Karaan Jannataa Islaamummaa Qofa

Karaan Jannataa Islaamummaa Qofa Barnootaa fi hadiisa garagaraa nii ar gattu

17/12/2023

17 Followers, 5 Following, 72 Likes - Watch awesome short videos created by One media

09/02/2022
28/12/2021

TOLLI RABBII GUDDAA KUMAA FI KITILA

Bismillah jedheetan
Dubbii koo eegalaa
Hamtuuf toltuu maraa
Isatu qeebalaa

Akkaan garaa laafaa
Akkaan mararfataa
Waa hunda osoo arguu
Irra dabarfataa

Dandeettii isaatin
Kan bishaan itichee
Lubbuu nutti godhee
Uumee nu biqilchee

Kan samii utubee
Kan dachii diriirsee
Kan halkaniif guyyaa
Wal faana hiriirsee

Isa gad nuuf roobsee
Dachii jiraachisuu
Sa'aa fi namallee
Asheeta nyaachisuu

Wa anzala
Minassamaa'i maa'aa
Lagnisaa hin gogu
Halkan guyyaa yaa'aa

Tottolchee nu uumee
Kan fayyaa nuuf kennee
Baasif xaarii kiyya
Naaf kafalaa hin jennee

Tollli rabbii guddaa
Kumaa fi kitilaa
Laakkaa'amee hin dhumuu
Akkam goona silaa
Osoo diinii qabnuu
Maaf taane jaahilaa

Ergamaa nuuf ergee
Diinii nu badhaasee
Kan ifaa nuu kennee
Dukkanaa nu baasee

Waa meeqa siif kennee
Waa meeqa siif laatee
Kan salaata diddu
Mee maaluma taatee

Lakkii yaa dargaggoo
Lakkii yaa shabaabaa
Jireenyi lafarraa
Baay'isee gabaabaa

Sheyxaanni beekeera
Mannisaa azaabaa
Kanaaf si dhamaasee
Karaarra si dhaabaa

Atis yaa abbaa koo
Atilleen yaa harmee
Dhiifama naaf godhaa
Tasa yoonin sarmee

Atis yaa shamarree
Isheen obboleettii
Naannoftee dabareen
Hundaa bira geettii

Hammam yoo cimtellee
Hammam yoo jabaattee
Nama hunda caaltullee
Qabeenyaan fagaattee

Qabeenyaaf jabeenyi
Nama hin oolchu du'aa
As gubbatti dhiisee
Biraa qabrii bu'aa

Wanti nurraa hin hafne
Kan nu waliin du'uu
Dukkana qabriitis
Kan nu waliin bu'uu

Dalagaa gaariidha
Kun dur carraaqannee
Osoo lubbuun jirruu
Buruuf ol kaawwannee

Kanaafuu salaati
Soomii zakaa baasii
Aalif ollaa kankee
Ibaadaadhaaf kaasii

Yeron ol kaawwadhu
Siinqii guyyaa boruu
Ilmaaf qabeenyi kee
Gaafas siif hin toluu

Kuun saayinsii baree
Kuun birriin of tuulaa
Bar akkana hin turree
Sahaaban rasuulaa

Lubbuu wareeganii
Diiniif laphee baatuu
Nagaaf rahmanni
Irra haa jiraatuu

Abubakar, Usmaan
Aliyyiif Umarii
Siraachaw yaamaaraa
Taammaanyoochuu marii

Hamzaa fi Kaalid faa
Ye jagnyoochuu jagnaa
Kan seenan dubbatu
Goota meeqa qabnaa

Daran du

Dogongora salaata keessaaa!!!
10/06/2021

Dogongora salaata keessaaa!!!

10/06/2021

Mistakes in salhat!!!

30/05/2021
27/05/2021
03/02/2021

Ay jiruu lafarraa.....

Jiruu koontiraataa
Jireenya lafarraa
Dhumuunshee hin hafuu
Of dagannus har'aa

Hedduun osoo fiiguu
Naaf dabarti jedhee
Duuti isa fuuti
Gaafa rabbiin fedhee

Kan qabeenya hores...

Taabba meeqa ba'ee
Laga meeqa bu'ee
Osoo hin nyaatin tasa
Meeqa biraa du'ee

Naaf dabarti jedhee
Meeqa biyyaa ba'ee
Kan karatti hafee
Soora allaattii ta'ee

Kan biyaa baqates
Cunqursaan jabaatee
Meeqa karaarratti
Kan galaanni nyaatee

Dirqamni jireenyaa
Kan biyyaa fageessee
Aanaaf aaliisaatti
Kan garaa jabeessee

Lakkaa'amee hin dhumu
Kumaafi kitilaa
Jireenyi lafarraa
Gabaabduudha silaa

Meeqatu rakkatee
Karaarratti ba'ee
Harka namaa ilaalun
Carraa isaa ta'ee

Inni kaan dhibamee
Siree irratti hafee
Fedhii isaa malee
Halkan guyyaa rafee

Kuun agartuu dhabee
Itti dukkanaa'ee
Kan halkaniifi guyyaan
Itti wal qixxaa'ee

Kuun dhageettii dhabee
Mallattoon dubbataa
Kuun mataan dhukkubee
Ofiin dudubbataa
Kuun ilkaanin kolfaa
Keessotti gubataa

Ilmaan baay'ee horee
Kuun waliin rakkataa
Ilmoo tokkos dhabee
Kuun rabbiin kadhataa

Ay jiruu lafarraa
Qormaanni kee danuu
Naaf dabarta jedhee
Si eegaara anuu

Atoo gabaabduudhaa
Dhiisi narrakinii
Rakkinaaf gadadoon
Osoo na hin arginii

Anoo deemuuf jiraa
Yeroodhaaf taphadhee
Rabbiin na gargaarran
Xiqqoo daldaladhee
Siinqii guyyaa boruu
Harkatti qabadhee

Anoo deemuf jiraa
Yaabbadhee bidiruu
Yeroo xiqqoo tanaaf
Narrakkin yaa jiruu

Akka naaf laaffisuuf
Rabbii koo kadhadhee
Waan si biraan dhufu
Harkatti qabadhee

Sillee hin daganne
Yaa jiruu aakiraa
Dabaree eeggadhee
Anoo dhufaa jiraa

Amrii naaf laaffisi
Rabbii kootin jedhaa
Fuula gammachuutin
Siin wal arguu fedhaa

Osoo fataa jedhu
Akka tasaa kufee
Namni harka duwwaa
Gara kan kee dhufee

Namni siin wal gahe
Osoo huju badii
Ee waa salphate kaa
Salphina abadii

Jireenyi addunyaa
Hammam yoo jabaattee
Filannoowwan danuu
Dhala namaaf laattee

Kanumaa dhadhabee
Kunoo ilmi namaa
Jireenyi aakiraa
Filannoonshee lamaa

Milkoofnan jaannataa
Kasaarran ibiddaa
Fudhachuun dirqamaa
Akkam gootee

27/12/2020

⭕️Akka Rabbiitti wonni nama gorsu beeku maaltu jira.....⭕️⭕️⭕️⭕️⭕️⭕️⭕️

🟢✨ Waa'ii sagaleerraa...
{ وَاغْضُضْ مِن صَوْتِكَ ۚ }
[Sagaleekee g*i qabi in lallabin:(luqman 19)

🟢✨ Waa'ii akkaataa deemsaa keessatti....
وَلَا تَمْشِ فِي الْأَرْضِ مَرَحًا ۖ
[Haala Boonaa taateen ykn
haala koortuun dachiirra hin deemin,(Al Isra 37)

🟢✨Akkaataa waa itti ilaaltu...

{وَلَا تَمُدَّنَّ عَيْنَيْكَ}
[Waan nuti kaafiraaf goone hunda Ajaa'ibdee ijakee jala hin oofin,(Xaha 131)

🟢✨Waa'ee dhokatanii wol dhaggeeffachuu...
{ وَلَا تَجَسَّسُوا}
[Badii wolii wol jala deddeemtanii hin qoqqotinaa,(Al Hujuraat)

🟢✨Akkaataa Nuti itti nyaata nyaannu...
وَكُلُوا وَاشْرَبُوا وَلَا تُسْرِفُوا ۚ
[Nyaadhaatii dhugaa garuu hin qisaasinaa ykn hin balleessina ykn itti hin xabatinaa,(A'araaf 31)

🟢✨Akkaataa dubbi itti dubbannu...
{وَقُولُوا لِلنَّاسِ حُسْنًا }
[Ilma Namaatti Dubbii babbareedduu dubbadhaa,(Baqaraa 83)

🟢✨Akkaataa itti namaa wojjin wolbira taa'uu qabnu...

{ وَلَا يَغْتَب بَّعْضُكُم بَعْضًا ۚ }
[Gariin keessan Garii akka hin komanne/hin hamanne,(Al Hujuraat 12)

🟢✨Waa'ee wol kabajuu...

{لَا يَسْخَرْ قَوْمٌ مِّن قَوْمٍ }

[Ummanni tokko ummata kaanitti qishnaa hin godhin ykn itti hin xabatin, (Al Hujurat 11)

🟢✨Akkaataa itti yaada toluu qabnu...
{ إِنَّ بَعْضَ الظَّنِّ إِثْمٌ ۖ }

[Se'aan/shakkiin tokko tokko ykn shakkiin gariin
badiidha/ma'asiyaadha/diliidha (Al Hujuraat 12 )

🟢✨ Akkaataa adaba keenyaa...

{وَلَا تَقْفُ مَا لَيْسَ لَكَ بِهِ عِلْمٌ ۚ }

[Waan hin beekne tokko akka nama beekuutti keessa seentee/galtee wolitti hin laaqin ykn waoliin hin dha'in
(Al a'araaf 36)

🟢✨Waa'ee erra woliif dabruu/dhiifama woliif godhuu...

{ ۖ فَمَنْ عَفَا وَأَصْلَحَ فَأَجْرُهُ عَلَى اللَّهِ ۚ }
[ Namni dhiifama namaaf godhee ka'ee nama sanarratti toltuu oole/ojjate Mindaansaa Rabbi biratti taatuudhaaf (Shura 40)

Mee obboleewwankoo Akka Rabbiitti kan tolchee nama gorsuu beeku jiraa

☪Alhamdu lillaah kan Rabbiin muslima nugodhe
🤲Nama gorsa Rabbiisaallee qeebalu/Fudhatu Rabbi n

Rabbiin Nama Isaratti hirkifatu jaallata!!!!!!!!!!
07/12/2020

Rabbiin Nama Isaratti hirkifatu jaallata!!!!!!!!!!

Address

For All
Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Karaan Jannataa Islaamummaa Qofa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Videos

Share

Category