Barentu Media

Barentu Media Oduu fi odeeffannoo waaytawaa isiin dhaqabsiisa

https://www.youtube.com/

Guyyaa tokkoti Dolaarri 57.4 ➡️ 74.7 gale. Parsaanta 30n dabalee jechuudha.
29/07/2024

Guyyaa tokkoti Dolaarri 57.4 ➡️ 74.7 gale. Parsaanta 30n dabalee jechuudha.

Pireezidantiin Iraan Ibrahim raisi fi ministeerri dhimma alaa iraan balaa helikoopteraan du'aan
20/05/2024

Pireezidantiin Iraan Ibrahim raisi fi ministeerri dhimma alaa iraan balaa helikoopteraan du'aan

Harargee Bahaatti Balaa Tiraafikaa Mudateen lubbuun namoota 4 darbeGodina Harargee Bahaa Aanaa Meettaatti balaa Tiraafik...
08/05/2024

Harargee Bahaatti Balaa Tiraafikaa Mudateen lubbuun namoota 4 darbe

Godina Harargee Bahaa Aanaa Meettaatti balaa Tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 4 darbuu Waajjirri Poolisii Aanichaa beeksise.

Balaan kun Aanaa Meettaa ganda Calanqoo Lolaatti har'a ganama sa'aa 2:00tti Konkolaataan dhaabbata deeggarsa Sagantaa Nyaata Addunyaa Jibuutiirraa midhaan deeggarsaa fe'uun gara Finfinnee imalaa ture kufee garagaluun miidhaa kana qaqqabsiisuu Waajjira Poolisii Aanaa Meettaatti Qindeessaan Kutaa Tiraafikaa Inispeektar Badhaasaa Abbabee himaniiruu.

Dubartoonni daandiirratti Jimaa daldalan 3 fi konkolaachisaan battalumatti du’uu isaanii Inispeektar Badhaasaan ibsaniiruu.

Saffisaa humnaa oliin konkolaachisuun balichaaf sababa ta'uus eerameera.

Ministirri Dhimma Alaa   Waang Yi gitasaanii Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Biliinkan ''sarara diimaa'' Chaayinaarra...
26/04/2024

Ministirri Dhimma Alaa Waang Yi gitasaanii Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Biliinkan ''sarara diimaa'' Chaayinaarratti akka hin ejjenne akeekkachiisan.

Dippiloomaatonni biyyoota lamaan Jimaata Beejingitti wal arganiiru. Obbo Waang gaaffii akeekkachiisa fakkaatuun dubbii isaanii eegalan.

''Chaayinaafi Yunaayitid Isteet nagaan fuulduratti qajeeluumoo duubatti deebi’uu wayyaaf?'' jechuun gaafatan.

Hariiroon Chaayinaafi Ameerikaa tasgabbaa’aa adeemus, ''sababoota qajeelaa hin taanen'' qoramaa akka jiru ibsan.
Biyyoonni lamaan mariifi wal tumsuutti qajeeluu yookiin ''walitti bu’iinsa keessa seenu'' danda’u jedhan Waang.

Birmadummaa, nageenyaafi misooma Chaayinaaf sarara diimaadha kanneen jedhanis tarreessuun Ameerikaan irra akka hin ejjenne akeekkachiisaniiru.

Hariiroo biyyoota lamaanii gidduu ''wantoonni qajeelaa hin taane'' guddataa akka jiraniifi hariiroon biyyoota diinagdeen badhaadhan lamaan qoramaa akka jirus ibsan.

''Mirgi misooma Chaayinaa bu’uura seeraa qabu haala amansiisaa hin taanen hacuucameera, fedhiin keenya ijoo qoramaa jira,'' jedhan.

Biyyaa Afrikaa Bahaa   Rooba cimaa roobee hordofuun balaa lolaa fi sigigaa lafaa mudateen lubbuun namoota 155 yoo darbuu...
26/04/2024

Biyyaa Afrikaa Bahaa Rooba cimaa roobee hordofuun balaa lolaa fi sigigaa lafaa mudateen lubbuun namoota 155 yoo darbuu, namoonni 236 ol miidhaa qaamaa cimaaf saaxilamuu Ministirri Muummee biyyattii Qaasim Maajaaliwaan ibsaniiru.

Namoonni kumni 200 ol qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’uu fi qabeenyi hedduun manca'uun eerameera.

Tibbana Keeniyaatti Rooba cimaa roobuu hordofee lolaa mudateen lubbuun namootaa 45 darbuun ni yaadatama. Burundiittis balaa lolaa mudateen namoonni kumni 100 ol qe’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uutu gabaafame.

25/04/2024
Obbo Taayyee meeshaa waraanaa seeraan alaa qabachuun himatamanMinistir De'eetaa Ministeera Nageenyaa kan turan Obbo Taay...
25/04/2024

Obbo Taayyee meeshaa waraanaa seeraan alaa qabachuun himataman

Ministir De'eetaa Ministeera Nageenyaa kan turan Obbo Taayyee Danda’aan yakka humnoota farreen nageenyaa deeggaruufi meeshaa waraanaa seeraan alaa qabatanii argamuun himatamaniiru.

Mana Murtii Olaanaa Federaalaa ramaddii 1ffaa Lidaataa dhaddacha yakkoota dhimma heera mootummaafi sirna Heera Mootummaatti himanni kun banamuu ibsameera.

Ministeera Haqaatti Abbaan Alangaa Daayrektooreetii dhimmoota yakka gurmaa’aafi daangaa ce’aa Obbo Taayyee Danda’aa himata sadiin himateera.

Obbo Taayyeen nageenyaa biyyaafi ummataa mirkaneessuun osoo irra jiraatuu ergaawwan farreen nageenyaa deeggaraniifi miidiyaa hawaasummaa maqaa isaaniin banamaniin ololawwan adda addaa tatamsaasaan jechuun himateera.

Akkasumas eeyyama osoo hin qabaatin labsii meeshaalee waraanaa bahe cabsuun Kilaashiin Koovii dadachaatuu 1, kaartaa 2 rasaasa 60 waliin mana jireenyaa isaanii keessaa sakattoo taasiifameen argameera jechuun himateera.

Obbo Taayyeen Mana Murtiitti dhiyaachuun dhimmoonni ittiin himataman dubbifameefira.

Dubbisichaan boodas Obbo Taayyeen mirgi wabii akka eegamuuf gaafataniiru.

Himatamaafi Abbaan Alangaa dhimmoota adda addaarratti falmii taasisuutu himame.

Manni murtichaas dhimma wabii gaafatame ilaalchisee yaada murtoo kennuuf Ebla 24, 2016tti beellameera.

Rooba cimaa kibba lixaa paakistaan naannoo baaloschaanitti roobeen namoonni 87 yoo du'an 82 irra immoo miidhan ga'eerra
20/04/2024

Rooba cimaa kibba lixaa paakistaan naannoo baaloschaanitti roobeen namoonni 87 yoo du'an 82 irra immoo miidhan ga'eerra

Baqattootni Itiyoophiyaa 170 gara Yaman ce'uuf yaala turan Somaaleelaandiitti to'annoo jala ooluu isaani ibsame.Miidiyaa...
20/04/2024

Baqattootni Itiyoophiyaa 170 gara Yaman ce'uuf yaala turan Somaaleelaandiitti to'annoo jala ooluu isaani ibsame.

Miidiyaaleen Somalilaandii akka gabaasanitti, baqattoonni 170 seeraan alaa Itoophiyaa gara Yaman ce’uuf yaalaa turan eegdota qarqara galaanaa Somaalilaandiitiin to’annoo jala oolaniiru.

Baqattoonni kunneen gara biyya tasgabbii hin qabne kan biraa Yaman imaluuf qarqara galaanaa Isnaag Eyi'on irraa bidiruu guddaa utuu yaabbatanii jiran to’annoo jala oolan. Baqattoota kanneen keessa dubartoonnis jiraachuu himameera.

Ajajaan walii galaa Waraanaa Keeniyaa Janaraal Firaansiis Omodii Ogolaa, erga helikoptarri isaaN baattee turte lixa biyy...
19/04/2024

Ajajaan walii galaa Waraanaa Keeniyaa Janaraal Firaansiis Omodii Ogolaa, erga helikoptarri isaaN baattee turte lixa biyyattii keessatti kuftee cacabdeen booda balaa qaqabeen du'usaanii pirezidantiin biyyattii beeksiisan.

Ogolaan gulantaa waraanaa Keeniyaa keessatti qondaala waraanaa sadarkaa isa dhumaarratti argaman yoo ta'u, miseensoota waraanaa gara bira 11 waliin hilikoptaricha keessa turan. Isaan keessaayis nama lama qofaatu lubbuun hafe.

Polish Border Guard officers and soldiers safeguarding the Polish-Belarusian border found an Ethopian woman who had give...
18/04/2024

Polish Border Guard officers and soldiers safeguarding the Polish-Belarusian border found an Ethopian woman who had given birth to a little girl just hours before. The mother and the newborn were both taken to a hospital in Hajnówka.

18/04/2024
Komaandoon humna galaanaa godina Shawaa Kaabaatti lola lafoorratti hirmaachaa jiraachuun himameBakka bu’aan Ajajaa Olaan...
18/04/2024

Komaandoon humna galaanaa godina Shawaa Kaabaatti lola lafoorratti hirmaachaa jiraachuun himame

Bakka bu’aan Ajajaa Olaanaa Humna Galaanaa Riir Admiiraal Naasir Abbaa Diigaa akka jedhetti, komaandoon humni galaanaa humnoota nageenyaa naannoo Amaaraa waliin qindoominaan aanaalee fi gandoota godina Shawaa Kaabaa keessatti waraana lafoo gaggeessaa jiraachuun ibsame.

Duula miseensonni komaandoo kuni gaggeessaniin nageenyi naannichaa fooyya’aa dhufeera jedhame.

Akka Riir Admiiraal Naasir Abbaa Diigaatti, Komaandoon Humna Galaanaa Itoophiyaa ergama galaanaarraatiin alatti yeroo barbaadametti dirqama isaa ba'uu kan danda'uudha jedhan.

Komaandoon kuni duula godina Shawaa Kaabaatti hirmaachaa ture irratti tarkaanfii fudhateen ''garee finxaaleyyii kanarratti kasaaraa guddaa geessisuu'' dubbataniiru.

Investaroonni/Abbootiin qabeenya/ biyya alaa daldala jumlaa fi daldala qinxaaboo irratti akka hirmaatan hayyamame.Kanaan...
18/04/2024

Investaroonni/Abbootiin qabeenya/ biyya alaa daldala jumlaa fi daldala qinxaaboo irratti akka hirmaatan hayyamame.

Kanaan dura abbootii qabeenyaa biyya keessa qofaaf daangeffamani kan turan, daldalli baasii, kan galii, jumlaa fi daldalli qinxaaboo invastaroota biyya alaatiif banamuu isaa Komishiniin Invastimantii Itiyoophiyaa fi Ministeerri Daldalaa fi Hariiroo Naannoo beeksisaniiru.

Haaluma kanaan invastarootni biyya alaa daldala buna qalamaa, sanyii zayitaa, Caatii, kudura fi fuduraa, gogaa, oomisha bosonaa fi beeyladaa irratti akka hirmaatan hayyamameera. Invastaroota biyya alaa haal-duree kaa’ame guutan daldala xaa’oo fi boba’aa irraa kan hafe dameewwan invastimantii daldalaa biyya keessaa hunda irratti bobba’uu akka danda’an himameera.

Manni Maree Ministirootaa walga'ii idilee 30ffaa har'a taa’een  dhimmoota adda addaarratti mari'achuun murtee dabarseera...
18/04/2024

Manni Maree Ministirootaa walga'ii idilee 30ffaa har'a taa’een dhimmoota adda addaarratti mari'achuun murtee dabarseera.

Manni marichaa dursa kan inni mari’ate wixinee labsii hojjettoota mootummaa federaalaarratti yoo ta’u wixineen kun walgahii mana maree ministirootaa 29ffaa irratti dhiyaatee kan ragga’e tajaajila mootummaafi Imaammata bulchiinsaa bu’uura gochuun, imaammaticha raawwachiisuun akka danda’uuf kan qophaa’eedha.

Manni marichaa dhimma kanarratti mari’achuun mana maree bakka bu’oota ummataaf akka darbu sagalee guutuun murteesseera.

Manni marichaa wixinee imaammata haqa ce’umsaarratti mari’achuun yaadaan gabbisuun guyyaa mirkanaa’erraa eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera.

Taphoota Shaampiyoons Liigii har'a taphatamu.04:00  Baayer Muniik Arsenaal waliin                     Ag (2-2)04:00 Maan...
17/04/2024

Taphoota Shaampiyoons Liigii har'a taphatamu.

04:00 Baayer Muniik Arsenaal waliin
Ag (2-2)

04:00 Maan Siitii Riyaal Maadriid waliin

Ag (3-3)

17/04/2024

Maallaqa seeraan ala fudhataman %95 deebisiisuu Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa beeksise.

Rakkoo siistamaa Bitootessaa 7, 2016 mudateen Birrii Miiliyoona 801 fi kuma 417 fi 747.8 seeraan ala fudhatamuu baankichi beeksisee turuun ni yaadatama.

Haaluma kanaan maallaqa seeraa ala fudhataman keessaa Birrii miiliyoona 762 fi kuma 941 fi 341 deebisisuu eereera.

Kunis maallaqaa deebifamuu qabu keessaa %95 ta’uu eeruun kan hafe Birrii miiliyoonaa 38 fi kuma 474 fi 938 hojiin deebisiisuu akka itti fufu ibsuu ragaa baankicharraa argame ni mul’isa.

Address

Adama
1000

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Barentu Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Barentu Media:

Share