyoota reeshiyoo Galii Gibiraa fi GDP gad aanaa qaban

๐Ÿ‡บ๐Ÿ‡ธ- Ameerikaa: 11.2%
๐Ÿ‡ท๐Ÿ‡บ- Raashiyaa: %11.6
๐Ÿ‡จ๐Ÿ‡ณ- Chaayinaa: %8.1
๐Ÿ‡ฎ๐Ÿ‡ณ- Hindii: %12

โœ๏ธReeshiyoo galii gibiraa fi GDP biyyoota Baha Afrikaa

๐Ÿ‡ธ๐Ÿ‡ธ-Sudaan Kibbaa - 30.5%
๐Ÿ‡ท๐Ÿ‡ผ-Ruwaandaa -18.23%
๐Ÿ‡ฐ๐Ÿ‡ช-keeniyaa - 17.35%
๐Ÿ‡น๐Ÿ‡ฟ-Taanzaaniyaa - %15.62
๐Ÿ‡ธ๐Ÿ‡ฉ-Sudaan - 14.8%
๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡ท-Eertiraa- 14.8%
๐Ÿ‡ธ๐Ÿ‡ด-Somaaliyaa-14.8%
๐Ÿ‡บ๐Ÿ‡ฌ-Yugaandaa - 14.26%
๐Ÿ‡ฉ๐Ÿ‡ฏ-Jibuutii - 11.5%
๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น-Itoophiyaa -7.35%

๐ŸŒŽ Akka baankiin Addunyaa kaa'etti biyyi kamuu Sirna mootummaa gaggeessuu fi tajaajila dirqama mootummaa bahachuuf yoo xiqqaate reeshiyoon galii gibiraa fi GDP %15 ta'uu qaba.

๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡นBu'uura kanaan Itoophiyaan biyyoota addunyaa irraa galii xiqqoo sassaabanu keessatti ramadamti. Giddu-gala Baankiin Addunyaa kaa'e %15 irraayyuu walakkaadhaa gadi sassaabdi(7.35%).

โœ๏ธSomaaliyaan, keeniyaan, suudaan, suudaan kibbaa, Ertiraa, yugaandaa, ruwaandaa fi Jibuutiin illee sassaabbii galiitiin Hunduu Itoophiyaa caalu.

โœ๏ธSoomaaliyaan isiin mootummaa giddu galeessaa cimaa hin qabneyyu sassaabbii gibiraatiin Itoophiyaa caalti. Keeniyaan silas marsaa lamaan nu caalti.

โœ๏ธKanaaf Itoophiyaan humna sassaabbii galii ishee guddisuu qabdi. Kun dirqama misoomaa fi nageenya biyyaatiif akkasumas guddina ariifachiisaa fiduuf murteessaadha.

โœ๏ธAkka hayyoonni diinagdee jedhanutti Galii gad aanaa sassaabuun omishtummaa lammiilee hin guddisu, haguma humni sassaabbii biyyaa guddachaa adeemuun lammiileen Omishtummaan isaanii baayyee dabala.

๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡นYoo Galiin hin jirre misoomni, nageenyii fi tajaajjilli, badhaadhinni hin jiru jechuudha.

๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡นGalii galchuun dirqama lammiilee hundaati.

John Ahmed AbaMilki tin

Daldalli siyaasaa Balaa Sirnaati________Kaayyoo fi Galma Daldala Siyaasaa Keessaa inni Guddaa Sirni Siyaasaa jabaan akka...
09/12/2024

Daldalli siyaasaa Balaa Sirnaati
________
Kaayyoo fi Galma Daldala Siyaasaa Keessaa inni Guddaa Sirni Siyaasaa jabaan akka hin ijaaramne dha.Sirni ijaaramus namoota dhuunfaa fi garee daldaala siyaasaa keessatti hirmaataniif haala kan mijeessu ta'ee akka ijaaramu barbaada.Sirni kunis sirna faayidaa fi dantaa hawaasa bal'aa mirkaneessu osoo hin taanee sirna faayidaa daldaaltota siyaasaa kabachiisuufi eegsisu ta'a jechuu dha.Sirna siyaasaa sirrii keessatti taayitaan siyaasaa uummata irraa madda ykn argama.

Uummatatu yaadaa fi tarsimoo paartii ykn qaama tokkootti amanee amanamummaa isaa kennuufiin filata jechuu dha.Sirna akkasii keessatti amanamummaan siyaasaa fi tajaajilli abbaa madda aangoo uummataaf deebi'ee kennama jechuu dha.Kana jechuun taayitaan/aangoon siyaasaa meeshaa ittiin uummataa fi biyya tajaajilani dha.Sirna daldalli siyaasaa olaantummaa qabu keessatti taayitaan siyaasaa, amanamummaa fi tajaajilli aangoo siyaasaan kennamu akka shaqaxaatti gabaa irratti gatiin muramee fii bitamee gurgurama jechuu dha.

Galiin Yoo hin jirre misoomni, nageenyii fi tajaajjilli, badhaadhinni hin jiru.Galii galchuun dirqama lammiilee hundaati...
09/12/2024

Galiin Yoo hin jirre misoomni, nageenyii fi tajaajjilli, badhaadhinni hin jiru.Galii galchuun dirqama lammiilee hundaati.
Ajandaan Ayyaan laallattootaa ni kufa Gibira Kafaluun itti fufa

Furmaanni rakkoo keenya baayโ€™ee NAGAA!!====================================Nageenyi buโ€™uura tasgabbiif badhaadhina biyya...
09/12/2024

Furmaanni rakkoo keenya baayโ€™ee NAGAA!!
====================================
Nageenyi buโ€™uura tasgabbiif badhaadhina biyyati. Bulchiinsi tasgabbaaโ€™aan, guddina dinagdeef hawaasummaa dhugaan kan jiraatu yoo nageenyi waaraan jiraate qofa. Nageenyi waaraan lammiilee gidduutti wal amantaa gabbisee walitti dhufeenya hawaasummaa cimsa. Dabalataan, nageenyi sirni seeraa mirgaaf haqa lammilee kabachiisu akka hojiirra oolu gochuun qajeeltoo ijaarsa hawaasummaa taโ€™ee tajaajila. Kanaafi kan biyyoonni yeroo dheeraa waraanaa keessa turan hiyyummaa keessati kufanii hafan.

Nagan Bu'ura Furtuu Waa Maraati!!

."Nageenyi Soor qalbii dhala namaati"Hawaasni keenya baadiyyaa Yaaddoo nageenyaa malee ciisee buluu eegaluun gabbina xii...
09/12/2024

."Nageenyi Soor qalbii dhala namaati"

Hawaasni keenya baadiyyaa Yaaddoo nageenyaa malee ciisee buluu eegaluun gabbina xiinsammuu isaaniiti!"

Warri safuufi duudha Ummata kanaa kabajjanii walii galtee araaraan gara hawaasa keessaniitti dabalamtanii nagaa buustan hundi guddaa galatoomaa!

Ummanni keenya baadiyyaa sodaa nageenyaa obbaafachuun siqiqii qaxxisa miilaafi sodaa shokokii wahii malee ciisee buluu jalqabee jira.gammachuun kana caalu hin jiru.

Amma iyyuu kun dhuguma moo nu mooksaa jirtu laata jechaa jiru."Nageenyi Soor qalbii dhala namaati"

Tokkummaa biyyaalessaa cimsuun egeree keenya haa ijaarru!********Ilaalamaa fi yaadama sirrii taโ€™e goonfachuudhaan Itooph...
05/11/2024

Tokkummaa biyyaalessaa cimsuun egeree keenya haa ijaarru!
********
Ilaalamaa fi yaadama sirrii taโ€™e goonfachuudhaan Itoophiyaa badhaadhina hunda galeessatti ceetee fi birmadummaa guutuu goonfatte mirkaneessuun ergama dhaloota harโ€™aa taโ€™uu qaba.

Yaadama Ida'amuu goonfannee, wal-dhiibuu fi wal-jibbuurraa fagaachuudhaan yaada duudhaalee gaggaarii keenya itti fufsiisuu akkasumas dogoggoroota kaleessa sirreessuun dhimma boruuf jennee bira dabarru osoo hin taane gocha harโ€™a raawwannu taโ€™uu qaba.

Harโ€™i egeree keenya ijaaruu keessatti iddoo olโ€™aanaa qaba. Dhimmoota kaleessa dabarsine duubatti deebisuun waan hin dandaโ€™amneef harโ€™arra dhaabbannee kan kaleessaa irraa barachuu, boruuf ammoo xiyyeeffannaan hojjachuu qabna.

Biyyi waloo kan ijaaramtu tokkummaa fi hirmaannaa lammii hundaatiini. Itoophiyaa sab daneettii hundaaf mijattuu taate ijaaruun dhalootatti ceesisuuf biyyaalessummaa sadarkaa hundatti mirkaneessuun murteessaadha.

Biyyaalessummaan buโ€™uura obbolummaa fi tokkummaa taโ€™uu hubachuudhaan galma gahiinsa isaatiif adda durummaan sochoโ€™uu qabna.
Oromia Prosperity Party / OPP /
Oromia Communication Bureau

30/10/2024

Abjuu fi Mulโ€™ata Paartii Badhaadhina Hubannoo fi Kutannoo , Murannoon fi Ejjennoo Cimaan Milkeessuun Gahee Hoggansa Hundaati.

Address

Finfinnee
Addis Ababa

Telephone

+251963850280

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when ๐๐ซ๐จ๐ฌ๐™ฅ๐ž๐ซ๐ข๐ญ๐ฒ ๐ฌ๐ญ๐š๐ซ๐ฌ posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to ๐๐ซ๐จ๐ฌ๐™ฅ๐ž๐ซ๐ข๐ญ๐ฒ ๐ฌ๐ญ๐š๐ซ๐ฌ:

Videos

Share