AMN-Afaan Oromoo

AMN-Afaan Oromoo This is the official page of AMN-Afaan Oromoo ‘Voice of Generation’
(1)

28/03/2025

Firiiwwaan Jijjiramaa

28/03/2025

DIRREEWWAN SHAAKALA ISPOORTII YEROO AS DHIHOO IJAARAMANIIFI GUMAACHA GUDDATTOOTAAF TAASISAN.

28/03/2025

ODUU ISPOORTII JIMAATA GALGALAA

AMN PLUS Bitootessa 19,2017

SAGANTAA MAADDII QOODUU K/M/ADDIS KATAMAATTI
28/03/2025

SAGANTAA MAADDII QOODUU K/M/ADDIS KATAMAATTI

Addis Media Network (AMN) is a government media outlet situated in Ethiopia’s capital city of Addis Ababa having a vision to be a main Metropolitan media cit...

DEEGGARSA BIIROO DARGAGGOOFI ISPOORTII M/FINFINNEE
28/03/2025

DEEGGARSA BIIROO DARGAGGOOFI ISPOORTII M/FINFINNEE

Addis Media Network (AMN) is a government media outlet situated in Ethiopia’s capital city of Addis Ababa having a vision to be a main Metropolitan media cit...

SAGANTAA MAADDII QOODUU FINFINNEETTI
28/03/2025

SAGANTAA MAADDII QOODUU FINFINNEETTI

Addis Media Network (AMN) is a government media outlet situated in Ethiopia’s capital city of Addis Ababa having a vision to be a main Metropolitan media cit...

FINFINNEE TIBBANAA
28/03/2025

FINFINNEE TIBBANAA

Addis Media Network (AMN) is a government media outlet situated in Ethiopia’s capital city of Addis Ababa having a vision to be a main Metropolitan media cit...

SOCHII WALDAALEE HOJII GAMTAA JIJJIIRAMAAN BOODA
28/03/2025

SOCHII WALDAALEE HOJII GAMTAA JIJJIIRAMAAN BOODA

Addis Media Network (AMN) is a government media outlet situated in Ethiopia’s capital city of Addis Ababa having a vision to be a main Metropolitan media cit...

DHIHEESSII BISHAAN DHUGAATII M/FINFINNEE
28/03/2025

DHIHEESSII BISHAAN DHUGAATII M/FINFINNEE

DHIHEESSII BISHAAN DHUGAATII M/FINFINNEEAddis Media Network (AMN) is a government media outlet situated in Ethiopia’s capital city of Addis Ababa having a vi...

28/03/2025

ODUU AMN PLUS – Bitootessa 19, 2017

28/03/2025

FM 96.3 “Qabee Odeeffannoo”

AMN PLUS – Bitootessa 19, 2017

Televizhiniin ̕ EBS̕ dhiifama gaafateAMN PLUS- Bitootessa 19/2017Televizhiniin ̕ EBS̕ dookumantarii dhimma Burtukaan irr...
28/03/2025

Televizhiniin ̕ EBS̕ dhiifama gaafate

AMN PLUS- Bitootessa 19/2017

Televizhiniin ̕ EBS̕ dookumantarii dhimma Burtukaan irratti dabarse ilaachise dhiifama gaafateera.

Dhimmicha ilaachisee hojii gaggeessaan Televizhinii ʼEBSʼ Obbo Amaan Fisaahaatsiyoon ibsa kennaniin dhaabbaticha keessatti humna qindaa’een naamuusa gaazexessumman alatti yakka hojjetaniiru jedhan.

Qopheessitoonni sagantichaa odeeffannoo osoo hin qulqulleeffatiin kan raawwatan ta’uu ibsaniiru.

Qorannoo dhaabbatichi taasiseen ragaan abbaa dhimmaa irraa fudhatame qopheesitoota sagantichaatiin hojiin qulqulleessuu kan hin taasifamne ta’uu hubanneerra jedhan.

Dookumantaricha irratti gaazexessitoonni dhimmoota gaafatamuu qaban osoo hin qaaftiin kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.

Sagantichi miidiyaa hawaasaa irra kan bu’e gaaffii abbaa dhimaa Burtukaaniin ta’uu eeran.

Qorannoo ragaan abbaa dhimmaa kennan irratti taasifameen ragaan kun soba ta’uu mirkaneesuun danda’amu himaniiru.
Televizhiniin ̕EBS̕ rakkoo sababa dookumantarii kanaan uumameef dhiifama gaafachuun dhimma kan keessatti warra qooda fudhatan seeraan kan gaafatu ta’uu beeksiseera

Ministeerri Barnoota dhimma Burtukaan Tamasgeen ilaachisuun ibsa kenneeraAMN – Bitootessa 19/2017Ministeerri Barnoota dh...
28/03/2025

Ministeerri Barnoota dhimma Burtukaan Tamasgeen ilaachisuun ibsa kenneera

AMN – Bitootessa 19/2017

Ministeerri Barnoota dhimma Burtukaan Tamasgeen gidduu kan miidiyyaa hawaasa irraa naanaa’aa ture ilaachisee ibsa kenneera.
Ibsa kanaanis namni maqaan ishee armaan olitti tuqame bara 2012 barattuu kutaa 12ffaa taatuyyuu akka idil addunyaatti weerara dhibee vaayiresii kooronaa irraan kan ka’e qormaanni biyyaalessa kan kenname Guraandhala 29 hanga Bitootessa 2/2013 ta’uun isaa ni yaadatama jedheera.

Barattuun kun Naannoo Amaaraa, Godina Goojjam Bahaa Mana barumsaa sadarkaa 2ffaa qophaa’inaa Mooxxaatti qormaata biyyaalessaa fudhachuun qabxii 392 fiduun bara barnoota 2013 Yuunivarsiitii Harammayyaatti ramadamteetti.

Haata’u malee Yuunivarsiitii ramadamtetti waan hin argamneef gara Yuuniivarsiitii Hawaasaatti imaluun barnoota galgalaa galmaa’uun damee barnoota ʼAccounting And Financeʼ sagantaa digiriitiin mooraa yuunivarsitichaan ala jiraachuun barumsaa ishee hordafaa kan turte fi barumsichas addaan kutuushee ragaan Yuunivarsiitii Hawaasaa irraa argame ni mul’isa.

Gama biraatiin tamsaasa Televizhinii ‘EBS’ irratti dhiyaachuun Yuunivarsiitii Haramaayaatti ramadamtee deemaa osoo jirtuu konkolootaa keessatti barattuu Yuunivarsiitii Dambii Dollootti ramadamte waliin dubbachuun imala gara Yuunivarsiitii Haramayaa haquun Yunivarsiitii Dambii Dollootti deebi’uun galmaa’eera jechuunishee dhugaa irraa kan fagaateef Yuunivarsiitii Dambii Dolloo kan hin deemnee fi galmee kan hin raawwane ta’uu ragaan yuunivarsitichaa ni mul’isa.

Haaluma kanaan
1. Odeeffannoon miidiyaalee hawaasaa irratti naana’aa jiru dhugaa dhaabbilee barnoota olaanaan ala ta’uu ni beeksifna,
2. Odeeffannoo dogoggoraa kana bu’uureffachuun yuunivarsitii muraasa keessatti haala baruuf barsiisuu jeequuf yaaliin taasifameera. Akkuma beekamu dhaabbileen barnoota olanaa bakka baruu fi barsiisuu, qorannoo fi qo’annoon itti adeemsifamu, tajaajilli hawaasummaa itti adeemsifamu, bakka beekumsi fi dhugaan itti jabaatu ta’uun beekamuu qaba.
3. ‘EBS’ qabatamummaa dhimmichaa Ministeera Barnoota ykn yuunivarsiitiwwan irraa osoo adda hin baasiin qilleenssa irra oolchuun isaa uummata burjaajessurra darbee yuunivarsiitiwwan maqa- balleessi irratti raawwateera, kanaaf immoo itti gaafatamummaa isaa ni fudhata

Haaluma kanaan odeeffannoo sobaa fi olola qindeessuun dhaabbilee barnoota olaanaa irratti dhiibbaa uumuun sirna baruu fi barsiisuu akkasumas hojiiwwan qorannoo gufachiisu danda’an kamiyyuu tasumaa fudhatama hin qabu.

Dhimma kan ta’e jedhanii kan raawwatan irratti miniteerichi tarkaanfii bulchiinsaa kan fudhatu fi sababa kanaan balaa namaa fi minca’insa qabeenyaa irra gahuuf qaamoleen kun itti gafatamummaa kan fudhatan ta’uu akeekkachiiseera.

Yuunivarsiitiiwwanii fi hawaasni naanno akkasumas barattootni bu’uura yuunivarsiitiwwan itti hundeeffaman hubachuun nageenya dhaabbilee kanneeniif eegichi taasifamu akka qabu ministeerichi hubachiisna

Ministeera Barnoota

Bitootessa 19/2017

Pirezidaantiin Naannoo Amaaraa Obbo Araggaa Kabbadaa muudamoota  garagaraa kennanAMN – Bitootessa 19/2017Pirezidaantiin ...
28/03/2025

Pirezidaantiin Naannoo Amaaraa Obbo Araggaa Kabbadaa muudamoota garagaraa kennan

AMN – Bitootessa 19/2017

Pirezidaantiin Naannoo Amaaraa Obbo Araggaa Kabbadaa muudamoota garagaraa kennaniiru.

Haaluma kanaan

1ffaa. Isheetuu Yusuuf (Dr.) -Hoogganaa Biiroo Nageenyaa fi Tasgabbii Naannoo Amaaraa

2ffaa. Komishinar Zalaalam Mangistee -Komishinara Komishinii Poolisii Naannoo Amaaraa

3ffaa.Obbo Aschaaloo Alaamirree - Hoogganaa Waajjira Naannoo Amaaraa ta’anii muudamuusaanii Kominikeeshinii Naannichaarraa odeeffanne.

‘Itoophiyaan tumsa Afriikaa Kibbaa  waliin qabdu sadarkaa olaanaan gahuuf fedhii cimaa qabdi ‘-Ambaasaaddar Daliil akadi...
28/03/2025

‘Itoophiyaan tumsa Afriikaa Kibbaa waliin qabdu sadarkaa olaanaan gahuuf fedhii cimaa qabdi ‘-Ambaasaaddar Daliil akadir

AMN - Bitootessa 19/2017

Itoophiyaan tumsaa fi michooma Afriikaa Kibbaa waliin qabdu sadarkaa olaanaan gahuuf kutannoon akka hojjettu Afriikaa Kibbaatti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Daliil akadir ibsan.

Ambaasaaddar Daliin Kadir xalayaa muudamasaanii pirezidaantii Afriikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaaf dhiheessaniiru.

Ambaasaaddarichi hariiroo tarsiimawaa Itoophiyaa fi Afriikaa Kibbaa jidduu jiruu fi michoomaa fi obbolummaa seena qabeessa yeroo dheeraa Paan-Afriikaanizimii irratti hundaa’e akkasumas walitti dhufeenya ummattoota biyyoota lamaanii kaasaniiru.

Afriikaa Kibbaa sochii rakkoolee Afriikaa Afriikaanotaan jedhuun taasiftu dinqisiifatanii, keessumaa walitti bu’iinsi Kaaba Itiyoophiyaatti ture akka dhaabbatu adeemsa waliigaltee nageenyaa Piriitooriyaa keesummeessuu fi qindeessuun gumaacha taasifteef maqaa mootummaa Itoophiyaan galateeffataniiru.

Ambaasaaddar Daliin turtii isaaniin hariiroo Itoophiyaa fi Afriikaa Kibbaa seena qabeessa damee daldala, Invastimantii fi cehumsa Teeknooloojiin akkasumas hariiroo ummattoota biyyoota lamaaniin sadarkaa olaanaarraan gahuuf akka hojjetan ibsuusaanii odeeffannoon ministeera dhimma alaa nimul’isa

Ayyaana Iid Alfaxir waliin walqabatee rakkoon addaan ciccituu humna ibsaa akka hin mudane hojjetamaa jira’ - Tajaajilich...
28/03/2025

Ayyaana Iid Alfaxir waliin walqabatee rakkoon addaan ciccituu humna ibsaa akka hin mudane hojjetamaa jira’ - Tajaajilicha

AMN PLUS- Bitooteessa 19/2107

Sirna kabaja ayyaana Iid Alfaxir waggaa 1446ffaa waliin walqabatee rakkoon addaan ciccituu humna ibsaa akka hin mudanne qophiin taasifamuu Tajaajilli Elektiriikii Itoophiyaa beeksiseera.

Tajaajillichi jala bultii ayyaanichaa fi guyyaa ayyaanaa rakkoon addaan ciccituu humna ibsaa akka hin mudannef, yoo mudates suphaa hataattamaa hojjechuun akka danda’amuuf humna waloo hundeessuun gara hojiitti galamuu eereera.

Humni waloo kun bakkeewwan humni ibsaa yeroo baay’ee addaan cituu itti mul’atu adda baasuun sarara giddu galeessaa fi gadi aanaa irratti hojiiwwan madaallii fe’umsaa fi suphaa duraa raawwachaa jiraachuu ibsera.

Hawaasni sa'aatii filachuun yeroo baay'inaan humnni ibsaa itti dhiibbaan hin baay’ane, keessattuu galgala sa'aatii 4 hanga ganama sa'aatii 12 gidduutti akka itti fayyadamu ergaa dabarseera.

Meeshaaleen mana keessaa anniisaa qusachuu fi balaaf kan hin saaxille ta’uu akka qabanis Tajaajilichi ibsuu isaa Tajaajilicharraa odeeffanne .

Duudhaalee fakkeenya Waloomaa, nagaa fi waliif yaaduu Fiichee Cambalaalaa eeguun nibarbaachisaAMN - Bitootessa 19/ 2017 ...
28/03/2025

Duudhaalee fakkeenya Waloomaa, nagaa fi waliif yaaduu Fiichee Cambalaalaa eeguun nibarbaachisa

AMN - Bitootessa 19/ 2017

Duudhaalee fakkeenya Waloomaa, nagaa fi waliif yaaduu Fiichee Cambalaalaa eeguun tursuun ni barbaachisa jedhan bulchitoonni naannolee ayyaanicharratti argaman.

Jijjiirraa bara haaraa Sidaamaa kan ta’e Fiichee Cambalaalaan kabajamaaeera.

Bulchaan naannoo Sidaamaa obbo Dastaa Ledaamoo duudhaalee fakkeenya Waloomaa, nagaa fi waliif yaaduu Fiichee Cambalaalaa osoo wal hin makiin hundi eeguu qaba jedhan.

Sidaamaan sirna kaalaandaraa ofiisaa kan qabu ta’uu kaasanii, sirna Kanaan deeggaramuun ayyaanni Fiichee Cambalaalaa akka kabajamu ibsaniiru.

Pirezidaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Fiichee Cambalaalaan ayyaana yeroon, beekumsii fi falaasamni itti ifoomedha jechuun ibsan.

Abbootii ayyaanichi hambaa addunyaa akka ta’u eeganii tursan galata qabu kan jedhan obbo Shimallis, ayyaanichi kan hunda keenyaa ta’uu ibsuuf Gudumaalleetti argamuusaanii dubbatanii ayyaanichi kan nagaa fi gammachuu akka ta’u hawwaniiru.

Bulchaan naannoo Somaalee obbo Musxafee Mahaammad gamasaaniin, ayyaanichi walitti hidhata ummattootaa cimsuuf akka gargaaru dubbataniiru.

Ayyaanni Fiichee Cambalaalaa nagaa fi waloomaan baratti cehuu kan agarsiisu ayyaan guddaa ta’uu kaasanii, ayyaanichi eegamee akka turu hundi ittigaafatama qaba jedhan.

Bulchaan naannoo kibba Itiyoophiyaa obbo Xilahuun Kabbadaa Fiichee Cambalaalaan hambaa addunyaa akka ta’u kan gumaachan abbootiin Sidaamaa galateeffamuu qabu jedhaniiru.

Ayyaanichi walitti hidhataa fi tokkummaa ummataa kan cimsu waan ta’eef eeguun tursuun akka barbaachisu himaniiru.

Erga hambaa addunyaatti waggaa 10ffaa kan qabate Fichee Cambalaalaan Hawaasaa Sooressaa Gudumaalleetti kabajamaa jiraachuu TOI gabaaseera.

Ministirri Muummee  Abiyyi Ahimad (Dr.) Minitira Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo waliin bilbilaan mari’atanAMN PL...
28/03/2025

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) Minitira Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo waliin bilbilaan mari’atan

AMN PLUS - Bitootessa 19/2017
Minitirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) kaleessa Minisitra Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo waliin bilbilaan mari’ataniiru.

Maricharratti tasgabbii Gaanfa Afriikaa dabalatee hariiroo biyyoota lamaanii tumsa waliinii cimsuuf fedhii jiru gabbisuu irratti mari’ataniiru.

Marii kanarratti Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoon Itoophiyaan biyya badhaatee fi nageenyi ishee mirkaana’ee akka taatu Ameerikaan tumsa ni taasfti jechuu isaani odeeffannoon Weebsaayitti dhimma Alaa Ameerikaa irra argame ni mul’isa.

Address

5kilo
Addis Ababa
27080/1000

Telephone

+251111571345

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when AMN-Afaan Oromoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to AMN-Afaan Oromoo:

Videos

Share