Beenyaa GB Itichaa

Beenyaa GB Itichaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Beenyaa GB Itichaa, Digital creator, Shoa north west zoon, `Alem Gena.

RIP Baay'ee nama gaddisisa😭😭
18/10/2023

RIP
Baay'ee nama gaddisisa😭😭

└(❤ω❤)┘
01/10/2023

└(❤ω❤)┘

29/09/2023

Sher godhaa yeroo murasaa nu hafee

Warraa sammuun akkanaatu nu rakkisa!
29/09/2023

Warraa sammuun akkanaatu nu rakkisa!

29/09/2023

Ati jaldeessa irraa dhufte yoo ta,e kayyoo fi muldhata hin qabdu jechuudha!

Jabaa koo!
29/09/2023

Jabaa koo!

21/09/2023
18/09/2023
❤🙏❤
26/08/2023

❤🙏❤

It's time for my final race. Tonight, 5000m final 8.50 pm CET.❤️‍🔥🔜

♥️🙏
04/12/2022

♥️🙏

Fiilmii Afaan Oromoo

Galma Giddu Gala Aadaa Oromootti Mudde 2 2015 kan eebbifamu yemmuu ta'u,
*Galiin fiilmii kana irraa argamu percent shantamni(50%) uummata Oromoo qe'ee isaarraa buqqa'eef kan oolu ta'a.
Soliton.et

11??!
20/11/2022

11??!

"Shaggar"...Akkamitti? Eenyuun? Eenyuuf?
Gaafii 11 Qabna!

Shaggar duraan Finfinneetti beeknayyu. Amma magaalaa Finfinneen alatti ijaaramuuf deemutu "Shaggari" jechaa dhageenye. Magaalichi magaalota marsaa Finfinnee fi gandoota baadiyyaa godina Addaa jala turan garii lagatee garii ammoo hammata jedhama. Yaadichi dansaa ta'uu mala. Garuu herrega kamiin akka sun ta'e "jarrinuu" waan beeku hin fakkaatu. Magaalaa Sandaafaa irraa gandi 03 Shaggar galee Sandaafaan gara Fiichee jedhame. Xaafoo fi Finfinnee keessa taree Fiichee baha jechuu dha. Kun misooma fi bulchiinsa gaarii dhugoomsuuf godhama jedhan. Ammoo caaseffamni kun firooma fi addooma inni Maaster Pilaanii bara EPRDF sana waliin qabu Rabbitu beeka! Qorannoon "Shaggar" ganna jaha fudhate jedhu. Jijjiiramaan gamanni reefu waggaa shani. Dubbiin wal-keessa jira fakkaata!

Akka aangoo, aadaa fi sirnaa silaa gaafii deebisuu malle. Adeemsi jaldhatee hojimaanni dhibnaan keessa dubbii quba dhabne. Callisuuf gaafatama qabnuuf rakkanne. Dhimma ummataa dubbatuuf Heeratu mirgaa fi dirqama nutti kenne. Gaafa miseensa Caffee taanu Heera Oromiyaa Keewwata 48 (3) jalatti ummata naannichaa hunda bakka buune. Dirqama heera naannichaa kabachiisuu ammoo keewwata 9(2)-tu nutti kenne. Kanaaf gaafii 11 dhiyeessine!

Gaafiin jalqabaa bulchiinsa dabalataa hundeessuu ilaallata. Aangoon bulchiinsa dabalataa hundeessuu kan Caffee ti. Dhugaa kana Heera Oromiyaa keewwata 49(3) (b) fi labsii heericha fooyyessuuf bahe lakk 94/1997 (5) irraa hubatuu dandeenya. Naannichatti sababa baayyina ummataa ykn sochii diinagdeef magaalota, godinoota ykn aanaalee dabalataa hundeessuun barbaachisuu mala. Raawwiin isaa garuu marii fi murtii Caffee akka barbaadu heeratu tume. Kana biratti caasaa haarawa hundeessuun ykn caasaa ture diiguun gaafii baajataa kaasa. Baajata Oromiyaa kan murteessu ammoo Caffee dha. Dambii fi hojimaanni kana faallessu jiraatuu hin danda'u. Hunda caalaa diinagdeen Oromiyaa % 40-tti kan dhiyaatu magaalota Shanan marsaa Finfinnee kannaniin keessa jira. Magaalota kanniin keessa ummata miliyoonaan lakkaayamutu jiraata. Ajandichi akkaan jabaadha jechuu dha. Dhimma hagana ulfaatu beekamtii fi marii Caffeetii malee murteessuun yaadufuu ulfaatuu male. Amma hojimaanni, heerri fi loojikiin cabeera. Magaalonni mana maree qabu. Dhimma magaalaa irratti aangoo olaanaan kan mana maree magaalichaati. Magaalli tokko magaala biraatti makamuuf marii fi murteen mana maree magaalichaa dirqama. Manneen maree magaalota naannawaa Finfinnee garuu ajandaa "Shaggar" tolchuu irratti hin mari'anne. Murtee mana mareetii ala magaalaa diiguun heera faallessuu dha. Gochi heera faallessu ammoo kufaa ta'uun HO keewwata 9(1) jalatti tumameera. Otoo kun beekamuu maaliif heerri cabe? Heeraa alatti maaltu tola?

Gaafiin lammataa dhimma aanaalee godina addaa jala turaniiti. Aanaaleen godina addaa jala turan hunduu diigamaniiru. Gandooti gariin "Shaggar" jala yoo galan gariin ammoo godinoota afranitti maxxanfaman. Ammoo caasaa aanaa Heera Oromiyaa Keewwata 76 jalatti hundaaye. Aanaaleen mana maree qabu. Dhimma aanichaa irratti aangoo olaanaan kan mana maree aanichaati( HO keewwata 79(1). Marii fi beekamtii mana maree aanichaatii alatti gandoota aanichaa adda baasuun heeraa ala. Magaalli "Shaggar" jedhan aanaalee godina addaa jala turan diigee ijaaramuufi. Gandooti gariin "Shaggar" jala yoo galan kuun ammoo godinoota biroo geeffaman. Kun otoo manneen maree aanaalee kanniinii quba hin qabaatin tolfame. Maaliif heerri caba? Akka dubbatamu dhimmichi faayidaa ummataaf yoo ta'e maaliif bakka buutota ummataa jalaa dhokfamee hojjatama?

Gaafiin sadeessoo sagantaa fi waadaa paartii keenyaa ilaallata. Akka siyaasaa Dimokiraasii waliigaltee ijaaruuf waadaa seennee filamne. Kun qaamolee dhimmi ilaalu waliin mari'atuu gaafata. Qaama dhimmi misoomaa fi bulchiinsaa ilaallatu keessaa angafti ummata. Ummati dhimma isaa irratti mari'atee fedhiin akka murteeffatu goona jenne. Gaafa jijjiiramaas "Gooftaan keenya ummata" jechuun dhaadanne. Maaster Pilaaniin sababi ittiin didame ummanni ajandicha irratti marii dhabuu dha. Waan kallattiin jiruu isaa ilaallatu irratti ummata mariisisuun dirqama jechuu dha. Sagantaa fi waadaan Badhaadhinaas kanuma jedha. Garuu ajandaan "Shaggar" ummata irraa dhoksaa dha. Mariin wahiituu hin turre. Ummata dhiisii hooggantoonni olaanoo fi bakka buutoti ummataatuu hin mari'anne. Maanifestoon paartii cabe jechuu dha. Sagantaan Badhaadhinni gama siyaasaatiin qabates irraa gorameera. Maaliif sagantaa fi waadaa keenya faallessina? Mariin haga gaafa Maaster Pilaaniilleen maaliif dhabama? Ajandaa gaafa qabsoo maaliif daganne? Dimokiraasiin keenya hoo oli moo gadi guddataa jira? Bilisummaa, wal-qixxummaa fi obbolummaa jenne mitii?

Gaafiin afreessoo aangoo caffeeti. Aangoon godina, magaala ykn aanaa ijaaruu kan Caffee ta'uu fi Aanaalee fi magaaloti manneen maree qaatuu olitti ilaalle. Manneen maree kunniin ammoo Caffeef itti yaamamu. Caffee Oromiyaatu jara too'ata (HO keewwata 77(1). Otoo caffeen hin beekin aangoo jaraa dabaluun, xinneessuun, dheeressuun, gabaabsuun ykn jara diiguun hin danda'amu jechuu dha. Garuu aangoon Caffee Guddaa kanaa hin kabajamne. Gaafa manneen maree aanaalee fi magaalota godina addaa diigaman Caffeen quba hin qabu. Akkuma nama biraa muudama aangawoota "Shaggar" miidiyaa hawaasaa irraa dhagahe. Caffeen Oromiyaa naannichatti namiyyuu caalaa aangoo otoo qabuu maaliif dhimma guddaa kana berkuu dhabe? Hojii Caffee kabajamaa kanaatu hin beekamne moo Caffichatu tuffatame? Waadaa jaarmiyaalee ciccimoo ijaaruuf galle hoo beekaa dhiifne moo ni daganne? Hojimaata malee eessa deemna?

Gaafiin Shaneessoo aanjaa bulchiinsa fi misoomaa ilaallata. Magaalonni marsaa Finfinnee daandii guddaan wal-qabatuu akka qaban bara 2011 kora ODP irratti kaasuu koo nin yaadadha. Namni Sululta irraa Burraayyuu deemuu barbaadu Finfinnee seenee rakkatuu hin malle. Finfinnee alatti Xaafoo fi Sululta waliin gahuun rakkoo tiraafikaa Finfinnee furuufis danuu fayyada. Garuu sun hin dhagayamne. Inumaayyuu "Magaalaa seeraa ala dhabne seeraa ala deebifanna" jedhame. Yaadama santu hattuu fi dallaalaa gabbisee balaa sirnaa taasise. Amma magaalonni marsaa Finfinnee daandii ittiin wal-quunnaman hin qaban. Walitti dhufuuf Finfinnee keessa taruu qabu. Kana biratti bulchiinsi ol rarraafameera. Rakkoo isaa waliinuu, Dhimmi duraan Galaan, Xaafo, Sabbata, Burraayyuu fi Sulultatti xumuramaa ture amma Saaris geeffameera. Gandooti Aanaaleen godina addaa jala turan gariin ammoo amma godinoota duriitti deemu jedhama. Aanaa Aqaaqii irraa gandooti gariin Adaamaa deemu. Sandaafaan ammoo Finfinnee keessa cehee Fiichee akka deemu murtaayera. Kun bulchiinsaaf hamaa ta'uun ifaa dha. Duuba maaliif rakkoo ummataaf bakka kennuun dhabama? Maaliif jiruu ummataa hammeessina? "Ummataaf otoo hin taane ummata irratti ijaaramne" kan jedhame sun kana mitii?

Gaafii jaheessoon itti gaafatamumaa dha. Magaalli "Shaggar" jedhamu baldhinni isaa Finfinnee dachaa danuun caala. Kanaafuu sirnaa fi hojimaata bulchiinsaa jabaa barbaada. Iftoominnii fi itti gaafatamummaan qixaa jiraatuu qaba. Amma garuu "Shaggar" mana mareetuu hin qabu. Silaa Kantibaan miseensota mana maree keessaa filamuu male. Gaafatamni kantibaa fi hooggantoota biroos mana maree magaalichaaf ta'uu male. Amma garuu ummati "Shaggar" jala jiru hooggantoota isaa hin filanne. Garii ammoo maqaafuu hin beeku. Kantibaa fi hooggantoonni "Shaggar" gubbumatti gubbaa irraa filaman. Gariin Manaanis hojiinis lafa "Shaggar" jedhame keessa hin jiran. Seerri ittiin muudamanii fi ittiin kaafaman hin beekamu. Ummanni mirga bulchitoota isaa filatuuf heeraan argate dhabeera! Kun eenyuuf jecha? Kantibaa "Shaggar" eenyutu aangoo kamiin muude? Itti waamamni kantibichaa hoo eenyufi? Hardhas akkuma gaafa EPRDF "ummanni waan isa fayyaduu fi miidhu hin beeku" jedhamee yaadama moo? Duuba fedhii fi faayidaa ummataa eenyutu ummata caalaa beeka?

Gaafiin torbeessoo dhimma hannaati. Hanni balaa guddaa ta'eera. Kabajamoo Muummichi Ministeeraa Dr Abiyyi hanni hammaatee biyyaaf yaaddoo olaanaa ta'uu Saadasa 06/2015 paarlaamaa irratti dubbatan. "Sararri diimaan hanna ittisuuf keenye afaa diimaa ta'ee hanni akka mirgaatti ilaalamuu eegale" jedhan. Keessattuu heerri cabee lafti harka dallaalaa fi hooggansa hattuu galuu himan. Dhugaan kun eessayyuu caalaa Oromiyaa ibsa. Tajaajilli gurguramaa, dhugaan ummataa jallifamaa fi lafti heeraa ala saamamaa akka jiru afaanuma "hooggantoota olaanoo" naannichaatiin himame. Ummanni hannaa fi dararaa hamaa jala jira. Dhimmi horii fi firoomaa ala raawwatamu akka hin jirre qorannoodhuma jaraatu agarsiisa. Garuu rakkoo kana furuuf waan odeeffame malee wanni hojjatame hin jiru. Hojimaata sirreessuu fi hooggansa qulqulleessuuf riifoormiin hin gegeefamne. Waanuma durtu akkuma duritti jira. Haala akkanaa keessatti "Shaggar" lafa baldhaa irratti ijaaruuf tattaafatama. Duuba ijaarsi kun dallaalafi moo ummataafi? Maaliif haga hattuun karaa irraa maqfamutti obsuun dadhabame? Eenyuuf jecha bifa argamee hin beeknen jarjarame?

Gafii Saddeetaffaan jidduu-gala magaalichaati. "Shaggar" Finfinneen ala jedhameera. Jidduu-galli isaa ammoo Saaris, Finfinnee keessa jedhan. Teessoon "Shaggar" Finfinnee ta'uu isaati. Kutaalee magaalaa kanneen jedhaman Finfinneetti wal-gahu. Finfinneen "Shaggar" keessa hin jirtu jedhan. Ammoo jidduu-gala "Shaggar" Finfinnee keessatti tolchan. Bulchiinsi "Shaggar" Finfinnee irraa fageenyaan gegeeffama jechuu dha. Magaalaa teessoon isaa bakka biraa! Seenaa keessatti bulchiinsa akkanaa hin dhageenye. Garuu otoo nama hin dhibin maaliif akkas rakkatama?

Gaafiin sagleessoo dhimma daangaa Finfinneeti. Finfinneen magaalaa guddoo Afrikaa ti. Misooma fi guddina sana madaalu isii barbaachisa. Magaalota naannawaa faanas hariiroo misoomaa cimaa isii feesisa. Ammoo martuu seera fi heeraan ta'uu qaba. Saniif daangaan bulchiinsaa barbaachise. Gaafa Maaster Pilaanii heeratu cabe. Ummatatu cubbuun dhiibame. Sun Oromiyaa guututti falmame. Qeerroon Cinaaksanii haga Begii fi Salaalee haga Moyaalee dubbii saniif wareegame. Obboleeyyan biroolleen tumsa jabaa gochaa turan. Daangaan garuu dhoksaan sararame. Dubbichi "Ummata godina addaa malee kaan hin ilaallatu" jedhame. Kun seera kam keessatti tumame? Ummata gaafa falmii Maaster Pilaanii waliin wareegame mariisisuun maaliif dadhabame? Dubbii guddaan gatii guddaa gaafate sun maaliif haga baalaa salphifame? Dubbiin akkanaa hammeenyafi moo tolaaf tolfame?

Gaafiin Kurneessoo dhimma nageenyaati. Ummanni Oromiyaa ganna afuriif abidda keessa jira. Miidhaa gahe lakkaayuun ni ulfaata. Guyyaan namni ajjeefama. Guyyaan namni qe'ee fi qabeenya irraa buqqaafamee dararama. Saamichi bitaa mirgaan irratti raawwatama. Akka mootummaatti ajandaalee guguddaa irratti xiyyeeffatame. Sun baayyee mishaa dha! Garuu dhimmi nageenya fi tasgabbii ummatichaa ajandaalee guguddaa jedhaman keessa hin jiru. Ammoo rakkoo hammaatu malee rakkoon hiikkatu hin jiru. Silaa naatoon ummataa jiraatee bulchiinsa Oromiyaaf ajandaan nageenya dursu hin jiru. Bulchiinsi ummataan ijaarame ummata rakkoo nageenyaa akkaan hamaa keessatti dhiisee magaalaa diigee ijaaruuf hin muddamu. Dubbichi "Lafarraa malee namarraa haajaa hin qabnu" jechaa fakkaata. Kun maaliif ta'e? Rakkinichatu wallaalame moo ummatichaaf nahuutu dhabame? Magaalaa haarawa ijaaruu moo nagaa buusutu dursa? Nama lubbuun jirutu magaalaa miseeme abbooma mitii? Mee adaraa ummanni guddaa fi goonni ilmaan isaa wareegee jijjiirama fide, kan otoo ergaramuu filee nu aangomse, ummati kabajamaan nuuf jecha gidiraa meeqa obse qaroon kun maaliif hagana tuffatame?

Gaafiin kudha-tokkeessoo dhimma qonnaan bulaa naannawaa Finfinneeti. Magaalaa baldhisuu fi misoomsuun baroodha. Misoomi waan jaalatamu. Guddinni magaalaa aaduma addunyaati. Ammoo magaalaan gaafa baldhatu ummata qarqara magaalaa ni buqqisa. Himaammata ifaa faayidaan ummata daangaa magaalaa ittiin dhugoomsan tolchuu gaafata. Muuxannoon addunyaa qonnaan bultoonni magaalaan hammataman namiyyuu caalaa fayyadamoo ta'uu agarsiisa. Guddinni magaalaa misoomaan jara dhaqqaba. Nu biratti garuu dubbiin faalla dha. Misoomni magaalaa jiraattota daangaaf gadadoo geessa. Magaalli jiraattota naannawaa isii nyaattee guddatti malee jara hin guddiftu. Kan lafa gurguree badhaadhu dallaala ta'uu namuutu beeka. Haga ammaa badiin dhaqqabe daangaa hin qabu. Keessattuu wanni jiddu-galeessatti ta'e nama surura. Finfinnee fi magaalonni biroo qonnaan bulaa danuu balleessan. Akkuma Eekkaa, Boolee, Qaallittii, Aqaaqii fi Laaftoo magaalonni akka Galaan, Xaafoo fi Sabbataas cubbuun lammiilee buqqisaniiru. Miidhaa diinagdee qofa otoo hin taane caba aadaa fi hamileetu dhaqqabe. Ilmaan qonnaan bulaa kadhattuu ta'uufuu hiree dhaban. Rakkoo kana hundeen furuuf himaammannii fi tarsiimoon hin qophoofne. Kan jirus hojiitti hin hiikamne. Kanaaf jijjiirama boodalleen dallaalaan maqaa ilmaan qonnaan bulaatiin saamicha lafaa itti fufe. Kan biraa hafee waan Kooyyee Facceen erga gara Galaan deebi'ee itti jiru ilaaluu qofti gadadoo turee fi jiru hubatuuf gahaa dha. Mee Ummata kaleessa cubbuun buqqaafame damdamuuf waan qabatamaa maaltu hojjatame? Warra "Shaggar" buqqaasuuf qophaayef hoo karoora maaltu qabame? Himaammannii fi tarsiimoon faayidaa ummata naannawa magaala mirkaneessu maaliif hin baane? Kan duraan jiru hoo maaliif waraqaa irraa hin buune?

Walumaagalatti gaafii qabna! Karoorri ijaarsa "Shaggar" kan eenyuti? Eenyufaatu mariisifame? Eenyufaatu adeemsa kamiin murteesse? Rakkoon caasaa duraanii maali? Sabbata, Burraayyuu, Sululta, Xaafoo fi Galaan kopha-kophaa guddisanii wal-dhaqqabsiisuun hin danda'amuu? Caasaan ammaa kun maal buusa? Fedhii ummataa maaliif hin gaafatamin? Ummataafi moo dallaalotaf yaadame? Kan Yaanni kan Bakka buutota ummataati moo Gurmuu miinzotaa fi hiriyootati?Adeemsa akkamiitiin murtaaye? Tuulamni kanaan booda ni jiraata moo hin jiraatu?

Rakkoo callaa odeessuuf hin dhufne. Yoo gurri jiraate furmaanni kunooti.

Rakkoo fi yaaddoon sabaa guddaan nageenya dhabuu dha. Dursi nagayaaf haa kennamu. Dirqamni mootummaa hangafni nagayaa fi tasgabbii fiduu dha. Amma Oromiyaan misooma caalaa nagaya barbaaddi. Ummanni keenya rakkoo seenaa keessatti takkaa argee hin beekne keessa jira. Humnaa fi mala hunda fayyadamuun Oromiyaa nageessuu feesisa. Lafa siyaasaan dhibametti nageenyi fiduun ni dhiba. Siyaasaan Oromiyaa waldhaanamuun ijoo dubbii ti. Tigraay nagaa argatuun baayyee namatti tola. Ammoo ummati Oromiyaas nagaa waaraa argatuu male!

Kan itti aanu Riifoormii ilkaan qabu gegeessu dha. Biyyi sakaallaa hattuu fi dallaalaa keessa galuun dhugaa gabaan beeku. Kan naannoo Oromiyaa silaa adda. Kufaatii biyyaa oolchuuf gochaa fi ilaalcha hannaa kana cabsuu barbaachisa. Bakka dallaalli heeraa ol bahee lafa dhuunfatetti ijaarsa magaalaa ajandaa gochuun tapha malee homaa miti! Misooma kamuu dura riifoormii jajjabaan caasaa bulchiinsaa qulqulleessuu feesisa!

Yaadama "Shaggar" raawwatuun dura ummata mariisisuu barbaachisa. Ummanni waan fedhe fudhatuu fi waan hin feene diduu danda'a.. Heerri fi hojimaannis kabajamuu qaba. Hooggansi sadarkaan jiru yaa dhagahamu. Caffeen jabeessee haa mari'atu. Manneen maree magaalotaa fi aanaalee dhimmicha haa ilaalan. Bu'aa fi kisaaraan isaa haa madaalamu. Murteen hojimaata eegee haa kennamu.

Haga ani beekutti, Filannoon ummataa magaalota amma jiran shanan sirnaan guddisuu dha malee "Shaggar" ijaaruu miti. Bulchiinsa magaalotaa qulqulleessuu fi cimsuun dursa aana. Achii ammoo Daangaa Finfinnee irraa karaa guddaa magaalota shanan wal-quunnamsiisu baasuu dha. Lafa magaalota lama jidduu jiru aanjaa bulchiinsaa fi fedhii ummataatiin qoodu dha. Fakkeenyaaf lafa Xaafoo fi Sululta jidduu magaalota lamaan jidduutti murteessu dha. Sana booda Karoorri magaalota shananii walii isaanii fi Finfinnee waliin akka wal-dubbisutti tolchanii misoomsuu gaafata. Aanaaleen godina addaa martuu magaalota itti dhiyoo waliin ramadamuu qabu. Fagoo geessuu hin barbaachisu. Aanaan Sulultaa fi aanaan Muloo magaalaa Sululta waliin ijaaramuu danda'u. Sabbataa Hawaas magaalaa Sabbataa jalatti yoo bule tola. Barrah fi Sandaafaan ammoo Laga Xaafoo waliin yoo bulan mijata. Aqaaqiin ammoo magaalaa Galaanitti dhiyoo dha. Gubbaatti ammoo Biiroo Bulchiinsa magaalaa jabeessuu feesisa. Adeemsa heera, sagantaa paartii fi kabaja ummataa faallessu kana duubatti deebisuun baayyee gaari dha!

Maraafuu gooftaan ummata! Dimokiraasiin mootummaa ummataa isa ummataan ummataaf ijaaramuu dha. Piroojektiin kamuu fedhii ummataatiin tolfamuu qaba. Ummati beekee yoo jaalate fudhata. Yoo hin fedhin ammoo dammas diduuf mirga qaba. Natu siif beekaan hin taatu!

Waa takka hin shakkinu! Warri dharaa fi shiraa ni kufa! Warra dhugaatu dhufa!

08/10/2022

Bakka jalaalii jiruu
Jireenyi jiraa
Lafaa nagaa bulaa💔💚💔🙏

08/10/2022

Baratoota Kutaa kudha12 maqaa
Qormaataa kenuutiin midhaan amma
Lubbuu dhabuuti irraa gaha jiraa baay'ee nama gadisisaa 😭😭😭

08/10/2022

"Ambo katamaa jira
Abbaan alangaa
Nati as kenika
Isaa sarbaa walakaa"😂😂😂 follow hin dagatiin?

27/09/2022



Qe'eekoorraa buqqa'ee
Dhallikoos manca'eera
Iyyee iyyeen dadhabe
An birmannaas dhabeera

Dhalli mararteekoo
Najalatti kola'eera
Iji imimmaan dhiisee
Dhiigni na lola'eera

Harargeef birmadheera
Iyya kansaa dhagahee
Ani lammiin dhabemoo
Hireekootu akkas ta'ee

Mana kootu one
Dallaakootu hirkate
Maaliif garaa jabaate
Shawwaan yoo naaf birmate

Kan danda'ee hin dheessine
Achitti aalbeen ciramee
Kaan osoo dheessuuf fiiguu
Gobaatti diddiramee

Kaan waraanamee du'eeti
Kaan rasaasaan waadame
Lammiikoo na dhageessaa
Maali yoo naaf yaadame?

Duroo rakkataan gargaaraa
Harkakootu na qal'ate
Daa'imakootu dhume
Manguddootu salphate

Naaf wayyaa'uus dideera
Dhibeenkoos natti caalee
Iyyakoo hin dhageenyemoo
Lammiinkoo warri Baalee

Du'akoo hin dhageenyee
Inni Aggaaroof Jimmaa
Ati calliste jennaan
Ormi dhufee naaf dhimmaa?

Lammiikoo maaf nagattuu
Warri baaleef karrayyuu
Kaleessas boo'aan ture
Natti caalee har'ayyuu

Gujiif Booranni jirta
Lammiinkoo inni Arsii
Yoo humna dhabdellee
Iyyakoo naaf dabarsi

27/09/2022

Qe'eerraa buqqifamtee
Mannikee osoo gubatuu
Fira ardii guute keessaa
Dhabde kan si hubatu!

Aayyoo dhageettii dhabdee~lafa dhi'ee bari'uun
Imimmaan ija jiiftu
Anaan yaa Wallaggaa koo
Qomookoo lixa biiftuu

Haqatti guyyaan dhiitee
Dacheen dharaan faalamee
Qe'een Abbaaf haadhakoo
Weerartuudhaan dhaalame.

Biiftuutu ba'a ooltee
Duumessaan haguugamte
Yandoon rasaasa roobee
Biqiltuun daguugamte!

Adaamii ollaa agamsaa
Imimmaan tasan qooruu
Akka waan alaa dhufnee~hireen keenya maaf ta'e
Kaleessas har'as jooruu?

Sanyii keenya balleessuuf
Namaafi mana gubu
Kan lubbuudhaan hafellee~qe'eerraa buqqisanii
Beelaaf dheebuudhaan hubu

Biyyuma keenyarratti
Alagaatu nu diiga
Hirqinfannee kan boonyu
Imimmaan miti dhiiga!

Ibiddi isin qabate
Laboobee na gugguba
Godaannisni kan keessan
Anaanis na dhukkuba

Achitti hafa hin se'inaa
Ibiddi qabe lixa
Qaanqeensaa baha ga'a
Kaabaafi kibba fixa

Qaama kootii miidhamuu
Akkamiinan callisa
Furmaata haa barbaadnu
Qomoo maali mallisaa?

Baruma baraan teenyee
Lubbuu qaalii gabbaraa
Oromoon qe’eesaatti~alagaan gidirfamuu
Hanga yoomii 'sabbaraa'?

Lafti namaan bareeda
Lammii ofiitu biyyaa
Wallaggaa’f haa birmannu
Wal dhageessisaa iyya!

✍️ Riyaad Raayyaa

26/09/2022

Baga ayyaana
Masqalaatiin
Isin gahe
Oro koo
Ayyaana garii

BAGAA BATEE.....HABTEE. Koo
24/09/2022

BAGAA BATEE.....

H
A
B
T
E
E. Koo

Address

Shoa North West Zoon
`Alem Gena
0921148670

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Beenyaa GB Itichaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Beenyaa GB Itichaa:

Videos

Share


Other `Alem Gena media companies

Show All

You may also like