Abu reyhan

Abu reyhan Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Abu reyhan, Video Creator, .

02/12/2024
27/10/2024

Shek jamal aliyi Saahibnni bakka lamatti qoodama.

18/09/2024
23/04/2023

Yeroo baay’ee milkaa’inni kan dhufu warra barbaacha garmalee qabaniif.” — Heenrii Deevid Tooroo

23/04/2023



Namticha sooressa tokkootu hajaadhaf iddoo takka deemee makiinaa isaa karaa cinaa dhaabee biraa ol seene, Yeroo inni haajaa isaa fixatee deebi'u biloonni goommaa tokkoo afranuu irraa hikkamee( haatuudhan hatamee jira) Yeroo kana namichii dhaabbatee gamaafi gamana laalee falas dhabe,
inni dhaabbatu maaraataan tokko itti dhufee "maali" taate jedhee namicha dhaabatu gaafate
fuula tuffii tokkoon isa laalaa "biloonitu narraa hatame akkan hin binnes iddoo kana hin jiru" jedhee itti himee.

"duuba maaliif goommaa sadeen haferraa biloonii tokko tokko hiktee ka afraffaa hin hidhanneree" jedhee debiseef,
yaada maraataa kanaa ajaa'ibsiifatee akkuma inni jedhe godhee yeroo deemuuf ka'u maraataadhaan "ati maraataadha? Akkamitti Yaada akkanaa yaadde" jedhee gaafateen,
Maraatanis "an maraataadha malee wayii gowwaadhaa" jedhee deebiseef.

Seenaa kana irraa akka waa hubattan abdiin qaba.
Maal jechuu barbaade seetan. egaa namni kamuu keessa ofii malee keessa namaa hin beeku, waanii nama sanaas hin beeku, osoo akkaan hiriyyaa isaas ta'ees waan keessa isaa jiru hunda beekuu hin danda'u kanaaf ilma namaa kana irra irra laaltee hin murteessin, amalli namaaf beekkumsi namaa irra irraa hin jiruu keessa namaati malee.
Namonni bayyeen isaanii osoo beekumsa akkamiittu nama kanaa keessa jirachuu isaa hin hubanne nama tuffachuuf murtessuu Jalqaba. Kuni tahu hin qabu namni kan madaalamuu qabuun sadarkaa barumsaa isaatiif akkasumas sadarkaa midhaginaa ykn haala uffannaa isaatiin miti kan murtessuu qabnu. Kanafuu Nama uffannaan isaa ykn fayyaan isaa marataa gootee waan beeku jettee hin tuffattin. tarii osoo beekumsa akkaan qabuu jireenyi maraataa isa goote wantahef.!!

hin tuffatamu!!!

Guyyaa gaarii qabadhaa 😍

23/04/2023

Hunduu ni darba

Addunyaa kana irraa wanti hin dabarre hin jiru, guyyaa du'a keen ala.
Yeroo haalonni badoo ta'an nu mudatan, waan hin dabarre nutti fakkaachuu danda'u garuu dhimma yerooti malee ni darbu.
Xiyyaara yaabdee xiyyaarri erga balallii eegalee yoo rakkoon si mudate, " Naa dhaabi" jechuu in dandeessaa? Hin dandeessuu! Garuu hammamuu yoo ture xiyyaarri lafa qubachuu hin oolu. Atis hanga xiyyaarri lafa ga'uf kaate qubatutti dirqama obsuu qabda. Jireenya keessattis akkasuma, haalonni badoon yeroo si quunnaman yeroodhaaf si rakkisuu malee ni darbu. Xiyyaarri barabaraan qilleensa irra hin turu. Akkasuma rakkinnis barbaraan sirra hin turu. Wanti hunduu yeroof malee darbuu hin oolu.
Yoos yeroo darbuuf maaf abdii kuttaa? Dhuguma har'a haala gaarii keessa jiraachuu dhabuu malta. Boris akkana ta'a jettee hin yaadin. Yaadadhu Addunyaa kanarraa guyyaa du'a keetiin ala guyyaan hin dabarre hin jirtu.

23/04/2023

OBSI

"Obsi dhagaa(dhakaa) affeela" jedha Oromoon.

Obsi dhukkubbii qaba, firii inni kennuu immoo dhukkubbii fayyisa. Milkaa'inaaf hammam hojjedhu obsa yoo hin qabaanne bakkakee duraatti deebita. Bosona misoomsuuf yeroo dheeraa sitti fudhata. Balleessuuf immoo daqiiqaa muraasa sitti fudhata. Bosona Waggaa kudhan guutuu itti dadhabdee misoomsite, iji kibiriitii tokko daqiiqaa xiqqoo gidduutti daaraa gochuu dandeessi. Akkasuma abjuukee yeroo, humna, maallaqakee yeroo dheeraaf itti fiixxe obsa dhabuun yeroo xiqqoo keessatti awwaaluu dandeessa. Yeroo hunda wantoonni yeroo ati barbaadetti siif hin mul'atan. Yeroo isaaniitti garuu inuma mul'atu. Biiftuu fi Ji'i yeroo tokko hin mul'atan. Yeroo isaaniitti mul'achuun garuu waan hin oolleedha. Kun seeruma uumamaati. Atis hiriyaankee sibiraa bakka guddaa ga'ef kankoo yoomi jettee hin haadin! Kankees yeroon mul'achuu jirtiiti obsi. Biiftuu fi Ji'i wal faana hin mul'atani. Atis guyyaan itti iftee mul'attu in dhufa!
Bakka Nagaa Oolaa!!

18/03/2023

وَٱذْكُرِ ٱسْمَ رَبِّكَ بُكْرَةً وَأَصِيلًا
Ganamaafi galgalas maqaa Gooftaa keetii faarsi. (76:25)

- «سُبْحَانَ اللهِ"
- «الحَمْدُ للهِ»
- «لَا إلَهَ إلَّا اللهُ»
- «اللهُ أكْبَرُ»
- «سُبْحَانَ اللهِ وَبِحَمْدِهِ»
- «سُبْحَانَ اللهِ العَظِيمِ»
- «لَا حَوْلَ وَلَا قُوَّةَ إلَّا بِاللهِ»
- «أسْتَغْفِرُ اللهَ وَأتُوبُ إلَيْهِ»
- «لَا إلَهَ إلَّا أَنْتَ سُبْحَانَكَ إنِّي كُنْتُ مِنَ الظَّالِمِينَ !

13/03/2023

Islaamni maallaqa horachuu akka badii ykn abaarsa namarratti ba’aa taheetti hin laalu. Garuu akka eebba galateeffamuu qabuutti, akka amaanaa eeggamuu qabduutti laala. Maallaqni kaayyoo namootaa gaarii fi hamaas galmaan gahuu dandaha. Maallaqni nama gaarii harka jiru gaaruma, kan nama hamaa harka jiruus hamaadha. “Maallaqni gaariin nama gaarii harka jiru waa tolee” ja’e Nabi Muhammadﷺ.

الإسلام لا ينظر إلى المال على أنه شرٌ ونقمةٌ على الإنسان، بل ينظر إليه على أنه نعمةٌ يجب أن تُشكر، وأمانةٌ يجب أن تُرعى، وهو وسيلةٌ لتحقيق غايات الإنسان، جيدةً كانت أم رديئة، فهو خيرٌ في يد الأخيار، وشرٌ في يد الأشرار، وفي الحديث: «نِعم المال الصالح للمرء الصالح».

📜🖌. Haqaan Gabbaramaan Allaaha Malee akka hin jirre, Inni tokkicha Shariikni isaaf hin jirre akka ta'een Ragaa baha, Muh...
13/03/2023

📜🖌. Haqaan Gabbaramaan Allaaha Malee akka hin jirre, Inni tokkicha Shariikni isaaf hin jirre akka ta'een Ragaa baha, Muhammad Garbichaa fii Ergamaa Isaa ta'uu, Ergaa Geessisee, Amaanaa bakkaan ga'ee, Ummataaf toltuu yaadee akkasumas hanga Duuti Rabbii isaa biraa isatti dhuftutti karaa Rabbii keessatti Qabsoo gochuu dhugaa qabsoo godhee akka jiru Ragaan baha. Rahmanni Allaahaa fii Nagayni isaa isarra, Maatii isaa, Sahaaboota isaa fii hordoftoota isaa hanga guyyaa qiyaamaatti jiran irra haa jiraatu.

📜🖌. Haqaan Gabbaramaan Allaaha Malee akka hin jirre, Inni tokkicha Shariikni isaaf hin jirre akka ta'een Ragaa baha, Muhammad Garbichaa fii Ergamaa Isaa ta'uu, Ergaa Geessisee, Amaanaa bakkaan ga'ee, Ummataaf toltuu yaadee akkasumas hanga Duuti Rabbii isaa biraa isatti dhuftutti karaa Rabbii k...

11/03/2023

Address


Telephone

+251988380411

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Abu reyhan posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Videos

Shortcuts

  • Address
  • Telephone
  • Alerts
  • Videos
  • Claim ownership or report listing
  • Want your business to be the top-listed Media Company?

Share