Biyansa Tamana Page

Biyansa Tamana Page Akka isaanii waan hin taaneef;Akka isaanii hin taane! Ansiifan,

27/01/2024

Wanti guddaan garuu Abdii kutachuu dhiisuudha đź’Ś

27/01/2024

Ergaa Ajaa'ibaati đź’Ś

Darbaa waan jirtuufđź’Ś

 'an_harka_waaqayyoo_qofaadha.! Sababni isaas:- Namoonni biyyattis ta'e namatti ykn lafatti kooluu galanii turan qaannef...
20/12/2023

'an_harka_waaqayyoo_qofaadha.!
Sababni isaas:- Namoonni biyyattis ta'e namatti ykn lafatti kooluu galanii turan qaanneffamaniiru Fkf,“mootii Gibxiitti kooluu waan galtaniif garuu in qaanoftu, gaaddisa Gibxii jalatti waan baqattaniifis in yeellaatu;” Isa. 30:3
“Waaqayyo isaan in gargaara, isaan in oolchas; waan isaan kooluu isatti galaniif, inni harka warra jal'ootaa duraa oolchee isaan in fura.” Far. 37:40
Mark Zuckerberg Da'oo itti dhokatu ijaarrachaa jiraachuun himame.

Hundeessaa fi abbaan FACEBOOK Mark Zuckerburg guyyaa dhuma addunyaarraa of eeguuf sababa jedhuun dahoo ijaarrachaa jiraachuun isaa dhaga'ame.

Facebook dabalatee toora walitti hidhamiinsa addunyaa keenyaa gurguddoo 4 tahan abbummaadhaan kan dhuunfate lammiin Ameerikaa Mark Zuckerburg dhuma addunyaatiif of qopheessaa jiraachuun isaa ibsame.

Abbaan qabeenyaa kun lafa odola Hawaayii keessa jiru keessatti doolaara miliyoona 100 baasuun dahoo ijaaraa jira.

Dahoon gaafa rakkoo kun karaa bahiinsa gaafa balaan uumamee dabalatee wantoota itti fayyadamuuf mijaa’ina qaban baay'ee qaba jadhameera.

Mark zuckerburg qabeenya qulqullaa’aa doolaara biliyoona 120 kan qabu yoo tahu,odola Hawaayii irratti mana gaafa dhuma addunyaa itti baqachuuf isaan gargaaru maallaqa guddaadhaan ijaarsisaa jiraachuu isaa gabaasni NewYork Post ni addeessa.

Akka gabaasa kanaatti abbaan qabeenyaa kun waggoottan dura odola kanarratti doolaara miliyoona 170n lafa kan bite yoo tahu, amma immoo mana jireenyaa ammayyaa’aa irratti ijaarsisaa jira.

Iddoon kun nyaata jireenyaaf barbaachisu oomishuuf, humna elektiriikii, dirree sochiin ispoortii itti taasifamu, iddoo bishaan daakkiifi tajaajiloota biroo baay'eef akka mijatutti kan ijaaramaa jiru tahuu isaas himameera.

Ijaarsi mana kanaa gamoolee ammayyaa’oo 10 iddoo dhiqannaa 10 iddoo ciisichaa 30 fi riqichoota gamoowwan wal qunnamsiisan akka qabus gabaasni kun ni ibsa.

09/08/2023
17/06/2023
Mee haa dubbifamu!
14/05/2023

Mee haa dubbifamu!

Warra hojii qoosaa hojjetaniif ( comedian)
"""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""

Mee gara yaada kootti osoon hin seeniin dura luqqisii kana Waliin haa dubbifnnu.
"Ani Waaqayyo nama akkasumaan maqaa koo dha'u utuun hin adabin waan ani hin dhiifneef, ati maqaa koo maqaa Waaqayyoo gooftaa keetii akkasumaan hin dha'in! Ba'uu 20:7

" Achitti immoo warri nu booji'an akka nuyi isaaniif weeddifnu, warri nu dhiphisanis gammachuudhaan akka isaaniif faarfannu nu irraa barbaadan; "Weedduu Xiyoon keessaas tokko nuuf weeddisaa!" jedhan. 4 Wanta Waaqayyoof weeddifnu, attamitti biyya ormaatti weeddisuu dandeenya ree?"
Far 137:3-4 Warri isan booji'an faarfannaa isaaniitiin bashannannu yoo barbaadaniyyuu. Isira'iloonni garuu maqaa Waaqayyootiif baay'ee waan of eeggataniif ni didani

Qoosaan hojii Artii keesaa isa tokko ta'ee Aadaa fi eenyummaa saba tokko muli'isuu keessattillee qooda ol aanaa qaba. Karaa qoosaatiin salphaatti ergaa guddaa dabrsuun ni danda'ama. Amma immoo namoonni qoosaa qoosanii nu bashanansiisu danda'anii fi ergaa baay'ee nuuf dabarsuu danda'an baay'ataniiru. Kun ta'uun isaa Waan baay'ee nama gammachiisu yoo ta'ellee, namoota tokko tokkoon qoosaan qoofamaa jiru garuu baay'een isaa Qoosaa maqaa Waaqayyootiin qoofamu ta'uunsaa waan baay'ee nama gaddisiisudha. Akka nama tokkootti qoosaa miidiyaa hawaasaa kana irra jiru yoon jaaladheyyuu qoosaa qoofamaa jiru tokko tokkoo akka ani hin deeggarre Waanti na godhu garuu isa isaan maqaa Waaqayyootiin qoosanidha. Kanumaa immoo namootuma Maqaa Waaqayyootiin fayyantu maqaa Waaqayyootiin qoosa jira. Obboloota koo namni soddaa isaayyuu Waan kabajuuf maqaa soddaa isaayyuu akka salphaatti hin Waamu. Maqaa abbaa keenya isaa fooniiyyuu iddoo hin barbaachifnetti Waamuu hin barbaannu. Maqaa nama guddaa tokkoyyuu iddoodhuma hin barbaachifnetti hin waamnu.

Maqaan Waaqayyoo inni lafaa fi samii uume kun, Yesus Kiristoos inni fannoo irratti nuuf du'ee jireenya barabaraa nuuf kenne, qorichi nuti du'a barabaraa irraa gara jireenya barabaraatti ittiin dhufne kun garuu namoota baay'eedhaaf maqaa ittiin qoosanii hordoftoota Tiktok fi hordoftoota page, Subscribe isaanii ittiin guddifatan ta'eera. Kana yeroon jedhu immoo warra qoosaa qoosan qofaa osoo hin taane, al kallattiidhaan maqaa Waaqayyoo isa guddaa kana kan arrabsiisan kan gadi buusan baay'eetu jiru. Waaqayyo guddaadha. Waaqayyo isa uumama hundumaa uumedha. Kanaaf beekaniis haa ta'u osoo hin beekiin warra maqaa Waaqayyootiin qoosaniif dhaamsan qaba . Nama biratti jaalatamtanii, laphee nama keessatti guddattani Waaqayyo keessatti xiqaachuurra nama keessatti xiqaattanii Waaqayyo keessatti guddachuu isiniif Wayya. Gabaabumatti qoosaa haa dhiifnu jechuu koo osoo hin taane maqaa Waaqayyootiin qoosuu haa dhiifnu jechuu baarbaadeeni. Please Ă—1000
Waaqayyo guddaadha.

Aqnaw Dhimmaa

Ulfinni waaqayyoof
29/03/2022

Ulfinni waaqayyoof

@@@ "The greatest discovery in life is self-discovery. Until you find yourself you will always be someone else. Become y...
12/08/2021

@@@ "The greatest discovery in life is self-discovery. Until you find yourself you will always be someone else. Become yourself."
-
^^^^^^Dr Myles Munroe

24/07/2021

Hear z song of blessed young of God

22/07/2021

.

21/07/2021
21/07/2021
29/04/2019

Address

Addis Ababa
Ababa
-

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Biyansa Tamana Page posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Biyansa Tamana Page:

Videos

Share