Jaal Leeqaa Page

Jaal Leeqaa Page Fira Keef Diina Kee Adda Baasa Deemi Guyyaa Har'ati qabi✍

17/05/2024

Gandi tokko dirqama nama 300 Naqqamteetti erguu qaba.

“gandoota aanaa Guutoo Giddaa keessatti argaman 20 ol ta'an keessa gandaan nama 300 akka ergan dirqamni itti kenname. kaabineen godinoota shawaaf wallaggaa arfan keessaa geejjibni ramadamee dhufan. Jaarsoliin waldaaf maanguddoonni aanota ollaadhaa dirqamaan akka dhufan taasifame. Waajjiraaleen mootummaa, baankiiwwan hundinu.

Manneen daldalaa magaalaa Naqamtee keessatti argaman hunda akka cufaman dirqisiisanii. Geejjibni kaleessa sa'atii 6 irraa kaase hanga harra sa'atii 7tti dirqiin dhaabsifamee ture. Kaleessa namoota waraqaa eenyummaa hin qabneef dargaggoota mana bunaaf puulii keessaa funaanani hidhaatti guuraa oolan.”

Dhiiga Qeerroowwan kanaa hin qoorreem ummatni isin waliin dhiichisuuf

💥 Vacation time 💥💥
17/05/2024

💥 Vacation time 💥💥

Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu Galeessaa kaadhimamtoota haaraa eebbisuun Dirqama itti aanuuf bobbaase.(SQ-Caams...
16/05/2024

Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu Galeessaa kaadhimamtoota haaraa eebbisuun Dirqama itti aanuuf bobbaase.

(SQ-Caamsaa 15, 2024)

Jaarmiyaan ABO-WBO kaadhimaamtoota leenjii Siyaasaafi Loltummaa Leenjisuun bobbaasaa turuun beekamaadha.

Jaarmiyichi Diina Qabsoo Oromoof yaaddoo ta'uun Fira qabsootti abdii hora jira.

Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Gidduu Galeessaa Birgeedii Aduu saafaa Kaadhimaamtoota Haaraa Eebbisuun dirqama itti aanuuf bobbaaseera.

Eebba Kaadhimamtoota kanaa irraatti Itti Aanaan Ajajaa Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu Galeessaa Jaal Jireenyaa Rabbumaa argamuuniru.

16/05/2024

Tokkummaa + Hooggansa Bilchaataa + Beekumsa + Dandeettii + Muuxannoo =
= Bilisummaa

16/05/2024

Baay'inni loltuu kaayyoo malee deemu girrisaa dha✍

Warri Finfinnee WBO galee jedhe irriba dhabu kun mee 🤔 achii dhiibee dhufnaan leencicha kan dura dhaabbatu hin jiru gala...
16/05/2024

Warri Finfinnee WBO galee jedhe irriba dhabu kun mee 🤔 achii dhiibee dhufnaan leencicha kan dura dhaabbatu hin jiru galaa rafaamee ergamtoota PP. Tasa ofirratti gadi dhiistuumoo booda 😏😂

29/04/2024

Mootummaa:_ Nama isiin eeguu isiniif goonuu?
Prof. Mararaa Guddinaa :_ Isiin Nan xuqinaa malee homtuu nan xuqu. 😅

መንግስት :- ጠበቂ እንመድብልዎ!?

ፕ/ር መራራ :- እናተ አትንኩኝ እንጂ ማንም አይነካኝም 😅

Atileet Qananiisaa Baqqalaa maraatoonii fiigee qabxii addunyaa dinqiise galmeessiseera. Kana kan arge Fayyisaa Leellisaa...
29/04/2024

Atileet Qananiisaa Baqqalaa maraatoonii fiigee qabxii addunyaa dinqiise galmeessiseera. Kana kan arge Fayyisaa Leellisaa ganama isaa fiigichatti deebi'uudhaan "kana booda maraatoonii dorgomuun qaba" jechaa jira. Ani akka yaada kootti Atileet Qananiisaa Baqqalaa miidhama miila isaa irra gaheen qoramaa turu illee naamusa ogumaa (discipline) ispoortii irraa hin fagaanne. Fayyisaa Leellisaa garuu lafa dallaaluu, farsoo dhugaa dhimma siyaasaa bukeessuu fi ciisee dhimma simintoo itti raabsu yaadaa bahe. Kanaaf akka salphaatti gara dirree injifannootti dhufa jedhee hin amanu. Yaada keessan garuu hin beeku.

Micciirraa( Gumeen) Oromoo Biratti Hiika Akkamii Qaba? Harka Isa Kamitti Kaawwatama?Micciirran bal'inaan Oromoo Booranaa...
24/04/2024

Micciirraa( Gumeen) Oromoo Biratti Hiika Akkamii Qaba? Harka Isa Kamitti Kaawwatama?

Micciirran bal'inaan Oromoo Booranaa fi Gujii biratti kan keewwatamu yoo ta'u; yeroo ammaa garuu bakkoota garaagaraa fi namoota hedduun akka faayatti illee kaawwatamaa jira.

#1. Hiika Micciirraa:-
~Inni tokko ta'ee hojjatame Oromoon tokko ta'uu ibsa.
~Inni lama ta'ee hojjatame immoo damee Oromoo lamaan Booranaa fi Baarentuu ibsa. Inni lama ta'ee hojjatame kun hundeen ykn jalqabni isaa tokko. Hanga xummura ykn hundee jalqabaa bira gahutti gidduutti kan argamu lama. Inni lamaan gidduutti argamu kun dameelee Oromoo lamaan kan ibsuu fi dhuma irratti walitti dhufee tokko ta'uun immoo Oromoon tokko ta'uu ibsa.
~Shiboon irraa hojjatame wal-xaxee jiraachun sun dhiigni Oromoo wal-keessa jiraachuu ibsa.
~Micciirran yeroo dhaabatu mallattoo Odaa fakkaatu agarsiisa. Odaan immoo mallattoo Oromoo akkuma ta'e; micciirranis mallattoo sabboonummaati.
~Micciirran akka qubeellaa illee ta'ee ni tajaajila.

#2. Harka itti kaawwatamu:-
Micciirran harka mirgaa malee bitaatti hin kaawwatamu.
Sababni mirgatti kaawwatamuuf:-
~ Oromoon mirga isaaf falmachaa jiraachuu ibsa.
~ Oromoon injifataa fi Abbaa mirgaa ta'uu ibsa.
~ Faayi kun waan keenya waan ta'eef mirgatti keewwatama.
~ Mallattoo sabboonummaa waan ta'eef.

👉Walumaagalatti, Micciirraan Oromummaa kan ibsuu fi harka mirgaatti kan keewwatamu ta'uu isaati.

Ulfaadhaa!
Oromiyaan Biyya!
WBOn, Duratti💪

 ☝️☝️☝️ ❣️🎧
23/04/2024

☝️☝️☝️
❣️🎧












23/04/2024

Waaqa gadittii Abdii Oromoo boruuti kuni

Address

WBO
Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Jaal Leeqaa Page posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Videos

Share