19/08/2022
Daangaa Sararuu Qofaadhaan Haqa Siyaasaa, Diinagdeefi Hawaasummaa Dabe Furuun Hin Danda’amu.
Daangaa Tibbana Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Fi Oromiyaa Gidduutti Daangeffame Ilaalchisee Ibsa ABO
======================================
Tibbana gaggeessitoonni “Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee”, Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi “Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee” daangaa bulchiinsaa sararuudhaan akka waan waldhabdee daangaadhaa yeroo dheeraaf ture furaniitti ibsanii jiru. Haa ta’u malee adeemsi isaanii kun gocha dabballootni mootummaa fafakkeessaadhaan uwwisa miidiyaa argachuudhaaf raawwatanii dha malee waan hiika qabu miti.
Gochi akkanaa kun Finfinneedhaan walqabatee madaa ummata Oromoo tuttuquu, yaadannoo badaa ummanni Oromoo fi hawaasi qe’ee isaa ganamaarraa buqqa’e gadi xiqqeessuu waan ta’eef, ABOn gadi jabeessee balaaleffata.
Maqaa Oromoon qe’ee isaa ittiin waamaa ture Finfinnee irraa gara Addis Ababaatti jijjiiruun qaamuma weeraraa fi lafa baballifannaa garee mootota warra Abisiiniyaa ti. Mootonni Abisiiniyaa bakka masaraan mootummaa yeroo ammaa itti argamu osoo hin qubatin dura, Ummata Oromoo duri irraa jalqabee laficha irra jiraachaa ture buqqaasan. Kanaanis gaggeessitoota Gadaa fi Hawaasaa ni fannisan, ni salphisan, gareen hawaasa Oromoo hedduun ammoo gara bakka biraattii godaanuudhaaf dirqaman. Kanaan walqabatees gochawwan hammeenyaa fi gara-jabinaa Ummata Oromoo irratti raawwataman galmeeleen seenaa Oromoo sirnaan galmeessanii jiru. Weerara warra Abisiiniyaa kanaanis wiirtuuleen Aadaa, iddoowwan Duudhaa fi Ayyaanaa, bakkootni wiirtuu Siyaasaa fi Bulchiinsa Oromoo turan caasaa sirna cunqursaatiin bakka buufaman. Haaluma kanaan caasaan garboomfataa gadi jabaachaa deemee Oromoon malaan dhiibamaa qe’ee abbaa isaa irratti keessummaa akka ta’u taasifamee jira. Kanaanis caasaan siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa haaraan diriirfame bartee ummatichaa waliin walsimuu hin dandeenye. Addis Ababaa (Finfinneen) dhiigaa fi imimmaan ummata Oromoo irratti ijaaramte.
Finfinneen jaarraa 19ffaa irraa eegalee haga har’aatti namoota lafa isaanii irraa buqqaasuudhaan babal’achaa as geessee jirti. Bara 1991 irraa eegalee, Heera Mootummaa bara 1994 tumameen walqabatee sirni federaalizimii yoo labsame iyyuu, qonnaan bultoonni beenyaa tokko malee ykn beenyaa madaalawaa hin taaneen lafa isaanii irraa buqqaafamaa turan. Kanaanis namoonni qabeenya lafaa guddaa qabaachaa turan lafa dhabanii qe’een isaanii diigamee bade; kaan ammoo waardiyyaa, hojjettoota hojii humnaa fi jiraattoota daandii irraa ta’uun jireenya gadadoof saaxilaman. Maatiin Oromoo kumootaan lakkaa’aman qe’ee isaanii irraa buqqaafamuun diigamanii addaan facaa’anii jiru. Namoonni muraasni dhiibbaa mara dandamachuun cichanii lafa isaanii qabatanii turan ammoo, mirgaa fi tajaajilawwan bu’uuraa kanneen akka tajaajila barnootaa, fayyaa fi bu’uuraalee misoomaa akka hin arganne taasifamanii jiran. Sababa kanarraan kan ka’e yeroo ammaa kanatti namoonni carraa barnootaa hin arganne kutaa biyyattii kamiyyuu caalaa naannoo Finfinneetti heddummatu.
Mootummaan EPDRF bara 2014 keessa, tarkaanfii madaa ummatichaa kana fayyisu tokkollee osoo hin fudhatin Maaster Pilaanii Qindaawaa jechuun labsee ture. Kanaanis qonnaan bultoota Oromoo lafa isaa irraa buqqaasuudhaan daangaa Finfinnee Kiilo Meetira 100 dabalanii bal’isuuf karoorfatan. Kun ammoo danbalii qabsoo Oromoo Qeerroo Bilisummaa Oromoon durfamu dhoosee qaamolee addaa addaa dhimma Oromoof falmaniin deggeramee mormii fi qabsoo daran finiinse. Qabsoon karaa nagaa kutaalee Oromiyaa mara keessatti finiine kun sadarkaa deebisuun hin danda’amne irra ga’ee dhuma irrattis naannolee biroo keessatti babal’ate. Mormii karaa nagaa gaggeeffamaa ture kana irrattis namoonni 6000 ol ta’an wareegamanii jiru. Haaluma kanaan mormii fi qabsoon karaa nagaa ummatichaa jabaatee itti fufee Mootummaan EPRDF yeros biyya bulcha ture, caasaa aangoo isaa akka jijjiiruuf dirqamsiisee, gareen ABUT taayitaa akka gadhiisu taasise. Garee haaraan aangoo qabates gaaffii ummata Oromoo guutummaatti akka deebisuu fi dhimma Finfinneefis furmaata qajeelaa akka laatu waadaa seenee ture. Daangaan tibbana daangeffame jedhame kunis erga gareen kun TPLF irraa aangoo fudhatee waggaa afuriin booda raawwatame.
Seenaa gabaabinaan armaan olitti ibsame irratti hundaa’uudhaan, ABOn daangaan tibbana daangeffame jedhame shiraa fi daba baroota dheeraaf walirra tuulamaa tureef furmaata qajeelaa hin ta’u jedhee amana.
Jalqaba irratti, dhimmi Finfinnee gaaffii akka waliigalaatti ummanni Oromoo gaafachaa jiru irraa addatti baafamee ilaalamuu hin danda’u. Finfinneen qaama Oromiyaa ti. Dhugaa kana haguuguun yeroodhaaf ija hawaasaa jalaa dhokachuu danda’a malee, furmaata waaraa fiduu hin danda’u.
Lammaffaa irratti, daangaa qofa daangessuun, rakkoo yeroo dheeraaf walirra tuulamaa tureef fala tahuu hin danda’u. Inumaayyuu sarbiinsi mirgaa akka hammaatuu fi dantaan ummata qe’ee isaa irraa dhiibamee waggoota dhibba lamaaf hacuucamaa turee xiyyeeffannoo akka dhabu taasisa.
Sadaffaa irratti, daangaan tibbana daangeffame jedhame kun hayyamaa fi waliigaltee ummata Oromoo fi Mootummaa Naannoo Oromiyaa malee magaalattiin akka babal’attu waan taasiseef, tumaa heera mootummaa cabsee jira.
Arfaffaa: Adeemsi daangaa daangessuu kun qaamolee dhimmi ilaallatu hunda kan hin hirmaachifnee fi fedhii garee murtaa’ee qofa irratti hundaa’ee kan raawwatame ture. Ummanni Oromoo bal’aan, gartuuleen siyaasaa Oromoo fi qaamoleen dhimmi ilaallatu adeemsa daangaa daangessuu kana keessatti qooda hin fudhanne.
Walumaagalatti, daangaan daangeffame jedhame kun mirga namoota sababa babal’ina magaalattiin miidhamanii ilaalcha keessa kan hin galchine, rakkoo bara dheeraaf walirra tuulamaa tureef fala qajeelaa kan hin laannee fi misooma egeree magaalattiif tarkaanfii gaarii hin taanee dha jennee amanna.
Waan kana ta’eef, ABOn namoonni sababa babal’ina magaalattiin miidhaman mirgaa fi dantaa isaanii guutuu deebisanii akka gonfataniif, haqa dabe bakkatti deebisuu fi Finfinneen seeraanis ta’e seenaan handhuura Oromiyaa ta’uun ishee haala kamiin iyyuu osoo hin tuqamin, daangaa Oromiyaa jalatti hammatamtee akka bultuuf ni hojjeta. Rakkoon Finfinnee wayita ummanni Oromoo bal’aan walabummaa fi wal qixxummaa biyyaalessaa gonfatu furama jennee amanna. Kanaaf, Dhaabbileen Siyaasaa Oromoo, falmitoonni haqaa fi ummanni Oromoo bal’aan dhimma kana dura akka dhaabataniif, ABOn gadi jabeessee dhaama.
Injifannoo Uummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Finfinnee, Hagayya 19,2022