Maaddii Media

Maaddii Media MAADDII DHALOOTAAF.

11/01/2025

Hiriyyaa kee jaallattu tokko
godhiitii
'UU wayyaa
'i jedhiin.
Maaddii Media

 🥺Haadha❤️♦ Baay'ee nama dinqa 😢❤️Kirkirri lafaa Jaappaan keessatti mudate booda gareen hojjattota lubbuu bararuu mana d...
02/01/2025

🥺
Haadha❤️
♦ Baay'ee nama dinqa 😢❤️

Kirkirri lafaa Jaappaan keessatti mudate booda gareen hojjattota lubbuu bararuu mana diigame tokko keessa seenuun reeffa dubartii tokkoo argani.

Dubartiin jilbeenfattee jirti; Qaamni ishee gara fuulduraatti jilbeeffatee, harki ishee lamaan waan tokko irratti hafe jira. Manni jige dugdaa fi mataa ishee irratti kufe.

Hogganaan garee lubbuu baraarsaa kun reeffa dubartii kanaa bira ga'uuf qaawwa dhiphoo dallaa keessa jiruun harka isaa dubartii kana irra kaa'e.

Dubartiin sun lubbuun jiraachuu dandeessi jedhee abdate. Haa ta'u malee qaamni ishee qorraa fi jajjabina qaba. Kanumaan du'uun ishee hin oolu jedhee tilmaame darbee....

Inniifi gareen hafe mana dubartii sanaa ba'anii gamoo itti aanu sakatta'uuf deeman.

Garuu hogganaan garee shakkamee ammas gara mana dubartii lubbuun dabarte saaniti deebi'e.

Ammas jilbeenfatee, harka isaatiin naannoo xiqqoo reeffa jala jiru ilaalle waan tokko argate.

Hogganaan garee lubbuu baraaru akka tasaa iyye, “Daa’ima! Mucaan jira! " jedhe

Daa'imni dhiiraa ji'a 3 reeffa haadha isaa jalatti firaasha daratiin marfamee jira.

Dubartiin kun ilma ishee oolchuuf aarsaa isa dhumaa akka kaffalte ifaadha.

Yeroo manni ishee irratti jigu qaama ishee guutuu daa'ima ishee gubbaa kaa'attee lubbuu isaa olchufi ofi jalatti qabde jirti.

Hogganaan garee sanaa daa'ima sana fuudhee daa'ima sana yommuu ilaaluu mucaan sun nagaa rafaa ture.

Gareen yaalaa daa'ima kana qorachuuf ariitiin kan ba'an yoo ta'u, yeroo firaasha sana banan firaasha sana keessaa bilbila harkaa argatani.

Ergaa barreeffamaa iskiriinii mobaayilaa irratti dubbisan.

"Yoo lubbuun hafte yeroo hunda akkan si jaalladhu yaadadhu" jedha.

Jaalalli haati mucaa isheef qabdu akkana!!

(miidiyaa hawaasaa irraa kan argee)
MaMaaddii Mediat@topfans

30/12/2024

Gaafa kan har'aaf fiigdu
Dhalootni borus akka jiru
Hin dagatiin!
Bu'aa ta'i malee ba'aas hin ta'iin.
Maaddii Media

➽ Iddoon Si hin madaalle Sisalphisa!!=============/=============         ⌚⌚⌚⌚⌚Manguddoo tokkotu dulloomee fiixee du'aarr...
30/12/2024

➽ Iddoon Si hin madaalle Sisalphisa!!
=============/=============
⌚⌚⌚⌚⌚
Manguddoo tokkotu dulloomee fiixee du'aarra
yoo gahu ilma isaa ofiiti waamee,
"yaa ilmakoo sa'aatii harkaa kana abbaa kootu naaf kenne isaaf ammoo abbaa isaatu laateefii
Ture Amma sa'aatiin kun gara waggaa dhibba lamaa darbeera Anis ilmin qabuufii waan gati jabeessa dhaalchisu si waan
ta'eef siifan laadha,Garuu dursa deemiitii manneen
daldalaarra naanna'ii hangamiin akka sirraa bitan
gaafadhu" jedheen.mucichis suuqii garaa garaa irra naanna'ee gaafachuutti ka'e,Daldaltoonnis 'sa'aatiin kun moofaadha, sanumaayyuu ammoo
ligidii qaba qarshii shan caalaadhaan yoo binne
nuuf hin baasu' jedhaniini.
Daldaltoota jijiree biyyaa biyyatti deemee yoo gaafatus kan gadi hir'isu malee waa siksuuf
dhabe.sana booda deebi'ee Abbaa isaatiin
"Abbaakoo daldaltoota hedduu suuqii qaban gaafadhee qarshii shanii oliin hin binnu jedhaniiru
" jedheeni.Abbaanis "amma immoo gara god-hambaa yookan muuziyeemii biyyoolessaa dhaqitii gaafadhu" jedheen.
Mucichis gaafa hooggantoota muuziyeemii biyyoolessaa dhaqee gaafatu qarshii miiliyoona lamaan sirraa binna jedhaniin,
Mucichis gammadaa gara abbaa isaatti deebi'ee,
"abbaakoo kunoo reefan bakka ta'u deeme, isaan
qarshii miliyoona lamaan sirraa binnaa fidi" naan jedhan jedhee itti hime,

➽Abbaan isaa manguddoon beekaan kunis"Egaa Argitee bakka siinmadaalle yoo dhaabbatte gatiikee gadi cabsa, si salphisa; bakka si madaalu yoo oolte garuu eebba qaba ulfina siif kenna. Kanaafuu Yoo namni si
cabse si salphise hin rifatin, waan sin beekneefi. ati bakka simadaaluufi nama barbaachisummaa kee beeku biratti niikabajamta" jedhee gorse
Ati gaafa iddoo kee malee dhaabbattu rakasta malee rakasa miti.
Maaddii Media

https://www.youtube.com/

27/12/2024

The best content creator of the Year
Dawit Girma
Maaddii Media

Nagaa MediaCichoominan hojii ajaa'ibaa hojjechaa jirtu jabaadhaa! Nagaa Taaddasaa Oljirraa qaxalee ilmaa jabaadhu!
25/12/2024

Nagaa Media
Cichoominan hojii ajaa'ibaa hojjechaa jirtu jabaadhaa!
Nagaa Taaddasaa Oljirraa qaxalee ilmaa jabaadhu!

Fiilmii walitti fufaa jireenya mooraa Yuniversiitii irratti hundaa'e.

 .Ni jira garuu hin jiruAkka ofiisaa ofiif kan hiru Majii dhagaati tokko ol oofa kaanis gadiiDirmammaa'adha fakkoo waadd...
12/12/2024

.

Ni jira garuu hin jiru
Akka ofiisaa ofiif kan hiru
Majii dhagaati
tokko ol oofa kaanis gadii
Dirmammaa'adha fakkoo waaddii
Akkisaa akka qaba
Namnisaa harka qaba
Hinseesu garuu seesamaadha

Hin beeku garuu beekamaadha!
...
Hawera Guluma

Lafa Nagaa oolaa! 😳🙏😍MaaMaaddii Mediao@topfans
15/11/2024

Lafa Nagaa oolaa! 😳🙏😍
MaaMaaddii Mediao@topfans

YERUSAALEM HAR'AA FI HAARAA•••Maqaan Yerusaalem yeroo ka'u namoota baay'eef gaaffii ta'a. Obboleessi keenya Faarfataa So...
14/11/2024

YERUSAALEM HAR'AA FI HAARAA
•••
Maqaan Yerusaalem yeroo ka'u namoota baay'eef gaaffii ta'a. Obboleessi keenya Faarfataa Solomoon Alamuu waa'ee Yerusaalem Haaraa faarfannaan namoonni waa'ee Yerusaalem ishee har'aa odeessu. Waawuu, dhimmi hafuuraa hafuurumaan namaaf huubatama, Waangeela beekuuf ammoo dubbisuu qofti ga'aa utuu hin taane Yesusitti amanuun namaaf hiikama.

Yerusaalem lamatu Macaafa Qulqulluu keessatti eeraman. Isaanis Yerusaalem ishee har'a jirtuu fi Yerusaalem haaraadha.

Yerusaalem isheen har'aa waggoota kumaatamaaf magaalaa barbaachisaa turte, yeroo baay’ee xiyyeeffannaa addunyaas yoo taatu, magaalattiin seenaa macaafa qulqulluu fi raajii macaafa qulqulluu keessatti bakka guddaa qabdi. Yerusaalem taateewwan barbaachisoo Macaafa Qulqulluu keessatti raawwataman hedduu keessatti giddu galeessa dha.

Magaalaan Yerusaalem har'aa qarqara lafa gabatee olka’aa Israa’el keessaa tokko irratti, giddu gala biyyattii irraa gara kibbaatti, Galaana Meditiraaniyaanii irraa gara bahaatti gara maayilii soddomii torba, laga Yordaanos irraa gara dhihaatti gara maayilii digdamii afur fagaattee argamti. Teessumni ishee gama lamaaniin boolla gadi fagoodhaan kan sararame yoo ta’u, magaalattiif ittisa uumamaa ta’a. Yerusaalem Caaffata Qulqullaa’oo keessatti maqaa adda addaatiin waamamti: “Saalem,” “Ari’eel,” “Yebuus,” “magaalaa Waaqayyoo,” “magaalaa qulqulluu,” “magaalaa Daawit” fi “Tsiyoon.” Yerusaalem mataan ishee “nagaa qabaachuu” jechuudha.

Yerusaalem ishee Haaraan ammoo maqaa Godoo Waaqayyoo, Magaalaa Qulqulleettii, Magaalaa Waaqayyoo, Magaalaa Samii, Magaalaa Rog-Arfee, fi Yerusaalem Samii jedhamtu, jecha jechaatti samii lafarraa jechuudha. Yerusaalem Haaraan Macaafa Qulqulluu keessatti bakka hedduutti eerameera (Galaatiyaa 4:26; Ibroota 11:10; 12:22-24; fi 13:14), garuu sirriitti kan ibsame Mul’ata 21 keessatti.

Galmeen seenaa namaa kan goolabame Mul’ata 21 keessatti. Barootni hunduu dhufanii darbaniiru, Kiristoos waldaa isaa ishee butamtu walitti qabateera (1Tasaloonqee 4:15-17). Rakkinni darbeera (Mul’ata 6-18). Yesus Kristoos Gooftaan keenya lola Armaagedoon lolee injifateera (Mul’ata 19:17-21). Seexanni bulchiinsa Kiristoos waggaa 1,000 lafa irratti qabuuf sansalataan hidhamee jira (Mul’ata 20:1-3). Manni qulqullummaa haaraan, ulfina qabeessi Yerusaalem keessatti hundeeffameera (Hisqi’eel 40-48). Fincilli inni dhumaa Waaqayyoo irratti ka’e haqamee jira, Seexannis adabbii isaa isa qajeelaa argateera, bara baraan haroo ibiddaa keessatti dhidhimeera (Mul’ata 20:7-10.) Firdiin Teessoo Adii Guddaa raawwatameera, ilmi namaas murtii argateera (Mul’ata 20 :11-15).

Mul’ata 21:1 keessatti Waaqayyo samii fi lafa guutummaatti jijjiirra (Isaayyaas 65:17; 2Phexros 3:12-13). Samiin haaraa fi lafti haaraan kan namoonni tokko tokko “jireenya bara baraa” jedhanii waaman yoo ta’u, “bakka qajeelummaan jiraatu” (2Phexros 3:13) ta’a. Uumamni irra deebiin erga uumamee booda Waaqayyo Yerusaalem Haaraa mul’isa. Yohaannis mul’ata isaa keessatti “Magaalaa Qulqulleettii Yerusaalem haaraan akka misirroo abbaa manaa isheetiif uffata bareedaa uffattetti qophooftee” samii irraa Waaqayyo biraa gadi buuti, (Mul’ata 21:2). Kunis magaalaa Abrahaam amantiidhaan barbaadeedha (Ibroota 11:10). Innis iddoo Waaqayyo saba isaa wajjin bara baraan jiraatuudha (Mul’ata 21:3). Jiraattonni magaalaa samii kanaa imimmaan isaanii hundi ni haxaa’ama (Mul’ata 21:4).

Yerusaalem Haaraan haala ajaa'iba ta'een guddaa taati. Yohaannis magaalattiin dheerinni ishee gara maayilii 1,400 akka ta’e, bal’ina fi olka’iinsi ishee akkuma dheerina ishee, akkasuma bal’ina fi gad fageenyi ishee walqixa ta’uu galmeesse (Mul’ata 21:15-17). Magaalattiin karaa hundaan ija namaa kan hawwattu taati. Magaalattiin ulfina Waaqayyootiin ibsamteetti (Mul'ata 21:23). Bu'uurri ishee kudha lamaan maqaa ergamoota kudha lamaanii kan qabatee fi dhagaa gati jabeessa hundumaan faayyamteetti (Mul'ata 21:19) Akkasuma karra kudha lama kan gosa Israa'el kudha lamaanii qabdi (Mul'ata 21:12 fi 21), Daandiin ishee warqee qulqulluu irraa hojjetameera (Mul'ata 21:21)

Yerusaalem Haaraan iddoo eebba hin yaadamneeti. Abaarsi lafa moofaa ni bada (Mul’ata 22:3). Magaalattii keessatti mukti jireenyaa “saboota fayyisuuf” fi lagi jireenyaa jiru (Mul'ata 22:1-2). Innis iddoo Phaawuloos akkas jedhee dubbateedha: “Inni arjummaa karaa Kristos Yesus nuuf godhe sanaan, baraa dhufu humdumaattuu baay'ina ayyaana isaatii isa hammas hin jedhamne argisiisuudhaaf kana godhe” (Efe. 2:7). Yerusaalem Haaraan raawwii abdii Waaqayyoo hundumaa isa dhumaati. Yerusaalem Haaraan gaarummaa Waaqayyoo guutummaatti mul’atuudha.

Jiraattonni Yerusaalem Haaraa eenyufa’i? Abbaa fi Hoolichi achi jiru (Mul’ata 21:22). Ergamoonni karra irra jiru (Mul'ata 21:12). Magaalattiin ijoollee Waaqayyoo furamaniin ni guutamti. Yerusaalem Haaraan faallaa Baabilon hamaa (Mul’ata 17) firdii Waaqayyoon balleeffamteeti (Mul’ata 18). Baabiloon hamaan fakkii biyya lafaa har'aa Waaqayyoon ganteeti.

Jal’oonni magaalaa isaanii qabu turan, Waaqayyos kan isaa qaba. Magaalaa kam keessa jirta? Baabilon guddittii moo Yerusaalem Haaraa? Ilmi Waaqayyoo du'ee du'aa ka'ee ayyaana isaatiin akka si fayyisu kan amante yoo ta'e ati lammii Yerusaalem Haaraati. Kristoos waliin du'aa kaateetta, isuma waliinis mirga Waaqayyo abbaa teesseetta. “Karaa Kristos Yesus isumaa wajjin du'aa nu kaase, isumaa wajjin bantii waaqaa keessaa iddoo nuuf kenne, nu teessises” (Efe. 2:6). “Dhaala yoomiyyuu baduu hin dandeenye, hin mancaane qabda (1Phexros 1:4). Yoo ammallee Kiristoosiin akka fayyisaa keetti hin amanne ta'e, egaa akka isa fudhattu sin gaafadha.

Waamichichi akkas jedha: “Hafuurichii fi misirrottiin, "Kottu" in jedhuun; namni kana dhaga'us,"Kottu" haa jedhu! Namni dheebote haa dhufu, namni bishaan barbaadus utuu gatii hin baasin bishaan jireenya kennu haa fudhatu!”
— Mul. 22:17

OUR YOU TUBE CHANNEL TO GET NOTIFICATIIONS OF NEW POSTS Title :ACHISinger: Solomon Alemu Lyrics Yaa biyya lafaa Yesuus mi'aa baatee siif ...

 Nagaan Waaqayyoo hunduma keessaniif haa baay'atu jechaa, gargaarsa Waaqayyootiin faarfannaa mata dureen isaa   jedhu qa...
12/11/2024


Nagaan Waaqayyoo hunduma keessaniif haa baay'atu jechaa, gargaarsa Waaqayyootiin faarfannaa mata dureen isaa jedhu qabadhee dhufaan jira. Faarfannaa kanas karaa toora channel kootii kanan isin qaqqabsiisu ta'a.
Isin immoo share gochuun hiriyoota keessan biraan naaf ga'aa, Eebbifamaa🙏
MMaaddii Media@

✍Karaan kiyya fagaatee dheeratus Humni kiyya yaratee xiqqaatus Daandii kiyyarra gufuun heddummatus Hamataaf goomataankoo...
12/11/2024

✍Karaan kiyya fagaatee dheeratus
Humni kiyya yaratee xiqqaatus
Daandii kiyyarra gufuun heddummatus
Hamataaf goomataankoo baay'atus
Dhabus firaaf humna
An hin kennu harkakoo
Hin deebiu an boodakoo
Abdiitu jiraam bar durakoo
Natti mumul'ataam mul'annikoo
An hin cabsuum hamileekoo
Hin laaffisuum humna kankoo
Seexaa lubbuu ofitti horee
Qoree dhoqqee keessa baree
Fiiga malee hin dhaabbadhu
Mul'atakoo dhugoomfachuuf
Bakka kaayyoo qaqqabachuuf
Galma kankoo dhugoomfachuuf......

Maaddii Media
Lafa nagaa oolaa!

Seeneet Gizaachoo...!Aartii walaloon Waltajjii Guddaa biyyaa Irratti nu boonsaa turte barumsaanis akka addunyaatti Qoram...
11/11/2024

Seeneet Gizaachoo...!
Aartii walaloon Waltajjii Guddaa biyyaa Irratti nu boonsaa turte barumsaanis akka addunyaatti Qoramtee qabxii olaanaa galmeessistee jirti intalti keenya Jabduu Seeneet gizaachow

Kun Result "IGCSE- international General Certificate of Secondary Education " jedhamu akka addunyaatti biyyoota 83 irratti barattoota jiraniif keennamudha. Seeneet qabxii qorumsaa Boonsaa galmeessite.
Mathematics- A*
Physics- A+
Biology- A+
Chemistry- A
English- A

Kanaa ol milkaa'i🙏🥰

👉 MaaMaaddii Mediao@topfans

 ! | Know Your Value❍ Bishaan qaruura tokko suuqii guddaa keessa jiru gatiin isaa 10ETB dha. Bishaan qaruura wal fakkaat...
11/11/2024

! | Know Your Value

❍ Bishaan qaruura tokko suuqii guddaa keessa jiru gatiin isaa 10ETB dha. Bishaan qaruura wal fakkaatu mana dhugaatii tokko keessatti gatiin isaa 15ETB dha. Mana nyaataa yookiin hoteela keessatti hanga 20ETB ta'a. Buufata xiyyaaraa yookiin xiyyaara keessatti kaffaltiin isaa 50ETB ta'a. Qaruuraa fi maqaan isaa tokko dha, wanti jijjiirama fide iddoo argama bishaanichaati. Tokkoon tokkoon iddoo argama bishaanichaa gatii adda addaa bishaan qaruura walfakkaataaf kenna.

❍ Bakka jirtutti gatii akka qabdu sitti dhaga'amuu yoo baate akkasumas namni naannoo kee jiru hundi gatii kee xiqqeessu yoo ta'e, naannoo sana hin turin, adeemi! Jijjiiramuuf hamilee qabaadhu. Bakkeewwan gatiin siif malu itti siif kennamu dhaqi. Gatii kee beeki, of dinqisiifadhu! Gatii xiqqaadhaan of hin sharafin!
Maaddii Media

Pireezidaanti Joo Baayidaan karaa nagaan aangoo dabarsuuf waadaa galanFinfinnee, Onkololeessa 28, 2017 (FBC) - Yeroo aan...
07/11/2024

Pireezidaanti Joo Baayidaan karaa nagaan aangoo dabarsuuf waadaa galan

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2017 (FBC) - Yeroo aangoo isaanii xumuraa kan jiran Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidaan karaa nagaan aangoo dabarsuuf waadaa galaniiru.

Paartii Diimokiraatawaa bakka bu'uun waggoota arfan darbaniif Ameerikaa kan dursan Joo Baayidan filannoo Pireezidaantummaa kaleessa gaggeeffameen Paartii Rippaablikaanootaa Doonaald Tiraampiin injifatamuu hordofee karaa nagaan aangoo dabarsuuf waadaa galaniiru.

Joo Baayidan ergaa dabarsaniin bu'aa filannoo kan fudhatan ta'uu fi aangoo karaa nagaan dabarsuuf waadaa galaniiru.

Hojiilee osoo hin xumuramin jiran xumuruun aangoo dabarsina jedhan ergaa lammiilee Ameerikaaf dabarsaniin.

Paartii isaanii bakka bu'uun filannicharratti morkii cimaa kan taasisan Kamaalaa Hariis dinqisiifataniiru.

Filannoo Pireezidaantummaa gaggeeffame injifachuun Pireezidaantii Ameerikaa 47ffaa kan ta'an Doonaald Tiraampiif ergaa baga gammaddee dabarsaniiru.

Barri hojii isaanii kan milkii akka ta'u hawwaniiru.

Tiraampi guyyoota 74 booda hanga aangoo fudhatanitti Joo Baayidan aangorra turu jechuudha.

Gama biroon Kamaalaa Hariis injifatamuu isaanii amanuun Doonaaldi Tiraampiif ergaa baga gammaddee dabarsuu BBCn gabaaseera.

Sirni waadaa galuu fi aangoo fudhachuu Doonaald Tiraampi bara Faranjootaa Amajjii 20, 2025 gaggeeffama.


Maaddii Media

Ay qoosaa sana😂Lammii Ameerikaatu akkas jedhe“Biyyi keenya baay'ee dimookiraatiidha. Amma otoo 'white house bira dhaabba...
07/11/2024

Ay qoosaa sana😂

Lammii Ameerikaatu akkas jedhe

“Biyyi keenya baay'ee dimookiraatiidha. Amma otoo 'white house bira dhaabbattee ‘Donaald Tiraamp biyyeen si haa nyaatu!’ jetteeyyuu namni sitti bu'u hinjiru”

Lammiin Itiyoophiyaas jalaa qabee,

“Biyyi keenyas akkasuma, dimookiraatiidha. Amma otoo 'arat kiiloo' dhuftee dhaabbattee, ‘Donaald Tiraamp biyyeen si haa nyaatu!’ jettee namni tisiisa sirraa kaasu hinjiru”

jedheen.😄
KaKanaa'ol Badhaadhaa🙏
MaadMaaddii Media

Address

Addis Ababa
MAADDIIMEDIA

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Maaddii Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Maaddii Media:

Videos

Share

Category