27/11/2022
Rafanii waan hin rafne se'uu!/
Maamila yaalaaf nu bira dhufe tokkotu waa'ee hirriba isaa akkas jechuudhaan natti hima. Erga rafuu dhiisee waggaan tokko darbee jira. Guyyaa tokkos hirribni na fudhatee hin beeku. Galgala sa'aatii sadiitti gara siree koo deema,garuu osoo hirribni waan tokko nan fudhatin ganama sa'aati tokkotti siree koo irraa ka'a jedhee wanti kun hedduu isa dhiphisuu dubbata. Waggaa tokko dhiisiitii guyyaa muraasa hirriba malee turuun akkamitti danda'ama jettanii gaafachuu dandeessu! Dhugaan jirus sanuma namni hirriba malee guyyoota muraasaa ol turuu hin danda'u.
Namoonni rakkoo kana qaban garuu hirriba sirrimatti osoo rafanuu waan hin rafne itti fakkata. Halkan hirriba hoo'aa keessa turanii ganama yeroo dammaqanitti eda osoo hirribni gara ija kootti hin dhufin bule jedhu. Miseensonni maatii isaan wajjiin jiraatan raftee jirta, eda osoo raftee kurruftu si'i argee ture kanaaf raftee jirta jedhanii isaan hubachiisuuf yaalanis akka salphatti hin amanan.
Namoonni rakkoon kun hedduu isaan jeequ ogeessa xiinsammuu wajjiin dubbachuudhaan, akkasumas yaalli biroos kan barbaachisu yoo ta'e hordofuudhaam furmaata argachuu ni danda'u.
Fayyaa hin dhabinaa!
Firomsa Urgessa ( Ogeessa yaala sammuu),