GOD is GOOD

GOD is GOOD good is good

04/04/2019

☞ Waa'ee Macaafa Qulqulluu Kana Beektuu?! ☜

* Macaafni qulqulluu jalqaba kan barraahe afaan Ibiroota, Armaayiki fi Kooyimee afaan Giriki ta'uu!

* Macaafa qulqulluu keessa
• kitaaba 66
• boqonnaa 1,189
• keeyyata 31,173
• jechoota 810,697 ta'uu

* Kitaabni baay'ee dheeraan Macaafa Faarfannaa ta'uu
* Kitaabni baay'ee gabaabaan immoo Ergaa Yohaannis sadaffaa ta'uu!
* Kitaabni boqonnaa dheeraa qabu macaafa faarfannaa boqonnaa 119 ta'uu!
* Kitaabni boqonnaa gabaabaa qabus macaafa faarfannaa boqonnaa 117 ta'uu!

* Macaaf qulqulluu keessatti maqaan hedduminaan moggaafame Zakaariyaas ta'uu!
* Irra deddeebi'amee maqaan tuqame ykn barraahe immoo Daawwit yeroo ta'u si'a 1008 tuqame! itti aansee maqaa Yesuus si'a 973, itti aansee Muusee si'a 829 tuqameera!

* Macaafni qulqulluu barreeffamee xumuramuuf bara 1600 gidduutti yeroo ta'u; kunis bara 1500 hamma bara araaraa 100 gidduu jiruutti ta'uutti barraahe!

* Macaafa qulqulluu keessatti gosa nyaataa 49 tuqameera. Keessumaa 'soogiddi' si'a 33 tuqameera!
Beelada keessaa maqaan ishee kan hin tuqamne 'adurree' yeroo ta'u, Sareen si'a 14 tuqameera!

* Macaafa qulqulluu keessatti ofiin kan of ajjeesan nama 7 yeroo ta'an isaanis:-
➊ Abameelik
➋ Saamson
➌ Saa'ol
➍ Loltuu Saa'ol
➎ Akixoofel
➏ Ziimraa
➐ Yihuudaa ta'uu isaanii!

* Macaafa qulqulluu keessatti waa'ee kadhannaa si'a 400, waa'ee amantii si'a 500, waa'een qabeenyaa fi qarshii si'a 2,000 barreeffame!

* Macaafni qulqulluu yeroo jalqabaaf gara afaan ingiliffaatti kan hiikame bara 1388 ta'uu!

* Macaafa qulqulluu keessatti maqaan ergamoota tuqaman Gabri'eel, Mikaa'el fi ergamoota kufan ta'uu beektuu laata?!

✝ Ergaa walii galaa kana erga dubbiftanii booda warreen kaaniif godhaa wal barsiisaa!
✈ pagi kanas yoo gootan yeroo yerootti ergaa isiin barsiisu argattuuti , godhaa! !

Madda: kanaan dubbiserraa!

02/04/2019
10/02/2018

illee
Yommus ani mirga isa teessoo irra taa'e sanaatti macaafa maramee taa'u tokko nan arge; macaafichis keessaa fi duubaan caafamee, erga cufamee immoo mallattoo torbaan mallateeffamee ture. Ergamaa aango-qabeessa sagalee isaa dhageessisee, "Mallattoo macaafichi ittiin cufame irraa kutee macaaficha banuudhaaf kan male eenyu?" jedhee labsu tokkos nan arge. Waaqa keessaa, lafa irraa, lafa jalaas tokko illee macaaficha banee keessa isaa ilaaluu hin dandeenye.




Yesuus akkumaa du'e du'a mo'e ka'e gara Waaqayyoottii olba'e debi'ees ni dhufaa!!! Haata'u malee yeroon debi'ee dhufuutti namaa tokkoo illee naan argadhaa laataa? Jechuun dubbaatee. Yaa hadhoo koo guyyaa dhufaa isaattii fulaa isaa duraa dhabbaachuu akkaa dandessuttii fulaa Waaqayyoo isaa araaran guutuu baarbadaadhuu!!! jireenyii araaraa kiristoos jiraachaa turee jiraachuun dirqaama jaalala kessaatii, dhugaa arguuf dhama'uu, bekkumsa fi dandeentiin ofi milka'inaa akkaa hin tanee hubbachuu, jireenyaa kiristoosin barbaadatuu kessaa ta'uun deddebi'un dirqaama jaalala kessaattii!!!!!!! Yesuus nama fulaa isaatti kufuufi isa barbaaduttii dhiyoodhaa! Inni dhiyoodhaa dhiyyoottis ni dhuufaa!!!!! Mul 22:20, 22:12, 2:23 Yesuus inni daafee dhufuu gaati namaa hundaa akkaa hojii isaattii fidee dhufaa! Egaa gatiin hojiiketii badisaan akkaa sin hin genyeettii dursii fuulaa Waaqayyoo barbaadadhuu!!!«Isa mo'u sana mana qulqulluummaa Waaqayyoo koo kessatti utuubaan nan godha; isa keessaas matumaa hin baafamu.»Mul 3:12 Namni gurraa qabuu isa haffurriii qulqulluu waalda kiriiataanaan jedhuu haa dhaaga'u!!!!!! Mul 2:29, 2:17, 3:6, 3:13, 3:22, 2:11, 2:7

08/02/2018
08/02/2018

Master core concepts in data manipulation such as subsetting, updating, indexing and joining your data using data.table in this course.

31/01/2018

Eenyutu Deebisuu Danda’aree?

Akka barnoota idilee irratti barannetti gaaffileen afaan Ingiliffaatiin ‘WH…questions’ jedhamuun jalqabaman hedduutu jiru. Isaan keessaa: - ‘what, when, where, which, who, how, why’ kanneen jedhaman fa’a. Akka Tiwoloojistoonni dubbatanitti, hojii Waaqayyo hojjetu irratti gaaffii namoonni ‘WHY…/MAALIF’ jechuun gaafatan hedduu isaatiif deebiin akka salphaatti argamuu hin danda’u.

‘Maalif?’ jechuun dura mee wantoota Waaqayyo duratti hojjete keessaa sammuu namaatti gaaffii uumuu kanneen malan muraasa haa ilaallu:
• Tulloonni hedduun otuu jiranii, abboommii kurnan saba Israa’eliif qophaa’e sana Waaqayyo Museetti kennudhaaf maalif gara gaara Siinaatti waame? (Bau. 19:11, 34:2)
• Mukeen qaqqajeeloon hedduun, kanneen akka salphaatti bocamuun gabatee kakuutiif mijaa’uu danda’an otuu jiranii, Waaqayyo muka Laaftoo – kan dhaqni isaa qoraattii, micciiramaa, qara qottoo doomsu irraa akka tolchuuf maalif Musee abboome? (Bau. 37:1)
• Ijoollee lakkuu garaa haadha tokkoo keessa jirtu, kan cubbuu hin hojjenne ta’anii otuu jiranii maalif Waaqayyo ‘Ani Yaaqobiin nan jaalladhe, Esawuu garuu nan jibbe’ jedhe? (Rom. 9:13)

Mee gaaffilee armaan olii kanneeniif eenyutu sababii akkanaatiif akkas godhe jechuu danda’a? “Eenyutu yaada gooftichaa beeka? Eenyutus isa gorsuu danda’a?” 1Qor. 2:16. Dhugumatti yaadni waaqayyoo yaada namaattii baay’ee gargar fagoodha. Waan jireenyikee irra jiru ilaaltee maalif akkas na goote jechaa jirtaa laata? Maalif kana jetta jechuun namaa rakkisus, haala jireenya keenyaa ilaallee, ‘maalif?’ jennee gumgumuu irra isa ta’eef isa galateeffachaa kallattii gara fuulduraa gaafachuun filatamaa ta’a. sababnisaa Waaqayyoon ‘Ati dogoggorteetta’ jechuun waan hin danda’amneef!

Gaafa guutummaatti yada isaa keessa jiraannu garuu Waaqayyo karaa hafuura isaa waan jaallate nutti mul’isuudhaaf amanamaadha. “Waaqayyo garuu hafuura qulqulluudhaan isa kana nutti mul’ise; hafuurri qulqulluun waan hundumaa, yaada Waaqayyoo isa gad fagoo iyyuu qoree bira in ga’a.” 1Qor. 2: 10. Yaada gooftichaa keessatti qabamnee jiraachuu inni nu haa gargaaru. Eebbifamaa!

31/01/2018

MARSAA 3ffaa

YAA'AA BISHAAN JIRAATAA(YOH 7:37-39)
THE STREAM OF LIVING WATER
"Borofni akkuma bishaan Yaa'u argachuu yaadu,lubbuunkoos akkasuma si yaaddi,Yaa Waaqayyo!
Lubbuunkoo Waaqayyoon immoo,Waaqayyoon isa jiraataa akka bishaanii hin dheebotti;yooman dhufa,Waaqayyokoo durattis yooman argama*!" Far42:1-2

Namni Waaqayyo isaa yaadee argama isaa dheebotu Lubbuun isaa hin gaggabdi.Fuula Waaqayyokoo,isa jiraataa duratti yooman argama jetti.Dhalli namaa wantoota bu'uura jireenyaa ta'an(Nyaata,Uffata,mana yookiin Dawoo) malee Yeroo muraasaaf jiraachuu danda'a.Wanta dhugu malee garuu Oolee buluu hin danda'u. Burqaan jireenya kennu immoo Waaqayyo bira jira."...Lubbuunkoo akkuma bishaanii si dheebotti,akka lafti bishaan dhabee,gogee dhama of keessaa fixus,foonkoo si yaadee in gaggaba*!" jedhee lafa Onaa keessa taa'ee faarfate Daawit.isa argachuuf immoo iddoo isaa isa qulqullaa'aa barbaaduun dirqama keenya.Iddoo burqaan jireenyaa inni ifa kennu itti argamu deemuu qabna jechuudha.Waa'ee isa kanaatiif Raajichi mul'ata arage yeroo dubbatu Hisqeel"Lafa bishaanichi ga'e hundumaas umamni lubbuu qabatee totocho'u hundinuu in jiraata,bishaan kun bishaanota galaanichaatti galee waan haaresuuf achitti qurxummiin sonaan baay'een in argamu;kanaaf lafuma bishaanichi ga'u wanti hundinuu hin jiraata." His47:9
Guutummaatti Yeroo (*1-12 ) dubbifannu kutaa macaafa qulqulluu kana Bishaan kun iddoo argama Waaqayyoo isa ta'e mana Qulqullummaa isaa keessaa burqee gara Saba Waaqayyoon hin beeknetti yeroo yaa'u argina.Yesus Yihudoota gidduutti Mul'atee,isaan isa hin simanne.Gara warrs isa dhaga'anii dhaqee,Maraatummaa,Dhukkuba Goophoo,Duudummaa,Naafummaa,fi Dhukkuboota Ogeessa biyya lafaan fayyuun hin danda'amne hundumaatti.isaan fayyisee Mootummaa Waaqayyoof isaan kaadhime.Nuyi ofii.keenya Yeroo ilaallu akka Kakuutti ijoollee Abraham hin turre.Yesus Kristoosiin garuu ilmaan Waaqayyoo jedhamnee,Burqaa sanarraa Waraabbannee,Yaa'a Bishaan jiraataa isa ta'e Hafuura Waaqayyoos toluma fudhanne.Yoh3:16
"Laga yihudaa hundumaa keessaa burqaan in yaa'a,bishaan mana qulqullummaa keessaa burqus dachaa Shiixiimni Obaasa*" Yoel 3:18
Shiixiim dachaa lafa Onaati.Lakk33:49,Iya2:1. Lafti kun lafa Ormootaa iddoo sabni Kakuu hin qabne jiraachaa turan,lafa Sabni kakuu irraa fudhatanidha. Sababii Kakuu sanaatiif Lafti gogaan kun Bishaan Yihudaa keessaa burqeen Jiidhina argate.Yesus Kristoos Burqaa bara baraati...Marsaan 4ffaa itti fufa.
Gochuu hin dagatiinaa. ☞{Sagaleen Waaqayyoo humna Hojjetu of keessaa qaba.}☜
M@g@rs@@ L@mmeess@.

26/01/2018
23/01/2018

, ykn Cardnuuf hojjachuu dide akkamitti sirreessina(how to repair)………..OROMO ICT……. Dursa yoo deetaa isin fayyadu irraa qabaattan irra…

20/01/2018

Ergaa kana erga dhaggeeffattaniin booda SHARE Waliif godhaa hiriyyoota keessaniin dhaqqabaa. GALATOOMAA!!! CHANNEL KEENYA SUBASCRIBE nuuf godhuu hin dagatinaa.

15/01/2018

'uu!! 1 yoh 3:1
Ergaan yohannis inni jalqbaa kun waa'ee ijoollee Waaqayyoo ta'uu akkamitti akka dubbatu ilaalla.
Ergaan yohannis kun Abbaa Wangeelaa yohannisumaan barraa'e.
Yohannis kun ilma lubicha yoo ta'u haatii isaa immoo Eelsaabetidha.
Yohannis nama gooftaa Yesuusiif daandiin akka qulqullaa'uuf lofa onaa keessa nannaa'ee mootummaa waaqayyoo labsaa ture.
Bakki jireenya lafa onaa yoo ta'e iyyuu bakki ergaa isaa itti barreesse garuu naannoo biyya Iisiyaa magaaloota keessatti barreesse. Effesoon kuni yeroo ammaa biyya ardii Eeshiyaa kan taate Turkii jedhamtudha. Bara inni itti barreesse Dh.K.B waggaa 85-90 gidduutti barreesse.
:o
1) Maalummaa sagalee Waaqayyoo barsiisuuf.
2) Araarri Waaqayyoo akka jiru hubachiisuuf. 1yoh 2:14-18.
3) Barsiisota sobbaa buqqisuudhaaf. 1yoh 2:18.
4) Tokkummaa amantootaa gidduu jiru jabeessuuf.
'UUF_MAALGOCHUU_QABNA??
1-deddeebii keenyaan
kana jechuun -dubbannaa keenyaan
- haala jireenya keenyaan
- ilaalcha keenyaan of sirreessuudhaan jechuudha.
2- Qulqullummaa keenya eeggachuudhaan. Qol 3:5

eebbifami gochuu hin dagatiin!!!!!!!!

10/01/2018

Gaaffiiwwan, Maacafa Qulqulluu Caalaatti Waaqayyotti Nu Dhiheessu… September 16, 2015 by RayaMideksa, posted in Uncategorized Fakkeenyonni muraasni kun, gaaffiiwwan Dubbii Waaqayyoo keessa jiran nama tokko hangam kakaasuu akka danda’an kan argisiisaniidha . Yaadawwan naannoo gaaffiiwwan kana hunduma...

10/01/2018

Yoomiyyuu taanan karaa argatte maraan sagalee Waaqayyoo labsii! Itti gammada Waaqayyo! Seexanni garuu hin jaallatu! Gooftaan koo si haa eebbisu!!

10/01/2018

Want to learn Excel quickly and easily? This website offers a fully illustrated Excel tutorial + 300 examples. It's 100% free.

09/01/2018

Presented by : Yeshuvandana Team we need your blessings please Like, share and subscribe this song. Contact No: 7764975102

09/01/2018

2 Corinthians 5:17 Therefore, if anyone is in Christ, the new creation has come: The old has gone, the new is here! Read chapter in New International Version

09/01/2018

Therefore, if anyone is in Christ, the new creation has come: The old has gone, the new is here!

09/01/2018
05/01/2018
04/01/2018

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti dhaabbanni Fandii gargaarsa daa'immanii (UNICEF) bara 2018 kana guyyaa jalqabaarratti qofa daa'imman kuma 48 ta'an Afriikaa bahaa fi kibbaatti ni dhalatu jedhe.

15/12/2017

Waan harka keessa qaban qalbii keessaa dhabuun, baay'ee nama miidha!

Caamsaa 10 fi 11, bara 1996 keessa namoonni tulluu dheeraa biyya lafaa kana kan ta'e Everest yaabuudhaaf gartuu gurmaa'anii ba'anii turan. Namoonni isaan gargaaranis isaan wajjin turan. Garuu akka itti sagantaan gaara yaabuu sun qindaa'ee dogoggora garaa garaa qaba ture. Fakkeenyaaf yeroo beellamaatti bakka barbaadamee ga'uu dhabuu, funyoon itti fayyadaman yeroon hidhamuu dhiisuu akkasuma jijjiiramni qilleensaa rakkoo biraa ture. Namoota gaafa sana ba'an keessaa namoota saddetitu du'e.Guutummaa addunyaa irrattis waan ballinaan gabaafame ture. Isaan keessa namni Andy Harris jedhamu sababa inni ittiin du'e kan nama gaddisiisuudha. Namoota gargaarsa isaaf gochuu danda'anitti bilbilee Oxygen hin qabu ol naa fidaa maloo jedhe kadhate. Isaanis garuu deebisanii Oxygen'n si harka jira jedhaniin. Namoonni hunduu qodaan isaa akka Oxygen qabu beeku turan. Inni garuu hin qabu jedhe. Kan nama gaddisiisu waan qilleensa dhabeef sirriitti yaadullee hin danda'u ture kanaaf waan harka isaa keessa jiru , ana harka hin jiru jedhee falmaa ture. Kanatu lubbuu isaa galaafate. Waan of harkaa qaban sammuu keessaa dhabuu kanan jedhes kana..

Kun waa na yaadachiise..
Namni buddeena duwwaan hin jiraatu dubbii afaan Waaqayyoo keessaa ba'uun malee jedha wangeelli. Akkuma Oxygen dhabuun nama ajjeesu, soora lubbuu keenyaa isa ta'e sagalee Waaqayyoo dhabuun du'a bara baraa fida. Wangeela utuu of harkaa qabnuu, qalbii keenya keessaa dhabuun waan meeqa nu godhe laata? Ayyaanni Waaqayyoo utuu hunduma keenyaaf kennaa kennee jiruu, kennaa nu harkaa wallaallee ganda labaa hin jirruu laata? Mul'ata biyya fayyisu utuu of haraa qabnuu akka jaamaa oliif gadi namaan oofamaa jirraa laata? Mee waan bu'aa guddaa buusu Waaqayyo nutti kenne of harkatti haa hubannu. Ofiikee isa du'a sodaattu miti, waan du'a nama oolchutu si harka jira. Garuu mee itti dammaqi! Waaqayyo isa of harkaa qabnurratti ija keenya haa banu!
Qalbii hubantu haa qabaannu!

Eebbifamaa!!

15/12/2017

❖ Kutaa 16ffaa! ✍
SEENAA DHUGAA AMANUEL AMOOTS!
✿✿✿✿✿✿✿✿✿✿✿ ✿✿✿
{SATANIC REVENGE ATTACK ON TRUE BELIEVERS AND WITNESSES OF JESUS CHRIST AND AND GOD'S PROTECTION!}
®Seenaan kun waan sodaachisaa of keessaa waan qabuuf ijoollonni waggaa 15 gadii dubbisuun hin jajjabeeffamu!
®Kutaa kana utuu hin dubbisin dura kutaalee 1-15 jiran dubbisuu kee mirkaneeffadhu!
Dubbisa Gaarii!
°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°
❖MEESHAALEE WARAANA KIRISTIYAANAA!
*************************
Meeshaalee guruguddaa Kiristiyaanni tokko ittiin fayyadamee Seexana lolu kanneen armaan gadii kana:
⇛Maqaa YESUUS KIRISTOOS!
⇛Dhiiga YESUUS KIRISTOOS!
⇛Sagalee WAAQAYYOO! fi
⇛Jireenya galataan guutame jiraachuu dha!
☞Efesoon 6:10-11 irratti Sagaleen Waaqayyoo akkas jedha… “Kanaa achi, gooftaatti humna isaa isa aangoo-qabeessattis jabaadhaa. Haaxxummaa Seexanaatiin mormuu akka dandeessanitti, mi’a lolaa isa kan Waaqayyoo guutummaatti hidhadhaa!” Jedha.
☞Mul’ata Yohaannis 12:11…. “Obboloonni keenya immoo dhiiga hoolichaatiin, dubbii isa dhugaa ba’aniinis isa moo’aniiru; isaan du’atti waan isaan geessu yoo ta’e iyyuu, lubbuu isaanii hin mararfanne!” jedha.
❖HUUBADHU!
☞Maqaa Yesuus keessa humni cimaan hundumaa jilbeenfachiisuu danda’u akka jiru amani!
☞Dhiigni Yesuus cubbuu nama hundumaa akka qulqulleessuu danda’u amani!
☞Yeroo hundumaa Maqaan Meeshaa Lolaa isa jabaa ta’e Maqaan Yesuus afaan kee keessaa hin dhabamin!
☞Filiph. 2:6-11 irratti akkuma barreeffamee jirutti “Maqaan Yesuus maqaa maqaa caaluu dha, warra lafaa fi samii hundinuu maqaa kanaaf sagadu, maqaa kanaaf jilbeenfatu, arrabni hundinuu immoo ulfina Waaqayyo Abbaatiif Yesuus Kirsitoos Gooftaa akka ta’e haa beeksisu!…” jedha.
☞Maqaan Yesuusii fi Dhiigni Yesuusii hojii humna Seexanaa kan barbadeessuu dha. Kanaafuu, yeroo hundumaa amantii guutuun yeroo itti fayyadamnu nuti abbaa aangooti, ati abbaa aangooti, anis abbaa aangooti!
☞Karaa biraatiin immoo yeroo hundumaa jireenya Waaqayyoon galateeffatu, akkasuma isa waaqessuun guutameqabaachuun baayyee murteessaa fi barbaachisaa dha. Sababni isaa Waaqayyoon galateeffachuu keessa moo’ichi waan jiruuf!
⇛Ani Yesuus Kiristoositti osoon hin amaniniin dura, yeroon ergamaa seexanaa turetti waan narra gahe muraasan isinitti hima:
☞Tajaajilaa mana sagadaa kan ta’e hojjataa Wangeelaa tokkotu ture. Anis akkuma ergama naaf kennameetti isa balleessuudhaaf muradheen ka’e. Waanti ani isa ajjeesuu barbaadeef ganama ganama namoota waamee Wangeela isaan barsiisee akkasumas isaan kadhachiisee mootummaa keenya nagaa waan dhabsiisef ture. Achirraan darbee bakka buufata konkolaataa namoonni baayyeen itti argamanitti deemee mayikiraafooniidhaan Wangeela lallaba. Lallabuu qofaa osoo hin ta’in namoota baayyee irraa humna keenya kan seexanaa hidhuu, baasuu jalqabe. Ammas waldaa Kiristiyaanaa keessatti lallaba humna seexanaa kan keenya adda baasu lallabuun hojii keenya diiga. Yeroo baayyee ni kadhata, Waaqayyoonis baayyee galateeffata ture.. Anis akka isa ajjeesaniif ergamoota kiyyaan itti erge, ta’us isaan ergaa kana raawwachuu waan hin dandeenyeef ani ofumaa kootiin itti seene.
Guyyuma sana konkolaataan osoo inni deemuun isa arge. Waa’ee tajaajilaa kanaa akka isin beektan kanan barbaadu tokko yeroo nuuti balaa irraan ga’uuf isa hordofnu yeroo hundumaa ergamoonni lamaan kara mirgaa fi bitaatiin isa marsanii adeemu, akkasumas duumessi ulfina addaa isa utuu isa marsanii jiranii agarre. Isaanis nuti akka isa hin ajjeefne gufuu nutti ta’an. Guyyaa kana garuu waan tokko ille biratti hin argine waan ta’eef ergamni kiyya akka naaf raawwatu amantii guutuun qaban ture. Bakakkaan isa rukutuuf akka naaf toluf bokkaan akka roobuuf ajaje. Bokkaanis roobe, bakakkaanis bu’uu jalqabe. Garuu immoo namichi kun waan tokko iyyuu hin taane, itti tolee faarfannaa “Maqaa Yesuusiif jilbi hundumtuu in jilbeenfata” kan jedhu faarfataa adeema ture. Faarfannaa kana osoo addaan hin kutin isaa faarsaa jiruu bakakkaanis bu’uu dhiise, bokkaanis roobuu dhaabe. Achumaan yoon isa ilaalu ergamoonni lamaan mirgaa fi bitaa isaatiin billaa qara lamaa qabatanii utuu dhaabataniin arge. Iji isaanii illee guddaa nama sodaachisuu isaa irraa kan ka’e ol-jedhee ilaaluu hin dandeenye. Achiin tasuma bubbeen cimaan tokko na fuudhee ka’e, turtiin muraasaan booda magaala biraa keessattin of arge. Dhuguma eegumsa tajaajilaa saniif godhameen guddaa dinqiisiifadheera.
☞Inni si eegu hin mugu, hin rafu jedhamee caafamee akkuma jiru, eegumsi Waaqayyoo kan isaa warra ta’aniif daran guddaadha. Utuu ati hin beekin Waaqayyo lola guddaa siif lolaa oola!
⇛Itti fufee kanan dhugaa siif ba’uu barbaadu, yeroon ergamaa seexanaa ta’ee tajaajilaa ture, waa’ee mucaa Kiristaana ana waliin taaksii keessa taa’ee jiru tokkooti. Mucaan kun baayyee jaalala Gooftaa qaba waan tureef barreeffamoota adda addaa waa’ee Wangeelaa dubbatan taaksii keessatti namootaaf hiruu jalqabe. Yoo anaafis kennuuf jedhu, “hin barbaadu” jedheen. Kana booda immoo lallabuu jalqabe. Yoos ani immoo taa’uu waanan dadhabeef, qubeelaa harka kiyyaatiin isa ajjeesuudhaaf isa rukute, qubeelaan sun humna hafuura hamaa kan nama ajjeesuu danda’u qaba waan ta’eef. Yoo ani isa rukutu, mucichi “Maqaa Yesuusiin” jedhee iyye. Yeroodhuma sana ergamoonnii fi ifni addaa tokko natti mul’ate. Ammas bubbee hamaan tokko dhufee taaksii keessaa na fuudhee bosona dukkanaa’aa tokko keessa na buuse. Bosonnichi akka malee bosona nama sodaachisu ture. Mucaanis, namootni taaksii keessa turanis kan beekani ani taaksii keessaa tasuma dhabamuu koo qofa. Waan ani ta’eef ana irratti godhame homaa quba hin qaban ture. Seexana si galaafachuuf deemu Waaqayyo bubbee hamaatiin si duraa isa dhabamsiisa!
☞Maqaa fi Dhiigni Yesuus afaan Kiristiyaanotaa keessaa yeroo ba’u abidda guddaa nutti waan erguuf tasumaa hin dandeenyu!
****************************
☞Fakkeenyaa 18:10 irratti…..“Maqaan Waaqayyoo Gimbii Jabaadha, Namni Tolaan Isatti Baqatee Hin Oola” jedha!

15/12/2017

❖ Kutaa 17ffaa! ✍
{Kutaa Xumuraa!}
SEENAA DHUGAA AMANUEL AMOOTS!
✿✿✿✿✿✿✿✿✿✿✿ ✿✿✿
{ESCAPING HELL, LAKE OF FIRE, SATAN...AND ENJOYING ETERNAL LIFE WITH JESUS CHRIST: HALLELUJAH!}
®Seenaan kun waan sodaachisaa of keessaa waan qabuuf ijoollonni waggaa 15 gadii dubbisuun hin jajjabeeffamu!
®Kutaa kana utuu hin dubbisin dura kutaalee 1-16 jiran dubbisuu kee mirkaneeffadhu!
Dubbisa Gaarii!
°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°
❖BAGA GAMMADDE, CARRAA FAYINAA QABDA!
*************************
⇛Fakk. 18:10 “Maqaan Waaqayyoo gimbii jabaa dha, namni qajeelaan gara isaatti baqatee in oola.”
☞Firakoo Gooftaa Yesuusiitti amantee jiraannaan maqaan Isaa kun humna jabaa akka qabu, gimbii jabaa akka siif ta’u beeki. Amantii guutuunis, shakkii fi soda tokko malee aangoon itti fayyadami.
☞Asi irratti wanti ani cimsee isin gorsuu barbaadu, humnaa fi aangoo Waaqayyo isiniif kenne sirriitti beektanii akka itti fayyadamuu dandeessaniif, Sagalee Dubbii Waaqayyoo sirriitti akka beektaniif, akka dubbifattaniif, akka qo’attaniif, akka barattaniif, keessa onnee/garaa keessanii akka bulfattaniif cimseen isin gorsa.
☞Sagalee Waaqayyoo sirriitti itti fayyadamuudhaafdursitee beekuu si barbaachisa. Qol. 3:16 irratti “Dubbiin Kiristoos akka badhaadhummaa isaatti isin keessa haa jiraatu; ogummaa hundumaan wal barsiisaa, wal gorsaas, qooqa garaa garaatiin, faarfannaa galataatiin, weedduu hafuuraatiinis galata garaa keessanii Waaqayyoof faarfadhaa!” jedha. Badhaadhummaan Kiristoos akkuma guddaa ta’e, dubbiin isaas keessa keetti badhaadhaa haata’u jechuu dha. Sagaleen Waaqayyoo haalaan biyya lafaa kana keessatti akka si barbaachisu huubachuu qabda. Jireenya kadhataa qabaadhu, faarfannaa galataatiin guutamii Waaqayyoon galateeffadhu, maqaa Gooftaa Yeesusitti immoo haalaan fayyadami.
☞Mul. Yoha. 22:17 irratti Sagaleen WAAQAYYOO akkas jedha, “Hafuurichii fi misirroottiin, “Koottu” in jedhuun, kan dhaga’us “koottu” haa jedhu. Namni dheebote haa dhufu, namni bishaan barbaadus osoo gatii hin baasin bishaan jireenya kennu haa fudhatu!” Obboleessa/ttii koo dhugaa ba’ii, dhuga ba’umsa jireenya koo kana dhageessee Gooftaa Yesuusiitti amantee dukkana du’aa, garbummaa cubbuu fi seexanaa, abaarsaa adda addaatii fi gubaa abidda barabaraa jalaa baatee gara ifa jireenyaa, eebba addaatii fi jireenya barabaraa siif qophaa’eetti dhufuudhaaf lallaba biraa eegatta jedhee hin yaadu.
☞HUBADHU: Seexanni karoora adda addaa qopheessee, mala adda addaatiin namoota karaa Waaqayyoo irraa kaachisee abidda barabaraatti isaan oofuutti jira, sille garas oofuu barbaada. Isa kanas immoo dhuga ba’umsa koo kana irraa qulqulleeffachuu dandeessa. Seexanni hamma harkatti si galfatutti waadaa adda addaa, badhaasa adda addaa siif qopheessa, siif kenna. Hin sobamin, inni durumaanuu abbaa sobaati. Gooftaan Yesuus iyyuu seexanni abbaa sobaa kka ta’e dubbateera. Kanas Gooftaan waan si jaallatuuf, akka ati hin badne waan barbaaduuf sitti dubbata, ati maaliif kana amanuu dadhabdaree? Kan seexanni jedhumoo kan Waaqayyootu siif caalee?
☞Adaraa amma na dhaggeeffadhu, dhuga-ba’umsa kana kan dhageesse akka tasaa/carraa ta’ee miti, itti yaadameeti. Ofi hubadhu, of-laali, jireenya keessa jirtus ilaali, maqaa Kiristaanummaatiin gara mana sagadaatti deddeebi’uunii fi dhugumaan hordofaa Kiristoosiin taanee, isa fakkaannee jiraachuun tokko miti.
☞Amma kunoo ani siin kadhadha, kan jireenya walmakaa jiraataa jirtu, sababa adda addaatiin karaa Waaqayyoo irraa kan gortee jirtu, mana Waaqayyoo irraa kan fagaattee jirtu, kan fedhiin foonii, jaalalli waan biyya lafaa si injifatee duubatti deebite, sababa namootaatiin, “abboo bakka abaluun sun jiru/jirtu ani hin deemu, hamman isa/ishee waliin waaqessu natti hafuu wayya” jettee kan boodatti deebite, adaraaa guyyaan kun guyyaa siif araaraa haa ta’uuti, carraa ati amma argatte kana namootni baayyeen argachuu dhabanii si’ool keessatti rakkina cimaa keessa jiru kottu fuula Waaqayyoo siif wayyaa. Ati garuu baga gammadde, carraa araaraan deebi’uu argatteetta waan ta’eef. Hin sodaatin, cubbuu hojjatte kam iyyuu qabadhuu gara Gooftaa jaalalaan si waamu kanaa koottu. Inni cubbuu kee kam iyyuu dhiiga isaa isa qulqulluudhaan dhiqee si qulqulleessa. Cubbuun dhiigni isaa hin qulqulleessine gonkumaa hin jiru.
☞Namootni ani jalqabumaa jalqabee Gooftaa Yesuusiin wal-hin beeku, isatti amanee hin jiru, amantii biraan qaba ykn amantii iyyuu hin qabu, amma garuu ergaan kana dhaga’ee keessi kiyya guddaa na tuqameera, hanga ammaatti isatti amanuu dhabuun koo na gaabbisiisa. Amma garuu kunoo carraa naaf kenname kanatti fayyadamee isatti amanuu, YESUUS KIRISTOOS (AL-MASIH ISA) GOOFTAA FI FAYYISAA koo godhachuun barbaada. Maqaan koo galmee jireenya barabaraa irratti akka naaf barreeffamun barbaada, bara baraan isaa fi qulqullootasaa waliin Mootummaa Waaqayyoo kan jireenya bara baraa, kan warra isatti amananeef qophaa’etti galee jiraachuun barbaada; kan jettu baga gammadde, carraa isatti amanuu argatteetta waan ta’eef
☞Dhumarratti, nama karaa Waaqayyoo irraa duubatti deebitee jirtuuf yeroo kun siif yeroo araaraan deebi’uuti. Beellama hin qabatin, maaltu beeka carraan sagalee fayyinnaa kana dhaga’uu siif kan dhumaa ta’uu danda’a, bori lubbuun jiraachuu kee iyyuu hin beektu; kanaafuu hin sobamin, hin gowwoomin; fedha foon keetii, biyya lafaa si sossobduuf seexana injifadhu; carraa siif kenname kanatti fayyadamiitii araaraan deebi’i. Ammumaa murteeffadhu, bakkuma jirtutti yaadaa fi qalbii kee gara isaa deebisii ana maari jedhiitii cubbuu kee hundumaaf araara galii gara Gooftaa keetii kan jaalalaan iddoo jireenya barabaraa siif qopheessee si waamaa jiruutti deebi’i.
☞Gooftaa koo, ani sirraa duubatti deebi’ee cubbuutti kufeera. Cubbuu baayyees hojjadheera, Cubbuu koo kanaaf jettee akka ati ana hin jibbine immoo kunoo amma waamicha ati naaf dhaga’eera. Jaalala addaa ati anaaf qabdu argeera, amma balbala onnee koo kunoo siif baneera, koottu seeni, cubbuu koo hundumaattii dhiiga Kee qulqulluun ana qulqulleessi, abaarsa kam iyyuu ana irraa cabsi, jireenya qulqullummaa kan si fakkaatu yeroo hundumaa jiraachuu akkan danda’uuf immoo hafuura Kee qulqulluudhaan na guuti. Kana hundumaaf immoo guddiseen si galateeffadha, waadaa koo haaresseera, ammaan booda bara koo hundumaa siifan jiraadha, siinaa jiraadhas! Hafuura Kee qulqulluudhaan na jabeessi, mootummaa Kee bara baraan immoo ana ga’i! Ameen! HALLELUYAA! Baga Gammadde! Baga nuus Gammachiiste!
☞Akkasumas namni Yesuus kana hin beekne, ISA-AL-MASIH GOOFTAAF FAYYISAA lubbuu keetii kan isa hin godhatin, kan isa hin amanin jirtu ergaa fayinaa, oduu jireenyaa kunoo amma dhageesseetta. Guyyaa dhumaa sanatti lakkii ani homaa quba hin qabu, hin dhageenye jechuu hin dandeessu. Gara GOOFTAA amma jaalalaan si waamuu kanaa koottu. Ati Gooftaa fi Fayisaa Lubbuu koo naaf ta’i jedhiin. Carraa amma siif kenname kana hin balleessin. Si’ool afaan banee si eeggatu jalaa miliqi. Namni maal naan jedha, maatiin kiyya, firri kiyya, aanteen kiyya, ijoolleen kiyya maal naan jedhu hin jedhin. Ofii keetii fayyiitii isaaniifis dhugaa Wangeelaa itti himi, sababa fayinaa isaaniifis ta’i. Abbaa kiyya, haadha kiyya, obboleessa kiyya, obboleettii kiyya, carraa araaraa namootni baayyeen dhabanii si’oolitti gatamanii gaabbii, bo’ichaa fi ilkaan qaruu keessa jiran , ati garuu baga carraa kana argatte, baga abbaa carraa jireenya bara baraa taate, ammas kunoo murteeffachuun kan keeti, GOOFTAAN YESUUS (AL-MASIH ISA’n) inni Gooftaa jalalaati waan ta’eef eenyun iyyuu hin dirqisiisu, eenyuun iyyuu dirqamaan natti amani hin jedhu, garuu immoo kunoo amma balbala garaa kee irra dhaabatee jaalaan onnee kee naaf kenni, natti amani, gara koo koottu, jireenya bara baraa ani siif qopheessetti gali, koottu gara koo na waliin bara baraan jiraanna siin jechaa jira, deebiin keeti!
❖Gara Gooftaa jaalalaan si waamu kanaa dhufuudhaaf yoo murteeffatte, kadhannaa kana ana waliin akkas jedhii kadhadhu, hin sodaatin du’a jalaa gara jireenyaatti, abaarsa keessaa gara eebbaatti, dukkana keessaa gara ifa barabaraatti dhufaa jirtaa, waan addaatu si eegachuutti jiraa, sodaa malee ana faana amantii guutuun akkas jedhi:
⇛WAAQAYYO akka ati na jaalattee Ilma Kee Yesuus Kiristoosiin naaf jettee ergite nan amana, kanaafis guddaan si galateeffadha!
⇛GOOFTAA YESUUS akkan cubbamaa ta’ee fi hojii gaarii akkan hin qabne nan beeka. Cubbuu koo kanaaf immoo ibiddi gahaannamii kan barabaraa akka anaaf malu nan beeka. Garuu immoo, amma cubbamaa ta’uu koo amanee, gaabbee, akka naaf araaramtuu/dhiifama akka naaf gootuuf sin kadhadha!
⇛Akka ati naaf fannifamte, dhiiga kee naaf lolaafte, akka naaf duute, duutees du’a mo’attee akka kaate nan amana!
⇛Amma kunoo amantii guutuun, Gooftaa, Fayyisaa fi Abdii koo bara baraa akka taate beekee sittan amana!
⇛Akkuma Sagalee Abdii anaaf kennitee jirtutti, ana fayyisi!
⇛Dhiiga Keetiin cubbuu koo hundumaa irra na qulqulleessi/biliisa na baasi!
⇛Har’a irraa jalqabii, Fayyisaa fi Gooftaa lubbuu koo naaf ta’i!
⇛Abaarsa jireenya koo qabate, hidhaa seexanaa hundumaa ana irra cabsi!
⇛Maqaa koo Galmee Jireenya Bara baraatti naaf galmeessi!
⇛Jireenya koo Hafuura Kee Qulqulluudhaan na guuti!
⇛Mootummaa Kee barabaraatiin na ga’i!
⇛Waaqayyo Abbaa bara baraa carraa kana hundumaaf, murtii du’a bara baraa jalaa gara jireenya bara baraatti waan na fiddeef galatoomi! Bara baraan ulfaadhu! Kabajami! Ol-aani! Maqaa Yesuus Gooftaatiin! Ameen!
❖Kadhannaa kana murtii keessaa kee dhugaatiin kan kadhatte, namni araaraan gara Gooftaa fi Fayyisaa keetti deebite baga gammadde!
❖Namni haaraan kan kadhannaa kana kadhatte atis akkasuma baga gammadde! Ati amma gara maatii Waaqayyootti makamtee jirta. Gooftaa Yesuusitti amantee fayitee jirta. Sababa fayyuu keetiif anis baayyeen gammada, gammachuu guddaan kana caalu immoo ol-Samiitti ta’eera. Seexana jalaa, du’a jalaa, cubbuu jalaa baateetta. Kanaafuu, gara waldaa qulqullootaa Wangeela dhugaa barsiisan deemi, isaanitti makami. Sagalee Waaqayyoo sooradhu, baradhu, ittiin guddadhu! Isaan waliin Waaqayyoon waaqessi! Bara kee hundumaa isaa fi isaan jiraadhu! Ergaa kana yoo ittiin eebbifamteef barumsa irraa argatte, namoota biraafis dabarsi! Waan Yesuus siif godhe kana carraa argatte hundumaa fayyadamii namootatti dubbadhu. Kana waan gootuufis dursee GATII GUDDAA WAAQAYYO BIRAA AKKA QABDU, sittin hima!
********************************
❖Kutaa 17tti qoodee Seenaa Dhugaa Amauel Amoots kanaan isiniif dhiyeessaa ture kanuma irrattin xumura!
Galatoomaa! Yaada kesan nu biran ga'a sibu sire revival fire like follow godha

Address

ADAMA
Adama

Telephone

+251983679918

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when GOD is GOOD posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share


Other Cable & satellite services in Adama

Show All

You may also like