05/10/2020
MIIXUU ULFA SEEXANAA
Asoosama Gabaabaa
Barreessaan: Amaanu'eel A. Joobir.
★★★kutaa 9ffaa★★★
Mana Qabbannaan ishee keessatti dhiisee deeme sana torban lama booda namni isheen maalummaasaa hin beekne dhufee "mana kana keessaa guyyoota muraasa gidduutti naaf ba'uu qabda anatu bite" jedhee waraqaa ragaa ittiin laficha bite isheetti agarsiise. Manichi duraaniyyuu maqaa Qabbannaa qofaan galmaa'ee jira. Asaantiinis itti falmuu hin dhaqne. Akkuma ittiin jedhame mana sana gad dhiistee baate.
Ammas akkuma amalashee hojii barbaachatti kaate. Akkuma kaleessaa sana hojii keessummeessaa mana nyaataa argatte. Ganamaaf galgala yeroo mara taaksiidhaan deddeebiti. Bakki hojiishee ammaa Magaalaa Finfinnee Naannoo Laga harreeti.
Asaantiin godaannisashee kaleessaa sana yaadachaa jireenya itti fufte. Kaleessa maal akka taate waan beektuuf dhiratti ni seeqxi malee garaarraa fudhattee hin kolfitu. Kanumaan osoo jirtuu ammas dargaggeessa yeroo baayyee bakka isheen hojjettuu nyaata fayyadamu tokkoo wajjin wal barte.
Yeroo tokko tokko namni jaalala dhugaa nama jaallatu hin milkaa'u. Shamarranis ta'e dhiironni nama jaalala dhugaaf isaan barbaadu dhiisanii kan har'a qofaaf yookiin jireenya yeroof isaan barbaadaniif qullaa buusu. Asaantiinis erga hariiroo isheen Qabbaannaa wajjin qabdu sun dhadhaa abidda bu'e jalaa ta'ee reef dhiiraa wajjin walitti siqxi.
Namni isheen amma wajjin hariiroo jalqabde kun Dagsiisaa jedhama. Yeroo mara uffatasaa miiccatee rifeensasaa bareechatee jiraata. Hojii hojjetu hin qabu, garuu maallaqa takkaa of harkaa dhabee hin beeku. Kaninni jiraatu mana waliinii yookiin Koondoomiiniyeemii keessadha. Mannisaa mana maatiin guddaan keessaa deeman fakkaata. Asaantiinis darbitee darbitee manasaa ni dhufti. Waliinis gangalachuu jalqabde. Asaantiin "erga kanin boriif kudhammadhe akka sana na godhee har'aa koo bareecheen jiraadha kan boriif maaltu mataa koo na cabse?" jettee jireenya har'umee jalqabde.
Si'a takka takka haala nuti itti hin yaadiniin namni yeroo nuti hin karoorsinitti nutti dhiyaata. Godaannisaaf eelaa kaleessaa sana waan beeknuuf of qabaa nama sanaa wajjin akka nama qoree keessa miilla qullaa deemuutti deemna. Garuu yeroo hin beekamnetti namni sun ofii keenya nu dagachiisee akka nuti sodaa keenya kaleessaa sana keessaa baanu nu taasisa. "Yoom? Akkamittan akkas ta'e? Anoo....jedheen nama kanatti dhiyaadhee" jennee of gaafanna.
Asaantiis egaa waanuma akkasiitu mudate. Kaleessashee sana yaadaa Dagsiisaatti waan dhiyaatteef dura baayyee of qabaa turte, garuu akkamitti akka jaalalasaaf harka laatte isheefiyyuu gaaffiidha. Dagsiisaan umuriin dargaggeessa ta'us yaadnisaa yaada nama gorora liqimseeti. Yaada namaa hubachuu beeka akkasumas nama ni kunuunsa. Eenyuuf yoom, akkamitti maal gochuu akka qabu nama beekudha.
Addunyaa dhugaa keessatti namni akka Dagsiisaa waan jiru Asaantiitti hin fakkaatu. Haalli isaa darbee darbee abjuu itti fakkaata. Nama jaalala beekudha, Asaantiin dhuma kanarra isheen akka isa hin miineef isaaf of qusachuu jalqabde. Abjuudhaaniyyuu inni akka ishee hin gannetti fudhatte.
Bara dheeraaf jaalala hawwaa turte sana keessa gangalattee dhandhamuu jalqabde. Namuma lammaffaa dhalate taate. Dhiyee bari'u, roobee yoo caamu waaqashee galateeffatti. "Yaa isa boo'icha koof isan eege gararraatti deebii naaf laattee Galatni siif ha ta'u" jetti.
Si'a takka takka "maqaan ayyaana hin ta'u" jedhee kan Oromoon mammaakuuf waa malee miti. Badhaadhaan hiyyeessa nama waan har'a ittiin bulu hin qabne gaafa ta'u, Caalaanis hundumaan caalamee akka eegee dudduuba gaafa dhaabbatu, Beekaa inni jedhanis namuma maqaa akaakayyuusaa hin beekne gaafa ta'u kanaaf egaa kan Oromoon akkas jedhee mammaakeef. Garuu Eebbaan akkuma maqaasaa nama eebbaa gaafa ta'u, Hinsarmuunis kan hinsarmine gaafa ta'u ammoo mammaaksa sana hiika dhabsiisa. Egaa Dagsiisaan akkuma maqaasaa sana ta'eef Asaantiidhaaf. Seenaashee kaleessaa, godaannisa gurraacha isheen itti aadaa turte sanas ni dagachiiseen.
Asaantiin akka bilbila Samsung Restore ta'ee kaleessashee sana dagachuuf waan ifaajaa jirtuuf waa'ee Dagsiisaa: Seenaasaa, waa'ee maatiisaa isa gaafachuu hin barbaadne. Nuti lamaan waliif waa maradha jettee itti himte. Innis akkumasheen jette jedheenii wajjin jiraachaa jira.
Hariiroon isaanii qofa qofaa buluun sun hafee mana tokko waliin jiraachuu jalqabani. Jireenya haadha manaaf abbaa manaa waliin jiraachuu jalqabani. Jireenya isaanii kanattis gammadoo ta'ani. Dagsiisaan isa kaleessa kopheesaa miiccatee kofoosaa tottolfatee bakkeerra jooraa oolu amma nama hojii ta'eera. Ogummaasaa waan qabduuf Asaantiin mana nyaataa dhuunfaashee bantee hojjechuu jalqabde. Dagsiisaanis maallaqa ga'aa waan qabuuf waan isheen barbaadde mara guutaaf. Akkanattiin jireenya isaanii toora qabsiifachaa adeemani.
Egaa adeemsa keessa wanti kamiyyuu gaaffii namatti uumaa deema. Gaaffii uumamu sanaaf deebii ta'u yeroon hin arganne taanaan akka madaa ceekuutti nama dhukkuba. Seenaashee dhoksitus waa'een Dagsiisaa isheetti gaaffii ta'uu hin dhiisne. "Namni kun nama akkamiiti? Maatiinsaa eessa jiru? Innoo akkamitti callisee jireenya magaalaa Finfinnee kana keessatti hojii tokko malee basha'ee jiraata?" Jettee of gaafatti. Amaluma keenyadha gaaffii osoo gaafatamnee mataan hamma gaanii nu ga'u nama biraa gaafachuuf arraba qaranna, bishaanis qallisna. Garuu "waanin nama gaafadhu kana osoon gaafatamee deebiin koo maali?" jennee of hin gaafannu.
Itti fufa...