28/05/2026
☕️ Jaalala Qulqullina Bunaa, Mul’ata Fagoo Waliin! ☕️
Itoophiyaan iddoo dhaloota bunaa qofa osoo hin taane, maddaa itti mi’aan buna dhugaa addunyaaf itti laatamudha.
Imala kana keessatti immoo Bunni Kerchaanshee (Kerchanshe Coffee) firiiwwan buna keenya isa madaala warqii qabu qulqullinaafi amanamummaan addunyaan akka gahu gochuun maqaa fuuldura irratti waamamudha!
Milkaa’ina addaafi qulqullina sadarkaa isaa eeggate kana ittifufiinsaan akka deemu gochuuf hoggantoonni dhaabbatichaa halkaniifi guyyaa hojjachaa jiru.
Hoji-gaggeessaa Olaanaa (CEO) keenya, Dr. Isiraa’el Dagafaa deemsa tarsiimoo fagoo itti fufiinsaan hogganuun, Bunni Kerchaanshee warshaa bunaa ammayyeessuu bira darbe jireenya qonnaan bultootaa jijjiiruufi dinagdee biyya keenyaa cimsuu keessatti gahee dacha bahachaa jira.
Itti-aanaa Hoji-gaggeessaa Olaanaa, Obbo Girmee Deebisaa hordoffii walirraa hin cinneefi hogganumsa cimmaadhaan, qulqullinni firii buna bifa kanaan gabaa addunyaaf akka dhiyaatuufi hojiileen deeggarsa teeknikaa hundi haala mijaawaan akka raawwataman gochaa jiru.
Iddoo bunaa irraa kaasee hanga sinii keessanitti... mi’aa buna Itoophiyaa isa dhugaa qulqullina olaanaan isiniif dhiyeessina!
👉 Buna Kerchaanshee Filadhaa—Ibsama Qulqullinaafi Addummaa!