11/09/2023
Ergaa "Baga Waggaa Haaraa Bara 2016 Nagaan Geessan"
I/G paartii Badhaadhinaa Aanaa Mi'eessoo
❇️❇️Obbo Ahmad Mahammad ❇️❇️❇️
🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺
Kabajamtoota Uummataa Aanaa Mi'eessoo fi Biyyaa keenyaa hundii Baga Waggaa haaraa bara 2016 Nagaan geessan.
Bacaqiin gannaa darbee ifti barii birraa yoo dhufu bara xumurre gaggeessinee haaraa simachuu, kan dabarre yaadachaa kan nu dura jiruuf ammoo of qopheessuun jalqabbii ce’umsa boqonnaa haaraa waan ta’eef uummatni Aanaa keenyaa fi biyya keenyaa hunduu Baga Bara 2015 irraa ifa barii birraa 2016 tti Nagaan ceetan, Baga geessan jechuun fedha.
Barri dabarsine 2015 imala Badhaadhina biyyaatiif bu’uura injifannoon dabaalame keenyee kan itti dabarre, biyyi keenyas tumsa ilmaan isheetiin dandeettii dhiibbaa kamuu dandamachuu, qormaatas tarkaanfattee injifannoo galmeessuu gochaan kan itti mul'iftedha.
Barri 2016 bara carraawwan gaggaarii waliin fuula duratti itti tarkaanfannu waan ta’eef kutannoof xiiqii addaatiin sochoonee injifannoo dachaa galmeessuuf tokkummaa keenya jabeeffachuu,Obbolummaa sabdaneessummaan miidhagnee ilaalchaaf gocha Finxaalessummaa maqsuuf onnachuun dhimma murteessaadha.
Milkaahinoota of harkaa qabnu galaa imala keenyaa godhannee bara haaraatti injifannoo caalmaa galmeessuuf dhalootni har’aa amaanaa guddaa of harkaa qabna. Kanaafis humna, beekumsaa fi qabeenya qabnuun biyya keenya tumsuu, dirree irratti boobbaane hundattis jabaannee hojjachuun raajii galmeessuuf akka of qopheessinu dhaamsa koon dabarsa.
Xumura irraattis Yeroon itti aanu kan qormaatilee keenya buuqqifnee injifannoo itti waaressinu, jibbaaf hammeenya irraa fagaannee Jaalala, dhiifamaa fi Araaran galma yaadne kan itti geenyu akka nuuf ta'u ibsaa, ayyaanichis kan Nagaa,Gammachuu fi Badhaadhina akka isiniif ta'un hawwa. Ayyaana Gaarii!
Qaammee 6 Bara 2015
I/G paartii Badhaadhinaa Aanaa Mi'eessoo
❇️❇️Obbo Ahmad Mahammad ❇️❇️❇️
,🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺