Macca News Network MNN

Macca News Network MNN Sagalee ummata Cunqurfamaa MACCA NEWS NETWORK. irrati hojetaa jirra

05/06/2022

Ashamaa oromoo.
Guyyaa Boruu MNN irratti waan kaleessaa biyya Garmany keessati ta'ee gurra sin buufna nu dawwadhaa.

19/05/2022
18/05/2022

Abbaa Walaloo Muzayen Tafasaa Dhaabaa.

19/04/2022
HD ABO Duraanii Obbo Galaasaa Dilboo Barri ati oromoof Oromiyaaf jetee Arsaa kanfalaa turte oromoo biraa hin dagatamu. N...
02/04/2022

HD ABO Duraanii Obbo Galaasaa Dilboo Barri ati oromoof Oromiyaaf jetee Arsaa kanfalaa turte oromoo biraa hin dagatamu. Nagaan Boqodhu.

Garuu waani Oromoo fi Oromiyaa ati Qabsahafi turte hedduu gaddisiise du'a kee Caalaa Du'aan kee Alabaa barakee Guutuu umuriin kee irrati dhume sanaan gaggeeffamuu dadhabee, Alabaa Imuyee Ethiopian marmaramee deeme.

Galgali ufii baduura waani Nama gaddisiisu hin jiru.

23/03/2022

ABBAA HAQAA!
(Gamta Olana)
=
Sagantaan eebba Albamii 'Abbaa Haqaa' jedhu kun sanbata xiqqaa 14,5,2022 biyya Germany magaalaa Nürnberg irratti kan geggeeffamu ta'a.

Eddoon isaa:
Rehdorferstraße, 6
90431 Nürnberg

22/02/2022

Ashamaa akkam jirtu? ilamaan Oromoo Biyya Germany 🇩🇪 naannoo garaa garaa keessatti argamtan maraaf, birmannaa atattamaa ilmaan Oromoo Lixa Oromiyaa Naannoo Amuuru daangaa Amaaraa irratti argaman, Mootummaan naannoo Amaaraa faannoo fi milishaa itti bobbaasuun ilmaan Oromoo qe‘ee isaanii irraa buqqisaa akka jiru hundumti keenya quba qabna. ummanni naannoo sanaa 54,000 olitti tilmaamamu qe‘ee isaa gadi dhiisee bakkee keessatti rakkoo fi gidiraa hamaa keessummeessaa akka jiru guyyaadhaa guyyaatti waan gurraaf hin tolle gocha gara jabeenyaa Faannoo fi Milishaan naannoo amaaraa irraan ga‘aa jira, haati daa‘ima baattee karaarra bulaa jirti, manneetiin kuma kudhanii olitti tilmaamamu ibiddaan gubatee jira, akkasumas karaa mootummaa naannoo Oromiyaatiin gargaarsi godhameef tokko hin jiru, ittumaa mootummaan ummata kana doorsisuu irratti argama. keessumaa ummanni kun, Uwwisa miidiyaa argachuu dhabuun isaa hedduu garaa nama hammeessa.

Egaa Lammiin Lammiif yoo hin taane maaliif ree ?

Ilmaan Oromoo biyya Garmanitti argamtan marti gargaarsa atattamaa akka gootaniif kabajaa fi jaalalaan isin gaafanna! numatu waliif gaachana ilmaan Oromoo qe‘eerraa buqqa‘anii daandii irratti argaman kanaaf akkaataa gargaarsi ittiin godhamu naannoo lee garaa garaatti koree qindeessinee gama WhatsApp Grupp banamee irratti hojjetamaa jira kanaaf, namoota armaan gadii quunnamuun gargaarsa akka gootan kabajaa fi jaalalaan isin gaafanna!

LAMMIITU LAMMIIF!
„“““““““““““““““““““““

Gargaarsa Ummata Wallaggaa
———————————————
Nürnberg :
1,Leensaa Bulii /
Lakk: +49 152 16799619
2, Mohammed Sheeka/
Lakk: +49 176 80146799
3, Dastaa Kabbade/
Lakk: 015213651256

Furth:
“““““““““““““““““““““
1, Bashir……
Lakk: 015216985194

2, Shifaa……
Lakk: 017662521231

Regensburg:
“””””””””””””””””””””””
1, Abbaas Kadir/
Lakk: 015214235264
2,Sulxaan Margaa/
Lakk:017632657138
3,kadiir Bobbassaa
Lakk:017632656091

Erlangen:
“”””””””””””””””””””
1, Zaakir Kamaal
Lakk: +49 157 35149489

2, Mohammed Amiin/
Lakk: +49 152 13983201
3,Nuradin Abubakar
Lakk;015218184719

Ansbach:
“”””””””””””””””””””
1, Miliyoon Galatoo/
Lakk: 015210718727

2, Tiinaa Wako
Lakk: 015213265317
3, Mohammed Abdurahman
Lakk: 017682094266
4, Mohammed Aman
Lakk: 015901658295

Würzburg:
„“““““““““““““““““““““““““

1, Roobaa Jaarsoo
Lakk: +49 176 80169921
2,Abdalla
Lakk,015211585356

Roth
„“““““““““““““““““““““““““

1, Xaahir Allo/
Lakk: 0176 70469889

München
„““““““““““““““““““““““““““

1,Qasim Mohammed
Lakk;017662862856

2,Sulxan Tura
Lakk,017662668053

Frankfurt:
“““““““““““““““““““““““
1.Abarraa
Lakk: 0152 11461179

2, Amsaaluu Taaddasee
Lakk: +4917620355893

3, Muddasir…./
Lakk:015213220230

4, Tuujjubaa Mangistuu
Lakk: 015218941190

Aschaffenburg

1,Mu'az mamud
Lakk; 01629476234
2,jibril Mohammed
Lakk;01781875329

Augsburg

1,Haji
Lakk:015213079354

Hof

1,Ibsa shamsadin
Lakk,015216986368

Läuft
1,Adero
Lakk,015213370359

Weißenburg
1,Hassen
Lakk,015901892024

Bamberg
1,Mahid jamaal
Lakk,015218784719

Schweinfurt

1,Abdulkarim Badhaso
Lakk,015217245045

Ummani keenya akkanati biyya baqaaf ykn hojetee jiraachuuf maatisa jiraachisuuf jiraatu keessatis kabaja dhabuun akkanat...
10/02/2022

Ummani keenya akkanati biyya baqaaf ykn hojetee jiraachuuf maatisa jiraachisuuf jiraatu keessatis kabaja dhabuun akkanatti rakkoof saaxilamaa jira.

Bara Daaunyaan Nagaa labsitu keessati Ummani oromoo biyya keessas jiraatu kan baqaaf biyya habaa keessa jiraatulee kabaja dhabuun akkasitti rakkoof saaxilamee jira.

Oromoon ani beekadha jedhee Daaunyaa kan irra jiraatu sagalee ummata kanaa haatau. Nuti yoo waliif hin iyyiin mootummaa nuuf dhiyyu hin qabnu waan ta'eef.

Gochaan Sudi Arbiyaa baraan hin dagatamu.

Mootummaan Paartii Bilxginnaa Hidhamtootaa fi Maatii Hidhamtootaa Qaamaa fi Qalbiin Hiraarsuu Dhaabuu qaba! Ibsa Adda Bi...
10/02/2022

Mootummaan Paartii Bilxginnaa Hidhamtootaa fi Maatii Hidhamtootaa Qaamaa fi Qalbiin Hiraarsuu Dhaabuu qaba!

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo

Mootummaan Itiyoophiyaa, kan paartii Bilxiginnaa (PP)’n hogganamu, mormitoota siyaasaa, addatti miseensotaa fi deeggartoota Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) hiraarsuu jabeessee itti fufee jira. Caasaan nageenyaa PP hoggantoota ol’aanoo fi miseensota ABO seeraan ala hidhuun fi manneen hidhaa keessatti adeemsa seeraa tokko malee dararaa jira. Buufataalee poolisii fi manneen nama itti ugguran (detention centers) gara garaa keessatti hidhuun, maatii fi firoottan isaanii jalaa ugguree jira.

Mootummaan PP Manneen hidhaa seerawaa fi seerawaa hin taane adda addaa keessatti hidhamtoota irratti sarbamiisna mirga dhala namaa gaggeessaa jira. Manni hidhaa Buraayyuu, giddugalawwan hidhamtootni itti dararamanii fi tajaajila wayiituu itti hin arganne keessaa isa tokko. Haala qabiinsaa badaa kana mormuunis, hoggantootni ol’aanoon ABO yeroo dheeraadhaaf nyaata lagatanii jiru. Kaleessa mana hidhaa Galaan irraa Burayyuutti kan dabarfaman Jaal Mikaa’el Booran, Kennasaa Ayyaanaa, Daawit Abdataa, Lammii Beenyaa, Gadaa Gabbisaa, fi Battee Urgeessaa fa’a kanneen nyaata lagatan keessatti argamu. Sababa kanaanis, fayyyummaa fi haalli qaamaa fi qalbii waliigalaa hoggantoota ol’aanoo kanneenii guyyaadhaa gara guyyaatti hammaachaa jira. Maatiin miseensota ol’aanoo kanneenis isaan daawwachuu kan dhorkaman yommuu ta’u isaanis dararamaa jiru.

Koloneel Gammachuu Ayyaanaa yeroo dheeraaf beellama mana murtii dhuma hin qabne hordofaa ture. Kaleessa manni murtii galmee isaa cufee bilisa tahuun itti ture, Koloneel Gammachuu Ayyaanaa ammallee Mana Hidhaa Poolisii Meeksikootti argamutti dararamaa jira.

Hoggantoota ol’aanoo fi miseensota ABO hedduu mootummaa PP’tiin mana hidhaa tursiifaman gidduudhaa, 30 kanneen ta’an Buufata Poolisii Sabbataatti hidhamanii jiru. Gabaasni dhiyoo kana bahe akka mul’isutti, hidhamtootni siyaasaa kunneen tajaajila nyaataa, bishaan, fi fedhiiwwan bu’uuraa namoomaa dhabanii rakkachaa jiru. Dargaggoo Dachaasaa Wiirtuu, Gaazexeessaa Biqilaa Amanuu, fi Gaazexeessaa Dassuu Duulaa fa’a kanneen nyaatni isaaniif hin hayyamamnee fi hin dhiyaanneef dha. Hogganaa Buufata Poolisii Sabbataa kan ta’e, Saajin Dajanee Kabbadaa jedhamu, nyaata maatii fi firoottan hidhamtootaa gara buufatichaa fidanii dhufan akka balfaatti laffatti jalaa gateeraa.

Walumaa gala Lammiilee fi hoggantootni kunneen seeraan ala hidhamuun fi fedhii bu’uuraa namootaa jiraachuuf isaan barbaachisu dhorkatamuun kun maatii, firoottan, ABO, fi Uummata Oromoo hedduu gaddisiisee jira.

Mootummaan PP sarbama mirga namoomaa lammiilee irratti itti fufiinsaan raawwatu arguun nama dhukkubsa. Faallaa kanaanis, mootummaan PP sarbama mirga dhala namaa akka gaggeessu hayyamni waan kennameef fakkaata.

Ibsa kana wayita barreessinu kanatti, haalli qaamaa, qalbii, fi fayyummaa hoggantootaa fi miseensota ABO kumaatamootaan lakkaawaman mannen hidhaa hiraarsaa PP lakkaa’anii fixuu hin dandeenye, kanneen guutuu Oromiyaa keessatti argamanii guddoo nama yaaddessa. Hoggantootaa fi maatiin isaanii kunneen mootummaa PP’tiin kan dararamaa jiran sababuma ejjennoo siyaasaa isaaniitiin qofa. Haalli kun naannolee biroo biyya Itiyoophiyaa keessattis garaa garummaa homaatuu hin qabu.

Kanaafuu, Hawaasni idil addunyaa, addatti, Jaarmiyaaleen Mirga Namoomaa, hidhamtoota siyaasaa sagalee hin qabne kanneen cina akka dhaabbatan ABO’n waamicha ni taasisa. Akkasumas, uummatni Oromoo fayyummaa hoggantoota kanneenii itti dhiyeenyaan hordofuun, hidhamtoota kanneenii fi maatii isaanii bira akka dhaabbatan daballee ni gaafanna.


Injifannoon Uummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Guraandhala 10, 2022

Finfinnee

𝗚𝗼𝗱𝗶𝗻𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗪𝗮𝗹𝗹𝗮𝗴𝗴𝗮 𝗕𝗮𝗵𝗮𝗮 𝗳𝗶 𝗛𝗼𝗿𝗿𝗼𝗼 𝗚𝘂𝗱𝘂𝗿𝘂𝘂 𝗪𝗮𝗹𝗹𝗮𝗴𝗴𝗮𝗮 𝗸𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗙𝗶𝗻𝘅𝗮𝗮𝗹𝗲𝘆𝘆𝗶𝗶𝗻 𝗔𝗺𝗮𝗮𝗿𝗮𝗮 𝗬𝗮𝗸𝗸𝗮 𝗢𝗹𝗮𝗮𝗻𝗮𝗮 𝗨𝗺𝗺𝗮𝘁𝗮 𝗜𝗿𝗿𝗮𝗮𝗻 𝗚𝗮'𝗮𝗮 𝗝...
29/01/2022

𝗚𝗼𝗱𝗶𝗻𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗪𝗮𝗹𝗹𝗮𝗴𝗴𝗮 𝗕𝗮𝗵𝗮𝗮 𝗳𝗶 𝗛𝗼𝗿𝗿𝗼𝗼 𝗚𝘂𝗱𝘂𝗿𝘂𝘂 𝗪𝗮𝗹𝗹𝗮𝗴𝗴𝗮𝗮 𝗸𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗙𝗶𝗻𝘅𝗮𝗮𝗹𝗲𝘆𝘆𝗶𝗶𝗻 𝗔𝗺𝗮𝗮𝗿𝗮𝗮 𝗬𝗮𝗸𝗸𝗮 𝗢𝗹𝗮𝗮𝗻𝗮𝗮 𝗨𝗺𝗺𝗮𝘁𝗮 𝗜𝗿𝗿𝗮𝗮𝗻 𝗚𝗮'𝗮𝗮 𝗝𝗶𝗿𝘂

[𝘚𝘉𝘖 - 𝘈𝘔𝘈𝘑𝘑𝘐 29,2022] Hidhannoo guutuun kan sossohanii fi beekamtii mootummaa naannoo isaanii qaban finxaaleyyiin Amaaraa, Godinoota Baha Wallaggaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti weerara bal'aa geggeessuun lubbuu lammiilee bal'eessaa, manneenii fi qabeenya qonnaan bultoota Oromoo ibiddaan barbadeessuu irratti argamu.

Amajjii 24-27,2022tti Godina Wallagga Bahaa Ona Limmuu gandoota Fiixee Baqqoo, Oofata, Arqumbee, akkasumas gandoota Arqumbee 1, 2, 4, Ambaa 5, Oofata 6 fi 7 jedhaman irratti weerara hidhattootni finxaaleyyii Amaaraa raawwataniin miidhaa guddaan qonnaan bultoota Oromoo irra ga'eera; lubbuun namaa darbeera; qabeenyii fi manneen ummata keenyaa hedduun barbadaa'aniiru.

Ona Limmuu ganda Fiixee baqqoo keessatti namootni baay'een ajjeesamuun dhaga'ameera. Margaa Fayyisaa abbaa ijoollee shanii, Gootayyoo Simaa abbaa ijoollee lamaa, Aadde Alamii Dagalaa haadha Gootayyoo Siimaa, Aadde Gizeenash Raggaasaa haadha ijoollee sadi'ii; isaan kun kanneen ajjeesaman keessa kan maqaan beekamee dha.

Haaluma walfakkaatuun Ona Giddaa gandoota Warabbo, Latii, Abbaa Muusaa, Angar Guutee akkasumas gandoota 3, 4 fi 5 jedhamuun yaamaman irrattis finxaaleyyiin kunneen weerara geggeessaa jiraniin, gandoota kanneen keessaa ummata nagaa fixaa, manaa fi qabeenya barbadeessuu irratti akka argaman maddeen keenya ni ibsu.

Keessumaa ummatni magaalaa Angar Guutee haala hamaa keessa jira. Magaalattii keessaa namni tokko illee gadi ba'uu akka hin dandeenye ummatumatu himataa jira.

Ona Kiiramuutti gandootni Caffee soorumaa, Lalistuu somboo, Qilxuu Aabboo fi Cabbii jedhaman haleellaa finxaaleyyii Amaaraa kanaan akkaan kan miidhaman oggaa ta'u, ummatni qe'ee gadhiisee akka baqates ibsamaa jira. Keessumaa ganda Cabbii irratti manni, dhangaa fi qabeenyi ummataa akka malee gubatuu gabaasni jiru ni mul'isa.

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Ona Amuruu, Jaartee Jaardagaa fi Abee Dongoroos weerara finxaaleyyii Amaaraa kanaaf kan saaxilaman yoo ta'u, lubbuun namaa darbeera; qabeenyii fi manneen qonnaan bultoota Oromoo haala nama gaddisiisuun ibiddaan barbadaa'aniiru.

Weerarri bal'aan kun oggaa ummata Oromoo irratti raawwatamu, lubbuun lammiilee Oromoo oggaa akka malee darbu, qabeenyii fi manneen qonnaan bultoota Oromoo yoo ibiddaan nyaatamu, inni biyyaa fi ummata bulchaan jira jedhu garuu osoo dhaga'uu akka hin dhageenyee, osoo arguu akka hin agarree ta'uu filatee jira. Deemsa kanaan balaan ummata meesha-maleeyyii irra ga'uuf deemu kan daranii ta'uuf akka jiru shakkiin hin jiru.

Warri finxaaleyyii Amaaraa weerara kana lafa Oromoo fi saba Oromoo irratti deemsisaa jiran karoora yeroo dheeraa kan qaban yoo ta'u, kanaaf ragaan tokko tibba darbe sagalee marii garee qindeessaa turee jalaa bahe jedhamu midiyaa hawaasaa irra naannawaa turee dha. Humni kun deggersa kan qabu, qajeelfamaan kan sossohaa jiruudhas.

Sagantaan jaraa Oromoo lafa isaa irraa dhiibanii qabachuu fi eenyummaa isaa bal'eessuu irratti kan akeekkate waan ta'eef, Oromoon kana qolachuuf waliif tumsuu, walgargaaruu fi sagalee waliif ta'uutu isa irra jiraata.

Mootummaan kunis weerara seeraan alaa finxaaleyyiin Amaaraa daangaa Oromiyaa cabsuun qonnaan bultoota Oromoo meesha-maleeyyii irratti bananii jiran kana ifatti balaaleffachuu fi weerara kanas dhaabsisuu qaba.

Oromoon wal malee fira hin qabu! Ummata qe'ee fi qabeenya isaa irraa buqqa'ee fi waan itti dadhabee oomishate ibiddi duraa nyaate kanaaf gargaarsa barbaachisuun dhaqqabuu qaba.

28/01/2022

Guyyaa Boruu ykn 29.01.2022 waayee ummata keenyaa naannoo Amuruu fi naannoo sanaan fixayeyii amaaratin ajeefamaa, dachee saaniraa buqaafamaa, mani isaanii irrati gubachaa jiruuf maal goona fi akkamitti sagalee isaani taanaa kan jedhu irrati marihana. Namooni dhimmi kuni dhimma kooti rakkini ummata kiyyaa rakkoo kooti jetan misejii nuuf bareessitani akka nu waliin yaada keessan batan kabajaan sin gaaffana.

Mariin nuti goonuu karaa Macca News Network.

Kootaa balbali keenya banaadha.

26/01/2022
Weellisaa Gamtaa Olaanaa  sirba haaraa gurra ummataa dhaqqabsiiseera.Afeeramaa!Qabiyyeewwan sirbi kun qabu Abbaa hubatee...
15/01/2022

Weellisaa Gamtaa Olaanaa sirba haaraa gurra ummataa dhaqqabsiiseera.
Afeeramaa!

Qabiyyeewwan sirbi kun qabu Abbaa hubateef ergaa guddaa of keessaa qaba. Habashoonni lafa Oromoo irra jiraachaa,irraa nyaachaa, irraa dhugaa Oromoo tuffatan kan qola baasee walaloo kana keessatti ifatti itti hime.

Guyyaan dhufte jedha‘

Kabajamoo lammiilee Oromiyaa jaalatamo kabjaa fi jaalalli ani isiniif qabu guddaa dha.wallee bareedduu kana Jabaa isiniif jedheera itti bohaaraa Ana's na ja...

Ibsa  Hidhaa Irraa Hiikkamuu Miseensotaafi Hogganoota KFO Ilaalchisee Ibsa Kenname—————————-Hidhaa baatii 18tiitiin bood...
11/01/2022

Ibsa

Hidhaa Irraa Hiikkamuu Miseensotaafi Hogganoota KFO Ilaalchisee Ibsa Kenname
—————————-

Hidhaa baatii 18tiitiin booda Amajjii 7/2022 hidhaadhaa bahuu keenya isiniif mirkaneessuu barbaanna. Ajjeechaa Artistii keenya qaalii Haacaaluu Hundeessaatti aansee hidhaan nurratti raawwatame guutumaan guututti bu’uura siyaasaa irraa kan madde akka tahe beekamaadha. Qaamoleen nu hidhanis nuti yakka kamirraayyuu bilisa akka taane wallaalanii osoo hin tahin dirree siyaasaa nu keessa jirrutti haqaan nu falmanii moohuun ulfaataa akka itti tahu waan beekaniifi. Egereen siyaasa isaaniis waan isaan yaaddessuufi. Dirree siyaasaa irraa nu dhabamsiisuufii hidhaan siyaasaa kan nurratti raawwataniif sochiin siyaasaa nuti gaggeessaa turre aangoo isaaniitii garmalee sodaachisaa waan taheefi.

Erga nuti humnaan dirree siyaasaa irraa dhiibamnee gara mana hidhaatti galfamnee booda waan hedduutu tahe. Sodaan guddaan nuti siyaasa biyya keenyaa keessatti dhalachuun ni mala jennee tilmaamaa turres ni dhalate. Abdiin Ummanni Itiyoophiyaa ceehumsa siyaasaa baroota dabran uumamerraa eegaa tures guutumaan guututti fashalaaye. Biyyattiinis haala baay’ee nama gaddisiisuun wal waraansa suukaneessaa keessa galte. Gaaga’ama siyaasaa dhalate, rakkoo hamaa Ummanni nagahaa Miiliyoonotaan lakkaawamu keessatti kufeefii rakkoo wal waraansa kanaan dhalate hunda miira gaddaa guddaadhaan hordofaa turre. Hariiroon Ummatoota biyyattii jidduu jiru burkutaawee, biyyattiinis saffisa ol’aanaadhaan gadi konkolaattee yeroo arginu mana hidhaa keessa teenyee wanti godhuu dandeenyu gadduufii guyyaan fooyya’aan akka dhufuuf hawwuufii Rabbi kadhachuu qofa ture. Keessattuummoo yakkoota suukaneessoo Sabaaf Sablammootaf Nannolee biyyattii kanneen akka Oromiyaa, Tigraay, Beenishaanguul Gumuz, Affaarifii Amaara keessa jiraatan irratti raawwatamaniin gadda guddaatu nutti dhagahame.

Gaaga’ama siyaasaa biyyattii keessatti Uumamefii balaa hamaa baatiiwwan 13n dabran keessa mudatee of duuba deebi’anii sirreessuuf yeroon isaa baay’ee barfatuun isaa waan wal nama gaafachiisu hin qabu. Haa ta’u malee, hammamuu dhiphatus, badiin biraa akka hin uumamne hambisuu, nagahaaf tasgabbii deebisanii dhugoomsuu, hawaasaf Ummatoota walitti araarsuufii biyyattii deebisanii ijaaruudhaaf carraan ni jira jennee amanna. Kana godhuudhaaf garuu qaama hundaa bira fedhii dhugaa bu’uura godhate, hirmaannaa onneef qalbii guutuun taasifamuufii murannoof kutannoo waan kana dhugoomsuu qabaachuu gaafata.

Bu’uuruma Kanaan, akka dhaaba keenyaatti

- Jijjiirraa Adeemsaa gama Mootummaatiin mul’ataa jiru, kan waraana leellisuu baroota lamaa oliif ture irraa gara rakkoo Uumame nagahaan furuu irratti fuulleffataa jiru akka tarkaanfii gaariitti fudhanna. Yaadni kunis qabatamaan gara hojii mul’ataafii irra deebii hin qabnetti geeddaramuu qaba jennees ammanna.

- Qaamotni lola kana keessatti hirmaannaa taasisaa jiran hundi rakkoo dhalateef furmaatni nagahaa akka argamuuf mariidhaaf carraa akka kennan waamicha goona. Hamma gama hundaa dhukaasni guutumaan guututti dhaabbatuttis qaamni hunduu nageenya Ummataa, Qabeenya akkasumas dhaabbilee tajaajila Ummataa kennan akka tiksan dhaamsa keenya dabarsuu barbaanna;

- Qaamonni alaa kamiyyuu lola biyyattii keessatti uumame furuudhaan biyyattiin nagahaaf tasgabbii yeroo kamiyyuu caalaa isii barbaachisu akka argattu shoora gaarii/ bu’a qabeessa/ akka taphatan dhaamsa keenya dabarsuu barbaanna. Qaama kamiifuu deeggarsa siyaasaas tahee meeshaa kennuudhaan waraanni biyyattii keessatti akka babal’atu qaamoleen taasisan gocha akkanaa irraa akka of qusatanis dhaamsa keenya dabarsuu barbaanna. Qaama tokko cinaa hiriiruudhaan deeggarsa laachuudhaan balaaf gaaga’ama biyyattii keessatti deemaa jiru hammeessuu irra balaa dhalate kana mariidhaan akka furan dhiibbaa akka taasisan dhaamuu barbaanna.

- Sabaaf sablammoonni biyyattii waamicha waraanaaf qaama kamiinuu godhamu akka balaaleffataniifii haasaaf duula jibbiinsaa gaggaffamuu kamiifuu gurra akka hin kennine dhaamuu barbaanna.

- Gaddi guddaan Ajjeechaa Artistii Jaalatamaaf Kabajamaa Oromoo Haacaaluu Hundeessaa irratti raawwatameen gaddi nutti dhagahame ammas kan nu keessaa belbeluudha. Ajjeechaan Haacaaluu akkamiin akka raawwatame, ajaja eenyuutiin akkka raawwatameefii kaayyoo maaliitiif akka raawwatame qorannaan bal’aanifii amanamummaa Ummataa qabu akka godhamu gaafanna. Ummanni bal’aanis tahee Maatiin isaa eenyu ajjeechaa suukaneessaa sana akka ajajeefii akka raawwate beekuuf haqa qaba. Qorannaa yakka suukaneessaa Artistii keenya qaalii sabaa irratti raawwatame siyaasessuufii irra dibaadhaan bira dabruudhaaf yaaliin godhame fudhatama kan hin qabneefii sirni haqaa biyyattii haqa Haacaaluu ifoomsuu dhiisaatii taatee halkan san taheeyyuu ifoomsuu akka hin dandeenye kan mirkaneesse akka tahetti fudhanna. Kanaafuu, akka Idil Adduunyaatti gareen walaba tahe hundeeffamee qorannaan walabaafii haqaa gaggaaffamee akka dhugaan isaa bahu gaafanna.

- Hidhamtoonni Siyaasaa biyyattii keessatti sadarkaa gubbaatii hanga jalaatti jiran, miseensonni dhaaba keenyaa, deeggartootni keenya, Hoggantootni ABO gameeyyiin, Miseensonni ABO, hidhamtoonni siyaasaa kumaatamootaan lakkaawwaan, gaazexeessitoonni, rogeeyyiin, akkasumas qaamooleen sababa siyaasaa qofaaf labsii yeroo muddamaa kanaan wal qabatee hidhaman hundi haal duree tokko malee akka hiikaman gaafanna,

- Akka dhuunfaattis tahee akka dhaabaatti qabsoo karaa nagahaa gaggeessaa turre itti fufuudhaan Mirga Ummata Oromootifii kan sabaaf sablammoota biyya kanaa dhugoomsuuf akka hojjannu irra deebisnee isiniif mirkaneessuu barbaanna. Akkuma amma duras irra deddeebiidhaan dubbataa turre rakkoo siyaasaa wal xaxaa biyya tanaa hiikuudhaaf waraanni furmaata ni taha jennee hin amannu. Yeroo nuti dubbataa turretti qaamotni hin hubatin jiraachuu malanis taatee biyyattii keessatti uumamerraa qaamonni heddduuun dhugaa nuti jedhaa turre kana ni hubatu jennee abdanna. Nagaaf tasgabbii waaraa biyyattii keessatti mirkaneessuudhaafii waliin jireenya keenya dhugoomsuudhaaf marii dhuga qabeessa sabaaf sablammoota biyyattii jidduutti gaggeeffamu qofatu furmaata fiduu dandaha jennee amanna.

Dhumarrattis,

Qaamotaafii namoota dhuunfaa ji’oota 18n dabraniif nu cinaa dhaabbatan, maatii keenya kanneen yeroo hunda fuula ifnanaatiin nu kunuunsaa turan, warreen guyyaa hunda hedduminaan dhufanii nu dubbisaa turan, hiriyyootaafii deeggartoota keenya kanneen akka nuti gadi lakkifamnuuf sagalee nuuf tahaa turan, Abukaattowwan keenya kanneen kanfaltii tokko osoo nurraa hin barbaadin gootummaafii gammachuu guddaadhaan qulqullummaa keenyaaf nuuf falmaa turan hundaanuu galanni keenya onnee keenyarraa madde isin haa qaqqabu jechuu barbaanna.

Keessattuummoo Abukaattoo Seeraa keenya osoo nuuf falmuu aarsaa ol’aantuu nuuf jecha kanfale Obboo Abduljabbaar Huseeniif galata guddaa galchuu barbaanna. Ajjeechaan isarratti raawwatames gadi fageenyaan qoratamee qaamni yakka suukaneessaa sana isarratti raawwate seeraaf akka dhiyaatu gaafanna. Garee Wal’aantotaa yeroo yeroodhaan deddeebi’aa fayyaa keenya toohataa turan, keessattuummoo yeroo nyaata laganneefii yeroo kaanis kanneen irra deddeebiidhaan dhufanii tajaajila nuuf kennaa turaniif galanni keenya isin haa dhaqqabu jechuu barbaanna. Oolmaa Hospitaalli Land Markifii Hojjattoonni isaanii lubbuu keenya oolchuu keessatti nuuf oolan immoo kan bara baraan yoomuu yaadannuudha! Haa Ulfaatan!

Poolisoota Federaalaafi Eegdota Mana hidhaa Qaallittiifii hojjattoota Bulchiinsa Mana Hidhaa Qaallittii kabajaafi ulfina ol’aanaa nutti agarsiisaniif baay’ee galatoomaa jechuunii barbaanna. Dhugumatti akkaataan isaan ittiin nu toohataa turan osoo manneen hidhaa biyyattii guutuu keessa jiran bira gahee maal qaba kan nama jechisiisudha! Onneerraa Galatoomaa isaaniin jechuu barbaanna.

Qabsoon Itti Fufa!

Kongiresii Federaalawaa Oromoo (KFO)
Finfinnee: Amajjii 3, 2014

Ajjeechaan Jumulaa Irra Deddeebi’ee Uummata Nagaa Irratti Raawwatamaa Jiru Seeraa fi Danbii Biyya Itoophiyaa Keessaa Cac...
04/12/2021

Ajjeechaan Jumulaa Irra Deddeebi’ee Uummata Nagaa Irratti Raawwatamaa Jiru Seeraa fi Danbii Biyya Itoophiyaa Keessaa Caccabuu Ifatti Agarsiisaa Jira

Ibsa ABO-Mudde 3, 2021

Bara 2018, erga gareen Paartiin Bilxiginna jedhamu aangoo qabatee asitti, ajjeechaa jumulaa uummata Oromoo nagaa fi saboota biroo irratti raawwatamu sadarkaa yaaddessaa irra ga’ee jira. Yeroo ammaa kanatti ammoo gochi ajjeechaa uummata nagaa irratti xiyyeeffachuun raawwatamu kun Oromiyaa keessatti daran kan hammaate yoo ta’u, daa’imman, dubartootaa fi jaarsolii dabalatee lubbuun uummata nagaa guyyaa guyyaatti akka baalaa harca’aa jira. Kanaanis baay’inni namoota jumulaan ajjeefamanii fi yeroon ajjeechaan kun itti deddeebi’ee raawwatamu yeroodhaa gara yerootti dabalaa deemaa jira. Gochi ajjeechaa jumulaa uummata nagaa irratti raawwatamu kun sadarkaa baay’ee yaaddessaa irra kan ga’ee jiru yoo ta’u, gochi ajjeechaa marra ammaa raawwatamu kun gocha suukaneessaa fi duguggaa sanyii bara 1880 keessa yeroo weerara Minilik uummata Oromoo miliyoona 5 fixan waliin wal fakkaata. Weerara Minilik kanaan gara jabeenya hamaadhaan uummata miliyoonaan lakkaa’amu fixanii, kaan ammoo harka, miillaa fi harma irraa muruudhaan godaannisa barabaraa ka’anii darban. Hoogganaan Paartii Bilxiginnaa Dr. Abiyyi Ahmad abjuu sirna impaayera Itoophiyaa durii deebisuu kan qabu yoo ta’u, abjuu isaa kana dhugoomsuufis halkaniif guyyaa hojjechaa akka jiru argaa jirra. Mul’atni sirna kolonii deebisanii gadi dhaabuuf qaban bifa haaraatiin kutaalee biyyattii guutuu keessatti uummattoota cunqurfamoo biyyattii irratti diriiruu eegalee jira. Mootummaa garee Paartii Bilxiginnaa jalatti seenan weerara sirna kolonii bara 1880 ifatti deebi’ee diriirfamaa jira. Kunis ajjeechaa suukaneessaa tibbana maqaa Duula Minilik (Zamachaa Minilik) jedhuun naannoolee Shawaa, Walloo, Wallaggaa fi Tigraay dabalatee kutaalee Oromiyaa addaa addaa keessatti raawwatamaa jiruun ifatti mul’atee jira. Paartiin Bilxiginnnaa bara kana keessa maqaa tokkummaa biyyaa jedhuun humna qawwee fayyadamee sirna kolonii impaayera Itoophiyaa duraanii deebisuuf akkanatti abbaluun isaa hedduu nama raajaa, gaddisiisa.

Tarkaanfiin impaayera sirna qeenxee ijaaruu yeroo Dr. Abiyyi Ahamd aangoo qabate irraa eegalee tattaafatamaa kan jiru yoo ta’u, kanaanis ajjeechaan haala garaagaraatiin kutaalee Oromiyaa addaa addaa keessatti raawwatamaa kan ture yoo ta’u, ajjeechaan jumulaan uummata Oromoo Kaarrayyuu irratti gaafa guyyaa Sadaasa 30/2021 raawwatamee fi gaafa guyyaa Mudde 1/2021 Naannoo Oromiyaa, Godina Shawaa Bahaa, Aanaa Fantaallee keessatti raawwatame hedduu nu rifaasisee jira. Ajjeechaa suukaneessaan guyyaa saafaa uummata nagaa hidhannoo hin qabne irratti raawwatame kun shira humni tikaa fi loltoonni Paartii Bilxiginnaa dursanii itti yaadanii tahe jedhame raawwatame. Mootummaan Paartii Bilxiginnaa gaafa guyyaa 30/11/2021 dabarseen humnoonni hidhatanii bobbaafaman manaa-manarra deemanii dargaggoota akka adamsan ajaja dabarsee. Dargaggoonni kunniin waan yakka dalaganiif adamsamu osoo hin taane waan Paartii Bilxiginnaa deggeruu didaniif adamsamu. Kanaanis dargaggoota barbaadanii erga dhabanii booda, haala suukaneessaa fi dhala namaa irraa hin eegamneen maatii dargaggoota kanneenii tumuun lafarra harkisanii gara wiirtulee mana hidhaatti geessuuf yaalaan. Jiraattonni naannoos gocha hammeenyaa fi suukaneessaa loltoonni mootummaa namoota nagaa irratti raawwatan kana wayita argan gocha kana akka dhaabanii fi dhimmichas karaa nagaatiin akka furamu gaafatan. Kanumaan dhimmicha akkaataa duudhaa fi aadaa isaaniitii irratti mari’atanii loltoota waliin wal tumsuun furuudhaaf jecha jaarsoliin naannichatti argaman gaafa guyyaa 01/12/2021 walga’an. Haatahu malee loltoonni Paartiin Bilxiginnaa hidhachiisee bobbaase jaarsolii naannoo nagaa buusuuf walga’an irratti rasaasa roobsuudhaan Abbaa Gadaa fi Abbaa Gadaa (Jaarsolii Naannootti Kabajaman) dabalatee namoota nagaa 13 bakka tokkotti fixan. Ajjeechaan jumulaa kun erga raawwatamee boodas, jiraattonni naannichaa baay’ee rifatani gocha suukaneessaa kana mormuuf sagalee isaanii karaa nagaatiin ibsachuuf yaalan.

Kanaanis humnoonni mootummaa hidhatanii turan kunniin uummata nagaa hiriira ba’ee karaa nagaa sagalee isaa dhageessifachaa jiru irratti rasaasa roobsuudhaan namoota nagaa 50 bakka tokkotti fixan. Kanumaan waliigalatti yeroo tokkotti namoota nagaa 63 fixan. Baay’ina namoota madaa’anii fi hidhamanii ibsuun ulfaataadha.

Ajjeechaan kun namoota nagaa hokkora kamiyyuu keessatti qooda hin fudhanne irratti waan raawwatameef gocha duguuggaa sanyii itti yaadamee raawwatame ta’uu ifatti agarsiisa. Namoonni ajjeeffaman kunniin namoota nagaa jireenya mataa isaanii gaggeeffataniidha. Namoonni ajjeefaman kanneen keessatti daa’imman, dubartootaa fi jaarsolii saaxilamoo humna ittiin mootummaa biyya bulchaa jiru irratti dhiibbaa godhan hin qabnetu argama. Namoota kanneen to’achuudhaan gara mana hidhaatti geessuun osoo danda’amu Mootummaan Bilxiginnaa maaliif namoota nagaa kanneen ajjeesuu akka filate gaaffii nutti ta’ee jira. Mootummaan Paartii Bilxiginnaa lubbuuf jireenya lammii isaatiif itti gaafatamummaa tokkollee osoo hin fudhatin gocha gara jabeenyaa kana uummata Oromoo irratti raawwate.

Haaluma wal fakkaatuun mootummaan Paartii Bilxiginnaa uummata Oromoo Walloo Dirooniin haleelee jira. Har’a ganama yeroo ibsa kana baasaa jirrutti waraanni paartii badhaadhina Godina Walloo Magaalaa Kamisee fi Baatii boombiidhaan haleeluun uummata nagaa ajjeesaa jiru. Gocha gara jabeenyaa fi ajjeechaa Mootummaan Paartii Badhaadhinaa uummata nagaa irratti raawwachaa jiru gadi jabeessinee balaaleffanna. Ajjeechaan jumulaa uummata nagaa irratti raawwatamu kun madaa Uummanni Oromoon madaa’ee jiru tuttuquudhaan biyyatti guyyuu gara hokkara hamaati caalaatti oofa jira.

Paartiin Bilxiginnaa duula waraanaa bal’aa kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti labsuudhaan gocha suukaneessaa uummata nagaa irratti raawwachaa jira. Paartiin Bilxiginnaa gocha sarbiinsa mirga dhala namaa fi duguggaa sanyii uummata Oromoo irratti raawwachaa jiruuf akka itti gaafatamu akeekkachiisna. Gochi hammeenyaa Paartiin Bilxiginnaa uummata nagaa irratti raawwachaa jiru kun rakkoolee kallattii maraan biyyattii muddaa jiran daran hammeessa. Hawaasi idil-addunyaas yakka sarbiinsa mirga dhala namaa hordofuu waan qabuuf, ajjeechaa jumulaa guyyaa guyyaatti paartiin Bilxiginnaa uummata Oromoo irratti raawwachaa jiru akka hordofan gaafanna. Addatti ammoo Dhaabbanni Falmaa Mirga Dhala Namaa Idil-addunyaa, UNSC, AU, qaamoleen Nagaa fi Tasgabbii irratti hojjetanii fi gaggeessitoonni idil-addunyaa bu’uura tumaalee seerotaa fi waliigaltee mirga dhala namaa idil-addunyaatiin uummata nagaa Oromoo fi uummattoota biyyattii akka eegan gaafanna.

Walumaagala, Gareen Paartii Bilxiginnaa aangoo qabatee jiru fedhii uummattoonni cunqurfamoon biyyattii wal qixxummaaf qaban ukkamsuudhaan weerara lafa babal’ifannaa fi olaantumaa garee tokkoo impaayera Abisiiniyaa durii deebisee gadi dhaabuuf ifaajaa jira.

Kanaaf:

1. Dhumaatii Fantaalleetti raawwatame gadi jabeessinee kan balaaleffanu yoo tahu, ajjeechaan jumulaa uummata nagaa irratti raawwatame kun qaama walaba ta’een qoratamee, qaamoleen gocha kana raawwatan seeratti akka dhiyaatan waamicha goona. Akkasumas duula waraanaa Oromiyaa irratti labsamee jiru cimsinee balaaleffanna.

2. Gochi duguuggaa sanyii fi weerarri lafa babal’ifannaa Paartii Bilxiginnaa qindeeffamu kutaalee Oromiyaa hedduu keessatti jabaatee gaggeeffamaa waan jiruuf uummanni Oromoo of eeggannoo akka taasisu dhaamna. Uummanni Oromoos ta’e uummattoonni biyyattii Jaarraa 21ffaa keessatti dugda ittiin ba’aa sirna kolonii baroota 1980 keessa ture baatan hin qaban. Uummanni Oromoo hacuuccaa, cunqursaa fi weerara lafa babal’ifannaa dhufaa darbaan sirratti raawwatamu kana hiddaan ofirraa buqqisuuf yeroo kamiyyuu caalaa tokkummaakee jabeessuu qabda. Keessumaa ammo ajjeechaa itti yaadamee qe’eetti sirratti raawwatamu kana ofirraa dhorkuuf yeroo mara dammaquutu sirraa eegama. Gareen Paartii Badhaadhinaa gaggeessitoota, jaarsolii fi hayyootakee hubannaa fi dandeettii qaban ajjeesuudhaan, jaarmiyaaleekee diiganii ammas jaarraa kanbiraaf si jilbeenffachiisanii kolonii jalatti cabsanii si bulchuuf abbalaa waan jiraniif dammaqinaan of eeggannoo guddaa gochuu qabda. Nagaa fi tasgabbii naannookeetii to’achuudhaan jaarmilaakee, gaggeessitootakee fi hayyoota kee aggaammii diinaa irraa eeguun itti gaafatamummaa keeti.

3. Uummattoonni Itoophiyaa marti ajjeechaa jumulaa, hidhaa fi haleellaa gareen aangoorra jiru namoota nagaa irratti raawwachaa jiru akka balaaleffatan waamicha goona. Akkasumas namoonnii fi paartileen siyaasaa tokko tokko dharraa sirna kolonii impaayera durii deebisuuf qaban milkeeffachuuf jecha uummattoota biyyattii gidduutti walitti bu’insa hammeessaa waan jiraniif gocha ofittummaa kanarraa akka of qusatan dhaamna. Kanarra akkaataa itti karaa nagaatiin sirna federaalaa uummattoota biyyattii maraaf mijataa ta’e deebisanii dhaabuun gara marii siyaasaa waliigalatti deemuu danda’amu irratti tumsa isaan irraa eegamu yoo gumaachan filatamaadha jenna.

4. Rakkoolee wal xaxoo biyya Itoophiyaa muddaa jiran kana furuudhaaf, hawaasi idil-addunyaa garaa isaanii irraa duuka bu’anii hordofuudhaan maree fi waliigalteen karaa nagaa qaamolee mara hirmaachise akka gaggeeffamuuf akka haala mijeessan ammas irra deddeebinee dhaammanna.

Dhumarrattis, paartileen siyaasaa fi qooda fudhattoonni dhimmi ilaallatu marti ofittummaa irraa walaba ta’uudhaan uummattoota Itoophiyaa maraaf, nagaa, haqaa fi wal qixxummaa mirkaneessuuf of kennanii garaa isaanii irraa akka hojjetan waamicha goona.

Injifannoo Uummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Mudde 3, 2021

Finfinnee!

Adresse

Nuremberg
90441NURNBERG

Webseite

Benachrichtigungen

Lassen Sie sich von uns eine E-Mail senden und seien Sie der erste der Neuigkeiten und Aktionen von Macca News Network MNN erfährt. Ihre E-Mail-Adresse wird nicht für andere Zwecke verwendet und Sie können sich jederzeit abmelden.

Videos

Teilen